Jaal Lagaasaa
Wagii abbaa
isaanii obbo
Wagii Meettaa fi
haadha isaanii
adde Buzunash
Ayyaanaa irraa
bara 1960,
Godina Lixa
Shawaa, konyaa
Mannaa,
Aanaa Shinoo
Meettaa Robii,
ganda Kuyyuu
Giccii jedhamtuu
keessatti
dhalate.
Jaal
Lagaasaa Wagii
umriin isaa
barmootaaf yeroo
gahu, mana
baruumsa
sadarkaa
tokkoffaa
Bakkamee
jedhamutti kutaa
1-4 barate.
Barmoota isaa
kutaa 5-8 ammoo
mana barumsaa
Hincinniitti
barate. Sana
booda gara
Finfinneetti
deemuun barumsa
isaa itti fufuun
kutaa 10-11
magaluuma
Finfinneeti
barate.
Jaal Laggasaa
Wagii erga
barumsa isaa
haga kutaa
11-tti baratee
booda barmoota
akkaadaamii
dhiisee baruumsa
Makaanikummaa fi
Konkolaataaa
oofu bara 1975
keessa
barateera.
Oguummaa isaa
kananiis
hojiilee adda
addaa irraatti
bobbahuun
hojjaachaa ture.
Jaal Laggasaa
Wagii hojii
daldalaa irratti
bobbahuun
magaala Dirree
Dhawaa keessatti
waggaa torbaaf
kan jiraachaa
ture yeroo tahu,
hojiidhuma
daldalaa kanaaf
meeshaa daldalaa
adda addaa
fe’achuun gara
Dhiha Oromiyaa
deemuun daldala
itti fufe.
Jaal Laggasaa
Wagii obbolaa
shan kan qabu
yeroo
tahu,Waxbajjii
27 bara 1987
haadha manaa
isaa aadde
Waynisheet
Geetaahuun
fuudhe. Hadha
Manaa isaa kana
irraa ijjoollee
durbaa
sadii (3) kana
maqaan isaanii
Bilisummaa
Laggasaa,
Fireehiwat
Laggasaa fi
Natsaannat
Laggasaa
jedhaman
godhate.
Jaal Laggasaa
Wagii jaalalaa
fi fedhii guddaa
ummata isaaf
qaba. Akkasumas
hacuuccaan
ummata isaa irra
gahu boqonnaa
waan isa
dhorkeef bara
1990 maatii isaa
jaallatu dhiisee
Dhiha Oromiyaa
deemun QBO
hogganummaa
ABOtiin
gaggeeffamutti
makame. Bara
1991 barumsa
siyaasaa fi
leenjjii
waraanaa marsaa
18ffaa gahummaan
xumuratee,
dirree dhihaatti
miseensa ABO
ta’e.
Dammaqiinsaa
fi hubaannoo
Jaal Lagaasa
Wagii qabu
irratti
hundaa’uun
dhaaba
keessaatti
barumsa
dabballummaa
bara 1991 bakka
Beelmuuguu
jedhamuutti
barate. Akka
baratee baheen
dirqama
dabballummaan
zoonii Begitti
ramadame. Zoonii
kana keessatti
dirqama
dabballummaa
gahummaan osoo
bahaa jiruu
mootummaan
Dargii kufe.
Dhaabni
dandeetii fi
gahummaa isaa
ilaaluu dhaan
ona Qaaqeetti
dirqama
bulchiinsaatti
ramade. Bulchaa
ona kanaa yeroo
turetti kaayyoo
ABO ummata
hifannaa tokko
malee barsiisuun
fakkii guddaa
ta’uusaatti
miseensaa fi
ummata biratti
jaalala fi
kabaja guddaa
nama horate dha.
ABOn
mootummaa
Cehumsaa keessaa
akka baheen WBO
naannoo
jiranitti
dabalamuun diina
jabinaan lolee
lolchiiseera.
Falmaa diinaa
wajjin godhamuu
haga walakkeessa
bara 1993 itti
fufuun of
ijaaruuf humna
daangaa Sudaanii
fi Itophiyatti
bahee waliin
ture.
Bara 1994
humna ijaaramee
walkeessaa Dhiha
Oromiyaatti
deebi’e keessaa
Jaal Laggasaa
Wagii tokko
ture. WBOn
diinaa wajjin
falmaa hadhaawaa
itti fufuun bara
1997 keessa
oggaa mootummaan
Wayyaanee
magaalota Sudaan
Kurmuk fi Giizan
rukuttee
qabatte, xurreen
dhiheessii akka
hin cufamneef
humna of duuba
daangaatti
deebi’ee keessa
ture Jaal
Laggasaan. Bara
1993-1998 tti
sadarkaa
miseensuummaa
irraa kaasee
haga sadarkaa
qondaala waraana
ol-aanaatti
dirqama
fudhatee,
qabsaawaa
dhugaan
qabsaa’ee qabsoo
gosiise dha.
Bara 1998
keessa
miseensota ABO
leenjii addaaf
biyya ollaatti
ergaman keessaa
ture. Leenjii
isaa xumuratee
haga ramadamutti
biyya ollaa
keessa Oromoota
jiran akka
ijaaruuf
dirqamni itti
kennamee ture.
Akka kanatti
tattaaffii Jaal
Laggasaan
godheen bara
2000 keessa
Oromooti biyya
ollaa keessa
jiran walitti
qabuun Waldaa
Hawaasa Oromoo
Eritrea ijaaree
Qabsoo
bilisummaa
Oromoo (QBO)
irraa qooda akka
fudhatan
taasisee jira.
Jaal Laggasaa
Wagii bakkaa fi
haala dirqamni
qabsoo isa feete
hunda keessatti
qooda ol’aanaa
nama kennaa
turee fi
gahumaadhaan
dirqama itti
kenname hunda
nama bahaa ture
dha.
Akka kanatti
jaal Laggasaa
Wagii bara
1998/99
irraa kaase itti
aanaa moonaa
leenjii WBO
waliigala tahe
hojjaacha turuu
isaa seenaan
isaa ni
addeessa. Bara
2000
irraa kaase
barumsaa fi
haaroomsa
waraanaa,
siyaasaa fi
tikaa erga
baraate booda
ajajaa
WBO-Zonnii dhiha
Jaal Irreessaa
Caalaa jalatti
ajajaa bobbaa fi
quunnamtii Dhiha
Oromiyaa tahuun
bara 2002
dirqama
dhaabaa fudhatee
gara dirree
dhihaatti moonaa
leenjii
waliigala
dhaabichaa irraa
bobba’e. Sochii
seena qabeessaa
fi mootummaa
Woyyaanee raase
WBO bara 2002
baddaalee Dhiha
Oromiyaa
Qeebbee, Dambi
Dolloo,
Gidaamii, Begii
fi Mandii
keessatti tahaa
turan irratti
akka ajajaa
waraanaa fi
siyaasaatti
hogganummaa
mul’ataa kennee
jira. Erga
Ajajaan WBO
Dhiha Oromiyaa
Jaal Irreessaa
Caalaa
wareegamee
boodaa hanga
05/11/2008
wareegametti,
ajajaa WBO Dhiha
Oromiyaa tahuun
falmaa hadhaawaa
fi gootummaan
guutamee diina
waliin tahe
hoggana waraanaa
fi siyaasaa
kennaa ture.
Jaal Laggasaan
dirqama sadarkaa
adda addaatti
irra ture hunda
keessatti,
gootummaan,
cichoominaa fi
obsaan kan
dirqama isa baha
ture fi
fakkeenya guddaa
miseensoota,
qondaalotaa fi
hoggantoota ABO,
qabsahoota fi
sabboontota
akkasumas ummata
Oromoo hundaaf
nama tahee dabre
dha.
Jaal Laggasaa
Wagii, dirqama
dhaabaa fudhatee
zoonii dhiha
keessa waan
tureef Kora
Sabaa
ABO-3ffaa bara
2004 irraa
hirmaachuu
baatuus bakka
inni hin
jirreetti
miseensa Gumii
Sabaa ABO tahuun
kan filame.
Dirqamaa fi itti
gaafatamummaa
dachaan itti
kenname kanas
gahummaa fi
of-kenniinsa
haga wareegama
lubbuu isaati
kennu goota
qabsoo tahuu
isaa
mirkaneessee
jira.
