Dhaamsaa
GPO Bara 2009 Ummataa Oromoof
Rakkon Bara 2008
yaadachun bara 2009 ciminee akka hojeenuu isinif dhamna.
Barii 2008 keessaa dabaree kun baroota heeduu
darban caalaa ummataa Oromooti hadha’aa akka ta’ee warri rakko kana dhandhaaman
fi warri hordoofaa turees ni hubanaa. Rakko Bara 2008 keessaa ummataa Oromoo
mudachaa ture karadhuma hunda ture. Rakkina
Siyyassaa, Dinagdee, Samichaa, Belaa, ajeechaa, reebichaa, hidhaa, fixinsaa
sanyii namaa wayyaaneen Oromoo irraati rawwaacha turtee. Kara birrasi wal-dhabdi
Oromoo giduuti dhalaten diinaa dhisan wali irraati ololun Oromoo hunda kan
gaddisise fi hamilee ummata keenyaa irraati midha gudda kan gesisedha. Rakkolee
darbee wal yaadachisuu bara dhufu waan gari hojeechuu maluu yaadaa wal gumachun
waan barbachisaa ta’eef.
TPLF
biyyaa keessaati Siyyassaa fi Dinagdee Biyyaatti qoofati dhunfachuu irraa
darbee siyyassa isaa ala namoota sochoo’an hunda akka isaan manaa hin banee
gochuun ummataa irraa dhorkee dhosadhan ilee warraa nama qunaman qabee hidhun
diktaterumaa isaa cimisachaa jirachuu isaati. Dhabilee siyyassaa biyyaa keessaa
ummataa qunamuu dhorkamuu qoofa utuu hin tanee ummataas dhabbilee siyyassaa kam
iyuu akka hin qunamnee dirqamee jira. Oromoo hedun Maqaa ABO, WFDO Fi KBOtin
yaaki dhala namaaf hin malee irraati rawwatamaa jiraa. Dinagdeen biyyati harka
miseensoota TPLF qoofa keessati galee jira. Mallaqa kuufisudhan ummati biyati bitachuu yaamuu dadhabuu
daldaltoon waayyanee garuu qabeenyaa biyyaati hunda samman biyyaa alati gurgurudhan mallaqaa isaan biyyaa
ala tulachaa jiru. Dollara Biliyoonaa 25 ta’uu harka Malasa fi daldaltoota TPLF
harka akka jiru ragaatu jira. Maqaa
investmentin samichii lammi keenyaa irraatti godhama jiru amoo jibisisa ta’ee
jira. Waan nama dhibu amoo Oromiyaa keesssati waari lafa Oromoo wagoota 15n ol
maqaa investmentin lammii buqisan fudhatan irratti waan tokko ilee hin hojeetin
jirachuu isaan fi isaa hojeetanf bu’aa argatan irra ashuuraa kafaluu dhisu
isaanti. bakka investment gudda qabanti mana barumsa, mana bufaataa fayyaa, karaa, bishan qulquluu ummataaf dhiyeesuu
waadaa galan tokko ilee hin rawwane. Filannoo darbee irraatti Oromoo TPLF jalaa
hirrirsuf kunnoo Finfinneetti Galmaa gidu gallessa Oromoo tolan isin ijaraa
jeechuun ummataa Oromoo gowomsa turee, Galamaa gidu galessa Oromoo kana waggaa
bayee booda umman Oromo mallaqaa walitti qabee ijaraachuu egalee. GPO salphina
gudaa mootummaa fi namni dhunfaa ilee
Oromoo irratti rawwatu kana balalefachaa ture balalefachas jira. Karoora Adunyaa “Milinyinm Goal” bara 2015ti midhan nyatan of danda’uu, Ganda tokko keessa
mana barumsa sadarka 1ffaa fi Kellaa Fayyaa, Bishan dhugati, ibsaa, kara wal gesisuu,
Ummata 25,000 bayatuf Buffata fayyaa tokkof mana barumsa sadarka lamaffaa
barnoota gosaa hunda qabu, Ummata 75,000 Hospitalaa ammayyaa walin ga’uu
kkf Ityoophian waaddaa seentee keessa
waan hojeetamee hin jiru. Gaafin GPO Oromiyya keessa Gandoole jiran 6200 keessa
kan mana barumsa argatan meeqaa?
Annoolee 200 jiran keeesa Hospitalaa Kan qaban meeqa? Bishan dhuggati
kan argatee Ummata meeqaa? Godinaalee Oromiyya 17 keessa Ibsaa ga’aa kan
argatee meeqa? Aannaleen meeqatu argatee? Deebi hin qabu.
Wagoota 6 waltti ansinee gudina galmeesine
jeechun Malas Zenawi Adunyaa kana irraa Chaina olitti %11 fi 12 gudina dinagdee
argsifne jeedhee paarlaamaa keessati nu sobu isaan caalaa Aduunyaa ilee soba
turan. Haqqi jiruu garu ummatin Ityoophiya Miliyoon 14 beelaan gagaa’ama jira
kana keessa miliyoon 10 kan ta’uu Oromiyaa keessaa jedhamee tilmamama. Dhaabbilee
Aduunyaa fi Ambasaderoon bayeen Oromiyaa keessaa beelaa jiru deemani qaman
qoorachuuf gaafi dhiyeessan Malas Zenawi hayyama dhorkatee jira. Beellii Oromiyaa
Godina 17 hundaa keessaati dhalatee qamnii Aduunyaa akka hin argnee godhe. VOA
Afaan Oromoo qoofatuu gaabasaa nannoo Shashamanee, Borranaa irraati dhiyeese
malee kan hafe akka dhokatuu godhame.
Rakko Oromoo kana dura kan gaabaasaa turee VOA Afaan Oromoo qoofa ture
kun akka itti hin fufneef Lammi Oromoo Afaan Oromoo VOAf akka hin gabbafnee waayyannen
dhorktee jirti. Gazeexesitoon VOA fi kan Birroo Gazeexesitoon Oromoo Ciciimoon
hojii irra aria’aman jiru. Kan biyyaa baqatee jira. Oromoon du’ee ilee iyaata
dhabee jira.
Bara 2008 kan addaa isaa godhuu keessaa tokko
Oromoo Asoosati hanga Baabileeti, Walloo Kamseeti hanga Moyaaleeti Oromoo waan
ta’eef ajeefamuu, reebamuu, hidhamuu, hojii irra aria’amuu, yaakkaa wayyannee haga
amati rawaata turtee keessa isaa hama
ta’ee galmayee jira. Walloo Sanbateeti dhigii Oromootaa 13 dhangala’ee gaafi
dhiyeesneef deebin tokko ilee dhabamee, namoota Maikaalawti hidhaman Darbataman
Oromuma isaan qoofan Qalititi darbatamun isaan mallatoo fixinsaa sanyii nama
TPLF Oromoo irraati rawwataa jiru ta’ee akka galama’uu Aduunyaati himachuu irra
of hin qusanee. GPO kan iyyacha ture filaanno bara 2005 wal qabatee Oromiyaa
keessaa lubuun 400 ol akka ajeefame fi isaan keessaa Miseensi Paarlaamaa Arsii
Nagaale ilee keessaa akka jiru fi ajeechan Oromoo irraati rawwatamuu ilee
galama’uu dhisun yaaka ta’uu isaa Aduunyaati himatee jira. Oromoo 40,000 ta’aan
Hidhati akka gadi dhifamanfi Murtee du’aa Oromoota 12 irraati darbee murtee
siyaassa waan ta’ee akka irra ka’ee bilisa ba’aan GPO Paarlamaa biyyati
keessati qamoolee adunya hundat fi mana murti adunyati gaafin dhiyeessa turee
deebin Malas Zenawi murtee mani seera murteese keessa galee murtee siyyasa hin
lalanu jeecha ture ilee gaafa dhimma isaaf barbadeeti garu Oromoota 45 gadi
dhisuu isaa labsee jira. Kun Gamachuu Oromoo ta’uu ilee Oromoo bayeen ammo
gaafasuma hidhaman jiru. Kanaafuu hidhamtoon Oromoo kan mana hidha jiran hundi
akka gadii dhifaman yoo godhamee malee rakko hidhamtoota Oromoo hikamuu hin
danda’uu. Murtin hidha
biyya keessati murteefama turee hund murtee Seeraa utuu hin tanee murti
Siyyassati. Dhaabbilee fi nami dhunfaa mootumman jibuu hund irraati murti
siyyassatu irraati murta’aa. Haqqn jiru garuu dhabbilee fi namoon dhunfaa wayyaneen
jibaman fi balaleefataman
Bara 2008 gochaa sukaneessa Oromoo irraati rawwatamee
keessa Milishoota Gumuz hidhachiisan Oromoo irraati dulchisun lubu 400 ol
baleesan, nama 15, 000 qe’ee isaa irraa buqisan, kumatama madoo gochuu
isaa irraa iyuu gochaan sukaneessa dubartootaa Oromoo fi daiman irraati yaakka
raawatameef yomilee dhifama kan hin godhamnefdha. Waraa kana qindeesee fi rakko kana utuu
dhaga’uu lammi isaa irraati calliseef ni gaafatamu. Gochaa kana fakatuu Harargee
Ciiroo, Borrana Fantalee, Gujii Wandoo Ganat, Balle kkf keessaati Oromoo akka Bosonuuti
shirra wayyanneen xaxeen ajeefamee kan hafe reefi isaa ilee gubame. Biyyaa alaati
Oromoo Basasoo (Somalia) keessaati akka Sarree dhigni isaa dhangala’ee, reefi
isaa funanamee diina harka galee, kan qabame TPLF ti kenname. Oromoo yeroo dararamaa
jiru kana keessa dhaaba Oromoo ABO keessaati jeequmsi ummamuun immoo hamilee
Oromoo guddaa miidhe jira. balaa guddaas dhaqabsise. ummata guddaa kana caalaa
of guddaa godhanii ilaalun bu’aan isaa badiinsa. Dantaa ofii caalaa kan ummata
dursuun cimmina dha.
Waayyaanen ykn TPLF Qabeenya Oromoo samtee
fixee xiqqeestee, Bosona Oromiyyaa Dhidheessati hanga Babbilleeti jiru murte,
Albuuda hunda, midhaan, Tigraayti guurtee fixee. Lafa Oromoo maqaa investmentiin
ijoolee Tigraayit hirtee fixee. lakkoofsa
Oromoo fi Bal’ina Oromiyyaa ilaaluun Waayyanee obsaa dhoorke. Kanaaf Giddugaleesi lakkoofsa uumattaa fi manaa Aduunyaan
lakkoofsa Ummataa Ityoophiyya 85,200,
000 ta’uu hagabaasu malee TPLF bayina ummataa biyyatii 75, 000,000 tilmaamamee
dhiyeesun isaa nama gaddisisa. Kesumattuu Umman Oromoo baroota darban 30 keessaati
guddina utuu hin argsisin 25,000,000 qoofa ta’ee hafuun isaa ajaa’iba. Lammii
Biyyatii Miliyoona 85 keessaa Oromoon Miliyoona 42 tilmamama. Haarraf abbaa dhabee mirgi isaa haqamee kan
Finfinnee fi Walloo jiru Amaharati lakkaawamun isaa, kan gara Gumuziiti kutamee
Gumuziiti lakkaawameen kan Somalee fi Umatoota Kibaa dukaa tilmamame jira. Kun
hundi darbee Guyyaa gaafa Oromoo Golla jiru ba’ee ani Oromoodha jeedhee haqqan
lakawamuun ni dhuffa haarraf garu rakkon kun jirachuu isaa hubaachifnee seenaa
galmeesunee darbun dirqama. Waan haarra hin iyaatin borri falmachun waan
hindanda’amneef.
Waan bara 2008 nu mudatee kana hubanee rakko fi
dhimmaa dhunfaa ofi irraa dhimmaa ummata Oromoo Milyoona 40 dursaa keenufn hojiiti
boba’uun murteesdha. dhamsi keenyaa gababan:- waan hunda duraa Tokkuman Oromoo tikfamuu qaba,
Bilisummaa Oromoof hojeechu, kan lolu rukutee diinaa laaleesu, Diyasporan
qabeenya qabu qabsoof gumachuu, Oromoo qulqulu kan ta’ee dhaabbilee Oromoo irraati
ololuu irraa of qusachuun diina keenya guddaa TPLF qoofa irraati hojeechuu.
Qabsoo irraati waan dandeenye keessaa waan tokko irraati hirmachuu, Haawwaasi
Oromoo wal ijaree qabsoo deema jiruu tumsuu, beektoon Oromoo Oromiyyaa atami
akka arguu fedhan ammuma qoopheessan walaalaa Oromoo barsisuu. dhaabbilee
Oromoo Ogannoota fi Miseensoota isaan hojii wal hirun jaaluuma isaan cimsachuun
hadhaa diina of keessaa qulquleessan wal amaantaan qabsootii deemuun dirqamaa.
Qunaamtin Oganntoota Siyyaasaa fi ummataa keenyaa giddu jiruu cimmun fi
jabachuun murteesadha, garu haala jiru hubachuun iciitin diinaa bira akka hin geenyee hund iyuu of egannoo gochuu qaba.
Bara Bilisummaa akka nu ta’uu hawinaa.
Bilisummaan Ummataa
Oromootiif
Gummi Paarlamaa Oromoo
Mudde 30/2008