Qaabata
mirkanii qabsoo Oromoo tokkoo
tokkoo. Ibsaa Guutma tiin
Si’ana waa’ee
ABO hima mimiciirama duulaagaloo
abbaawummaan itt hin dhagahamne,
bartuu fi maqamalee irra afaan
halagaan dhagahaa jirra.
‘Ishooyee!’ gatattuu fi gargar
baaftuun o’anii daangaa darbaa
jiru. Barreessaan kun kan
darbett qubaa dhahuun madaa
irraanfatame kulkulfachiisuu dha
jedhee amana. Kan ulfina qabuuf
iccitii murnaa eeguufi dhugaa
dubbachuun filmaata hin qabu.
Ilaalchi dabaankufootaa, yeroo
haalamu isaan ka’anii ofirraa
facisuu waan hin dandeenyeef
qabatteen kun hanga tokkoo ragaa
bahaaf jedhameetu. Kan darbe
yeroo anjaa nu dhabsiisa jennu
kan dhoksannu, waa butachuuf
barbaachisaa yoo nutt fakkaatu
kan mullisnuu tahu hinqabu.
Yeroo taphaa akkasii keessatt
kan darbe guutuu dhugaa akka
calaqsuuf osoo hin tahin
kukkutame yk miminniqfamee akka
itt galu qofaaf yoo ni tolfama
tahe daga sadarkaa tokkoffaa
taha. Hariiroon keenya guyyuu
roga beekamaa yoo hin qabanne
fakkaattii miira keenya isa
dhokfachuu feenu gad baasuu akka
dandahu beekuu dha. Barreessaan
kun barruu kana kan dhiheesse
qooda saa gadamoojjummaa gita
isa dhumaa akka barbaade of
ifsuutt.
Erga
Oromiyaan qabamtee jaarraa lamaa
oli; erga qabsoon walabummaa
waalta’e eegalamee kurnan afur
taha jira. Hoogganni jara
qabatee kan “Mootii Mootota
Itiyoophiyaa fi Biyyoota
Gaallaa” ofiin jedhe
(waliigaltee Addis Ababaa 1886)
bulcha hamaa se’achuun nama
dhibu saba Oromoo irratt fe’e.
Akka dilormicha qaama irra
ciruun, ajjeesuu fi garboomsuun
walakkatt gadi cabse himama.
Isaa as abbaa hirrooti afur
irratt wal jijjiiranii hammeenya
sanaa gad hin taanee itt
agarsiisaa jiraatan. Jireenya
ummatichaa irratt too’annaa
cimaa godhan iyyuu barbaraaf
cunqurfamaa ukkaamsanii
tursiisuu hin dandeenye. Yeroo
xiiqiin biyya ofii keessati akka
gadgalooti ilaalamuu, haddhaan
jireenya samicha akka malee irra
ka’e, hacuuccaa namummaa baasuu
fi rorroon mirga Oromoo al
tokkoo sodaatamaa fi boonaa ture
irra sadarkaa hin danda’amne
gahu warraqsi Oromoo qabsiifame.
Kanneen qooda fudhachuun kitimaa
tahan yeroo hogganooti fi
jaallewwan saanii waliin kakatan
akka kaayyoo hin ganne fi
rorroo, maqaa balleessa, duula
holola hin taaneen irraa hanga
injifannoott yk afuura isee
dhumaa fudhatanitti facisu
se’anii turan. Garuu faallan saa
ta’uun gara nama nyaata.
Fincilli
Oromo altokkoon hin taane. Garuu
rakkina ummatichaa waliigalaa
ititaa calaqisuu kan dandahe isa
ABOn eegalame. Sagantaa ABO isa
qaraa “Buusaa akeeka malbulchaa”
jedhu jalatt akka akeeki
bu’uuraa qabsichaa mirga ofii
ofiin murteeffachuu sabichaa
mirkaneessuu fi ummata Oromoo
saamichaa fi hacuuccaa jalaaa
bilisoomsanii “Demokratik
Republik Oromiyaa” dhabu jedha.
ABOn yooma sana Oromiyaa kolonii
Ethiopia tahuu seetii fi
dhabooti malbulcha jiran hundi
uumaa Nafxanyaa tahuu saanii
labse (Bakkalcha Oromo lak. 1).
Dargaggoon
Itiyoophiyaa akeeka
demokraatawoo hedduuf qabsaawaa
turan. Garuu dhuma irratt
ilaalcha gara garaa caalaan
soshalistummaa fi bilisummaa
Sabaa tahett gargar bahanii
hafani. Jara sana gaaffiin sabaa
empayerittii keessatt finiinaa
jirachuu kan argan. Habashaan
ala jiran yaadicha xobbeett
qanxasuuf dhama’anii dadhaban.
Kanaaf sagantaa saanii keessatt
badii caalaa to’achuuf haala
duree waliin “mirga sabootaa
hiree ofii ofiin murteeffachuu”
galchuu yaalani turani. Hedduun
yaa’a qabsichaa keessa
“dhiphinni sabummaa” qabsoo
gitaan ni firrisama jedhanii
yaadu turan. Walqixxummaa
ummatootaatt amanuu saanii
shaakala saanii keessatt mamii
malee agarsiisuu hin dandeenye.
ABOn dhaaba
bilisummaa ofiin bulaa dha.
Gaffiin saa dhaaba biraa waliin
dorgommee xexxebaf osoo hin
tahin seenaa fi gidira Oromiyaan
keessa turte irratt bu’urfame.
Warraqxoti
Oromoo kan as bahan bara sochii
tokkummaa Afrikaati. Bilisummaan
Oromiyaa bilisummaa Afriikaa
guutu godha jedhanii amanani.
Akka sagantaa saa bara 1976
fo’yya’eett, ABOn deggersa
tokkummaa dhugaa ummatoota
Afrikaaf qabu fi saboota biraa
waliin gara walqixxummaa, fedha
walfakkaataa fi akeeka fedhaan
waldaa ummachuu irratt
hundaawuutt hojjechuun akka
dandahamu hubachiisee ture
(kutaa VII angoo 7&8). Akka
holola deggertoota Dargii fi
oftuultotaa biro osoo hin tahin
ejjennoon ABO kana ture.
Sochiin
bilisummaa Oromoo jalqabumaa
ofiin bula Oromiyaaf ture. Qooqi
“magganxal” (fottoqfamuu) jedhu
seenaa Oromoon akka ofiin bulaa
ture irranfachiisuuf karoorfamee
diinotaa fi jala kaattuu saaniin
kan darbatame. Afaan qabsaawaa
Oromoo keessaa yoo bahu foolii
gaarii hin laatu. Qabsoon Oromoo
goototi lakkoofsa hin qabne
gaaffii walabummaaf kan itt
dhumani.yaayyoon qabsichaa fi
tooftaa fi tarsimoon yayyabaman
akkasumas arsaan bahe hundi
sagalee tokkoon waliigaleetu.
Garuu isaa as leellistuun
kolonummaa hedduun fura addaa
itt kennuun seenaa jalqaba
guddicha sanaa jallisuu
yaalaniiru. Akka yeroott keessa
deebi’uu fi foyyessuun ni jirata
garuu yaada booda namatt dhufee
akka tolu yk waan haaluun hin
danda’amne golguuf bu’uura
sagantaa jalqabaa miciiruu
yaaluun qaanii dha. Yoo garaa
qulqulluun yaadi jalqabaa akka
jijjiramu barbaadan eenyuu yaada
ofii dhiheeffachuu dandaha;
sanaaf heerri ABOs tartiiba
tolcheeraafi.
ABOn dhaaba
fedha qaboota maaltu akka irra
eegamu beekaa itt seenaniiti.
Ergasii dhalooti haaraa hedduun
bilisummaa biyya abbaaf itt
galaniiruu, ammas ittuma timaa
jiru. Kaayyoo ganamaa isicha
ofiin bulummaa gaafatuuf ta’ee,
isa dheessitootaan keessa
deebi’ameef kan qabsaawan tahu
bareechanii beeku. Qabsich
akkamittii fi eenyuun akka
jalqabame amma waan seenaati.
Tarkaanfii duraaf sabichi
“ishoo!” jedha; garuu kan dhimma
baasu waan amma tolfamaa jiru
malee isicha dabre miti.
Tarsiimoo fi tooftaan faana
kaayyoo sabaa utuu gad hin
dhiisin, haala amma jiru heduu
qaba. Ati qabsaawan tokko, jara
“ofiin bulummaa kan gaafanne
beekaa osoo hin tahin dogoggoraa
nuu dhiisaa jechuun kanneen
koloneeffataa jilbatti kufanii
baraartii gaafatan moo, kanneen
“Matumaa, hoogganooti
koloneeffataa fi kanneen bakka
bu’uuf batattisan, jireenya
gadadoo sirni saanii hanga
yoonaa koloneeffatoo irraan
gahef aagii tufsiifatan malee
firummaan hin jiru” kan
jedhanitt gorta? Amma eega
kaleessa maaltu turee dhiisi kan
amma filattu waliin joga’i.
Hardhas kanneen qabsoo
walabummaa sararaa dhumaan
gahuuf qophee tahan kumkumootatu
jira. “Turanii fi hin turree”,
seenaa saanii keessa jiru osoo
hin laalin, tokkoo tokkoon
dhaloota dhufuu filmaata ofii
bilisa tahe hordofa. Goobanoota
yoo hin taane kan tokkoon bulu
yeroo hundaa walabummaaf lolata.
Qabsaawoti amma akka eessa
dhaabbatan labsuu malee kaleessa
akka eessa turanii fi eenyu akka
turan miti. Kaleesa seenaaf
cuqqaalanii kaa’uu dha.
Qabsichi
hanga yoonaa jija dinqisiisoo
tahan galmeessee jira. Abdiin
jiru caalaa calaqqisoon siichi
akka dhufani. Osoo ABOn hin
jiraanne maqaan Oromoo, Oromiyaa
fi hogganoota saanii empayericha
keessaa fi addunyaa dhimma qabu
biratt maqaa guyyuu dhahaman hin
tahan turani. Haleellan
fashistaawaa tahe maqaa ABOmmaan
ilmaan Oromoo nagaan jiraatan
irratt koloneeffattu xeellaan
tolfamaa jiru kan nama
gadoodchu. Sun gatii bilisummaa
kan isa malee nama ofiin jechuun
hin dandahamneeti. Filmaati jiru
miidhama fi arrabsoo obsanii
jiraachu yk ofirraa facisaa
aarii diinaa ija baasaa dhufu
dandahuu dha. ABOn lafa irras
onnee fi sammuu sabboonotaa
keessas ni jiraata. Dorsisa,
gana, hidhaa yk guraarri, haquu
hin dandahu. Mirkanii
jajallisanii dadhabbii fi
hanqina ofii golguu yaaluun
beekaa tahu Oromoo gaaffii jala
olchuu dha. ABOn hirdhina akkaa
fi akkamaleen kan ka’e imaammata
hojiirra ollchuuf humna guutuun
hin bobbaane. Nammi tokko qabsoo
Oromoo sochi ayyaan laalatummaa
dhimma hin baafnef wareeguu irra
kana amanuu qaba. Sun toofta
mararfannoo halagaa argachuuf
tolfame yoo tahe taliilummaa fi
hirkoon tarsiimoo waan hanqatuuf
toofta daallichaa, eenyuunu kan
gowwoomsuu hin dandandeenye.
Duubbee ofiif itt gaafatammi
mata mataa fi waliigalaa akka
jiru beekamuu qaba.
Oromoon nagaa
jaallata garuu nagaan hawwa
gartokkeen hin argamu. Kanaaf
waliigalteen nagaa jiraachuu saa
dura Oromoon hojiirra oolchuuf
haala dandeessisuun of gahuu
qaba. Waan akkasiif dhaabi
itite, miseensoti hin daddaaqnee
fi dudhama qaban jiraachuun
dirqii dha. Kanaan dura
waliigalteewoti fashaluun badiin
gahe hamma hin qabu ture. ABOn
harka nama qabuuf gad bahuu
dura, mana saa soneeffachuutu
irra jira. Felencoon tokkoo gadi
bahee of gurgurachuuf maqaa
dhaaba guutuun qaanii malee
qaama sadaffaatt of dhihessuun
waan kolfaati. Jarri tolcha
sobaa tahuu saa beekaniyyuu
hololaaf ni taha jedhanii
fudhatani. Yeroo ofii burjaajii
keessa jiran kana, isaaniif ABOn
gargar bahun eebba.
Gaaffiin
Oromoo walabummaa utu jiru kan
mootummaa Itiyoophiyaa waliin
nagaa akka buusu dhiibbaan
irratt godhamu murnoota ABO
qofa. Sana jechuun oso hin
xiixin qabamsa jala jiraadhu
jedhamee kan itt himamu isa
gagahame jechuu dha. Akka
dudhaatt eenyuu hanga hoodi
gumaa raawwatutt kan fira saa
ajjese waliin nagaan hin jiratu.
Faloo bahuuf tarkaanfii araaraa
isa dura kan fudhatu isa miidhe.
Ammas gaga’aa fi gaaga’amoota
gidduutt nagaa busuuf tartiibi
hordofamuu qabu sana.
Koloneeffataan, giddu deemoo fi
jaarsoliin, gaga’amaan mirgi
irra haqamuu, roorroo fi
fixiisaa ummataa irratt jaarraa
oliif xiyyeeffatame heduu
dadhabu. Gaaffiin Oromoo
furmaata argachuu kan dandahu
yoo gaaffiin ofiin bula saa
bu’uura naga irratt akka tuqaa
isa jalqabaa tahee dhihaate
qofa. Gaaga’amaan heera halagaa
akka fudhatuu fi humna isa
qabateef kakuu amanamummaa akka
galu yaada dhiheessuun
hangamessa kamiinu qajeeltummaa
hin qabu.
Rakkinni jiru
ofirrummaa abbaa hirree qofa
osoo hin ta’in ejjennoo cimaa
dhabuu gurguddoo dhaabaa,
akkasumas jarsoliin araaraa
gaaffii Oromoo sirriitt
qayyabachuu dadhabuu dabalata.
Hunda caalaa murnooti waan
lallabanitt hin amanne dhaaba
keessatt sussutamanii jiraachuun
guddina qabsoo sabaa hubeera.
Sababa saaniin kaasaan Oromoo
battala adda addaatt akka hin
taanett ilaalamaa jiraate. Akka
tahes haa tahu qabsicha
hankaaksuuf maqaa Oromoof ulfoo
tahe “ABO” hin tuqin malee
saddeeqa adda addaa taphachuu ni
dandahu. Maqaa sana jalatt
hedduun kufaniiru qabsichi akka
itti fufuuf kitilli bobbahanii
jiru. Kanaaf eenyuu kaayyoo saa
foyyessuu haa tahu murtee du’aa
itt mallatteessuuf mirga hin
qabu.
Gaaffiin
Oromoo gaaffi bilisummaa fi
ofiin bulumaati. Gaaffii ummati
mirga dhimma saa irratt
murteessuu akka shaakalu
aangessuu. Gaaffi empayerichaa
bulchuuf dorgomuu miti. Jaarmota
torbaatamootaa waliin
garagarummaan saanii sana yoo
tahu hardhas OPDO, OPCO, WAFIDO
fi kan biraas waliin sanuma tahe
hafe. Isaan ashkarii dha, ABOn
garuu nakkarii dha. Kan
mootummaa Itiyoophiyaa haa tahu
jarmiyaa biraan ABO walitti
fiduu barbaadu sana irra ka’uu
qaba. Yoos qofa kan wanti irratt
dubbatamu fi hobbaatiin hedamu
taliilummaa kan argatu. Hanga
Oromiyaan kolonummaan jirtutt
harka kennachuun hin jiru.
Itiyoophisoota ABO isa dhugaa
seerawummaa dhabsiisuuf sobaan
hirree gaaddisa Minnesotatt
dhimma bahuu yaalanii fashalan
irra barumsa argachuun
gaariidha.
ABOn
mootummaa empayera Itiyoophiyaa
angoo irra jiru kamiinu haa tahu
waldhabdee nagaan furachuuf
imaammata dhaabbataa qaba.
Aanga’aan akkasii heera qabaatee
dhiisee iddoo Ityoophiyaa bu’ee
Oromoo qabachuun saa mirkanii
dha. Dhimma kanaaf gabbaarii
ittiin bulchuuf seera ofii kan
hayyama saanii hin feesifne
qaba. Ittiin buluu malee
filmaata hin qabani, haleellaa
sodaatu. Kanaa fi hariiroon
koloneefamootaa fi heera amma
jiruu akka qabatteett dhihaachuu
hin qabu. Gaaffiin biraa kamuu
kan mirga seerawaa Oromoo tuqu
akka haala dureett dubbiif hin
dhihatu. Dhoofsisi ABO fi
mootummaa Itiyoophiyaa gidduutt
tahu akka itt heera saa angoo 39
hojiirra olchan tahuu dandaha.
Gara sanatt hojjechuu jalqabuun
jabinaa fi qulqullina garaa gar
lachuu fi gara kanneen diriira
nagaatti fiduu yaalanii fedha.
Sana qofatu nagaa egeree fi
jireenya badhaadhinaaf hundaaf
iggiti taha.
Akki sochiin
bilisummaa sabootaa fi jaarmoti
malbulchaa sabhedduun bulcha
Mallas itt ilaalan adda addaa.
Jarmoti sabhedduun karaa fedheen
“algaa” Minilik inni irra taa’u
irra gatanii ofii fudhachuu
barbaadu. Saba saanii malee
sabooti bira empayeriti keessa
jiraachuu beekuun saa akka gana
dhaalmaa walharkatt qaba
Afrikaatt fudhatu. Sochiin
bilisummaa Oromiyaa keessaa
baasii malee “algicha” irra
dhimma hin qabani. Sabummaan
beekamuun seera dhalootaa malee
kenna nafxanyaati jedhanii hin
fudhatani. Kan isaan gaafatan
waraana kee Oromiyaa irra
dachaafadhuu dha. Xaxatee
sokkuun Oromiyaa Oromiyoof
dhiisutu irra jira. Akka isaan
yaadanitt kun yoo koloneeffataan
lola malee hin jenne kan
salphaatt tahuu dandahu.
ABOn 1998 as
heera haaraa foyyese yk tume hin
qabu. Jira kan jedhamu yoo
jiraate akkuma jara abbaa itti
tahanii seraa alee dha; kanafis
konkaa gatii hin qabne. Hanga
Korri taa’ee jijjirutt kaayyoon
ABO isuma heera fi
barruunqaboota 1998 keessatt
haammatame. Hanga yoona mariin
(debate) waa’ee walabummaa
Oromiyaa ilaalu kanneen Kora
irrati jilaan tahan malee ifatt
mariin hafee yabboo mareef
qophawe jedhamu marraagummaa yoo
hin taane hin agarree. Kan nuti
beeknu utuu ABOn hin bu’urfamin
raawwate. Mariin sadoon tahe yoo
jiraate hin beeknu. Kanneen
kaayyoo irra dhibee qaban, isa
garri caaluu hordofuu alatt
yaadoota addaa ugganni
fudhatanii bahanii hin beekanii.
Garuu hojii suutessuuf tooftaa
biraatt dhimma bahanii mamii
miseensota gidduutti
facaasaniiru taha. Kan isaan
onnatanii addummaa saanii
himachuutt kahani dhihooma kana.
Ammallee marii ambaaf hin
dhiheessine.
Sun lola
qabanaawaa saanii xumuratani
saba saanii fi ulfina ofiirra
kan fedhe haa gahu jechuun
baaquleessaa akka labsuuti.
Harkifannaa fi gocha gaga’aa
saaniin dhabichi hanga diinni
itt gamadutt selkate. Sun tahus
ammallee kanneen diinaa hin
guggufnu jedhanii kaayyoo ganama
waliin hafan hedduu dha.
Kaayyich dhaloota haaraatt waan
darbee jiruuf walitt fufiinsi
qabsoo walabummaa yaaddessaa
miti. Garuu ammaaf hanga diinni
itt basha’utt miidhamus
haajjisummaa bahuutt jiraachuun
saa mamii hin qabu.
Saba Oromoo
irra gidiraa baachuun hin
dandahamne gahuun kurnan afur
dura warraaqsa Oromoo qabsiise.
Gaaffii guddaan warraaqsicha
mirgi sabaa hiree sabummaa saa
hangaa walabummaatt ofiin
murteeffachuu fi Demokratik
Republik Oromiyaa dhaabbachuu
ture. Yoo tahemmoo jechuun gara
tokkummaa dhugaa ummata Afrikaa
fi saboota biraa waliin
tokkummaa uumuutt hojjechuun
akka dandahamu kaa’eera.
Mootummaan Itiyoophiyaa si’anaa
seera saa olhaanaa keessatt
“mirga saboota hiree sabummaa
ofii ofiin murteeffachuu”
galcheera.
Araarri nagaa
buusuuf tolfamu tokkoo ayyaana
angoo heera sanaa calaqisuu
qaba. Naannaa kana qabattee jiru
xumuruu kan dandahu ooffalcha
ormaa (referendum) sanaaf
tolfamu. Hanga yoonaa Oromoo
raateffamantu Itiyoophiyaa nu
godhaa jedhanii iyyatu malee
Itiyoophiyooti kana isinii goona
jedhanii gad bahanii hin
beekani. Tokkoo tokkoo Oromoon
akka fixa naama jaarraa oliif
irratt raawatee fi harka muraa,
arab muraa, harma mura, gubaaa,
hanga yoonaa dhiigi saanii hin
gogin irranfachiisuuf ajeechaa
namoota yartu yakkaa hin
beekamneen tolfame garu ABUT
hololaa safu malee irra tolfatef
yoo akka malee ABO komatan
dhagahamu. Oromoo tahe
Oromoomitii dhiigi qulqulluu
akkasumatt dhangala’ee hafuu hin
qabu. ABOn waan darbe alanfachaa
hin jiratu, rakkinni oftuultuu,
maqxuu fi dheessituu
jiraatullee, xaxaa hundaa
keessaa bahee sabicha hogganuun
injifannoon ni gaha. Republik
Oromiyaa of dandeessuunis fedha
ummataan ni dhaabatti.
Ulfinaa
fi surraan dabaankufootaaf;
walabummaa, walqixxummaa fi
bilisummaan kan hafaniif; nagaa
fi araarri Ayyaana abboolii fi
ayyoliif haa tahu!
Ibsaa
Guutama
Onkololessa 2011
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota
saganta ABO isa jalqabaa baasan
keessaa tokkoo