|
|
New
Page 2 home
“OROMIYAAN DIIGAMUUF DEEMTI”
“Tigron
fi OPDn Maratan Afaan Oromo Oromumaa fi Aadda Oromoo Hunda Baleessa
jiru, kun amoo Umrii Tigre Gababsee awalcha isaan gadii fageessa,
Habasha sa’aa 24 Oromoo baleesuf deemu caalisan iaaluun amoo Badinsa
Oromooti”
Editer
Yaa.Gammadaa
Wayyaaneen har’as ta’u kaleessa, Ummatootaaf dhaabbattee hin beektu.
Wayyaaneen gammoojjii Daddabiit keessatti dhalatte, gonkumaa
Sagantaa mataa ishee qabaattee hin beektu. Qabaachuus hin dandeessu.
Namoonni hedduun wayyaaneen waan hundaa Biyya isheetti kuufattee
foxxoqixi jedhanii yaadan. Isaanis biyya ittiin dorsiisan. Garuu
kana irratti gawwamu hin qabnu. Gonkumaa wayyaaneen Biyya
ijaarrattee baatii jettenii hin yaadinaa .
Kan isaan yaadanii turan, Tigiraayin giddu galeessa Industirii fi
madda jireenyaa taasifatanii , Naannolee biroo bakka Omisha isaanii
itti harcaafatan taasisu ture. Keessattu Ummatoonni bara eeggatanii
yoo nutti ka’an, amma qabannu qabannee waliin dorgomna jedhanii
Qabeenyaa biyyaa saamanii Tigiraayin ijaaran. Garuu galagalchii
ta’ee, waan yaadan sun ta’uu dide. Industiriin isaan yaadan sun
hundumtu, humna ibsaa, Bishaan, tajaajila barbaachisu guutu waan
dadhabaniif karaatti hafeera.
Humni ibsaa Takazee Tigiraayi dandamachiisuuf ijaarame, boruu
Biyyoota olla Tigiraayitti dhihaataniif tajaajila jedhan, hanga
har’atti Bishaan ga’aa hin argatiin jira. Sababaa kanaan warshaan
sibiilaa fi masfin Injinariingi, akkasumas Masooboon naafate jira.
Kana amma tokko dandamachiisuuf, humna Aduu irraa argachuuf, Dolaara
biliyoonaan lakkaa’amu Faransaayif kafalanii solaarii Biyyatti
keesatti hin argamnee fi humna ibsaa qilleensa irraa argamun amma
tokko socha’aa jiran.
Kun ragaa akka salphaatti irraa hubannee , yaada Tigiraayi ni
foxxoqxii nurraa hanqisa. Kana caalaa wanni nu amansiisu ammo
Hiwaatoonni yeroo ammaa Qabeenyaan qaban eessa jira ? kan jedhudha.
Kubbaaniyoonni isaanii gurguddaan eessatti dhaabbatan yoo jenne ,
Namni boruu cituu barbaadu qabeenyaa Biyya Namaa irratti hin kufatu
nu jechisiisee shakkii keenya sana fashalsa. Kana malees, Ilmaan
Tigiraayi , Tigiraayin gadhiisanii Finfinnee qofa qubatan kumoota
100n akka lakkaa’aman, kanneen hundi, manni jireenyaa rakkoo tokko
malee qophaa’uufii yennaa hubannu shakkii keenya san butucha.
Inni guddaa fi yaaddoo guddaa shiraan guutame nu irratti hojjatamaa
jiru yennaa hubannu , Hiwootoonni Tigiraayin adda baafachuu miti,
Biyya Oromiyaa Tigiraayin taasisuuf waan nu irratti hojjatan nu
hubachiisa. Shirri kunis sagantaa isaanii miti. Kan eenyuti jettu
ta’a. kana har’a hin kaasu . gaafa guyyaan isaa ga’e dubbanna. Garuu
har’a Ummata Oromoo irratti maaltu hojjatamaa jira ? mata duree
barreeffama kanaa maalifan filadhe kan jedhutti haa ce’u. yaa Oromoo
yeroo kun dhala oromoo Biyya keessaas ta’u alaaf dansaa akka hin
taane hubadhaa .dubbiin akkasii…..
Wayyaaneen gaafa OPDO ijaarte, warra qooqa Oromoo beekan , garuu
halgaa ta’aniin maaliif keessatti heddummeessan ? kana malees
kanneen Oromoo ta’an yoo galchanis, maalif wallaalaa itti
heddummeessan ? beekaa keenyawoo kan tabjaa’e maaliif filatan ?
warra of gaafachuu eegalan maaliif keessaa ari’an ? gaaffii kana
caalu illee kaasu dandeenya. Gaaffiileen kun garuu deebi mata duree
har’aa nu dhugeessan.
Ilmaan Oromoo yeroo OPDOn hundooftuu keessa turan, har’a tokkon
isaanii hin jiran. Kan keessatti hafe, Taayyee T/Hayimaanoot,
Minaasee W/Giyoorgis, Warqinaa Gabayyoo , Dammallaash W/Mikaa’eel,
Daanyaachoo , Muktaar , kkf tu har’a jira. Angoo jiru hundaas
qabatanii jiran . warra kaan dhiifnee kanneen akka Warqinaa Gabayyoo
annaan dachee Oromoon kan guddate garuu warra Kaabaa ta’uu ragaalen
mul’ataa jiran.
Wayyaaneen maqaa sabootaan dhufuun warra alaa irraa deeggarsa
argachuuf ta’un ifadha. Wayyaanoonni Angoon kun harkaa baanaan waan
hundi akka dhumaatuuf waan beekaniif, jalqabaa kaasanii waan
isaaniif ta’u hundaa gaggeeffachaa asi ga’an. Kaleessa harka qullaa
dhufaa odoo jiranii akkaataa itti ango kana of harka turfatan yaadaa
turan. Har’a ammo qabeenyaan hundumtu isaan harka waan jiruuf ,
Angoo gadhiisuu jechuun of ajjeesutti akka fudhatan beekamaadha.
Kanaaf mirgoota sabootaa sharafanii ofii dhaaluun itti fuftee jirti.
Ilmaan Tigiraayi qooqa sabootaa barsiisanii , keessattu Yunivarsitii
maqalee keessatti dippaartimantii Afaan Oromoo banatanii Ijoollee
Tigiree Oromiyaa borii bulchuuf deeman ummachuu isaanii wayita
hubannu, hangam duubatti harkifamaa akka jirru nu argisiisa.
Wayyaanoonni har’a , sirna Fedaraalizimii jiru gara Ahaadaawwitti
deebisuuf karaa eegalte walakkaan geesse jirti. Maqaa
Investimantiin lafa kan gurguru Fedaraala ta’eera. Kana jechuun maal
jechuu akka ta’e namaaf gala. Humni poolisaa fi Tikaa Naannoolee
hundi Fedaraala jala galanii jiran .Waajjiraaleen hundi ajaja
Fedaraalaan bulu ega eegalanii bubbulanii jiran. Oromiyaa fi
Tigiraayi irraa kan hafe, Naannooleen hundi Afaan Amaaraan hojii
gaggeessan. Carraan kun Oromiyaa keessatti ega eegalamee har’a
bubbuleera.
Bara 2004 miseensoonni OPDO saboota keessaa ta’uu ni dabalata gaafa
jedhamu, maal jechuu akka ta’ee bara sana ibsinee nama nu dhaga’u
dhabne. Wayyaaneen sabboonummaan sabootaa dabalaa jiraa, kun ammo
Biyyattiif hin tolu jettee, waan hundaa tu’achaa jiraachuu yennaa
dubbannus , nama nu dhaga’u hin arganne. Har’a garuu waan hundi
ifatti mul’achuu eegaleera.
Oromiyaa keesstti Afaan oromoo waraqaa irratti ega hafee bubbulee
jira. Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo fardeessun dhiphummaatti
ilaalamutti aane kan dhufe, waajjiraaleen gara sanatti dhiibamudha.
Tiyaatiroota fi Diraamaalee akksumas Sirboota Afaan Amaaraa
Oromiyaatti gadi lakkisuun, Ummata qalbii hatuu ega eegalanii
turanii jiru. Waajjiraaleen hundi ijoollee halagaan ega
qabsiifamanii bubbulanii jiru. Har’a BUUFATII TELEVIZHINII FI
RAADIYOON Oromiyaa ilmaan saba biroon guutamee , Afaan oromoo rakkoo
seenee jira. Inumaayyuu TV Oromiyaa isuma jedhuyyuu dhabamsiisuuf
hojjatamaa jiraachuu argaa jirra.
TV Oromiyaa keessa wiirtu WAALATAA galchuun , suuta suuta Ummata
Oromoo Afaan Amaaraa akk fudhatuuf diraamaa ummata hawwatan karaa
sana akka tamsa’uuf shirri hojjatamuu eegaleera. Ijoollee gaaffii
kaasan illee keessaa ega ari’anii yeroo fudhateera.
Tekinishiyaanoonni keessa jiran hundi, warri har’a Afaan Oromoon
Oduu dubbisan odoo hin hafnee saboota fagoo fi Tigiraayin guutamee,
Afaan Oromoo akka gadi deemee Ummati jibbu taasifamaa jira.
Afaan Oromoo akka hin guddanneef , aadaan OROMOO akka hin guddanneef,
sabbonummaan Oromoo akka hin dagaagneef, shirri wayyaaneen akka
raawwachiisaatti gaggeessitu haalaan gaggeeffamaa jira. Wayyaanee
Ihaadeeg, wal ga’ii isaa Hawaasaatti gaggeeffate irratti , sirna
Ahaadaawwitti akka deeman , kunis sabboonummaa Ummatootaa keessattu
kan Ummata Oromoo dabalaa jiraachuu ifatti himanii
jiran.sabboonummaan dabalu jechuun Biyyaaf yaaddeesaa ta’utti
lallabaniiru. Humnoonni alaas waan kana ni fudhatan.
Wayyaanoonni dhaloota borii illee karaa irraa maqisuuf , waan aadaa
isaanii odoo hin taane, waan alaa akka fardeessan, sirbootaa fi
aadaa warra alaan akka mo’aniif , sagantaalee TVn waan ijoolleef
dhihaatu irraa hubachuun ni ga’a. aadaa ummatootaa ega dhabsisanii
bubbulaniiru. Caasaan kominikeeshiinii Obbo Brakatiin dirirfamee
Naannoolee hundaa keessa jiru, Naannooleen ajaja itti kennuu hin
danda’an . sududaan Obbo Barakattu ajaja. Caasaan kanneen fakkaatan
hedduudha. Caasaan Ahaadaawwii walakkaan xumuramee jira.
Caalaatti ifa taasisuuf , Humni waraanaa duraanu Fedaraala harka
jira. Humni poolisa Naannolee kan Fedaraalaa jala jira . Humni Tikaa
Naannoolee harkaa maqaa Ashabbaarii adamsuu jedhuun harkaa ba’eera .
Lafti heektaara kuma 10 ol fedaraalaatu Investarootaaf gurgura.
Albuudaa fi Qabeenyaa Umamaa hundaa Fedaraalatu kennaa jira.
Kubbaaniyoota hundaa Fedaraalaatu Bulcha. Waajjiraaleen Naannoolee
irra jireessi Afaan Amaaran hojjatu. Kun ammo oromiyaa keessatti
hidda yaafatee jira. TV ITOOPHIYAA KEESSAA Afaan Oromoo ari’anii ,
TV OROMIYAA keessa AFAAN amaaraa heddumiinaan akka seenu taasifamaa
jira. Dhuma irratti TV Oromiyaa chaanaalii xixiqqaatti galchanii,
kan Oromiyaa ITOOPHIYAATTI geeddaruf hojjatama jira. Maarree
Ahaadaawwiin isa kana miti ? kun ammo kan dhugoomu caasaa addaa Obbo
Barakatiin durfamuun ta’uu hubachuu barbaachisa.
Sirna sabboonummaa Ummatootaa Ukkaamsuuf gadi dhaabbatuuf deemu irra
jireessa , gama sirbaan hojjatamaa jira. Ummatoonni hundi
Ol-aantuummaa Afaan Amaaraa akka fudhatuuf , Industirii Muuziqaa
tu’atnii kanneen hojjataa jiran gaaf tokko eenyummaan isaani
saaxilamun hin haftu. Jarri kun sirboonni sabootaa akka ol hin
kaaneef, hin gurguramnee fi carraa hojjatamu akka hin arganneef,
saboonni mana muuziqaa akka hin qabaanne gochuu eegalee shiroonni
hojjataa jiran kana kan jedhamu miti.
Abbootiin aadaa odoo jiranii , Finfinnee ba’anii baadiyyaatti
bu’anii Durgoo kumootaan kaffaalamaafii warrii hojjatan, Ummatichaaf
naato tokkollee hin qaban. Akka duulaatti hajajamanii hojjachaa
jiran. Caasaan Obbo Barakatifaa shiroota kana hundaa akka
raawwataniif , dirqama kan kennaniif dhiiga isaanii kan ta’aniif
qofaadha. Sirbi isaan shiraaf baasanii odoo hin gurguramne TV
itoophiyaa irratti rakkoo tokko malee dhihaata. Artiistii beekamaa
jedhamee QOPHII ARHIIBU irratti rakkoo tokko malee dhihaata. Silaas
Gaazexessitoonni sabootaa ari’amani, kanneen bakka qabatanii AFAAN
isaaniifu keessummaa ta’een kanneen hojjatn , deeggarsa addaa
taasifamufiidha.
Haala kana gadi fageenyaan kan ifatti baasuuf yaallu fagoo hin ta’u
. garuu wanni saba keenya irratti hojjatama jiru heddu nama
gaddisisa. Sirna Ahaadaawwiin gaggeeffamu kun , harka dheeraa
wayyaaneen dhaabbilee mormitootaa keessatti illee seenaa jiraachuu
yaadu qabdan. Kanas bal’inaan itti deebina.
Gama biroon wayyaanef gaaffii Ummatootaa ukkaamsuuf, humnoota alaa
dantaan qabdee shira isheen hojjachaa irtu akka salphaati kan
ilaalamu miti. Humnoonni alaa kubbaaniyyaa fi industiriilee akka
qabaatan taasisuun, jireenya isaaniif wayyaanee jiraachiisuu akka
qabanitti, kana malees jarri kun dantaa isaaniif jedhanii miidhaa
Ummatootaatti akka callisaniif shirri hojjattu salphaa miti.
Kanaafidha warri alaa kun, ummati 192 guyyaa saafaa Asfaalti irratti
yennaa ajjeefamu kan callisaniif. Kanaaf falli jiru isaanin mataa
isaanii falmanii akka nama dhaga’an taasisu qofaadha .
MAAL NU WAYYAREE ?????????????
Ummati Oromoo adeemsa isaaf hedduu yaaddeessaa ta’e kana duraa
dhaabbachuuf qabsaa’uu qaba. Keessattu , Qeerroon Oromoo diina
raasaa jiru kana mormuu qaba. Keessattu TV oromiyaa keessatti waan
hojjatamaa jiru mormuu qaban . Waajjiraalee Oromiyaa keessattiwaan
hojjatamaa jiru mormuu qaban.dhiibaa Afaan Oromoo irratti taasifamaa
jiru mormuu qaban. Afaan Oromoo babal’isuu irra, Afaan Amaaraaf
yeroo bal’aa laatamu kana mormu qaban. Sagantaalee Ummata keenyaaf
faayidaa tokkolle hin laanne, dhaloota har’aa doomsaa jiru mormu
qaban. Diraamaalee Oromiyaa keessatti ta’e jedhamanii argisifamaa
jiran mormu qaban. Dhorkuu qaban. TV oromiyaa keessatti AFAAN OROMOO
waan beekuuf qofaa , ijoollee Oromoo kan ariisiu , OPDOn eenyu musaa
jedhamu shira wayyaanee kanaaf bu’aa ol aanaa buusaa jira.
Hojjattoonni shira waajjiraalee keessatti raawwatamaa jiran mormutu
irraa eegama. Kun ta’uu baannaan Gaaffiin OROMIYAA caalaattu
dhabamuuf deema yaa firaa. Kanaafan OROMIYAAN DIIGAMUUF DEEMTI
JEDHE.
|
|