Jaal Lagasaa
Wagii bishina
qabu irraa,
tooftaa fi mala
qabu irraa
akkasumas
gootuummaa qabu
irraa ummaata
Oromoo hunda
birraatti kan
baay’ee
jaallatamuu fi
kabajamu dha.
Akkasumaas, jaal
Laggasaa Wagii
diina biratti
kan bay’ee
sodaatamuu,
gootummaa fi
abbaa tooftaa fi
malaa tahuun
isaa diinootni
keenya utuu hin
jaallatin kan
ragaa bahanii
dha.
Mootummaan
gita bittuu
ilmaan Tigraay,
(TPLF)
Wayyaaneen,
yeroo adda addaa
humna ishii
kumaatamaan
lakkaawaman,
meeshaa
gurguddaa fi
humna qileensaa
illee osoo hin
hafiin duulaa fi
sakattaa adda
addaa yeroo itti
zoonii dhihaa
keessatti banaa
turtetti, WBO
hogganuun,
hoggansa cimaa
kennuun, lolaa
fi lolchiisaa
humna diinaa
dirree lolaa
irraatti kan
qaanessee,
gootummaa WBO
kan mirkaneesaa
turan jaal
Laggasaa Wagii
fi jaallewwaan
isa waliin lolaa
lolchisaaf diina
kuffisanii kufaa
kanneen turani
dha.
Mammaksi
Oromoo “Namni
gaafuma dhalate
du’e” jedha.
Gootni maraa
tokko
duwwaa du’a,
dabeessii garuu
lamaa fi sanaa
oli du’a. Ammoo
lubbuun dhugaa
fi
haqaaf jedhamee
bahu, akkasumas
lubbuun qabsoo
saba ofii fi
kabaja ummata
ofiif jedhamee
kafalamu kan
seenaan
barabraan
yaadatamu dha.
Wareegamni
lubbuu qaali
taate, mirga
sabaa fi biyya
ofiif jedhamee
kafalaamu
wareegama akka
gaaraa ulfatuu,
kan seenaan
yaadataa hafuu
dha. Mirgi saba
ofii akka
kabajamuu fi
abbaan biyyummaa
ummata Oromoo
akka mirkanaahu
taasisuuf waan
hunda caalaa
gootummaan
murteessa dha.
Sadarkaan
gootummaa inni
dhumaas
wareegama lubbuu
ofii mirga sabaa
fi biyya ofiitif
jedhamee
kaffalamuu dha.
Jaal
Laggasaanis,
waregama qaalii
taate kana
kennuun
kabajamuu mirga
saba isaatii fi
abba biyyuummaa
Oromoof gootaa
of kenne waan
taheef seenaan
isaa hogayyuu
barabaraan kan
yaadatamuu taha.
J/Lagasaan
dirqama sabummaa
isaa kana
beela'e,
dheebodhe,
dadhabe, gaara
bahuu, daggala
cabsuu fi
hifadhe osoo hin
jenne baddaa fi
gammoojjii
keessatti rooba,
qorraa fi aduu
osoo hin jenne
rakkinoota
qabsoo hadhaawoo
hundaa kana
danda’uun
waggootii kana
hunda kayyoo
kabajamaa kanaaf
qooda ol aanaa
kennaa turuun
ammoo seenaa
qabsoo
bilisummaa
Oromoo keessatti
bakka olaanaa
akka qabaatu isa
taasisa.
Qabsaawota
bilisummaaf
fakkii guddaa
tahee jira.
Dhiigni jaal
Laggasaa
dhangala’e,
dhiiga
akkanumaan
lafatti
dhangala’ee
hafee fi hafu
osoo hin taane,
dhiiga
bilisummaa saba
keenyaa
dhiheessuu fi
umurii diinaa
kan gabaabsu
waan taheef
Oromoota biratti
kabajaa fi
fakkii guddaan
ilaalama. Gumaan
isaa qabsaahota
haqaa, qabsoo
bilisummaa saba
isaaniif
falmaaniin kan
baafamu fi
akeekii fi
kayyoon Jaal
Laggasaa Wagii
falmaafii ture
galmaan gahuun
kan mirkanaawu
akka tahu mamiin
tokko illee hin
jiru.
Jecha Maammo
Mazammir “
Qabsaawaan
Kufus Qabsoon
Itti Fufa
"