Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Koonyaa Minesota USA ABO

Gama: Koonyoota USA ABO Onkoloolessa 22, 2011

Dhumma: Xalayaa maqaa keennaan Hassan Huseeni fi maatiin isaa barreessanii fi Goobanoota dabreef kan amma bifa haarayaan ABO keessaan dhalatan walitti madaaluu ilaala.

Nageenni Jaallummaa Haa duursu

Jaallan, xalayaan Onkoloolessa 15, 2011 maqaa miseensota Koonyaa Minesottaatiin baarraahe, kan Maatii Hassan Huseeni malee ejjannoo Koonyyaa keennaa akkan ta’in ibsuu barbaanna.

Kana haganumatti yeroof yoo bira kunnu, mee haala dabreef kan amma ummanni oromoo keessa jiru xiqqoo walbira qabnee ilaaluu haa yaallu.

Akkuma beekamu, Qabsoon Ummata Oromoo sababaa Goobantootaatiin ummata oromoo jaarraa tokkoo oliif qabrummaa jalatti sakaalamtee jirti. Gabrummaan warri dabre ummata oromoo irratti mormaa itti gadi fannisan osoo jirtu, goobannoonni haarofti Century 21 keessa bifa haarayaan gadi bahuu eegalan. Itioophiyaa keessatti dhaabbota adda addaa keessa lixanii garaa isaanii akka fedhanitti guuttachuun waan itti hin mijjaawiniif, lukkeewwan Habashoota ta’anii bifa haarayaa fii tooftaa addaatitti fayyadamuudhaan ABO keessaan biqiluu bira kutanii keessatti dagaagan. Jaroonni harqoota gabrummaa lammataa ummata oromoo irratti caaltti fe’uuf abo keessati margan kunniin, haal isa bittanneessu malee kan isa itichu irratti takkuu hojjatanii warra hin beekneedha. Goobanoonni haarofti Alaabaa abo daboolachuudhaan gaaddisa isaa jala taa’anii ummata oromoo akka silmiititti dhiiga xuuxaa turani fii ittis jiran kunniin, namoota aangoof bololanii fii diinaan mindeeffaman ta’uun isaanii amma ifatti mul’ataa jira.

Haalowwan gadadoo kan bara dheeraaf ABO maaxaraa ture ammaf haganumaan bira kutuudhaan mee isa kaleessaa kan haga Warraaqsi jijjiramaa dhooherraa xiqqoo maqaa haa kaafnu. Dhiheenna kana Koonyaawwan hedduun waan waggaa sadeen dabran kana obsaan bira kutan, haalichi haga obsan bira yeroo kutetti, dhullaa isaan rakkisaa ture barruu adda addaatiin ufirraa dhoosaa akka jiran akeeka. Keennas sanirra tokko jennee amanna. Barruuwwan gara garaa kuni wanni ibsu, namoonni/namni maqaaf ykn coraan isaa miseensa jijjiiramaa kan garuu sammuu fii dhiigni isaas Shaneedhaa kan Shaneenuu haga inni nu biraa deeme nagahatti bane jettee galata Rabbitti galfataa jirtu O/Hassan Huseen ta’uu ifatti lafa kaaye. Nus itti amanna. Ummaani oromoo jalaqabumaraahuu ilaalchi nama kanaa kan shaneen jijjiiramaaf qabdurra hamaadha. Sababaa inni as keessa jiruu jecha jijjiirmanis shanema jechaa turan. Namni kuni abo(jijjiiramaa) diiguuf qaanii tokkoon maletti ifatti bahee gulufaa jiraachuu isaa miseensonni ifatti akeekkachiisa jiran. Nus dubbiin kun dhugaa ta’uu isaa asumaan mirkaneessuu barbaanna. Kuni wanni garsiisu Goobanaan haarofni qabsoo ummata oromoo diiguuf kal’oo haaraya uffatee nutti gadi bahe jechuudhaa.

Gama boraatoon, O/Hassan Huseen akkuma ilma oromoo tokkotti qabsoo kanaaf waan dandeettii isaa gumaachaa ture yoo jedhame fi jiraate, Gumaata isaatiif haa galatoomu. Kana wanni jennuuf, Oromoon galata namaa lafatti waan hin ganneef. Kana jechuun cinaacha isaa laafaa kan waan jaaramee isa dura lafa ture diiguu fi akka lukkuutitti bittinneessuu malee fi kan seenaa abo keessatti takkuu waa jaaree hin beeyne ta’uu isaa akka dagatametti hubatuu hin feesisu.

O/Hassan, Yaa Xandhacha foon keessaa akkuma atuu laaltee gartu, dhiheenna kana waan kee laalchisee namoonni hedduun waan bara dheeraaf itti rakkachaa turan amma gadi dhodhoosaa jiran. Mee wanni Koonyaawwani fii namoonni jedhan akka sumatti ta’ee, ati hoo maal jetta? Fakkiif, Haga qabsoo kanatti dabalamte bu’aa ati fiddetu irra caala moo gufuu fii sakkaallaa qabsoo ummata oromoo gargaarsa diinaa fi ollaa dabalattee hidhaa hin hiikkamne keessa galchitetuu irra guddaadha jettee amanta?

Gama biraatiin Haala ati dhiheenna kana Dhaaduu, fokkorrii fii jijjiirma anatuu diigaa natti dhiisaa jechuun qe’ee keessa ganamaa galgala bilbilturraa kan ka’e, yoo rakkoon tokkos Jeneraaltota teennarra bifuma kamiinuu, eennuunuu, mootummaa kamiinuu fi yoomu kan gahu taate, gumaaf akka lallabamuuf deemtu ammumaanuu siif akeekkachiisaa akka jiran ifaadha. Nus itti daballee siif maatii keellee lallabatuuf deemnaa beeki.

Duuba, Yaa Hassanii keenya, abbaa gumaa ta’uun kee kan asiin duraa sitti hanqatee kan biraallee itti dabalatuuf deemta moo santuu siif dagatame sitti fakkaate? Oromoon guyyaa itti eeggataa jira malee tasuma waan gumaa sanii hin irraanfannee beeki.

Gumaan Oromoon sirraa baafatuuf guyyaa isaa eeggachaa jiru kan du’a Gishuu Jaarraa ta’uu ni yaadatta nutti fakkaata. Yeroo Gishuu Jaarraa diinni abo keessa taa’ee qabsaawota mogolchuu aadeffate kan atis irraa baratte rasaasaan Kallacha keessa dhawee ajjeese waan jette yaadatta? Yoo kan dagattu taate mee yaadannoo kee siif haarawoomsina. Sunis, “Gishuu Jaarraa namni hin ajjeefne beelaa fii dheebutuu gammoojjii keessatti ajjeese malee” Ati jecha cubbamaa boru ummata oromoo duratti sigaafachiisuuf deemu san wanni jetteef warroota cubbuu san hojjatan biratti jaalatamaa taatee mul’atuu fi sababaa saniin aangoo irratti ol bahuudhaan foon diimatti wiskii unattee nyaachuu qofaaf akka ta’e ifaadha. Aangoo sanis haga tokko itti fayyadamte. Shaneen haga shira kee sitti hin hubatin itti gaafatamaa Koree Haajaa Alaa fi Dura Taa’aa AFD si gootee turte. Garuu jarri shira kee dafanii sirratti hubatuuf akka Jijjiirmaa yeroo irraa hin fudhanne.

Yaa O/Goobanaa Huseen, maaf haasofni jijjiiramni dhaabbota sabaabaa fi sablammootaa wajjiin dubbatuu eegale kun raajii siit ta’e? saboota adda addaa wajjiin haasawuun Kaayoo ufii jijjiiruu odoon taane fooftaa kaayoo san galii isiitiin gahan ta’uu wallaalte moo haasawa kee kan Awroppatti goote saniin si harkaa wal faakkate? Ati haasawa kee keessatti marii tookkoon maletti oluma kaatee kaayoo jaallan heddeeuun itti wareegaman guyyama takkaan jijjiirtee hin turree? Yoo kan qaabattu taate, “Maan ka Maan Yigganaxxalaal” ammas waan jette yaadatta? “Ani ummata oromoo calla bakka bu’ee as jiraachuu odoon taane sabaaf sablammoota Itoophiyaa bakka bu’ee as jira” Zamana Kijibni Goobanaa Huseen balbala mara dhadhawee siree mara jala seenee fi dhugaan jijjiirama dhoketti keessa jirra. Kuni alaamaa qiyaamaati.

Yaa Goobanaa Huseen, ati yeroo hunda akka nama nagahaaf tokkummaa ummata oromoo jaalatee uf fakkeessudhaan hoogganoota jijjiiramaa kan nagaha hin barbaanne gootee lafa keetta. Nagaha uumuun hafee maqama nagaha jedhu kana akka hoogganoonni jijjiirmaa yeroo duraatiif si barsiisan maaf dagatte? Akka jettutti waggaa diigdama qabsoo kana keessa jiraadha. Ummata oromoof dhaabbotas yoo ta’e adda fageessuu irraa kan hafe, mee guyyama kama nama wan-jaluu irraa kan hafe yeroo qabaattee waan nagahaa dubbattee beeyta? Sababaan ati waggaa sadan dabran kana maqaa tokkummaa sababattee Shanee jalatti sirna tokkoon maletti Jijjiirma ukkamsitee deebisuu barbaaddeef, waalamaf ta’uu isaa ummanni oromoo hubatee jira.

1, cubbuu abo keessatti ummata oromoo fii miseensota irratti hojjataa turteef boru gaafatamuuf akka deemtu waan hubatteef, warroota akka kee dhiiga ummataatiin nafa dhiqataa turaniin waliitti yoo deebitan gaafiin sun sitti hin ka’u jettee waan yaaddeef malee, tokkummaa ummata oromoof dhukkubsattee akkan ta’in ummanni oromoo hubatee jia.

2, ati uumaa keetitti akkuma adurrreen haantuuta qabatuuf luuxxee laaltutti, yeroo hunda aangoo dandeettii itti hin qabne irratti ol bahuuf dheebuu bishaan dhuganii hin baane waan sitti buuseef, waltti baqiinsi dhaabbota oromoo tarii carraa Hayya Durummaa naaf kennuu hin oolu jettee waan yaaddeef malee, dhaabdi tokko walta’uu dhiisii ati oromoon ganda lamaatuu akka tokko ta’an nama fedhii qabuu miti. O/Daawud Ibsaa irraahis aangoo fudhataaf gaadaa turte. Sanirraa muuxannoo argatuu dhabdee ammas, Hayya Duree keenna Jenerala Kamaal Galchuu irraahis fudhatuuf ganamaa galgala gaadaa jirata. Kasaaraa warra aangoof bololanii hoogganoota Arbaa irraa maaf hubatuu dhabde?

Akka amantii Muslimaatitti maqaan Hassan jedhu bakka guddaa qaba. Isa saniin si waamuu irra Gooobana Huseen yoo jeenne irra wayyu? Yaa O/Goobanaa ati odoo qawwee harkaa qabaatte, kash- labbeewwanii fii firoota kee malee miseensota Kaayotti amanan kamuu qaata du’aan bobbaafte turte.

Yaa Goobanaa Huseen, Sababaa keetiin namni keenna gaddaa fi gammachuu isaa wajjiin dabarsuu haga dhiise turee jira. Sababaa keetiin warri laga gamaa kan gamanaatiin bultee jechuu haga dhiise bubbulee jira. Kanaaf, Yaa Oromoo, Goobana Huseen du’aa fi jiruu keessattis bira hin dhaabbattin. Wixii Itti murree itti mura. Yaa Goobanaa haaraya, atiif maatiin keellee maqaa Koonyaa Minesottaattiin daldaluu dhiisaa. Itti fufa.

Galatoomaa

Koonyaa Minesotta

IUF!

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved