|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Oromoon Bilisoomee Abba Gaanfa Afrika ta’uu qaba. Baratan gaafi hunda ishee deebisen ‘A’ argadha jeedhe qormatati ta’uu ‘A’ argata, bartan homa miti ‘B’ nani argadha jeedhu ‘C’ sabab isaa murannoo fi qoophi hin qabuu jeechudha. Ummata miliyoona 50 utuu qabnuu barsisuu, damaqisuu fi ijaruu dadhabnee sababa adda adda himachuun Habasha Harma hooduuf kan figan sanyii barata ‘B’ argadha jeedhe ‘C’ argatuu sana. Oromoon Harma Hosisa malee Harma Habasha hoodhee hin beeku, Oromoo harma diina Hoona jeedhuu baran yerro jalqabaf USA Dalasiti, Atlanta fi Germanti dhageenye. Abboo? Haatii Oromoo namoota atamii dhaltii ? diina keenya kaleeessa harma fi harka haadha keenya muree hara mal dhaga’’ee harma isaa isiin hosisa?. Nu namicha harma fi harka haadha keenya muree haarma kee nu hoosisi jeenee slphachuu manaa dhu’aa wayya jeena. Namoon Ejjeennoo hin qabnee, offitii hin amanee bilisummaa Oromoo shakuu maluu. Gamta Oromoo cimsuu fi tumsuu dhissani Gamta diina jabeesuu fi jala adeemuun qanidha. Goocha isaantii salfachuu utuu qaban “Smart” ofiin jeechuun isaani amoo du’aa. Bilichiina Siyyassa, Ogummaa fi dandeetii gudda hunda caaluu kan qabuu Haile Fidaa Habasha amanee ijoolee Oromoo qaqaroo fudhatee waregamee gaafa sun utuu Gartuun Bilisumma Baroo Tumsa Magarsa Barii faa fi Gartuun Meisoon Haile Fidaa faa tokko ta’aan dubiin xumurameete ture. Haile Fidaa Oromummaa isaati cimma hunda caaluu fi Ganfa Afrika hunda iyuu kan Oromooti waan ta’eef hunda wal dukka Oromoon bulchuu qaba ejjeenno jeedhu qaba ture. Garuu Habasha Amanee utuu hin milka’iin hafee. Gaafa bara 2005 utuu OBK Habasha waliin hiriruu dhisee WFDO waliin tumsa umatee ta’ee Sagalee Oromoo karumaa hunda ol ka’aa ture. Embassyiin Heedun fi bakka bo’oon Europa gamta wara Ethiopia OBK dabalatee akka Ethiopiati yamuu hasofsisan WFDO amoo akka bakka bu’aa Oromooti qoofati hasofsisuu turan. WFDO Mirga ofiin muriteefaa fi Bilisumma Oromoo waan amanuuf. WFDO fi OBK bakka hundati wal dorgoman wal kufisuun isaan Qinjitii ykn TPLF caara mo’aachuu baneef, kun bakka filaannoo hundati argama ture. Oromoon WFDO filaatee fi Oromoon OBK filatee erga mo’ataman booda dogogora isaan baran wal hamatan bo’aa turan. Keesumati “Bushoftuuti dorogomiin WFDO fi OBK gada yoomi ilee hin hirnfatamnee ta’ee darbee, sababin isaa WFDO kan bakka butee Haadha man yamuu tatuu OBK kan bakka bu’ee amoo Abba Mana ishee ta’uu isaati lachanuu ijoolee Bushoftuu ganda tokko keessati dhalatan lachanuu yerro kufan achuman amoo ilaalcha adda aduma kanan mani isaan diigamee ijoole abba fi dhadha malee hafuun ishee” gada Lamaafa akka ture hundu waluma qixxa dhageenye. Qabsa’oon Icicream (MacDonal’s) amo qabsoo wagga 40 lubun itti waregamee “qabsoo haqa miti kanaafu seenaf dhifnee Ethiopiama fudhana jeechuun, qabsoo hidhannoo tobanee, Ethiopia Harma Hoona” jeecha jiru. Gartuun Ethiopia OPDO ilee harma hoodhani jira OPDOn haran ilee Harma hoodhuuf deema. Qabsa’oon Minisoota guyya tokkotii paltak irratii gandan wal gurmeessan Bilisumma ji’aa 6 keessati fina jeedhan malaqa 225,000$ gargarii hirtan meesha qootee bulan Oromoo bitee WBO hidhachisee dabalani fudhatan TPLFti harka latan, kan hafan amoo ABO diigamtee jeedhan Ginbot 7 harka latan Qabsoon Bilisummaa Oromoo seenaf dhifamuu isaa labsan. Nama Samuu qabuuf mana of diigan mana nama ijaruun yaaka, garuu utuma yakka hojeetamee beekan ijoole ganda fi jarsi biyya goocha kana akka siirti fudhatan mirkaneesun isaan gara nama hameese jira. Oromoo Minsoota (USA) 20,000 tokkumman malaqa 225,000 busee jijirama fiduuf ka’ee jeedhame haara ani Oromoo dha jeedhe Malatoo 5,000 malateessan wajjira Obamatii galchuu dadhabuun isaan gartuun jijirama jeedhe Oromummaaf hagama akka isaan hojeetan arginee jira. Haara ilee kotaa?; dhaabilee Oromoo wal tumsiine Mootumma Europa fi America dubifna tokkumma keenya argisfna yamuu jeenuu ergama diinatii wal madeesani hojiin hafee arara utuu gegesan wagga 20 xumuramuuf deema waggota kan hunda lubuun Oromoo guyya guyyan darba jira. Gobana Gacee kaleessa ummtaa Oromoo cabsee garbuma wagga 100 Amharaf nu garboonfachisee, OPDOn Junedin Sado, Abbadula Gemada faa amoo wagga 25 Tigreef nu garnfachisan, OPDON Ginbot 7 amoo waggota 15 Gurageef nu garboonfachisuu gartuun jijirama Malteese jira. Dhiigi Elemoo Qilxuu, Magarsa Barii, Baroo Tumsaa, Nedhi Gamada, Guutamaa Hawaas kayyoo jalata gartuun OPDO/Ginbot7 gegesuf deeman kana ji’aa ja’aa keessati salphisee ama ilee diibee salphina rukutuu yoo dhisuu batan akka dhabbati utuu hin tanee akka Oromootii ilee jirachuuf ni rakkatuu. Dargagoon Oromoo Gartuu Bilisummaa cimsuu dirqama ta’uu hubachuun wal ijaruuf qabsoof of qoopheesu qabuu. Qabsoo ummatoota Tunsia, Egypt, Libia Siriya fi Yemen ilalee qabsoo kana caaluu goochuuf of qopheesuu qabuu. Oromoo 20,000 keessa 5,000 Oromumma isaaf malateesuu dadhabuun bu’aa gartuun jijirma ABO keessati humee irra dhufee, Summin Minsoota yoo biyya seene rakko waan nu qaqabuuf Oromoo ergama hama kana irra of eeguu qaba jeedha. Husan Ali Oslo Norway |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |