|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Junediin Sado
fi Ergamtoota TPLF
Galmee Himatama isaani Kutaa 8faa
Himataa Ummataa
Oromoo Siirna garboonfta TPLF irrati banamuu deemuu irrati ragga
waltii qabnee dhiyeesuu erga egalee turee jira. Galmeen Yaakamtoota
Wayyanee bakka 6tii hirmani dhiyaatuu. Isaansii:-
Mootumma TPLF
kufsuuf warii diireeti qabsoo irra jiran ga’ee isaan ba’aacha akka
jiran uni warii biyya keessa jiru amoo diini Oromoo kun yaakaa isaan
Oromoo irrati rawwacha jira amuma guyya guyyan galmeesun Media
Oromoon ga’uuf , sochii isaan qabeenya isaan dhoksa fi biyya alatii
bassa jira, kara Kubaniyaa kamii akka bassa jira gartuu Miseensoota
Gummi Paarlamaa Oromo (Ethiopian) qoorachuu bara 2005 egalamee, ama
gara dargagoota fi ummatati babalatee goochan diina kun qooratama
jira. Dhimmuma kanaf bareefama yerro darbee Aboo Irra isiin darbee
Naqamtee irrati waan qooranee isiin dhiyeesuf ture gara fula duratii
isiin dhiyeesna. Amafi gara Minisootati isiin deebifna.
Hojiin biyya
keessa hanga tokko harka lafa jalan deema jiratuu ilee, qabsoon
biyya ala ergamtoota TPLF dhunfatamee burjaja’ee qabsoo biyya keessa
jajabeesun hafee gufachisuuf baleesuu irra jirachun isaa nama
gadisisa. Kana dura wagoota 3 dura Mootumman Ethiopia basastoota
1500 leenjisee biyya alatii bobasuu, Dolara Millyoona 86$ ramadamuu,
dame Diaspora directoratii jeedhamuu Ministera dhimma ala fi
Embassii Ethiopia biyya
hunda keessati ijaruun qabsoo diaspora dhamsun egalamuu isaa ibsii
ba’ee ture. Kana Malee Gartuun Junedin Sadoo, Warqinee Gabayoo,
Abbadula Gamada, Makiya, Dawanoo Kadiir, Alemayoo Katama Diaspora
Minisoota (USA) Oromoota to’achuu saganta jeedhuu qabatan duran
dursan namoota Minisoota jiran tokko tokkon erga qooratan firoota
isaab biyya jira erga marisisan booda Hawwassa Minisoota fi
miseensoota ABO to’aachuu kan jeedhu ergama TPLF hojii heedu
hojeechuun xumurchuu isaan
yamusuma gabafamee ture.
Utuu hin turiin ABO bakka
lamatii Caabuu fi gartuun jijirama walakan TPLFtii galuun bu’aa
gartuu Junedin Sadoo faa ta’uu TPLF labasatee ture. Minisoota (USA)
duratii Oromoon biyya keessa jiru amanta fi abdii gudda irra
qabachuu irra darbee utuuba qabsoo Oromooti jeedhamee ture. Hara
Minisoota (Minyapolis) Maddaa Digumsaa, jeequmsaa, gamoo diina,
diiree fareen qabsoo irra burqaan jeedhuun iffati biyya keessati
labsamee jira. Erga Junedin Sadoo Minisoota ijoolee Arsii qabachuun
to’atee bodaa, Oromoon Oromumman ijaramuu dhisee gandan ijarauu
egalee, Jalalii Oromumma fi jaaluman qabsoo hafee jaala Amnta fi
ganda ta’uun dhufee. Utuu qabsa’oon fi loltuun bilisummaa diiree
jira waaan tokko hin dubatiin “Korii Konyaa USA” SG, GS oggani isaa
hojii irra rarasuun ABO wagga 40 qabsa’ee guyya tokkotii digamuu
ifaa goodhee labsee, Icitiin ABO wagoota 40 of qusannoo tokko malee
Paltak irrati gadii basuun Oganoota OPDO fi Baraktati Simyoon
faaPaltak “Qalma qabsoo Bilisummaa Oromoo”
keessati ta’aan mariachuuf
dhageefachuuf caaraa akka argatan tasisee. Waldan Musilimaa Oromoo
ati Arsi atii Haragee jeechuun waliin waqeefachuu lagatee.
Diini amoo kana
keessa gugachuun Walda Musilima
Junedin Sadoo
akuma Oganoota Afrika hunda Ogana Ummata hunda ta’uu irra ogana
gosaa ta’uu filata ture. Junedin Prezdaantii Oromiyya ta’ee yamuu
ture
Waluma galatii
Jalaqaba irrati Galeewaan caqasaman suun 6 gara fula duratii waan
qooratamuu qaba qooranee dhiyeesina gochaa rawwatama jiru Oromoon
keenya akka yaadatanf yaaka TPLF isaan yaddachifna. University
Maqalee Keessati yaakii baratoota Oromoo irrati gegefamee qoormata
mata isaa danda’ee akka ta’uu baratan Maqaleeti rakko gudaa keessa
darbee, Maqaleeti hidhamee, dararamee, baratee hiriyoota isaa 14
waliin raga barumsaa dhorkamee, ergasii bodaa amoo Halikan
Finfinneti qabamee Bushoftuu lafa jalatii guyya 5 rebamee waraana
WBO tii kan dabalamee Dirirsaa Qajeela Negara Oromiyya bilisomsinne
Qoormata TPLF irrati gegefamuu ijan arguuf lola WBOn gegesuu hunda
irrati adda duruman hirmachuu irra of hin qasadhuu jeechuun
miseensoota Paarlamaa Oromooti qama isaa Alanga Robiin reebamee
kukutamee sun Argisifachuun waada seenee Gara diireeti deemee.
Oromoon Bilisoomuun hin oluu hawwan Dirirsa Qaleela ilee gaaf tokko
dhuga’n ta’ee TPLF/OPDOn Dirirsaa Qajeelan qooratamuun hin oluu. Bareefama kana bakka (kutaa) 12 qoqonee waan dhiyeesinuuf nu hordofa; Ittifufa nu hordofa Falmata Dhugga Oromiyaa irra
Bareefama Junedin Sado ilalatuu asi gadii jiru dubsa:
http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Junedin%20Sado%20kuta%207%20faa.htm
http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Junedin%20Sado%20kuta%206faa.htm
http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Junedin%20Sadoo%20Kutaa%205faa.htm
http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Junedin%20Sado%20Kutaa%204faa.htm
http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Junedin%20Sado%20kutaa%203faa.htm
http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Junedin%20Sado%20kutaa%202faa.htm
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |