|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Kun Ijjeennoo Ummataa Keenyati GPO/OPC: 28/04/2010 Diinnoota keenya irraa degerssa egun xifumaa yaadamuu hin qabu. Habashoon Oromoo waggoota 150 ol hanga amati kan garbomfataa jiran degersa biyya ala ni malee qoofa isaan fi dandeeti isaani miti. Motummoota alaa dabalatee siirna Habasha hanga harati Oromoo irrati gobsaa jiru. Waggota 40 darban keessa mootumman wara humnoota alaa degersa waraana, ykn degersa Diplomassi ykn degerssa Siyyasa haafee degersaa Mirga Oromoota bakka hundati dararama jiranif tokko ilee goodhani hin beekan. Waan nama dhibuu keessa Dhaabbilee Oromo garuu degersa biyoota kana argachuuf jeechaa tarkanfii lalessa fudhachuu irra of egani, waan Terrirsti nama jeechisisu hunda laggatani akka Taboota ykn akka nama cidha adeemuu sochoo’aa jiru. Biyoon humnoota alaa garuu of eganoo dhaabilee Oromoo kana akka gariti ilaaluu dhisan akka dadhaabinati fudhatani jiru, kana amoo qabataman dubatuu. Dhaabbilee Oromoo waggoota 40 lolan lubu Oromoota kumataman wareegan utuu jiran dhaabbilee kaleessaa umrii ji’aa 6 ilee hin qabeen farsaa jiru. Kun amoo seena kaleessa Oromoo irrati hojeetan waan beekaniif ama ilee ijoolee Habasha fuladura hirirsan uni isaan jaala akka adeemnuu wamicha nuu goodhu. Dhalooni haran Oromoo lamafa diina jaala hirira jeedhan yaadun isaa iyuu samuun isaanii akkuma qileensa isaan kan torotoree ta’uu isaa mulisa. Oromoo biyoota humnoota alaa irra degersa barbaduu ilee samuun isaa kan duloomee ta’uu malaa. Sababi isaa seena garbuma uni irrati rawwatameef Habashoon, humnoota alaan qixaa iti gafatamuu qabu. Dhaloon haran diina keenya Habashoota jaala Hiriru toonabee Jiraa Humnoonni alaa waayee miriga ummataa biyya horma waan tokko ilee kan isaanti hin dagamnee ta’uu goocha isaan ummataa Somalee irrati rawwacha jiran irra hubachuun ni danda’ama. Ummani Somalee Islama hata’uu malee Islamuma heeduu wara iti cinqamuu miti. Biyyoon kun kana ni beeku. Garuu Somaloon waan mirga isaan egissifachuuf jara kana dura dhabatanfi jeecha jibamani, akka mootuummaa isaan hin ijaaranee dhorkaman waggoota 20 ol rakkacha jiru. Utuu humnoonni kun wara akka Abdulah Yosee fi Shek Sharifa degeruu dhisaan Mootumman Somalee turban tokko keessati deebiyee ijaarama ture. Oromoo biyyoota ummataa Somalee irrati yaaka akkasi dalaga jira kana irra degersaa argatee miriga Oromoo kabachisu yaalun walaluma danga hin qabneedha. Biyyon kun Olola Habasha fudhachuun Oromon harki caaluu Musilma waan ta’eef Angoon biyyati harka wara Ortodoksi jaalati akka buluu of amansisan jiru. Oromoon amoo waan kana hubatee fira birra barbaduu dhisee humnoota kana jaala of basuu dhisun isaa gaafi hunda keenya ta’ee jira. Macaafi qulqulu Auropha fi gochaa humnoota alaa amanuu keenya haga haratii garbuma jaalati nu hambsee jira. Goocha jara kana fi ilaalchaa isaanf qabun boqoona isaa asi irrati cufnnee firaa gara birra barbadun bori utuu hin tanee hara jeena. Humnoonni alaa waggota 100 kana keessati wayee rakko saba Oromoo waltajii tokko irrati ol kassan dubachaa hin jirani. Qabsoo ummani Oromoo fi ABO wagoota 40 gegessa jiru kun malii jeedhani guyya tokko ilee Ajanda isaan godhatani hin beekan, Hidhamtoota qabsoo Oromoof hidhamanf guyya tokko ilee rakko isaan waltajiti bassan hin dubatan, Baqatoota Oromoo Galaan Yeman keessati dhumma jiran, Somalia fi Kenya keessati basastoota Ethiopian baqatoota Oromoo dararama jiranf yaadoo qabna jeedhi ibsaa tokko ilee bassan hin beekan. Oromo garuu akka waan isaan kun mana waaqa isaan galchuuti Maccafa qulqulu isaan qabatee waan isaan jeedha amanee jaala adeemuu filataa. Dhaloon Oromoo haran garuu lafa irrati iyuu miriga dhaabnee, biyya keenya irrrati abbuman keenya sarbamee waayee Janataa galuuf yaada’uu kana dhisee jira. Janataa lafa irrati hin argin kitaba Faranjiin bareeste abdanee wayee qabsoo keenya harka jira kana keessati dagachuun of walaluudha jeena. Waaqi akkuma lami adunya hubatuu Oromoo ilee rakko isaa ni hubata. Unis akkuma biyyota kani gara jabinani diina keenya baleesine gaafa bilisummaa arganee waaqa galateefachuu qabna, malee abdiidhan garbumaa ijoolee keenyati dabarsuu hin qabnu. Bilisumman degerssa humna biraa nu dhuufu amoo hin jiru kana jaalaa sararee wal hubachisuu qabna. Dhaabbilee Oromoo tokko tokko dhaabbilee Habasha waliin hiriru filatan jiru. Garuu waan isaan hojeecha jira qabatamati arga jirra. Wari biyya keessa jiran qabsoo Oromoo Habasha jaala galchuun waan fidhii Oromoo caalaqisuu tokko ilee utuu hin dubatiin waan feedhi Habasha ta’ee fillaannoo irrati labsaa jiru. Kun amoo jaalaa dhaabbilee akka WFDO faa ummtaa Oromoo irra qabuu hunda busheesu irraa darbee gaafi Oromoo hunda akka hin jiree goodhe jira. Yerro wari Habasha Keeyyati 39 akka ka’uu goona jeedhani ummataa isaa fillaannoof kakasaan wari OPC ammo Afaan Oromoo afaan Hojii biyooleessa goona jeedhani dubachuuf onne dhabbun isaan dhaloota haraa hunda gadisisee jira. Lafi kan ummatati malee kan Mootuummaa miti jeedhan falmachun haafee, lafi Oromoo biyoota Araba, India, Djibuti, Sudan fi kkf samamuu ilee ni mormina jeedhani TV Ethiopiati dubachuu dadhabuu isaan hamilee Oromoo lamsheese jiraa. Goochan kun amoo hunduma keenya gaafi keessa galchee jiraa. Obsi keenya dheeranan ifaati iti himuuf dirqamne jirra. Dhaabbilee Oromoo qabsoo hudhannoo gegesan akka ABO dhaabbilee qabsa’oota Ethiopia walti qabani AFD dhaabunun hariroo qabsoo ijaarachuiu yaalan ilee dhaabbilee Habashoota ABO jaala hin hiriru jeedhan tokko tokkon keessa luqifaman deeman jiru, kun amoo oftulumaan Habashoota dangaa kan hin qabnee ta’uu isaa dhaabbilleen Oromoo hundi hubatan Habasha waliin hiriru irra of qusachuu ykn toobachuu akka qaban jaala sararee iti himuu feena. Erga murni murasii Habasha munaa heedumata akka Oromoo jaala hiriruf qoophi hin tanee waan murna murasa Habasha jaala nu hirirsu jirachuu hin qabu. Walumagalti hariroon Habasha, fi deeggartoota isaanii waliin goonu iciti qabsoo keenya diinoota keenyaf saxiluu ala bu’aa tokko ilee akka hin qabnee habeekanu: Qabsoon Oromoo guyya tokko ilee humnoota alaa irra degersa tokko ilee hin argatiin jaroota kana jaalati qabsoon keenya HUDHAMUU hin qabu, kana toobachuu qabna. Ogannon fi hayuun Oromoo bakka hundati waan kana xinxaluudhan diina diina keenya hunda waliin hariroo adda qabachuun ama. Ergan dhaloota hara jiru qabsoon degersa diinan dhufuu hin jiru jedha, of keenya fi qabsa’oota akka Oromoo mirga isaaf falmatan akka ummatoota Kibba Ethiopia, Somalia fi kan birro waliin wal tumsun Gaanfaa Afrikati Abba biyuuma keenya ragasisu qabna. Kun amoo akka fixxan ba’uu shakki tokko ilee hin qabnu. Kanaaf amoo waregama barbachisuu hundaaf qoophi tanee argamuu nu feesisa. Hayoon keenya wagga dheeraf qabsoo kana gegesitanf kabaja qabacha, garuu rakko keessa darban fi dogogra ture hubachuun dhaloota haraf goorsaa keenu malee dura dhabachuu fi mata keessa rukkutuun qabsoo keenya dheersu mala. Kanaafu wareegami kami iyya hagoodhamu Oromia Bilisomsuf waan gari qoofa utuu hin tanee cuubuu handa dalaguun dhaloota dhuuf bilisoomsuun dirqama ta’aa. Kanaafu humnoota alaa fi Habasha duloma Amhara fi Habasha hara Tigree irra adda utuu hin basin of iirra dhorkuun murtee atatama ta’ee jira. Ykn garuu qabsoo dhisan kitaba jaara dubsuu ta’aa. Kana amoo Oromoo hundi siirti xinxalee beeku qaba. Kan kana hin beeku hin barbanee yoom ilee kan of baruu miti. Oromiyaan ni Bilisoomti! GPO/OPC 28/04/2010
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |