Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       

Qabsoo bilisummaa Oromoo takaalu kessatti qooda siyaasa gantummaa fi gartummaa

Zakaariyaas Mulataa

Adoolessa 2011, Oromiyaa

1.    Seensa

2.    Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO)

3.    Rakkoolee kessaa (Internal problems)

1.1.        Siyaasa gantummaa

1.2.        Siyaasa gartummaa

1.2.1.  Siyaasa gartummaa amantaa

1.2.2.  Siyaasa gartummaa gosaa

1.3.        Siyaasi gantummaa fi gartummaa diina tumse

4.    Furmaati ni jira

5.    Xumura

Ragaalee

1.    Seensa

Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) fi ilaalchi Oromummaa walikessa jiru. Kanafuu waa`ee QBO dubachuu fi waa`ee Oromummaa dubbachuun tokkuma . “Oromummaa (QBO) akkamiin jalqabe, essa ga`eera, rakkoo akkamitu isa mudate, furmaati rakkoleef maaliree?” jechuun ofi gaafachuun ni barbaachisa jedheen amana.  Sababii waan dabiran (senaa) bekanii osoo hin hubatin, waan amma (barana) kessa jiran arganii irraa barachuu, fi kanneen fuula duraa (mullata) fagootti ilaaluudhaan tilmaamuun salphaa hin taaneef.  Bilisummaa angoon harkaa fudhatamee deeffachuuf ummatoota qabsoo bilisummaa (QB) geggessaa jiran kessaa ummati Oromoo isa tokko. Ummati wanjoolee sirna gabirummaa jalatti kufe ofiin ofi bilisoomsuuf qabsaawun dirqama. 

Motummaan Habashaa  oliantummaa angoo waranaa alagaa irraa argate fayyadamun dhuma jarraa 19ffaa irraa egalee sirna gabirummaa gita hin qabne uumata Oromoo irratti dirirfatuuf milkaawe.Sirna gabirummaa  meshaa godhachun sanyii fi mallatolee ummata Oromoo gutummaan lafa irraa duguguudhaan qabenyaa Oromiyaa gutummaatti kan ofii isaa godhatuuf toftaalee fi tarsimoodhaan sanyii ummata Oromoo ballesuf sagantefate.  “Fakkenyaaf tarsimoo duguggaa sanyii Oromoo fixaan baafatuuf toftaalee fayyaddamamee ture kessaa: qindoomina angoo waranaa (dhumaatii Anolee fi Calanqoo), babalina balaa hongee, facayinsa dhukuba daddarbaa, fi mijoomina gurgurtaa dhala-namaa warra gurguddoota turan 13.” Balaan kun lakkofsa ummata Oromoo bara sana miliyoona 10 ture gara miliyoona 5tti gadi xiqessuun beekameera. During the process of colonization by Abysnian between 1870 & 1900, the Oromo population was reduced from ten to five millions6.” Sanyii ummata Oromoo kallatiin lafa irraa haxawuun yeroo mijatuf didetti, dinni alkallattiin sanyii Oromoo lafa irraa haxawuuf toftaalee fi tarsimoo qopheefate. Seera motummaa fayyadamuun mallattolee (Afaan, Aadaa, fi Senaa) enyummaa Oromoo beeksisan hunda isaanii haquun kan Habashaan bakka busifatudhaan adeemsa kessa gutumaatti dhabamsisuuf sochowe. Jirenyi saba Oromoo fi biyya Oromiyaa gutummaatti haqamee ture.

Garuu ummati Oromoo calluma jedhee yakka badisaa (sanyi-ballesi) irratti labsame hin fudhanne. Ummati Oromoo baruma wanjoo sirna gabirummaa jalatti kufe Ficila Diddaa Gabirummaa (FDG) geggessuu jalqabee. Gara jarraa walakkaa oliif (waggoota 60) haala facawaan FDG geggefame irraa jaarmaan QBO hogganu ni dhalatee. Jaarmaadhan hojii QBO hogganuu kessaan  injifatnnolee gurguddoon, bilisumnmaa Oromiyaa gutummaan dhugomsuuf dandii tottoolchan, galmeefamaniru. Ummati Oromoo ijaaramee QBO geggessu ergii egalee walakkaa jarra (waggota 50) guteera.  Garuu mirga hiree murteefanna ummata Oromoo karaa sirna sagalee walabaa (Refrendium) kabachisuudhaan QBO injifatnnoo gutuun xumuruuf hin milkofine, sababii adeemsi hojii QBO rogaalee sadiin takaalameef. Hojiin QBO 1ffaa dhibbaa adda addaan fuula-dura furgaafamu hanqate, 2ffaa rakkoolee babalataniin danqamee, fi 3ffaa dinoota bobbaafamaniin jeeqame. 

Milkoomina hojii siyasaa, dinagidee, fi waranaa danquu kessatti rogaalee sadanuu kessaa rakkooleen qooda sadarkaa olii ni qabaatu. Rakkooleen adeemsaa fi milkomina QBO danqan dimshashaan gosa lamatti qoodamu. Isaanis rakkoolee alaa (external problems) fi rakkoolee kessaa (internal problems) jechuu ni dandenya.  Rakkoleen alaa akkuma jecha irraa hubatamuu qaamoota alagaa irraa burquu: fekkenyaaf  sirna gabirummaa, dantaa/ ofitummaa -alagaa, fi walxaxinsa siyasaa adunyaa fi godina gaanfa Afrikaa. Rakkoleen kessaa qaamoota ofii kessaa burquu: isaanis 1ffaa siyaasa gantummaa, 2ffaa siyaasa gartummaa amantaa, fi 3ffaa siyaasa gartummaa gosaati. Waa`ee rakkoo (dhukuba) kessa moraa QBO turee fi jiruu xinxaluun furmaata qajeelaa osoo hin kenninif ilaalcha Oromummaa (fayyina) babalisuun hin salphatu.

Kanafuu barruun kun rakkolee kessaa qofa irratti xiyyefata. Siyasaan gantummaa fi gartummaa akkamiin akka biyya Oromoo (Oromiyaa) kessatti jalqabee fi yeroo ammaa essa akka ga`ee, fi haala akkamiin akka QBO guddinaa fi milkoomina dhorkaa jiruu qoratuun beekuun ni barbaachisa lataa? Kayyoon barruu kanaa rakkolee kessaan hojii QBO danqan xinxaluun furmatoota mariif dhiyesuudhaaf. Xinxalli kun galmee barrefamotaa kessaa fi daandilee odessii irraa odeefannoo argaman ragoomfachuudhaan rakkloleen kessaa yoom fi essaa akka dhalatan ergii ibsee booda haala akkamiin akka hojii QBO danqaa jiran mullisuun booda furmatoota ta`uuf malan diyessuudhaan dubbii barruu kanaa xumura.  

2.    Qabsoo bilisummaa Oromoo

Waanjoolee sirna gabirummaa fudhachuu diduun finciluu irraa qabsoo bilisummaatu dhalata. “Fakkenyaaf fincila qotee bultoota kaaba Oromiyaa (godina Walloo), sochii ummata kibba Oromiyaa (godina Baalee), fincila qotee bultoota baha Oromiyaa (godina Harargee), fi kkf turan 19.” Sirna gabirummaa ofi irraa buqisuuf fincilli ummataan geggefamaa ture daran babalachaa ergii adeemeen booda jaarmaa QBO hogganu ijaaruf haala mijjesse. FDG ummata Oromoo irraa QBO ni dhalate. Ergii sirna gabirummaa dinaa jalatti kufee waggoota 60 booda ummati Oromoo jaarmaa QBO qindessu ijaarrachuuf milkaawe. Dhalooti sirnna gabirummaa kessatti dhalatees jaarmaa Waldaa  Maccaa fi Tulamaa (WMT) bara 1960 hundesse. Qabsoon haala facawaan geggefamaa turees gara jaarmaan qindaawutti ceesifame.  Sochiin QBO sadarkaa gadii irraa gara sadarkaa 2ffaatti guddachuudhaan injifatnnoon xumurame. “Calqaba bara 1960 keessa hayyoonni Oromoo, warri miidhaa karaa adda addaa ummata Oromoo irra ga`aa jiru haalaan hubatan, miidhaawwan sana hanga tokko furuuf Waldaa wal-gargaarsaa fi misooma Maccaa-Tuulamaa hundeessan. Kaayyoon WMT: (1) Rakkina wallaalummaa /doofummaa, barumsaan dhabamsiisuuf, (2) Kan dhibamee, bakka ittiyaalamu dhabeef mana yaalaa ijaaruuf, (3) Kan karaa wal-qunnamu dhabee rakkateef, karaa hojjeteefii wal-qunnamsiisuuf, (4) Erga du`anii otoo hin taane, jiraatti aadaa wal-gargaarsaa ture bakkatti deebisuu, fi (5) Aadaa, seenaa, duudhaa afaan Oromoo fi walumaa-galatti waantoota eenyummaa saba Oromoo ibsan kan gabroonfattonni akka baduuf ittiduulan fashalesuudhaan, Oromummaa deebisanii ijaaruuf ture4.” Hundeefamuun WMT qindoominaan hogganamuu QBOf dandii saaqe.

FDG irraa hojiin QBO dhalachuun isaa moraa hogganoota motummaa Habashaa ni raase. Sirni motummaa Habashaa, farri nagaa fi guddinaa, kallatiin QBO irratti duluuf saganteefate.  Dinni waan qabee waan gadi dhiisu walaalun hogganoota WMT dorsisuu, yakkoota dharaa irratti dhiyessu, hidhuu, reebuu, fi ajjesuu egale. “Dulli dinaa inni jalqabaa Jaalle (J) Hayile Mariyaam Gammadaa (barressaa WMT) hidhuu fi ajjeesuun raawatame8.” Garuu sochiin ummatotaa sadarkaa biyyoolessaatti guddachuudhaan warraaqasa dhoose. Sochii bifa haaraween jalqabame kana sodaachuudhaan dinnis ragaalee dharaa hogganoota irratti dhiyessuu egaale. “Dulli dinaa inni 2ffaan jaarmaa WMTgutummaan cufuu fi hoggana waldichaa ijoo ta`ee, J. Mammoo Mazamir, ajechaa fannoon adabuun raawwatame8.” “Qabsoon pirojektii barnotaa (misooma humna namaa) andhurefachuun  karaa jaarmaa WMT gara waggoota kudhaniif (10f) geggefamaa ture injifatnnolee gurguddoo shan (5) galmessera. Isaanis: 1ffaa Ummata Oromoo bahaa – lixaa fi kabaa – kibbaa gara giddu-galessaatti (Finfinnee) seenan walitti fiduun walibarsiseera; 2ffaa QBO badiyaalee Oromiyaa kessatti geggefamaa ture qabsoo magaalota Oromiyaa kessatti geggefamaa turan wajjin walsimachisuuf haala mijjessera; 3ffaa oromummaa fi ummata Oromoo irraatti yakkoota dinni labsiin geggessaa ture fashalesseera; fi 4ffaa warraaqsa sirna qabenya lafaa jijjire qindeessera; fi 5ffaa Jaarmaa siyaasa QBO hogganu hundessuudhaaf kanneen gargaaran qophii bu´uraa fi murtessaa raawateera13.”

Sochiin ummatootaa babalataa adeemuu kessaa warraaqasi bara 1970 dhofamuun isaa hundeefamu jaarmaa siyaasa QBOf haala mijjesse. Jaarmaan QBO hogganu fi geggessu injifatnoolee karaa FDG galmaawan irraatti hundeefame. “Jalqaba bara 1973 magalaa Finfinnee kessatti walgahii qindaawe irratti miseensota WMT warra harka lafa jalaan qabsaawan fi qabsaawota baha Oromiyaa kessatti sochii geggesantu hirmaate7.” Qophiin bu´uurefamuu jaarmaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waligayii kana irratti jalqabamee.  “Bara 1973 keessa humna J/ Elemoo Qilxuu hogganeen ABO qabsoo hidhnoo baha Oromiyaa konyaa Carcar kessatti egale1.”  Qabasoon hidhannoo kun bu´uurefamu Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) mirkanesse. “Hogganummaa ABOn hojiin QBO bara 1973 – 1992 geggefamaa ture injifatnnolee gurguddo shan (5) galmeessera: isaanis  1ffaa  hojii QBO damilee Siyasaa, Waranaa, fi  Dipilomasii jalatti qindesse; 2ffaa  adeemsa QBO sadarkaa adunyaatti beeksise; 3ffaa Hojiile bu´uraa  enyummaa ummata Oromoo mullisan (qubee afaan Oromoo, qorannoo enyummaa Oromoo, barrulee / kitaaboota Oromoo ibsan maxansisu, fi kkf) raawate; 4ffaa quphsuma biyya-Oromoo (Oromia) tessuma biyyoota lafaa (global map) irratti galmeesisera, fi 5ffaa afaan Oromoo golaa baasuun meshaa barnotaa fi hojii taasise13.” QBO galma xumuraan ga`uuf injifatnoolee kana irratti hundaawuun dirqama.  

Injifatnnoo xumuraa raawwachuuf (bilisummaa ummata Oromoo dhugomsuuf) jaarmooleen hojii QBO hogganuuf bara 1992 booda dhalatan hedduumaachaa adeeman. Bara ammaa jaarmaan QBO hogganan lakkofisaan gara kudhani hang kudha lamaa (10 – 12) ni ta`u. Isaanis: ABO, ABIO/AWDO (Adda Bilisummaa Islaama Oromiyaa /Adda Walabummaa Dimokiraatummaa Oromiyaa), ATBUO/ABUO  (Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo /Adda Bilisummaa Ummata Oromoo),  IBSO (Ijaarsa Bilisummaa Saba Oromoo), KUO (Kongirensii Ummata Oromoo), GBO (Gumii Bilisummaa Oromoo), QCABO (Qaama Ce`umsaa ABO), WFDO (Warraaqsa Fediralistummaa fi Demookiratummaa Oromoo), QJABO (Qaama Jijjirama ABO), Adda Walabummaa Oromoo (AWO), fi ADFBO (Adda Deemookraasii Fincila Bilisummaa Oromoo) jedhamuun beekamu. Jaarmooleen kun hundi akkuma isaanitti mullatetti hojii QBO jaarmaa qindoomina hin qabaatin jalatti geggessaa jiru. Jaarmoleen kun rakkoolee moraa QBO kessatti dhalatuu fi dagagaa adeemuu sirnaan furuudhaan walitumsanii dina loluudhaan injifatnnoo xumuraa galmessuuf waan dammaqan hin fakkaatu.

Bara 1992 booda jaarmooleen QBO hogganan baayyachaa adeemanis sababii angoo facawaan sochowaniif injifatnnoo qabatamaa galmessuu hin dandenye. Waggoota kudha sagilan (19) dabiran kessatti jaarmaa siyaasa bilisummaa yookin jaarma siyaasa demokirasii, sagantaalee siyasaa waraqaa irratti barrefatan sana, gara hojiitti hikkatuuf dandeetii quphsaa argatan hin arginee; sababii adeemsi hojii QBO rakkoolee kessaan takaalameef. Rakkoolee sirnaan hin furin hafuun kuniis walitti kufamuun kasaaraa siyasaa hamaa dhalchu mala. Kanafuu rakkoolee kessaa sirnaan qorachaama furatuu qabna.

3.    Rakkoolee kessaa (Internal problems)

Rakkooleen moraa siyaasa saba Oromoo kessaa dhalatan gosa lama. Sadarkaa tokkoffaatti gantummaan fi sadarkaa lammafaatti gartummaan rakkoolee adeemsa QBO milkoomina dhorkaniidha.

3.1.        Siyaasa gantummaa

Gantummaan faallaa amantummaati. Jechi (ilaalchi) gantummaa jedhamee beekamu gara jechoota akka  Waaqayyoon-ganuu, Waligaltee-ganuu, yookin ofi-ganuutti hikama. Waliganuu fi ofi ganuun sadarkaa name (tokkee) fi maatii (warra) irraa egalee hanga saba (lammii) ofii ganutti guddata. Namooti gurmuu jirenya hawaasummaa, dinagidee, fi siyasaa irraa dantaa waloo argatuuf waliisanii amanuu fi wligaltee tumatuudhaan gurmaawu. Heraa fi seera tumatan safeefachuudhaan wali amanuun ni jiraata. Garuu heraa fi seera waligalteen tumatan tuffachuu irraa wali ganuutu dhalata. Ummati waligalteen tokkomee jaarmoota hawaasummaa, dinagidee, fi siyaasaa ijaarudhaan qabenyaa dantaalee waloof olifaman tikfata. “Fakkenyaaf ummati Oromoo amantii Waaqefannaa maqaan DAANIYAA jedhamee beekamu jalatti ijaaramanii, safuu waaqefannaa Waaqayyoo umaa irratti hundaween ofiin ofi geggessaa, aadaa fi senaa saba Oromoo guddisaa fi tikfataa, baroota dheera kabajaan biyya  dhalotaa (Oromiyaa) kessa jiraatan. Akkasumas ummati Oromoo jaarmaa safuu umurii dhalotaa irratti hundawee, falaasama sirna GADAA (Demokirasii Afirkaa), hundesseen motummaa ijaaratee ofiin ofi bulchudhaan qabenya hawaasummaa fi dinagidee saba Oromoo tikseera17.” Sirnoota DAANIYAA fi GADAA jalatti gurmaawun laaffataa ademuun jirenya amantummaa laafise. “Hogganoti jaarmoota aadaa (amantii) fi siyaasaa (motummaa) sirnoota waligalteen tolfame safeefachuu hanqachuu kessaan gantummaan ummata Oromoo seene11.”

Sirnoota waligalteen ijaarame safeefataa jiraachuu hanqachuu irraa gantummaan dhalatees babalachaa adeemuudhaan ummata Oromoo balaa gabirummaaf dabarsee kenne. “Bara kessa safuu waaqefannaa fi safuu umurii kabajuu fi tiksuu hanqachuu irraa gantummaan biyya Oromoo kessa sene: rakkoon kun guddatee walihoruun angoo gurmuu laaffisee fi qaawwoota baballoo banuudhaan saba Oromoo rorroo sirna gabirummaa jalatti kufisee fi hidhe13.” Ummata Oromoo ganuudhaan moraa dinaatti galanii dinaaf ergamtuu ta`uun fufinsaan raawatamaa jiraate. Qaanii fi gadi-aantummaan karaa gantoota siyasaa akka abbaa dulaa Gobanaa Daccee fi isa fakaatan kessaan ulaa Oromiyaa saaqatee oli seene kun idda gadi jabeefataa adeeme malee murtoon hin daangefamne. Siyasaan ilaalcha gantummaa irratti hundaawe kun meshaa isa jabaa rorroo sirna gabirummaa dhugomsee fi tikse ta`uun beekameera. Hojii badisaa kana maseensuuf dandeetiin hin argatamin jira, sbabii xiyyefannaa quphsaan hin kennamniif. Kanafuu gantummaan yeroo gara yerootti bifoota jijjiratee motoota gabiromfataa dhufaa-darbaa angoomsu fi tiksu kessatti qooda sadarkaa oli`anaa kennuudhaan guddataa fi babalataa adeeme.Motummaan dhaloota Habashaa adeemsa barootaa kessa bifa lamaan mullate siyaasa gantummaa meshaa godhachuudhaan qabenyaa ummata Oromoo samuu fi saamsisu irraa angoo dipilomaasii fi waranaa argateen jirataa turee fi tikfamaa jira.

Gantooti sadarkaa ajajaa waranaa, qondaala waranaa, ministeeroota motummaa, bakka bu`oota motumma, bulchaa kutaalee, fi, kkf… uffachuun motummaa Habashaaf tajaajilli kennaa turan fi jiran sirna gabirummaa dheeresuu kessatti qooda sadarkaa 1ffaa qabateera. Dorgomiin siyasaa bara1974 – 1991 motummaa Habashaa dhaloota Amharaan durfamee fi gartuu Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) giddutti karaa sagantaa riphee lolaa geggefamaa ture motummaa oli`antummaa sanyii Amharaa (bara 1900 – 1991) tiksaa ture gara motummaa oli`antummaa sanyii Tigraayi tiksutti Caamsaa bara 1991 jijjireera. “Sirni gabiromfatnnaa tarsimoo fi toftaa siyasaa foyyyefachuudhaan gargaarsa alagaa dirree riphee lolaa irraa egalee hanga mana motummaatti wali irraa hin citniin dirirfame fi tikfame14 fi 15.” Biyyoota Afirkaa hirmaachuuf dorgomiin motumooti Awuropaa geggessaa turan akkuma Minlik, mootii Amaharaaf, qileensa siyasaa mijjessee ture: hogganummaa siyaasa adunyaa dhunfachuuf dorgomiin moraa imperiyalistotaa fi kominstotaa gidduti geggefamaa ture Mallasaa, motii Tigragyif qileensa siyasaa mijjesseera. Jijjirami angoo siyasaa gartuulee Habashaa lamaan giddutti raawatame kun gantummaa siyaasa nam-tokkee (gartuu) Oromoo gara sadarkaa jaarmaa siyaasa gantummaatti oli guddise. “Tigray People Liberation Front (TPLF/ABUT) established Oromo People Democratic organization (OPDO) in 1988/89 from rank and files of war prisoners and it is using as an instrument to practice  socioeconomic subjugation and human rights violations in order to protect its colonial interest in Oromia15.” Kanafuu Dhaabi Dimokiraasii (Gantummaa) Ummata Oromoo (DhDGUO) meshaa dinaatii.

3.2.        Siyaasa gartummaa

Umamaan ummati Oromoo tokkicha ta`uun ni beekama, sababii ummati Oromoo afaan tokkicha, senaa fi aadaa baroota dheraaf walitti jiru, fi tessuma lafaa waliqabatee irra jiratuuf. Kanafuu ummati Oromoo, akkuma saboota adunyaa kana kessa jiranii, sab-lamummaa (enyummaa) umameef safeefachun tokkomee baroota dheraaf walii wajjin jiraate. Garuu ummati Oromoo akkuma ummatoota adda addaa dhaloota latiinsa sanyii, tessuma lafaa, ilaalcha waaqefannaa, hawaasummaa, fi kkf maraan gosoota heddutti adda ni qodaama. Qodumsi seera umamaa fi dhalotaa hundeefate kun rakkina fidee hin qabu. QBO deggeruudhaaf garaagarummaa jirutti sirnaan fayyadamuudhaan hojii QBO deggeruu fi milkessun ni barbaachisa. Garuu sirna malee garaa-garummaatti fayyadamuudhaan gartummaa siyasaa sirna-dhabilessa ijaaruudhaan QBO adeemsa dhorkuun hojii abaarameedha. Gartummaa molgaaween siyaasa QBO hogganuun kun adeemsa kessa hirrina hubannaa siyasaa irraa moraa QBO kessatti dhalate fi babalataa adeeme. Siyaasa gartummaa kana kutaalee lamatti adda qoduudhan xinxala.

3.2.1.  Siyaasa gartummaa amantaa

Ummati Oromoo jaarmoolee amantaa akaaku sadii (3) jalatti ijaaramudhaan Waaqayoon waaqessa: isaanis Waaqefatummaa, Kiristaanummaa, fi Islaamummaa. Osoo Kiristaanummaa, fi Islaamummaan biyya Oromoo hin seenin dura ummati Oromoo sirna Waaqefatummaa jalatti tokkomee hogganama ture. Garuu baroota dhiyoo asi ummati Oromoo sirna amantaa hordofuun gosoota sadiif (3f) addaan qodameera. Kanafuu jaarmaa QBO ilaalcha sirna amantaa calaqisu irratti hundeesun rakkina irratti rakkina dabalachuudha. Senaa biyya lafaa kessatti jaarmaa amantaa akka meshaa siyaasa babalisutti yookin jaarmaa siyaasaa akka meshaa amantaa babalisutti fayyadamuu irraa walidhibdeen dhalataa turee fi jiru lubbuu namoota nagaa miliyoona heddu galaafateera.

Siyaasi gartummaa amantaa irratti hundaawe bara 1978 moraa QBO kessatti jalqabamee. Bara 1978 kessa sababii hin beekamneen wareegamuu hogganota ABO giddugalessa godhatun waldhibdee madde irraa jeequmsi kessaan dhalate. Jequmsi kunis siyaasa gartummaa amantaa calaqisu moraa QBO kessatti mullise. Gartuun bara sana jaarmaa ABO irraa foxoqees jaarmaa Adda Islaamumaa Bilisummaa Oromoo (AIBO) jedhamu hundessuudhaan qabsoo hidhannoo, siyasaa, fi qunnamtii alagaa egale. Maqaa AIBO jedhamu kana irraa akka hubatamutti, siyaasi gartummaa amantaa moraa QBO kessaa dhalachuu mirkaneessa. Hogganoti AIBO ilaalcha islamummaan QBO geggessuun bilisummaa Oromiyaa ni saffisiisa jechuun tilmaamu hin hafan.Garuu ummati Oromoo waan sirna amantaa gosoota sadiif (3f) qodameef toftaa fi tarsimoon akeekame kun hojii QBO fuula dura furgaasuu hin dandenye.

Siyaasa gartummaa amantaa fayyadamuudhaan qabenyaan horatamaa ture QBO fininsuuf hin mijofine, sababii qabenyaan horatame irra hedduun gartummaan walirratti duluuf olifameef. Bekanii osoo hin hubatin angoon QBO milkesuuf horatame alkalattin dina waloo tumsuuf olifame. Gartummaa ilaalcha sirna amantaan waliqodanii QBO hogganun badiisa ta`uu isaa, hogganoti AIBO, bara dheraa booda hubatan. Extraordinary congress of islamic front for libration of Oromia (IFLO) has adopted and issued a new and completely different constitution, structure of organization, name of the front, and its flag:  therefore the name of the front shall be known as front for the independance democratic Oromia (FIDO) from 30th of September 2005 and the congress unanimously re-elected Jaarraa Abbaa Gadaa as the president of FIDO10.” Nagenya ummata Oromoo tiksuudhaaf siyaasaan kallatii yookin alkalatiidhaan ilaalcha sirna amantaa calaqisu moraa QBO fi Oromiyaa irraa fagaatuun bayyisee barbaachiisa.

3.2.2.  Siyaasa gartummaa gosaa

Tessuma-lafa irra jiraatun sabi Oromoo gosota gurguddoo kudha tokko (11) ofi jalatti qabata. “Oromo nation is geographically subdivided into 11 major tribes namely: Tulema, Mecha, Borana, Guji, Arsi, Karayu, Itu & Humbana, Wallo, Yaju, Raya, and Hartuma & Jile18. Motumooti Habashaa sirna gabirummaa dirifatan tikfatuuf akka isaanif mijatutti  tessuma lafa Oromiya kutaalee Walloo, Shawwaa, Wallagaa, Ilu Abbaa Boraa, Jimmaa, Arisii, Baalee, fi Hararge jechuun kukkutudhaan abbootii dulaaf addaan qodaniruu. Jaarmaan siyaasa QBO kan kallatiidhaan maqaa gosaa yookin kutaa Oromiyaa mogaafachun ifatti ijaarame hin jiru. Garuu jeequmsi moraa QBO kessatti yeroo adda addaa dhalatee fi babalataa adeeme yeroo gadi fagenyaan xinxalamee ilaalamu calaqisi siyaasa gartummaa gosaa (kutaa dhalotaa) ifaan ni mullata.Siyasaan ilaalcha Oromummaa giddugalessa godhate moraa QBO kessatti, guddachuu, tikfamuu, fi ballachuu hin dandenye sababii bara 1992 irraa egalee dinni garaa garummaa dhalotaa meshaa godhachuun hojii diggaaf ergamtoota isaa bobbaafateef.

Oromummaan hundee jirenya (aadaa, senaa, siyaasa, dinagidee, fi hawaasa) ummata Oromoo ta`uu gadi fagenyaan hubatuu hanqachuudhaan ololola garaa garummaa dinni karaa ergamtota isaa afarsaa turee fi jiru hogganoti siyaasa QBO kessumeessuu egalan. Kanaafuu siyaasi gartummaa gosaa, kan tessuma lafa Oromiyaa hundee godhate, bara kessa mumulachaa adeeme. Yeroo jalqabaaf bara 1998  kessa siyaasi gartummaa gosaa kan garaa gaarummaa tessuma lafa Oromiyaa hundeefate moraa QBO kessatti mullate. Angoo ittiin waajjirooti ABO biyyoota hormaa bulchaman argachuudhaaf hogganoota ABO kaaba Amerikaa turan giddutti, dorgoomii geggefame kessaa, waldhibdeen dhalatee ture moraa QBO cabsuudhaan gartuu siyasaa jaarmaa GBO argamsiise. Ijaaramu GBO kessaan siyaasi gartumaa gosaa, alkalatiin Shawummaa calaqisu, moraa QBO jallisee cabsachuudhaan achi ba`ee.

Siyaasi gartummaa hundeen Shawummaa ta`ee ergii mullatee waggota 4 booda waldhibdee bara 2002 hogganota ABO giddutti dhalate kessaan siyaasi gartummaa gosaa inni 2ffaan ifaan mullate. Gartuun ABO kun maqaa QC-ABO jedhamu moggaafachuun yeroof ergi sochoween booda ani ABO isa sirri jechuun hojii siyasaa, hidhannoo, fi qunnamtii alagaa geggessuu egale. Hogganni gartuu ABO kun foxoqinsa jaarmaa dhalateef sababiin kennate: “kayyoon ABO inni jalqabaa waan dandii QBO irraa maqeef nuyi kayyoo jalqabaa tiksuuf cabsanne”, garuu gartuun Shanee Gumii ABO (Asmara group) Itophiyaa dimookiratessuuf gara biyyaatti galuuf qabsoo hidhannoo lagatee jechuun ilaalcha siyasaa gartummaa dhoksuuf carraaqan. Garuu rakkolee walxaxoo adeemsa QBO qunnamaniif kayyoo ABO foyyessuu yookin jijjiruun furmaata tokko yoo jedhameef: qoratamee caasaa angoon kennamefitti ergii dhiyateen booda heera jaarmaan dangeefamuun raawatama malee hogganoti QBO sirna-cabsuudhaan siyaasa gartuumma gosaa, ilaalcha Wallagummaa hundeefate alkalatiin, babalisuu hin qaban ture. Hogganooti ABO bara 2002 moraa QBO kessatti walijeqaa turan deggerssa gartummaa siyasaa baayyifachuuf alkalattiin kutaa kessaa dhalatanitti fayyadamaniru, kanaafuu qondaaloti fi miseensoti ABO warri kutaa  Wallagaa irraa fagessuun siyaasa QBO ilaalu hin dandenye iddoo dhalootaan (Wallagummaan) firomuu hedachuudhaan siyaasa gartummaa gosaa faana hiriraniru13.”

Ittifufinsi waldhiibdee hogganota QBO bifa jijjirachuun bara 2008 kessa jaarmaa ABO gartuu lamatti ergii addaan qodee booda siyaasa gartummaa gosaa, ilaalcha Arisummaa calaqisu alkalatiin, marsaa 3ffaaf haaluma isa 2ffaan walifakaatun moraa QBO kessatti ifa baaseera. Gartuun ABO kun QJ-ABO (koree yeroo ABO) jedhee ofi moggaasuun yeroof ergi sochoween booda ani ABO isa haarefameedha jechuun, ofi beeksisaa, hojii QBO gartummaan hogganuu fufeera. Gartummaa ijaaruf sababiin himamu: “tarsimoo fi toftaalee adeemsa hojii QBO gara fooyyeesutti jijjiran hojii irra olchuuf qabsoofina” jechuun siyaasa gartummaa gosaa aguguu yaalu. “Despite its military and political strength, OLF had been unable to wage a consistent and forceful campaign against the regime of Tigrean People Liberation Front; therefore the new leadership will focus on intensifying the armed struggle against the Meles regime5.” Garuu jijjirammi toftaa, tarsimoo, fi hogganoota ABO yoo adeemsa hojii QBO ni foyyesu ta`eef: silaa haarefami hawwamu kun qoratamee ergii caasaa heraan angoo qabuuf dhiyateen booda sirnaan raggaasifamuun gara hojiitti hikama malee; siyaasa gartuummaa ilaalcha Arisummaa calaqisu dhalchuu hin qabu ture. “Narrow-minded groups within the OLF cannot see beyond a limited sphere… every thing possible was also done to cover-up individual as well as group errors…Nationalism as an ideology for the struggle was at its infancy and not yet properly defined7.”

Hameenya siyaasa gosummaa osoo fagoo hin adeemin biyya olla, Somaaliyaa, caqasuudhaan hubannaa irraa argatuun dansa. Bara 1991 booda hogganoti siyaasa biyya Somaaliyaa dhimma hojii siyaasaf garaa garummaa gosaa fi tessuma lafaatti sirna malee fayyadamuun isaanii dhimmoota bulchiinsa ummata Somaalee kessa hunduu (jaarmiyaa fi motummaan adda addaa) dangaa-malee senuudhaan waan barbaadan dalagatuuf ulaalee cufaa hin qabaatin babba`neeraaf. Rakkoon kun ummata Somaalee golii walixaxeef saaxiluudhaan jirenya Somaaliyaa bara hin murtofineef dhabamsise. Gartuuleen moraa QBO hogganan bara 1992 booda karaa marsaa internet (Fakkif: O-net, pal-talk, kkf) fi hawaasota Oromoo biyyoota hormaa kessaan siyaasa alkalatiin ilaalcha gosummaa calaqisu ofuun ilmaan Oromoo giddutti walishakkii babalisuudhaan Oromoo gosummaan walirratti dulsisuuf yaalaniru. Maddi rakkoo kanaa dorgommii aangoo ti. Rakkoon aangoof dorgomuu ammoo ummata Oromoo bira jira osoo hin taane barattoota (<beektoota) Oromoo bira jira. Osoo waan tokkoyuu hin to`atiin siyaasa wali-hamii, wali-shakkii, fi wali-yakkii geggesuun ummata Oromoo hin fayyadu. Baratooti Oromoo dantaa aangoo abjochuudhaan ilaalcha isyaasa gosummaan wali ijaaruun kun dhukkuba dafee fayyu miti. Rakkoon kun waan hundaa caalaatti QBO midheera. Dhukubi kun Oromiyaa seenuuf carraa yoo argateef baroota danuuf QBO duubatti ni deebisa. Kanafuu siyaasa QBO horomsuuf ilaalchi gosummaa moraa QBO fi Oromiyaa irraa fagaatuu qaba.

3.2.3.  Siyaasi gantummaa fi gartummaa diina tumse

Ergii sirni gabiromfataa motummaa Amharaan geggefamaa ture motummaa Tigrayin dhaalamee booda siyasaan gantummaa gara jaarmaan hogganamutti oli guddatuudhaan rakkoo moraa QBO kessa ture walixaxaa godheera. Jaarmaan gantummaa, (DhDGUO), jaarmaa dinni dantaa isaaf ijaarratee ta`uun ifaadha. Garuu alagaa sirna dinaa tumsan biratti jaarmaan kun waanuma ummati Oromoo fi Oromiyaa sirna fediralaan Itophiyaa jalatti bulfaman fakkeesera. Akkasumas jaarmaa gantummaa (DhDGUO), kanatti fayyadamuudhan, dinni moraa QBO kessa dhokatee senuun afaan faajjii fi golii walirra hin citiin omishuuf milkaawera. Kanaafu hojii dharaa fi hojii haqaa garaa-gar baasuun baruuf haalan rakkisaa  bara ta`ee kessa sababii seenamef  moraa QBO kessatti enyufaa dina tajaajilaa jiratuu yookin enyufaa lammii tajaajilaa jiratuu isaanii sirnaan qulqulawee beekamun rakkoo walixaxaa ta`eera. Siyasaan gantummaa bara ammaa kun gufuu (dhukkuba) guddicha isa hojii QBO deggersa quphsaa dhorkee fi osoo hin daangefamin dinaaf tumsa wali irraa hin citin horuu fufeedha.

Sirna-dhabilummaadhaan siyaasa gartummaa ijaaruun walirratti duluun qabsoo ta`eera. Kessumaa bara 1992 booda hogganoti siyaasa QBO heera jaarmaa faallessuudhaan gartuu dhalchanitti fayyadamuun moraa QBO tasgabbii dhorkuu fi dina tumsuun ballachaa ademeera. Fakkenyaaf bara 2002 moraa QBO kessatti, dorgomiin siyaasa gartummaa ABO fi QCABO giddutti geggefame, WBO kibba Oromiyaa walirratti dulsisuudhaan lubbuu qabsaawotaa bilaasha taasiseera. Akkasumas bara 2008, gartummaan ABO fi QJABO giddutti dhalate, haaluma walifakkaatun dina tumseera. “Ethiopia has taken more than 100 armies of the OLF into custody after they surrendered and handed over a cache of arms and the group included Lucho Burbura who has been one of the group's top military commanders and its head of foreign relations16.” Siyaasa gartummaa irraa jequmsi dhalatu badii walifakkaatanu qaqabsisuudhaan bara 1978 irraa egalee moraa QBO kessatti deddebiyeera. “Yaa hogganota QBO walirratti duluuf qabenyaa ballesitan kana silaa gara dinaa gargalchitanii, adawwiin (rorroon) ummata Oromoo hin fixu (gidirsu) ture11.” Farreen irratti duluun duddubatti hafee; garuu walirratti duluun aadaa hogganoota gartulee siyaasa QBO taasifame. Qabenyaa fi angoon silaa dina waloo dadhabsisuf hojii irra oluu malan gara ittiin ofiraati duulanii ofi (QBO) dadhabsisan fi dina tumsanitti geddarame.

Gartummaan walirratti duluu jaarmolee siyaasa QBO kessaan ergamtooti dinaa moraa QBO olisenuun golii dhalchuuf milkaawaniru.Sababii hojii QBO qindoominaan hogganuuf hin milkawinif, bekaas ta`e hin beekamin fedhiin dinaa kallattii fi alkalattiin moraa QBO kessatti raawachisamaa fi raawatamaa jira. “Dinni karaa dirree lolaa hin milkawiin hafe karaa siyaasa gartummaa ulaa saaqameef kessaan kallatti fi alkallattiin moraa QBO kessa senuudhaan hojii QBO dadhabsisuuf carraa guddaa argateera13. Sirna dhabilummaan siyaasa gartummaa hogganuun kun yeroo hedduu gurmuu qabsaawotaa gartuuleef addaan qoduudhaan walitakaalsiseera. Hojiin QBO deggersaa fi firooma quphsaa argachuuf hin milkofine, sababii siyaasa gartummaa warra akka ABIO/AWDO, IBSO (GBO), QCABO, QJABO, AWO (ADFBO) , fi kkf jalatti moraa QBO caccabsuudhan qabsaawota walirratti dulsisuu kessaan afaan fajjiin balachaa adeemef. Akkasumas sochii dinni moraa QBO kessatti geggefatu bilchinaan to`atu hin dandenye, sababii siyaasi gantummaa fi gartummaa rakkoo kessaa ta`uun isaanii jaarmoolee biratti hin hubatamniif. “Akkuma Oromootni deebi’ee tokkoomuu ABOtti gumaachaa turan mul’atan, warri (beekaas ha ta’uu hubannoota gahaa dhabuudhaan) laamsha’ee hafuu gurmuu qabsaa´otaa qofatti osoo hin taane kan sabichaattille gumaachaa turan argamuu dha9.” Walitumsuun siyaasa gartummaa hogganuu hanqachuu jaarmolee QBO kessaan tumsi dinaaf kennamaa jiruu waan mullisu kessaa: “ummati Oromoo fi ummatooti Itophiyaa bara dheraaf sirna gabirummaa dirirfame kessatti akka hidhamaniif dinaaf carraa balliseera.”

4.    Furmaati ni jira

Rakkooleen adeemsa hojii QBO kessaa dhalataa fi guddataa adeemuun ifaadha. Furmaatis ni jira ture; garuu jaarmooleen siyaasa hogganuuf ofi gurmeessan rakkoolee isaan qunname kana sirnaan furatuuf fedha, mullata, fi qophii dhabuun isaanii bayyee yaaddessa. Moraa QBO garaa-gar cacabsuudhaan jaarmoolee gartomee fi waligaarrefatuun hojjii QBO geggessanii ummata Oromoo gara injifatnoo xumuraatti gessuun mamsisaa ta`uu isaa deggertooti fi firooti siyaasa QBO fi ummati Oromoo qajeelchanii hubatu: sababii jaarmoolee qindoomina hin qabaatin jalatti gurmaawun QBO geggesuu qofaadhaan angoo gutummaan dina injifatu argachuun hin mijoofineef. Kanaafuu jaarmooleen QBO akka ABO, ABIO/AWDO, ATBUO/ABUO, IBSO, fi GBO hojii QBO qindoominaan geggessuf bara 2000 waligalteedhaan jaarmaa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromoo (THBO) biyya Erteriyaa kessatti hundeessan. Angoo caccabaa fi facawaadhaan walirratti duluun jaarmolee QBO hafee; angolee (qabenyaa) horatan walitti fiduun gama walitumsanii qindoominaan qabsaawanitti tarkaanfachuun isaani kun yeroo isaatti firootaa fi ummata Oromoo ni gammachise. “Garuu ijaaramuun THBO akkuma akeekameetti furmaata hawwame fiduuf hin milkofine, sababii tarsimoo siyaasa QB tumsu hin hundeefatinif13.” THBO qindoomina hawwame gara hojiitti osoo hin hikkatin waggota jaha (6) booda Adoolessa bara 2006 diigame.The United Liberation Forces of Oromiyaa (ULFO/THBO) has announced the suspension of the OLF from the umbrella organisation for the OLF has joined the Alliance for Freedom and Democracy (AFD)2.”

Siyaasa gantummaaf furmaati sadarkaa jalqabaa namoota Oromoo hojii samaa kana irratti dhibbaa dinaan bobbaafaman luba basuuf haala mijjessudha. Gantoota luba baasuuf hogganoota waldaalee amantaa, hubannaa roga hundaan ebbifamantu, nu barbaachisa. Furmaati inni jalqabaa: hogganoti waldaalee Waaqefatummaa, Isilaamummaa, fi Kirstaanummaa, kanneen ebba Waaqayoon dibaman, ofiin ofi ijaaruudhaan miseensotaa fi deggertoota DhDGUO luba baasuf kan gargaaru barnoota qalbii jijjirannaa qopheesuu fi barsisuu qabu. Furmaati aanuu: gantoota qalbii jijjiratan qofaatti ijaaruudhaan moraa dinaa kessatti qabsoo luba-baasiif bobbaasudha. Yoo gantooti luba ba`uuf ofi hin qopheesineef seera bara durii hojii irra olchuu yaaludha. “Balleessaan gantummaa caaluu hin jiru: biyya eegudhaaf abbaan bokkuu fi salgeen mariyatanii kan tumanii qadaadan, namni dhoksaa kana yoo diinatti himee fi icitiin kun yoo beekame, namni gantuun kun qabaamee gantummaan adabama. Adabni kunis: ´dhagaan dugdatti hidhamee bishaan buufama, manni isaas ni gubama` (Seera Makkoo Billii lakkofsa 36)4.”

Siyasaa gartummaa qajeelchuuf furmaatoti ta`uu malan gosoota shan. Isaanis: (1) jaarmooleen siyaasa QBO hundi walitti baquudhaan jaarmaa ABOtti dabalamuu; (2) miseensoti fi deggertooti  jaarmoolee QBO siyaasa gartummaa lagachuudhaan jaarmaa ABOtti makamuu; (3) sirna gadaa foyyawee ijaaramu jalatti jaarmoolee siyaasa QBO tokkummaan hogganu; (4) jaarmooleen siyaasa QBO, gartuleetti gadi cacaban, dogongora darbe irraa baratuun waligalteen Tumsa Bilisummaa Oromoo (TBO) ijaarudhaan hogganummaa qindaaween hojii QBO fula-dura furgaasuu; (5)yookin filannoo kan biraan jaarmolee iddoo kudha lamatti (12) cacaban kessaa tokkichi jabaan tarsimoo fi toftaa qaroomee baafachuudhaan angoo argatuun bilisummaa Oromoo dhugomsuuf milkaawuudha.Siyaasa gartummaa qajeelchuudhaan moraa QBO tokkomsuuf sochii haaran walakkessa bara 2008 booda jalqabeera. Gartulee ABO irraa cabsatan gara ABOtti deebisudhaan moraa QBO ijaaruuf yaalameera. The OLF announces that after a series of talks under the mediation of its founders and senior members have agreed to reconcile and unify the organization by signing a major agreement on September 27, 201021.” Gartuulee siyaasa QBO walitti araarsuuf sochiin egalamee kun jaarmoolee siyaasa adda addaa birattis deggersa argateera. “Alliance for Liberty, Equality, and Justice in Ethiopia (ALEJE) extends a heartfelt congratulation to the OLF on this momentous victory that will certainly paves the way for successive victories: and it is confident that the OLF leadership will take prompt, decisive, and groundbreaking measures that will embolden its constituency to fire the torch of freedom3.”  “With a heartfelt gratitude, we in the ULFO would like to congratulate our brothers in the OLF for their courageous move to successfully complete the steps necessary to resolve their internal differences: and it sees this move as a step in the right direction of future journey to unify all Oromo forces so we can all stand against the enemy in unison20.”

Dina waloo injifatuuf waltumsuun qabsoo bilisummaa fi demokiraasi (QBD) fininsuun hojii murtessaa ta`uun waan hubatamuu egale ni fakkaata akka ibsoota ALEJE fi ULFO irraa dubbifamutti. Jaarmoleen biyya kessaa fi biyyoota hormaatti dinaan mormaa jiran hundi yookin ammi waalifgalan hogganummaa qindaaween QBD sochosuuf dursummaan qophaawu qabu. Qindoomina jaarmaan QBD ummata Oromoo fi ummatooti Itophiyaa hogganuuf haalli adunyaa yeroo mijatee jirutti, amma jaarmoolee hundi wliifgalanu yookin walittibaqanutti egganna jechuudhaan raatawuun badiisa siyasaa deebi hin qabaanne dhalchu mala. Fakkenyaaf bara 2002 fi 2008 gartuuleen jaarmaa ABO caccabsatan walitti baquudhaan jaarmaa ABO tokkomee hogganuuf fedha waan qaban hin fakkatu. Kanaafuu ABO, miseensoti jaarmaa ULFO, fi gartuuleen ABO yoo isaanif mijateef waligalteen jaarmaa TBO hundeesudhaan siyaasa QBO qindoominaan hogganuuf ofi qophessuu qabu. Jaarmaa TBO ijaaramee ergii sochiin qindoominaan egalameen booda jaarmoolee dina irratti QBD qindessaa jiran wajjin waligaluun Tumsa Bilisummaa fi Demokiraasi (TBD/AFD) tarsimoo siyasaa hiree murteefannaa ummatoota Itophiyaa irratti hundaawe haaressuudhaan sochowun waan dandetii ogummaa ilmaan namaa oli ta`ee gaafatu miti.

Takaallaa dinaa kutachuudhaan QBO fuldura furgaasuuf furmaati abdachiisaan tumsa ijaaruudha, sababii facawanii qabsaawuu qofaan dina, tumsa alagaan ijaaramee fi angawee tikfamaa jiru, injifatuun amansiisaa hin taanef. Dina injifatuudhaaf angoon dina caalani argamuun dirqiidha. Tumsa ijaaruun angoo siyasaa, angoo qunnamti alagaa, angoo humna namaa, angoo dinagidee fi angoo waranaa walitti qindeesuudhaan qabsawanii dina waloo injifatuuf milkawuun adunyaa kana kessatti waanuma barameedha. Fakkenyaaf humnooti adda addaa angoole horatan walitti qindessudhaan qabsoo sadarkaa adunyaatti hoggananiin impaayera Usumaan Turkii, raashistummaa Hitler, fashistummaa Mosolonii, fi abbaa-irrummaa moraa komunstii injifatuuf milkaawaniru. Hogganoti baroota durii fi bara ammaa hikkaa tumsa siyasaa hubatan kun biyyota isaanii irra taruun (darbuun) adunyaa bulchuuf angoo isaan mude horatan. Jaarmoolee QBD geggessan mitii motumooti biyyoota hogganuuf angoo ofi harkaa qaban angoolee waranaa, diplomaasii, fi dinagidee guddifachuun tikfachuuf jecha takaallaa gartummaa furgaafachuun waligalteedhan Tumsa tarsimoo ijaaratu. Kanafuu QBD humneesuun dina injifatuuf TBO ijaaru fi/yookin TBD (AFD) haroomsun warraqasa moraa QBOn hogganamu fi warraqasa moraa qabsoo demokirasiin hogganamu qindoominaan walifaana geggesuuf yeroon ofi qopheesudha.

5.    Xumura

Dhibbaa angoo qabeyyiidhaan ummati sirna gabirumaaf saaxilame tokko, wanjoolee sirnichaa ofi irraa cacabsun jirenya walabummaa gonfachuuf, qabsoo bilisumma yeroo geggessaa jirutti rakkoleen roga danuu qaban isa qunnamuun waan addaa (haaraa) miti. Kanafuu adeemsa QBO kessatti rogalee gantummaa fi gartummaan rakkooleen Oromiyaa kessatti dhalatan waanuma addaa miti. Akkuma kan Oromiyaa bara dheraa, biyoota adda addaa sirna gabirummaa jalatti kufan kessatti, baroota dabiran, gantooti dinaan bitamuun gara jabinaan lammii kessaa dhalatan irratti yakkoota hiriyyaa hin qabnee raawataniru. Jallini yakkamtotaa yoo hubannaan hin dangeefamneef QBO milkessuun hin salphatu.

Adeemsa hojii yookin qabsoo bilisummaa kessatti hojjetooti (qabsaawoti) waldhiibanii gartummaan gosa adda addaa dhalatuu mala; garuu dorgomiin gartummaan geggefamu dina waloo kan angessu yoo ta`eef hojiin hojjetamuf yookin qabsoon geggefamuuf saganteefame ni midhama, hikkaas ni dhaba. Yeroo hundaa adeemsa hojii kessaa rakkoolen (waldhibdeen) dhalatuun ni jiraata. Rakkooleen dhalatan mijuu fi fallaa ta`uu malu. Rakkooleef yeroon furmaatoota arguuf milkomuun hundee qaroominaa fi guddinaati; garuu rakkooleen sirnaan hin furamin yoo turan fi sirna-malee yoo furaman gara faallaatti guddatun riqicha (dandii) farreen ittin moraa QBO kessa seenanii jequmsa omishan ta`uu malu.

Hogganoti siyaasa bilisummaa Oromoo gartummaa jallisuun moraa QBO kessatti afaan faajjii babalisan irraa jequmsi dhalate, babalataa waan ademeef, hojiin QBO milkomina dhabuudhaan sirni gabirummaa tumsamaa jira. Dinooti kenya yeroo hundaa garaa-gar nu qoduun walitti nu diruuf qabsaawu. Silaa akka hawii dinootaa, gantotaa, fi ergamtoota dinaaf ummati kenya garaa-garummaa amantaa fi gosaan wali-dura dhabbatee walifixa ture. Garuu ummati kenya, Oromoo, biyya jiruu fi biyyoota hormaa baqatee jiraatu amantaa fi gosummaan walitti duluun wali hin lolle. Ummati kenya, Oromoo, ummata bilchina qabuu fi fagessee yaaduudha. Kanumaafu ummati Oromoo tokkumaa sabaa kabajee waliin jiraate.

Jaarmooleen QBO hogganan, dogongora baroota darbanii muxannoon sirreefachaa fi waan kessa jiran sirnaan xinxalanii hubataa, fulduree QBO tottolchuuf ofiin ofi dammaqsu qabanu. Silaa jaarmoolen QBO marti, hameenya gartummaan amantaa fi gosaa baatee adeemu, ummata hubachisu turee. Garuu senaa gootawan Caamsaa 15 bara 1980 fi ummata irraa baratuun gara siyaasa safuu Oromummaa edateetti guddatuun tokkummaa qabsaawotaa tiksuuf murachuu,hojiin QBO galii xumuraa haa senuuf!”

Ijaarsa jaarmoolee QBO gara sadarkaa angoo dinaa injifatutti oli guddisuuf tarsimoo fi toftaa siyaasa QBO yeroo wajjin foyyefame kessaan tumsa ijaaruu fi/yookin foyyesuu irra furmaati gara hojiitti hikuuf mijatu kan biraa waan jiru hin fakkaatu. Kanaafuu jaarmooleen QBO hundi waliin yookin jaarmaan ABO qofti takallaa gartummaa furgaasuudhaan furtuu (jaarmaa TBD/AFD) suqa kessatti dameesa`e sana haareefachuun sagantaalee QBD kessaan warraaqasa Bilisummaa fi warraaqasa Demokiraasi walicina dhalatuuf malan hogganuumaa qindaaween to`achuudhaan mirga hiree murteefannaa ummata Oromoo fi ummatoota Itophiyaa dhugomsuuf ifatti murteesudha.

Ragaalee

1.      ABO 2010. Akkaataa Amajjii 1, guyyaa WBO itti ayyaaneffatamuu jalqabe

2.       Addis Voice, 2006. Oromo alliance kicks out OLF for joining AFD. Marsaa internet: http://www.addisvoice.com/OLF_kicked_out.htm

3.       Alliance for Liberty, Equality, and Justice in Ethiopia (ALEJE). 2010. Oromo Liberation Front Resolves Internal conflicts and rededicates itself for the historic struggle for Freedom, Democracy, and Equality. Marsaa internet: http://www.timret.org/http://www.ginbot7.org/Press_Release/Press_release_ALEJE_about_OLF_01_10_2010.htm

4.       Dirribii Damusee Bokkuu, 2008. Ilaalcha Oromoo (Kitaaba Aadaa, Seenaa, fi Duudhaa Oromoo. Oromia Publishing LLC: Atlanta, Georgia, USA.

5.       Ethiopia review 2008. Shake up in the OLF leadership. Marsaa internet: www.ethiopianreview.com/content/3018

6.       Gadaa M. 1988. Oromia, an introduction. Khartoum: Sudan.

7.       Guutama I. 2003. Prison of conscience (Upper compound Maa`ikalaawii, Ethiopian terror prison and tradition. Gubirmans Publishing. New York.

8.       Hassan M fi Maatii D. 2008. Goota Oromiyaa. Oromia publishing LLC.  Atlanat Georgia.

9.       Ibsa Bu’uressitootaa fi Miseensota Buleyyii ABO , 2011. Geessifamuu Tattaaffii Keenyaa. Marsaa internet: http://bilisummaa.com/index.php?mod=article&cat=Oduu&article=1822

10.    I FLO. 2005 Resolutions of the 13th congress, the councils of leaders of IFLO.  24th – 29th September 2005.  Marsaa internet: www.fidohome.org/cong13.html

11.    Irkoo AT, 2009. Qabsoon Oromoo, Eessaa Karam. Trykk (Maxxansaa): mastertrykk.no

12.    Jammo   D. 1994. Amala waaqefannaa saba Oromoo. Mana maxansaa Bolee. Finfinnee

13.    Mulataa, Z. 2011. Bilisummaan Oromoo angoo siyasaan dhugooma. Marsaa internet: http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Bilisummaan%20Oromoo%20Angoo%20Siyasaan%20Dhugooma.htm

14.    Mulataa Z. 2010. Antidemocratic system of governance in Ethiopia under absolute dictatorship of TPLF regime. Marsaa internet:  www.elvinmiradi.com/.../antidemocratic+system+of+governance+in+ethiopia+under+absolute.html  Indonesien

15.    Mulataa Z.  2010. Political nongovernmental organizations (NGOs) and governmental companies in Ethiopia. Political roles of local NGOs and governmental companies under the ownership of TPLF/EPRDF regime. Marsaa internet: www.elvinmiradi.com/topik/zakaariyaas+mulataa.html

16.    Reuters. 2010. Ethiopia says over 100 Oromo rebels lay down arms. Marsaa internet: http://uk.reuters.com/article/idUKLDE60G0G8

17.    Sabaa M. 2007. Daaniyaa: kitaaba Aadaa, amantii fi eenyummaa Oromoo. Oromia Publishing LLC: Atlanata, Georgia, USA.

18.    Senbeto B., Alemayehu H., Boshi G., Daniel D., and Umer N. 2004. History of the Oromo to the sixteenth century. Artistic priniting enterprise: Adaamaa, Ethiopia.

19.    TBOJ. 2006. Ijoo dubbii: Dhugaan ni qallatti malee hin cittu. Biiftuu Bilisaa 4 (1): 2.

20.    ULFO, 2011. ULFO congratulates the OLF’s move to reconcile and reunify its factions. Marsaa internet: http://gadaa.com/oduu/8470/2011/03/22/ulfo-congratulates-the-olfs-move-to-reconcile-and-reunify-its-factions/

21.    www.ethiopianreview.com. OLF resolves its internal crisis. Marsaa internet: www.ethiopianreview.com/content/29631

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved