|
|
New
Page 2 home
Ethiopia: Akeldama Wayaanee
Ibsaa Guutama irraa | Mudde 2011
Oromiyaan erga qabamte dhiigi keessatt hin bu’in guyyaan tokkoo
darbee hin beeku. Kan kanaaf kaasaa ta’an mootummoota
Itiyoophiyaa.kan dhiiga nama facaafatan malee bulchuu hin dandeenye.
Oromoon ummata guddaa dacha kanneen isa qabatanii taha garuu danuu
seenaatiin isaan jalatt kufe. Qabenyi saa lafaa olii fi lafa
keessaas hamma hin qabu. Giti bittuu jara qabate kun sana dhuunfaatt
to’achu barbaada. Abbalti sirnaa hundu walqixee qooda itt fudhatu
hafe ummati keessaa bahanillee kara itt darbaa argatu ijaaruu hin
qabani. Sanaaf mataan Oromoo qella’amaa dhufe. Sanaaf mormitu hundi
osoo sabummaa gargar hin basin gad ciipha’amuutu irra ture. Jara
bineensa fondololota kan dheebuu baasuuf empayerittiin akka jirtutt
eegamuu qabdi. Miira akkasiiti kan bulcha demokratawaa akka dhaaban
isaan hin dandeessifne.
Akeeki “irba tokkoo nama tokkoo” jedhu salphatt nu dhibamsiisa
jedhani sodatu. Ango dhabu jechuun qabeenya Oromoo akka malee saamaa
bahan dhabuu jechuu dha. Empayeritt to’achuu itt fufuuf dhiiga
Oromoo caalaa barbaachisa. Sanatu Oromiyaa Akeldama tolcha. Namichi
balleesse jedhame sun “…lafati jige, garaani tarsa’e, marumaani
ch’ufti keesaa buani.” jedhama ((Ujii 1:18). That makes Oromiyaa
Akeldama. Kanneen
Oromiyaa Obruu Dhiigaa godhan hunda sanatu eeggata. Si’ana akka
darbett gadi ukkaamsanii nama jiraachisuunis rakkisaa tahaa dhufeera.
Kanaa fi maal yoo godhan akka wayyu wallaalanii ija facaaasaa jiru.
Kan akka saree maraatuu hundaa ciniinuutt utaalchisus sanuma. Dhumi
dhufaa jirti!
Malli isaan argatan karaa halleen itt fakkeessuu dha. Demokrasiif
heera baasanii labsan. Addunyaan duru isaanitt dhimma bahu”ishoo!”
jedhee harka rukuteef. Ethiophiyaan biyya gola hedduuti jedhee, kan
heera koo fudhattan galmeeffamaa waame. Ayyaanlaallatooti Wayyaanee
gula yaa’uuf mamii garaa yoo qabaatan illee irratt wal caccabsan.
Gaafa guyyaan qormaataa geessee tahitaaf dorgomuu dhihaatan maaf
qoostu jedheen. Mormuu kan aggaaman deggertuu saanii ficisiisanii
ofiis faca’an. Waggaa shan booda kennate biraa dhufe. Kanneen akka
mormituu seerawoott waliin turu filatan irba tokkollee ni
dhowwachiise. Yoo isaan mataa itt hooqqatan, ga’oof malee biyyatiin
biyya gola tokkootii isiniif hin galuu jedhee itt qasa’e.
Sababasaanii Mallasaa abbaa hirrichi “Demokrata akaakuu haaraa”
jedhamee farfame. Isaan akka daallicha gadoodaatt fudhataman.
Gungummiin saaniis “Seera Gooltu” Awaaj 652/01 argamsiiseef.
Dhaabota gooltuu jedhees kan addunyaan beekanuu osoo hin hafin
tarree naqe. Goloota mormituu seerawon garuu gooltuu hin jenne. Haa
tahu malee yoo gooltuu waan fe’eef quunnamtan seerichi isinittis ni
jiga jedheen. Akkasitt ummatoota empayeraa hunda gooltummaan ifatt
dorsisuutt ka’e. Yakka gooltuu nama jechisiisan tarreessuun isa
hindhibne. Gocha namatt raawwataa jiru hunda hiriirsee ana malee
nammi sana gochuu yaaltan beekkadha jedhe. Loltuu fi polisiin kan
dhuunfaa saa, firoota aantii saan masagaman. Kanaaf dheekkamsi saa
shaffisaa, adabisaa jiilchaa tahuu dandaha. Ummatooti empayeritt
goolii ala irra kan Wayyaaneen sodaatu.
ABOn dhaaba ofitt hirkaataa dhimma Oromiyaaf jaarame. Kan Oromiyaatt
roorrisu hundi diina saa akka tahe ifatt beeksisee jira. Oromoon
garaa dha akka ABO jaallatuuf mararfatu agarsiisaa jira. ABO
enyuunuu akka inni hin geeddarre Wayyaaneen beeka. Galtuu funaanee
ijaareefis garaa fudhachuu dide. Kanaaf diinni Wayyaanee Oromo hunda
tahe. Fakkeessuuf
ABOn gooltuu dha haa jedhu malee isaaf Oromiyoo hundi gooltuu dha.
Sun hardha kan jalqabe osoo hin tahin erga uumamee kan yayyabatee
jiru. Fixiisi Watar, Hawaasii fi Oromiyaa guutummaa keessati taheef
taha jiru; ajjeechaan dabballoota ABO irratt tahe roga sana
agarsiisa. Hunda caalaa yeroo nama qaluu fi kan qileett ofii darbate
baasu ABOtt maquu yaaluun saa cubbuu falaoo hin qabne. ABOn ragaa
dhaabee nama qalee, vidiyoo saa ilaala jechuun qarooma ummata
addunyaa tuffachuu dha. Ijoolleen Oromoo hedduutu ukkaanfamee
bitteen saanii dhibe. Isaan haa tahu kan biraa, qalee uggee gabaatt
gad baaseera. Sun hundu gaafa dhugaa akka gadi bahu waan beekuuf
baragaa jira, Sanaanis innaa dabartu hunda keessati balleessaa
caalaa tolchaa jira. Kan inni barbaadu akkuma abboolii saa durii
Oromoo lafarraa haaxawuu yaalu yk gadgaloo godhanii jiraachisuu dha.
Finfinnee keessatt maqaa ABOtiin boombii dhodhoosaa bahuu saa hunduu
beeka. Waan hunduu beeku kana Wikileaks illee saaxlee jira. Kan
goolii ofii uumeen dhuman hagama garaa firaa akka raasan yoo ilaalu
kan barbaade ittiin rukutuuf milkaawuu saatiif dhiichisa. Gaddi
namoota sanaa fi bakki kan du’e itt hanqise dantaa saa miti. Kan
biraa dabalee qaluuf billaa qarata.
Yero dubbii Oromoo barbaadu hunda waa’ee Baddannoo fi Arba Guugguu
fayila saa keessaa gad harkisa. Sun murna hin baabsine yk sodaa
Wayyaanee hin qabneen qoratamee dhugaan saa akka beekamu ABOn
gaafatee ture. Reeffa nama ulfina dhabsiisee yero yeroon aduutt afuu
irra maaf sana tolchee dubbiin saa hin xumuramu? Deebiin saa salphaa
dha. Hin Quufnee Baddannooti reefa nama darbee kan baase isuma.
Maqaa dhahaman keessaa yeroma sana dubartiin lubbuun jirtu tokkoo
naannaa dhuunfaa ABO keessa akka jiirtu himamaa ture. Jarri hafanis
maqaa qabu. Yoomi, akkamitt akka manaa dhibaman hin wallaalamu.
Abbaa fedhe haa tahuu roorroon ilmoo nama irraan gahame hundi osoo
hin adabsiisin darbuu hin qabu. Dargiin kufee ABOn naannaa Dadar yoo
qabatu jiraattoti naannicha kan isaan bulchu akka filatan tolche.
Sana keessa namootii Oromo mitiin jaalala qabanii fi dandeett
saaniitiin akka kennataman himamee ture. Wayyaaneen ABOma sana kan
miira inni hin qabne itt dhoobuu
barbaadu.
Waanti Arba Guugguti tahe sukanneessaa ture. Ilmoon Oromoo dhugaa,
gocha dabeessaa sana gochuuf aadaanis seerri abbaa Gadaas hin
hayyamuuf. Safuu dha. Dillii keessatt bineensa tahuun ni danda’ama
garuu boojuu fi kaneen hin hidhannett miti. Naannaan sun bulcha
Wayyaanee jala ture. Sun yoo nammi Oromoo dha jedhamuu maqaa itt
dhame tahe galtuu mootora Wayyaaneen sosso’u qofa. Maaliifuu
Wayyaaneen itt gafatama jalaaa hin bahu. Namoota hin hidhatinii fi
dubaroo fi daa’imman cafaccafuun dudhaa gita bulchituu Habashaa
hundaati. Sanaafi dhumiisii ilmaan Oromoo jaarrraa 19ffaa keessa
bakkoota akka Maqadallaa, Aannolee, Asuulee, Caboo, Calanqoo fi
biyya Oromoo qixa adda addaatt tahan ragaa galmeen jiru. Oromoo
lubbuun jiru, arraba irra ciraniiru, harka isaa ciranii mormatt
diruun mandara keessa deemsisaniiru, harma dhala misaa dhiiraa
ciranii mukatt fannisaniiru. Shaakala fokkuu akkasiitu Arba Guugguu
fi Baddannooti geese. Egaa Wayyaaneen seera baafatee dhiisee
Oromiyaa biyya dhiigi akka galaanaa keessa lola’u gochuun hin oolle.
Dhiheenya, sana garagalchuun kanneen gooltuu jedhee ramadeef kennaa
jira. Biyyattii “Akeldama” (Matayo 27:3-6 ) gochuuf qophwan jedha.
Kan akkas jedhame lafa suphe dhooftu, horii Yeson itt gurgurameen
bitame. Akeldaman afaan saaniitiin Oobruu Dhiigaa jechuu dha. Sun
horii Yesott daba ooluuf baheen waan bitameef akka sana jedhame.
Wayyaaneen Shiree kaasee hanga
Gambeelaatt dhiiga roobsaa dhufeef ammas itt jiru nu
irraanfachiisuuf gocha ofii jara maqaa tarreessett qabataa jira.
Badiisa jedhee hammi inni dhiheeffachuu yaale yoo taheera ta’ellee
kan inni godhe kukumkuma keessaa tokkoo hin tahu. Utuu jirma ija kee
keessa jiru hin baafatin huuba ija namaatt qubaa hin qabin jedhu
beekoti. Wanti Wayyaaneen Oromoo irratt tolchaa jiru dhiiga lolaasuu
qofa miti. Ajjeechaa, hidhaa, guraara, ukkamsaa fi biyyaa baasuun
Oromoo fixaa jira. Sadoo qaamoota empayerittii alaa waliin tolchaa
jiruun egeree ititaa ummata dhabsiisuuf ta’aa.
Lafa Oromo dureeyyii addunyaatt gurguratee Tigrayiin ittiin
misoomsaa fi daannoo duubbee kan tahuuf ijaarrata jira. Bara abbaa
biyyummaa deeffate lafti saa akka dhimma hin baafnett hojjetamaa,
summiin achi keessaa bahu laga fi bishaan lafa jalaaa faalaa,
hojjetootaa fayyaa
hormaataa fi qaama biraa dhabsiisaa jira jedhama. Wayyaaneen
ummataafin dhaabbadhe jedhee meeqa wacabbare. Teessoo tahita erga
mijjeeffate garuu ummata irra garagalee bu’aaf dureeyyii gabra
gamaatt gurgurate. Gantuun kana caalus hin jiru. Empayerittiinis
empayera dhiigaa taateett. ABO, Ginbot 7, ONLF osoo hin tahin
gooltuun isaa., kan isaaniin qabatee ummata goolaa jiru. Isatu
Akeldama uumaa jira.
Gochi Wayyaanee hanga yoonaa itt jiru isaafis, ummata Tigrayiifis,
Afrikaafis hin tolu. Ummati empayerittii ummata Afrikaati. Ballinnii
fi dhiphinni saanii walitt hidhataa dha. Kan karaarraa maqeen
deebi’i jedhanii gorsuun akka. Waanti yeroo tokkoo ayyaana argadhe
jedhanii jireenyi taatota qofti ilaalamee tolchame yeroo biraa
egeree ofii fi ollaa mancaasuu dandaha. Kanaaf utuu hin laalin
utalcha hamaaf qophaawuu dhiisuun Wayyaaneef kan yeroon itt dabe
miti. Addunyaan sagantaa TV saa kan namoota guraaraman agarsiisu
namicha ekeraa soora dhabe fakkaatuun dhihate argee jira. Hedduun
saanii yeroo iyyaafataman sana laalaa qabachuu saanii mullata TV
sanarra ragaa kan tahu hin jiru. Mullisichi maaliif ture? Gooltuu
ummate sana sookkaasisuuf yoo tahe kufeera. Mormituu seerawoott
hogganni Wayyaanee hagam hamaa akka tahe caalaatt agarsiisee jira.
Bilisummaa dubbachuu, of ifsuu fi wal waldeessuu nakkara ture. Gara
fokkuusaa addunyaatt agarsiisuu barbaade taanaan milkaaweera. Waan
halleefuu ollaan tokkoo kaanneen biraa irratt anjaa fudhachuu
yaaluun of balleessuu yoo hin taane bu’aa inni fidu kan hundee qabu
hin tahu. Hundu wal kabajuun akka ollaa dansaatt araara buusee
nagaan jiraachuun bu’aa ofii qofa duukaa bu’uun walitt bu’a dhuma
hin qabne caalaa anjaa qaba.
Wayyaaneen maqaa ummata Tigraayiin mataa namarra bahee kan taahe
bu’ee ollaa hundaan walqixummaa, bilisummaa fi nagaan jiraachuu qaba.
Kanaaf ilmoo nama lafarraa duguuguuf deemsa jalqabe kana akka dhaabu
gorfamuun barbaachisaa dha. Kan sodaatee duukaa yaa’u hundi dhugaa
itt fakkaatee yoo tahe seenaa kanneen isa duraa ilaaluu qofti ni
gahan ture.
Kan
abaarsa barabaraa malee yaadisaa isa duubatt hafe hin jiru. Oromoon
ummata guddaa, jannaa fi gamna yeroon itt bade ture. Amma garuu
hanga biyyi saa walaboomtee ummati saa bilsummaan jiraatutt sadarkaa
duubatt hin deebine gaheera. Angafooti Wayyaanee Oromoo gooluuf
seera addaa hin barbaadne. Garuu dhiiga saa akka bishaanii lolaasaa
bahani. Kan seerri addaa itt
bahemmoo isee hafte keessaa cuunfuuf koobaa saa qopheeffateera.
Hatahu malee kan darbe caalaa waan caalaa ittiin dorsisu hin
qabu. Akelmeedaa inni jedhus cororsaa badduu baasaa kana. Kan
doo’iin “puppetota” Afrikaa kun raawwatu yoomi laata? Ulfinaa fi
surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan
kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan
keessaa tokkoo.
Source: Ayyaantuu com
|
|