|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Irra: Koree Kuta USA Gara: Missensota ABO hunddaaf Guyya: 10/22/2010 Hooganni kun yeroo jijjirama labsu karoorri lafa kaayyate karoora qabsoo Oromoo ta rakkoo hoogganaa fi adeemsa boodessaa ta'een sakaalamtee laamshofte haaromsuu, qabsaa'ota adeemsa kanaan faca'an walitti deebisuun gurmuu qabsaa'otaa deebisanii jabeessuu, fi qabsoo tana daandii galii isii rukutuu dandeessisu irra dhaabuuf akka ture ifaadha. Haata’u malee waggaa sadan darban kana keessaatti wanti dalagamaa ture waan karoora kana hujii irra oolchu osoo hin ta’in waan qabsoo oromoo daran laamshessu ta’u agarre. 1) karoora tokkummaa gurmuu qabsaawotaa deebi’anii ijaaruu tarsiimoo irraa gara tooftaatti jijjiiruun, akkuma murnoota farra tokkummaa mooraalee maqaa ABOtiin jiran kaanneen keessaatti waliigaltee dhuma irra gayee ture akka gufatu godhuu. Kunis kan gufateef fedhii dhuunfaa fi garee bakkaan gayachuuf akka tayee dha. 2) Qabsaa'ota Oromoo gameeyyii kan umrii isaanii guutuuf dhaaba kanaa fi qabsoo kanaafis amanamoo ta'uun wareegama ulfaataa kafalan akka diinaatti herreguun qabsoo keessaa moggeessuu, duula walirraa hin cinnee irratti geggeessuudhaan moggeessutu muldhate. 3) Gareen kun irra darbe “namnii karaa nuti jenne jala hin deemne gara fedhe deemuu dandaya” jedhee dhaadachuun miseensi dhaabaa abdii kutatee akka faca’u jechoota hamilee tuqan waltajjii adda addaa irratti dubacha ture. 4) Koreen kuta USA yeroo gara garaa gaafiin miseensotaa akka debii quubsaa argatu tattaafii godhullee hoggani rakkoo jiru furuu dhiise maaf konyaaleen waan akka kanaa nu gaafatu jechuun olola gara bira koree kutaa irattii banuu. 5) Hogganni kun abba irrumma, garaa jabeenaa fi doggogora daanga hin qabne dalagaa jira. Seeraa fi Heera ABO hordofee kan hordofsiisu, kabajee kan kabajsiisu osoo hin ta’in jaarmiyaa ABO akka meesha dhunfaa isaatti laalaa jiraachuun mul’ataa jira. Karoora ABOn qaama jijjiiramaa bara 2008 qabatee ka’e sharafuun mooraa dhaaba teennaa keessatti shororkaa kana hin jedhamne akka uumamu taasisee jira. 6) Nuti, Koreen Kuta USA sagalee miseensonni ABO kuta keenna keessattii argaman nuuf keennaniin filamnee dirqama keena bayaa akka jirru ifaadha. Caasaan kutaalee biyya alaa keessa jiran bara dheeraadhaaf qabsoo ummata Oromoof bu’aa gudda akka qabaachaa ture beekama dha. Hogganni kun caasaan kutaa yeero dheeraadhaaf miseensotni mirga miseensummaatti dhimma bahanii hoggaana kutaa kan filatan dachaasuudhaan namoota hoogganaaf amanamoo tahaniin bakka buusuun miseensa kana tuffatuu, itti fufa diiggaa fi farra dimokraasii akka tayee agarsiisa. Kanaaf, nuti koreen kutaa USA hoggana mooraa qabsaawotaa gabbisuu dhiisi kan jiruu diiguuf karoorfatu, oromoo fi ABOllee facaasuuf caasaa caasaa irratti ijaaru wajjiin qabsoo geegessuun tokkummaa qabsaawotaa kan fallessu waan ta’eef guyyaa ar’aa Onkoloolessa 22, 2011 irraa eegallee hooggana adeemsa diiggaatiin deemu kana wajjiin akka hin jirre hubachiifna. Akkasumas, murtiilee Koonyaalee heeddun kutaa USA keessaa fudhatan waan qabsoo ummata orootiif ta’u waan ta’eef murtee isaanii fudhanee dirqamni miseensotni kutaa nutti keennan itti fufuudhaan akka konyaalee wajjiin hojjannu kanumaan isiniif eerra. Yeero mara rakkooleen ABO keessatti kan dhalatu hoggana irra waan tayeef, miseensotni kutaa keennaa ammallee ija qarootiin dhaaba keessan tiksuu akka qabdan asumaan koreen kutaa dhaammataa. Itti dabalees, diigomsa woggoota dabran keessa hoggana kanaan godhamaa tureen hamileen caphxee faca’an hundaaf waamicha jaallumaa goona. Injifannoon ummata Oromoof!!! Koree Kutaa USA Onkoloolessa 22, 2011
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |