| Nutii
Oromoonnii biyya Hambbaa jirruu baa'een kenya
baqattota Botolikaa mitii.
BY Rudassa Eshete 2001
Akkum isinuu xuqxxan
hundda, eyyee hunddeen dadhabbii Oromoo biyya Faranjii
fedhii qabenya horachuu waliin wal qabateetu
jira. Nutii Oromoonnii biyya Hambbaa jirruu
baa'een kenya baqattota
Botolikaa mitii. Oromoonis haata'u
Habashoonnii biyya Hambbaa jiran, baqatoota
dinagddeetii. Namnnii dhugadhumattii Habashaa baqatee
biyyaa ba'ee xiqqodha. Jarri kunis, namootii qabenya
ga'aa otu qabanii rorroon itti hammaannaan baqatee
biyyaa ba'edha. jarri akkasii baa'yee xiqodha. Yoo
ittii yaadnnee illaallee, Oromootaa biyya alaa jiraataan
akka kanaan gadiittii hiruu ni danda'ama.
1ffa. Warraa barumsaaf
jedhanii biyyaa ba'anii achumaan hafan
2ffa. Warraa maqaa
afeerraatiin biyyaa ba'anii achumaan hafan
3ffa. Warraa mootummaan
Darggii alatti ergee achumaan hafan
4ffa. Warraa Dargiidhaaf
hojjechaa turanii garuu Dargiin kufnaan Tirgee
sodaatanii baqatan
5ffa. Warraa Maqaa
Oromootiin jiruu ofii qajelfachuudhaaf jedhanii
baqataa fakaatanii biyyaa ba'an
6ffa. Warraa Miseenssaa
dhaba ABO fii kkf ta'anii karaa baqaa bekudhaan
ba'an
Yoo jara kana ilaallee egaa, warrii Masterssiidhaaf
biyyaa ba'anii PHDdhaaf itti fufanii sana boda biyyatti
deeb'ii jibanii hafan, jiruu ofii tolfachudhaaf hafan
malee Oromodhaaf jedhanii biyya Hambbattii hin hafnnee.
Anum mataa koo dabalatee, namootii baa'een barumssaf
biyyaa baanee alatti hafnne. Nus ta'e jarriin kanaan
olitti xuqee fi kan hafanillee, jiruu mataa ofii
tolfachudhaaf ijaa biyyaa baniif, qabssoo Oromoollee
karaa irraa bu'aa ittiin arrggannuun yadnna jechudha.
Namnnii bu'aa mataa ofiitii jedhee hojetummoo wal loluun
isaa, wal jibbuun isaa, wal goomachuun isaa, wal sobuun
isaa, wal mamuun isaa, wal gurguruun isaa, wal xaxee
walkufisuun isaa beekamadha.
Dhugaa yoo dubbannee, namnnii Tirgeee jibbee Finfinnee
irraa baqatee Amarikaanii hin dhaqu Bosona dhaqa malee.
Namnnii Tirggee yookin Amara baqatee biyyaa ba'ee
Amarikaanii dhaqee durbba Amaraa hin fuudhuu irraa
baqata malee. Garuu, dhugaan jiru, Oromoon maqaa
Oromootti qabatanii biyyaa Amarikaanii dhufan ba'een
afaan Amaraa dubatu, durbba Tirggee, kan Amaraa yookin
Guragee fudhuu. Isaan kaan Amara waliin suqii banatuu.
Maqaa ofii gara Amaratti jijiratu.
Warrii maqaa Oromoo pasporttii godhatanii ittiinis visa
arggatan, gaafaa Amarikaanii ga'anii calqabaniituu karaa
barumssa ofii ittiin fixan, karaa makinaa har'aa ittiin
bitatan, karaa mana bareedaa ittiin ijaarattan fii karaa
ittii nama guddummaa ofii argisiisan
soqachaa/barbaaddachaa olaanii bulu. Egaa jechii koo
"the welfare of the diasporic Oromo" jedhuu yada akkasii
irraa burqqe.
Mee maaliif ilmaan Oromoo magaalaa tokko kessa jiran
ji'a tokkottii gaaf tokko wal arganii waan Oromoo
hasa'uu dadhabuu jennee wal haa gafannu. Gaafii akkasii
irraa deebiin nutii arrggannuu; Namootiin baa'een ijaa
YEROO HINQABNNEEFII deebii jedhudha. Maalfii yeron
Oromo jalaa badee Habashaadhaaf arrggamuu danda'ee?
jennee yoo of gaafannemmoo, deebiin nuti ofii kennuu
danddenyu mmoo, namootiin hunddii hin hojjetuu yookin,
maa'ii waan Oromoo itti calu qabuu jechudha. Garuu,
namnnii Oromodhaaf jedhee biyyaa baqate attamittii
barumssa fii jiruu biraatiif carraa kennee waa'ee ittiin
biyya baqatee hiraanfata? Hammas deebiin kenya, durumaa
jarrii kun Oromodhaaf jedhanii biyyaa hin baaneedha.
Egaa,asinis jennu achiin, xumurri dubbii kenya, Oromoon
baa'een bu'aa mataa ofii ari'aa olee bula kan jedhu
ta'a. kanfan egaa " the walfare of the Oromo diaspora
as a divisive element" jechuu fedhe.
Rudassa-dha
18 Jun 2001, 3:55 AM
|