Abbaa Irrummaa
irraa
Gama Dimokraasii
Bilisummaaf yaada rimeettii
___________________________________________________________________________
Barreeffama US marsaa 4ffaa
Jene Sharp
Dhaabbata Albert Einstien
Maxansa kana keessatti wanneen
argaman hundi qabeenya ummataa
waan taheef eeyyama malee
baayyisuun ni danda’ama.
Barreeffama kana hiikuu,
maxxansani baayyisuu, keessaa
waraabbatanii dhimma itti bahuu,
qabsiisa irraa tolfachuf yoo
dhaabbata Albert Einstein
beeksisan itti gammadna.
Maxxansa marsaa duraa, Caamsaa
2002
Maxxansa marsaa 2ffaa,
Waxabajjii 2003
Maxxansa marsaa 3ffaa,
Guraandhala 2008
Maxxansa marsaa 4ffaa, Caamsaa
2010
Kitaabni “ Abbaa Irrumaa
irraa gama Dimokraasii”
jedhu kun yeroo jalqabaa kan
maxxanfame Bangkok keessatti
bara 1993 ture. Barruu kanas kan
maxxansiise dhaaba “The
Committee for the Restoration of
Democracy in Burma”
jedhamuu fi gaazexxaa “The
New Era Journal” jedhamu
wal gargaaruun ture. Erga yeroo
sanaatti yoo xiqqaate afaanota
31tti hiikameera. Biyyoota akka
Serbia, Indonesia, Thailand fi
kaan keessati maxxanfameera.
The Albert Einstein Istitution
P. O. Box 455
East Boston, MA 02128,USA
Tel: USA +1 617-247-4882
Fax: USA +1 617-247-4035
E-mail:
einstein@igc.org
Website:www.aeinstein.org
ISBN 1-880813-09-2
Baafata
Boqonnaa 1ffaa
Abbaa Irree Kallattin Kiphuu
1.1
Rakkoo Itti Fufu
1.2
Bilisummaa Goolii Dhaan
1.3
Fonqolcha, Filmaata, Gargaarsa
Alagaa?
1.4
Dhugaa Hadhaawaa Dhaandhamu
2
Boqonnaa 2ffaa
Balaa Araara/Walhaasa’uun Qabu
2.1
Mishoomaa fi Fafa Walhaasa’uu
2.2
Walhaasa’uun Harka Kennuu?
2.3
Walhaasa’uu keessatti humnaa fi
haqa
2.4
Abbaa Irree Mijjataa
2.5
Nagaa Gosa Kamii?
2.6
Sababoota Abdii Nuu Kennan
3
Boqonnaa 3ffaa
Aangoon Eessaa Dhufaa?
3.1
Oduu Qamalee
3.2
Madda Aangoo Siyaasaa
3.3
Wiirtuulee Aangoo Dimokraatawaa
4
Boqonnaa 4ffaa
Abbootiin Irree Laafina Qabu
4.1
Faana Achilles Adda Baafachuu
(Identifying the Achilles’ Heel)
4.2
Laafina Sirna Abbaa Irruummaa
4.3
Laafina Sirna Abbaa Irruummaa
Haleeluu
4.4
Xumura
5
Boqonnaa 5ffaa
Aangootti Dhimma Bahuu
5.1
Qabsoon Karaa Nagaa Maal Akka
Dalagu
5.2
Naamusaa fi Meeshaa Qabsoo Karaa
Nagaa
5.3
Banaa, Iccitii fi Hamilee Guddaa
5.4
Hariiroo Aangoo Bakka Geeddaruu
5.5
Jijjiirraa Fiduuf Mala Afur
5.6
Dimokraasii Argamsiisuuf Qooda
Diddaan Siyaasaa
5.7
Qabsoon Karaa Nagaa Walxaxaa
dha
6
Boqonnaa 6ffaa
Barbaachisummaa Karoora
Tarsiimoo
6.1
Karoora Qabatamaa
6.2
Karoorfachuuf Gufuulee Jiran
6.3
Karoora tarsimawe baasuuf
ulaagaalee fardii afur
7
Boqonnaa 7ffaa
Karoora Tarsimaawe qabaachuu
7.1
Mala qabsoo filachuu
7.2
Dimikiraasii Qiyyaasuu
7.3
Deggersa Alaa
7.4
Tarsimoo Bu’uraa utubeessuu
7.5
Tarsimoo Duulaa Wixinuu
7.6
Yaada Diddaa Babal’isuu
7.7
Cunqursaa fi Tarkaanfii Maluuf
7.8
Tarsimoo Qiyyaasameetti Amanuu
8
Boqonnaa 8ffaa
Diddaa Siyaasaan Hojjachuu
8.1
Diddaa filachuu
8.2
Didhaa Agarsiisuu
8.3
Dirqama babal’isuu
8.4
Aangoo Abbaa Irreetti
Qiyaafachuu
8.5
Tarsiimoo Jijjirrachuu
9
Boqonnaa 9ffaa
Sirna Abbaa Irree Caccabsuu
9.1
Bilisummaa
Babal’isuu
9.2
Abbaa Irrummaa
Caccabsuu/Unkuteessuu
9.3
Injifannoo fi milkii sirnaan
qabu
10
Boqonnaa 10ffaa
Dimokraasii Gad Dhaabuuf Hojii
Durfamuu Qabu
10.1
Sodaa Abbaa Irree Haaraa
10.2
Fonqolcha Ittisuu
10.3
Heera Mootummaa Wixinuu
10.4
Imaammata Ittisa Biyyaa
Dimokraatawaa
10.5
Diqama ykn gaafatama Kabajaa
gonfachiisu
Appendix
Seensa
Baroota dheeraadhaaf kan natti
dhaga’amaa ture akkamitti
ummatni abbaa irrummaa dhorkuu
fi dhabamsiisuu danda’u kan
jedhu ture. Yaada koo kana kan
gaabbisanii fi cimsan amanatta
mootummooti abbaa irree ummata
hacuucuu fi dhabamsiisuu hin
qaban kan jedhu ture. Amantaa
kana daran kan naa cimse
kitaabota barbaachisummaa mirga
dhala namaa ibsan, haalaa fi
amaloota abbaa irree (kan
Aristotle abbaa irree itti
xiinxale), fi seenaa abbootii
irree keessaafuu kan Nazi fi
Stalin faa dubbisuu kiyya ture.
Bulchiinsa Nazitii jala namoota
jiraatanii fi miidhaman, warra
kaampitti guuramani irraa hafan
wajjin wal bareera. Biyya Norway
tti namoota bulchiinsa Nazi
didanii fi irraa hafan
qunnameera. Oduu warra didda
Nazi irratti dhumanis
dhaga’eera. Yihudota du’a Nazi
jalaa miliqanii fi jara miliqsuu
irratti namoota isaan gargaaran
wajjin haasa’eera.
Beekumsa shororkaa bulchiinsi
komunisti ummata irraan gahan
namoota qunnamuun osoo hin taane
kitaabota dubbisuun argadhe.
Shororkaan warri komunistii kun
maqaa cunqurfamootaa
bilisoomsuutin sirna abbaa
irrummaa gaggeessu tahee natti
mul’ata.
Waggooti dhihoo as ammoo
biyyoota akka Panama, Poland,
Chile, Tibet fi Burma kanneen
abbaa irreen bulan keessa
namoota jiraatan qunnamuun
caalaatti maalummaa abba irree
hubachuu danda’eera. Weerara
komunisti Chayna of irraa
deebisuuf lola warri Tibet
lolan; Rashiyaa keessatti
fonqolcha mootummaa bara 1991
yaalame warra fashalsiise fi
Thailand keessatti bulchiinsa
waraanaa deebisuu yaalii tahe
ummatni karaa nagaa qabsoo
godhuun hambisuu danda’uu
isaanii fi waa’ee hammenya
abbaa irrummaa irraa waan
baayyee baradheera.
Bulchiinsa hammeenyaan mormuuf
qabsoo godhamee fi wareegamni
hadhaawaan kaffalame kan nama
gaddisiisuu tahus amma illee
balaan guddaan jiraatuu osoo
beekanii dhiiraa fi dhalaan
qabsoo godhuu itti fufan isaanii
kan nama jajjabeessuu dha.
Kanaaf fakkeenya gaari kan tahu:
Panamaa keessatti bulchiinsa
Noreegaa kan morman, cunqursaa
Soviet mormuun Vilnius fi
Lithuania keessatti qabsoo
godhame, Chaynaa keessatti
waltajjii Tiananmen tti hiriira
bahamee haga galgala taankiin
waltajjiii seenutti fi Burmaa
keessatti naannoo Manerplaw
bilisoomsuuf qabsoo godhamanii
dha.
Bakkoota qabsoon itti godhamanii
mormitooti itti kufan dowwadhe
keessaa: bakka awwaalaa fi
waajjira TV Vilnius, Riga bakka
namooti itti rashanaman, Kaaba
Xaliyaani keessa bakka Ferrara
jedhamu iddoo mormitooti
dhukaasaan ajjeefaman, bakka
awaalaa Manerplaw kan namooti
hedduun daa’ima dabalatee itti
awwaalaman dha. Sirni abbaa
irrummaa hundi godaanisa kana
fakkaatu of duubatti dhiisanii
dabru.
Muxannoolee kana keessaa, abbaa
irree ittisuun, ajjeechaa inni
raawwatu irratti qabsoo
gaggeessanii injifachuun, abbaa
irree daaraa tahee awwaala isaa
irratti gara biraan akka hin
dhalanne ittisuun ni danda’ama
yaadi jedhu dagaage.
Akkaataa fi mala, wareegamaa fi
miidhaa xiqqaa dhaan, abbaa
irree guutummaatti diiganii
dhabamsiisan irratti yaaduuf
yaaleera. Waggootii dheeraaf
abbaa irrummaa, sochii diddaa,
warraaqsota, yaada politikaa,
sirna mootumma fi qabsoo karaa
nagaa godhamu qoradheen jira.
Kitaabni kun itti baha qorannoo
kanaa ti. Kitaabni kun akka
guutuu hin taane naaf gala. Haa
tahu malee sochii bilisummaattif
yaada masakaa kan irra
dhaabbatanii yaadanii fi
karoorsan ni taha jedheen
amana.
Xiyyeeffannaan kitaaba kanaa
abbaa irrummaa akkaataa itti
dhabamsiisanii fi haaraan akka
hin dhalanne godhanii dha. Biyyi
tokko maal akka godhuu qabu
xiinxaluu fi yaada dhiheessuf
dandeetti isaa itti hin qabu.
Haata’u malee xiinxalli bu’uraa
an godhe kun biyya rakkoo abbaa
irrummaa qabanii hundaaf ni
hojjata. Xiinxala asitti
dhihaate haala biyya isaanii
keessa jiruu wajjin wal
fudhachiisuun qabsoo isaanii
qindeeffachuu dha.
Xiinxala kana keessatti abbaa
irree diduun kan gatii hin
gaafanne fi salphaa jedhee hin
dhiheessine. Qabsoon hundi xaxaa
mataa isaa fi wareegama
kaffalchiisu qaba. Abbaa irree
loluun miidhama qamaa fi lubbuu
geessisu ni qaba. Xiinxalli as
keessatti dhiheesse kun
hoggantooti humna isaanitti
gahaatti dhimma bahanii,
fincilaa daandii wareegama
xiqqaa gaafatu akka filatan
isaan gargaara jedhee abdadha.
Xinxalli kun abbaan irree tokko
oggaa kufu rakkoon hundi ni
dhabama akka jedhutti fudhachuun
hin tahu. Mootummaan tokko
kufuun rakkoo hundaa hin
dhabamsiisu. Kan inni godhu
hojii jabaaf ulaa saaqee,
dadhabbii guddan hawaasa,
dinagdee, fi hariiroo siyaasaa
kan cunqursaa fi miidhaan hin
qabne ijaaruu dha. Xiinxalli
gabaabaa akkaataa abbaa
irrummaa itti buqqisan kun
fedhii ummatooti jala jiran
bilisoomsuu ni garaa jedhen
abdadha.
Jene Sharp
6 October 1993
Albert Einstein Institution
Boston, Massachusetts
Boqonnaa 1ffaa
Abbaa Irree Kallattin Kiphuu
Baroota as kaluu kana keessa
Abbaan irree gosti fedhe iyyuu
ummatni wal kakaasee yeroo dura
dhaabbatu oggaa caccaban agarree
jirra. Abbootii Irree jaboo fi
kan hin sochoone fakkaatan illee
diddaa ummataa qindaawe karaa
siyaasaa, dinagdee fi
hawaasummaa godhamu dura
dhaabbachuu hin danda’an.
!980ta irraa kaasee ummatooti
biyya Estonia, Latvia,
Luthuania, Poland, Jarman Bahaa,
Czechoslovakia, Slovenia,
Madagaskar, Mali, Bolivia fi
Philiphinnes diddaa karaa nagaa
adeemsisaniin abbootii irree
caccabsanii jiru. Biyyoota akka
Nepal, Zambia, South korea,
Chile, Argentina, Haiti, Brazil,
Uruguay, Malawi, Thailand,
Bulgaria, Hungary fi warra qaama
Soviet Union turan keessatti
qabsoo dimokraateessuuf
godhamuuf diddan karaa nagaa
godhamu guddaa gumaachee jira.
Itti dabalees diddaan siyaasaa
Chayna, Burma fi Tibet keessatti
dhiheenya kana mul’atee jira.1
Qabsoon biyyoota kana keessatti
deeman akeeka isaanii rukutanii
abbooti irree ykn mootummaa
hacuccuu buqqisuu baatan illee
hammenya mootummaalee kanaa
hawaasa addunyatti saaxiluu
duwwaa osoo hin taane ummaticha
bu’aa qabsoon karaa nagaa maal
akka tahe itti agarsiiseera.
Biyyootii olitti maqaan dhawame
keessatti sirni Abbaan irree
buqqifamuun rakkoolee hawaasaa:
hiyyummaa, yakka, xaxaa
birokraasii, fi uumama naannoo
mancaasuu haquu hin dandeenye.
Rakkooleen kun bulchinsa Abbaan
irree irraa kan as dabranii dha.
Abbaan irree kun buqqa’uun yoo
xiqqaate cunqursaa ummataa irra
guddaa kaasee hawaasichi akka
dimokraasii, bilisummaa fi haqa
ijaaruuf karaa saaqeera.
1.1 Rakkoo Itti Fufu
Kudhanota dabran keessa
addunyaan gara dimokraasii fi
bilisummaatti tarkaanfii guddaa
fudhate. Akka dhaabbati Mana
Bilisummaa (Freedom House)
jedhamu sadarkaa mirgoota
siyaasaa fi civilii qoratee
galmeesseetti biyyooti bilisa
(free) jedhaman lakkoobsi isaan
guddaa dabalee jira:2
Bilisa Cina Bilisa Bilisa
miti
1983 54 47 64
1993 75 73 38
2003 89 55 48
2009 89 62 42
Haalli kun gaarii fakkaatu illee
amma iyyuu ummatni bulchiinsa
abbaa irree jala jiran guddaa
dha. Haga bara 2008tti baayyina
ummata addunyaa biliyoona 6.68
keessaa %34 biyyoota “bilisa
miti”3 jedhaman keessa jiru
jedhama. Isaan kun biyyoota
mirgi siyaasaa fi civilii akka
cimaatti ugguramee dha. Biyyoota
42 bilisa miti jedhaman keessaa
garii bulchiinsa abbaa irree
waraanaa (kan akka Burmaa),
sirna mootiin bulchuu (kan akka
Saudi Arabia fi Bhutan),
paartiin tokkichan buluu (kan
akka Chayna fi Koriya Kaabaa),
humnoota alagaan hacuucamani
bulfamuu ( kan akka Tibet fi
Sahaaraa dhihaa), ykn warra
cehumsa sirnaa irra jiranii
dha.
Har’a biyyootiin baayyeen haala
guddina dinagdee ariifachiisaa,
jijjiirraa siyaasaa fi hawaasaa
keessa jiru. Lakkobsi biyyoota
bilisa jedhaman baayyatu illee
guddina buqqaasaa galmeessaa
jiru waan taheef gara bulchiinsa
Abbaan irree bifa haaraa jalatti
deebi’uu maluu shakkiin jedhu ni
jira. Murni qondalota waraanaa,
namtokkeen bolola qaban,
qondaalli filame fi paatiin
garii dantaa isaanii duwwaa gad
dhaabuuf ni tattaafatu.
Fonqolchi waan amma tahuu ykn
gara fuulduraatti as bahuu maluu
dha. Haala akkasiin ammoo mirgi
namoomaa fi siyaasaa ummataa
ugguramuun itti fufuu danda’a.
Haalli kaleessaa fi dheengadda
ture har’a illee numa wajjin
jira. Rakkon Abbaa Irruummaa
hiddi isaa gad fagoo dha.
Ummatni biyyoota baayyee keessa
jiran cunqursaa keessaa ykn kan
alagaa baroota kudhanoota ykn
jaarraa dhaaf jala jiraatan.
Yeroo baayyee gaaffii malee
jilbeenfatanii warra aangoo
qabuuf abboomamuun sammuu namaa
keessatti maxxanee jira. Yeroo
tokko tokko ammoo jaarmayaan
hawaasaa, siyaasaa, dinagde fi
amantii beekaa mootummaan
dadhabsiifamanii, meeshaa
mootumman hawaasa ittin tohatu
tahanii jiru. Ummatni akka quba
wal qabaatee, wal irratti
amantaa horatee bilisummaa isaaf
hin sochoone godhama.
Haala akkasii keessatti itti
bahi isaa: ummatni dadhabaa
taha, of irratti amantii dhaba,
diddaa agarsiisuu hin danda’u.
Ummatni mootummaa Abbaa
Irruummaa akka jibbu, bilisummaa
akka dheebotu kan biraa illee
hafee firaa fi maatii isaa
wajjin hin haasa’u. Diddaa
ummataa gaggeessina yaada jedhu
yaaduun iyyuu ummata ni
sodaachisa. Waan akkasii yaaduun
maal bu’aa buusa? Abdii kutatee
mataa gad qabadhee jiraachuu naa
wayya jedha.
Har’a haalli Abbaan irree keessa
jiru isa duraanii irra gadhee
tahuu mala. Yeroo dabre namooti
garii finciluu yaalanii turan.
Yeroo gabaabduuf illee haa
taatu malee ummatni hiriira
bahuun diddaa isaa agarsiisuun
ni ture. Kun hamilee ol kaasuu
hin oolle. Yeroo gara biraa
ammoo namtokkeelee fi gartuun
xiqqoon gootumman ka’anii sochii
ija hin qabne godhan illee
kaayyoo diddaa fi finciluu
akeekaniiru. Tarkaanfiileen
kabajamaan amma duraa kun garuu,
sodaa fi aadaa gaaffii malee
abboomamuu ummataa, kan Abbaa
Irruummaa buqqisuuf haal-duree
tahan dhabamsiisuu hin
dandeenye. Diddaa fi fincilli
ka’anii dhaaman dhiphuu fi
ajjefamuu ummataa dabalan malee
injifannoo fi abdii hin fidne.
1.2 Bilisummaa Goolii Dhaan
Haala akkasii keessatti maaltu
godhamuu qaba? Waanti godhamu
danda’u kan bu’aa hin qabne
fakkaata. Abbootiin irree heera
fi seera, murtii nama seeraa fi
yaada ummataa irra eejjetu.
Gochaa ajjeesuu, ukkamsuu,
reebuun dararuu fi ukkaamsanii
dhabamsiiu kanaaf ummatni falli
jiru goolii uumuu dhaan, meeshaa
lolaan debii kennuu dha jedhee
xumura taha. Warri miidhaan
aarsite wal ijaaree Abbaa
Irruummaa haga funyaanitti
hidhate meeshaa lolaa fi
dandeetii waraana haga qabuun of
irraa loluutti seena. Kun ammoo
fafa isaaf qabaachuu hin hubatu
taha. Namooti akkasitti ka’an
gootummaan lolanii wareegama
lubbuu fi qaamaa hir’achuun irra
gaheera taha. Tarkaanfiilee
boonsa galmeessan illee
bilisummaa barbaadamu kan
argamsiisan baayyee xiqqo tahu.
Diddaan meeshaa lolaan godhamu
Abbaan irree gara jabinaan akka
ummata caalaatti miidhuu fi
abdii kutachiisu godhuun
deddeebi’ee mul’ateera.
Hidhannoon diddaa agarsiisuun
bu’aa qabaatu illee waanti tokko
ifatti mul’ata. Meeshaan
loluu filachuun mataan isaa
dirree Abbaan irree olaantummaa
itti qabuutti seenuu taha.
Abbootin Irree goolii hojii
irra oolchuu hidhatanii jiru.
Dimokraatonni qawwee lafaa
kaasan yeroo haga tokkof itti
fufan illee haleellaan waraana
Abbaa Irruummaa jalaa
baraaramuu hin danda’an.
Abbootin Irree meeshaa waraanaa
, rasaasa, geejjiba fi humna
loltuu olaanaa qabu.
Dimokraatonni gootummaa hagam
qabaatan illee humna Abbaan
irreen gituu hin danda’an.
Warri fincile lola dhaabbataa
loluun akka bu’aa hin qabne
yeroo hubatan tooftaa riphee
lolaa filachuu ni malan.
Haata’u malee lolli riphee lolaa
yeroo baayyee ummata
cunqurfameef bu’aa hin qabu,
dimokraasiis fidee hin beeku.
Lola riphee lolaa loluun miidhaa
guddaa ummata irraan gaha waan
taheef furmaata fidu hin qabu.
Tooftaan kun deggersa keessaa fi
alaa qabaatu illee kufaatii
oolchuuf waanti iggitii tahu hin
jiru. Qabsoon riphee lolaan
godhamu yeroo dheeraa fudhata.
Ummatni qe’ee isaanii irraa
buqqifamu, miidhaa fi dararama
guddaatu irra gaha.
Lolli riphee lolaa yoo milkaawee
injifate iyyuu yeroo lolaa
bu’ura ijaarsa biyyaa diigaman
bakkatti deebisuun yeroo dheera
fudhata. Mootummaan lolamaa jiru
sun of ittisuuf jecha Abbaa
Irruummaa hiriyaa hin qabne
taha. Riphee loltooni yeroo
injifatanii aangootti dhufan
humni waraanaa fi caasaan
isaanii waaltawaa waan taheef,
dimokraasii gad dhaabuuf
jaarmaya hawaasaa barbaachisan
diiguu ykn dadhabsiisuu dhaan
yeroo tokko tokko Abbaa
Irruummaa isa kuffisan caalaa
Abbaa Irruummaa tahanii as bahu.
Namooti Abbaa Irruummaa jibban
fala gara biraa dhawuu jalqabuu
qaban.
1.3 Fonqolcha, Filmaata,
Gargaarsa Alagaa?
Mootummaa Abbaa Irruummaa
cunqursituu tahe karaa salphaa
fi gabaabaan itti buqqisan
fonqolcha waraanaa gaggeessuu
fakkaachuu mala. Haata’u malee
malli kun rakkoo cimaa qaba.
Rakkoon duraa fi cimaan wal
caalmaa akkaataa aangoon ummataa
fi qondaalota waraanaa qoodame
bakkumatti dhisa. Namtokke ykn
murna tokko bulchiinsa harkaa
qabu kaasuun gara biraa akka
bakka bu’u godha malee waan
geeddaru hin qabu. Tarii gartuun
amma aangootti dhufe hammenya
guddaa kan hin qabne fi
jijjiiraa dimokraasee garii
fudhachuu danda’a. Haata’u
malee faallaan kanas as bahuu
danda’a.
Murni reef aangootti dhufe gaafa
gad of dhaabe kan duraanii
caalaatti bololaa fi gara
jabaataa tahuu mala. Jijjiirraa
fida jedhamee murni abdatame,
dimokraasii fi mirga namoomaaf
dantaa osoo hin qabaanne waan
fedhe hojjachuu jalqaba. Kun
ammoo rakkoo Abbaan irreef
furmaata hin tahu.
Sirna Abbaa Irruummaa jalatti
filmaatni jijjiiraa siyaasaa
fida hin jedhamu. Mootummooti
abbaa irree kan Soviet duraanii
dimokraatawaa fakkaachuuf
tarkaanfiilee fudhatan ni qabu.
Filmaatni Abbaan irree
geggeessan garuu ummata kan
tohatu, kadhimamtooti dorgommiif
dhihaatan dursanii kan
qopheessani dha. Dhiibamanii
ykn dirqisiifamanii Abbaa
Irruummaa seera filmaataa haaraa
fudhatan illee sagalee kennamu
hatuun abbaa barbaadan duwwaa
moo’e jechu dhan maxxantoota
isaanii akka waajjira mootummaa
qabatan godhu. Yoo
kaadhimamtooti mormitootaa akka
dorgoman godhamee filaman,
akkuma bara 1990 Burma, bara
1993 Nigeria keessatti tahe,
sagaleen ummatni kennate
kabajamuun hafee, inni mohate
sun arihatamuu, hidhamuu ykn
ajjeefamuun iyyuu isa muudachuu
danda’a. Abbaa Irruummaa
filmaata aangoo irraa isaan
buqqisu akka geggeefamu hin
eeyyaman.
Ummatni baayyeen kan bulchiinsa
Abbaa Irruummaa jalatti
cunqurfamanii bulan, ykn kanneen
baqatanii biyyaa bahan,
cunqurfamaan of bilisoomsuu ni
danda’a jedhanii hin amanani.
Namni ykn humni gara biraan
dhufee akka bilisa isaan
baasutti abdatu. Hawwii fi abdii
isaanii humna alaa irra kaa’u.
Gargaarsa addunyaatu duwwaatu
cimina qabaatee Abbaa Irruummaa
buqqisa jedhanii amanu.
Ilaalchi curqufamaan Abbaan
irree buqqisuu hin dandeenyu
jedhu kun yeroo haga tokkoof
sirrii tahuu danda’a. Malaa fi
tooftaa cunqursaa ittin of irraa
buqqisan waan hin beekneef
cunqurfamooti of irratti abdii
qabaatanii wal ijaaranii qabsoo
hin godhan. Haalli kun yeroo
haga tokkof dhugaa tahuu
danda’a. Kana irraa ka’ee
sababiin ummatni humni alagaa na
bilisoomsa jedhe abdatuuf
hubatamaa dha. Humni alaa kan
jedhamu Mootummoota Waltaha
(UN), biyya beekamaa tokko, ykn
ammoo wixii dinagdee fi siyaasaa
hawaasi addunya godhu tahu
mala.
Tahu-malaa humni alaa bilisa na
baasa jedhanii abdatun kan nama
jajjabeessu fakkaatu illee
rakkoo cimaa of keessaa qaba.
Abdii akkasii guutummaatti kan
hin jirre taha. Humni alaa
dhufee bilisa nama baasu hin
jiraatu, yoo mootummoti itti
seenan ammoo kun tasa kan hin
amanamne dha.
Dhugaa jiru irraa ka’amee
maaliif humna alaa akka hin
abdatamne tuttuquuf:
•
Mootummooti alaa dantaa siyaasaa
fi dinagdee isaanii dursuun
Abbaan irree gargaaruu ykn ammoo
gochaa isaa obsuufii ni malu.
•
Mootummooti alaa akeeka mataa
isaanii dursuun fedhi
cunqurfamooti bilisummaaf
qabanif dhimmuu dhiisuu ni malu.
•
Mootummoti alaa garii biyya sana
harka lafa jalaan tohatanii
dantaa dinagdee, siyaasaa fi
waraanaa isaanii tikfachuuf
Abbaan irree irratti tarkaanfii
ni fudhatu.
•
Mootummoti alaa erga diddaan
ummataa biyya keessaa ka’ee
cimee Abbaan irree raasee
ilaalcha addunyaa argatee booda
itti seenanii gargaarsa kennuu
danda’u.
Yeroo baayyee Abbootiin Irree
lubbuu kan dheerataniif akkaataa
aangoon biyya sana keessatti
qoodame irraa ti. Qabeenyaa fi
aangoon harka namoota muraasatti
(xinnoo) kuufamee jira yoo tahe
ummatni fi hawaasi dadhaboo waan
tahaniif Abbaan irreetti rakkoo
uumuu hin danda’an. Hariiroon
alaa Abbaa Irruummaaf aanjaa
uumuu ykn dadhabsiisuu malu
illee umrii isaanii itti fufuuf
haala biyya keessaatu murteessaa
dha.
Biyya keessaa sochiin diddaa
ummataa cimaan yoo jiraate
dhiibbaan alaa godhamu gargaarsa
bu’a qabeessa kennuu ni danda’a.
Wixileen kan akka hariiroo
diplomaasii kutuu, dinagdee,
jaarmayaa idil-addunyaa keessaa
arihuu, Mootummoti Waltahan
balaaleffachuu fi kkf guddaa
gargaara. Haata’u malee kun
tahuuf sochiin didda ummataa
cimaan biyya keessa jiraachuu
qaba.
1.4 Dhugaa Hadhaawaa Dhaandhamu
Xumurri dhimma kanaa baayyee
jabaa dha. Abbaan irree karaa
salphaa fi gatii laafaa dhan
buusuf dalagaalee afur
hatattamaan hojjatamuu qaban:
•
Murannoo, of irratti amantii fi
tooftaa diddaa ummata
cunqurfamaa cimsuu
•
Dhaabbilee fi jaarmayaalee
walaba hawaasaa jabeessuu
•
Diddaa biyya keessaa humna qabu
uumuu fi
•
Bilisummaa argamsiisuuf karoora
cimaa fi tarsiimawaa karoorsuuf
bilchinaan hojii irra oolchuu
dha.
Gartuun bilisummaaf qabsoo godhu
of irratti irkachuu fi humna
isaa jabeeffachuu qaba. Bara
1879 fi 1880 keessa oggaa warri
Ireland diddaa gaggeessan
namtichi Charles Stewart Parnell
jedhamu:
Mootummaa irratti abdachuu ykn
irkachun bu’aa hin qabu….. Kan
ati irratti abdatu ykn irkattu
murannoo kee tahuu qaba…..
Walcinaa dhaabbachuun wal
gargaaraa..isin keessaa warra
dadhaboo tahan jajjabeessaa…
harka wal qabadhaa, wal ijaaraa
egaa ni injifattu.
Haga gaafa haala kan
dhugoomsitanitti hin dubbatinaa.
Gaafa bilcheessitan dubbadha.4
Abbaan irree humna cimaa of
irratti amantii qabu, karoora
ogomte kan karoorfate, naamusa
cimaa fi gootummaan tarkaanfii
fudhatu, cimina keessa isaa
irrati kan hundaawuun yoo
rukutame ni burkutaawa, ni
diigama. Yoo xiqqaate garuu
ulaagaaleen afuran olitti
tarrifaman guutamuu qabu.
Haasawa armaa olii irraa kan
hubatamu, Abbaan irree
buqqisanii bilisoomuuf
murteessaan dandeetii ummataa
ti. Diddaa siyaasaa karaa nagaan
gaggeessanii galiin gahuun,
akka olitti tuqametti, ummatni
of bilisoomsuuf carraa ni qaba.
Carraan kun garuu dhimma itti
bahamaa hin jiru. Boqonnaa itti
aanu keessatti dhimma kana
ilaalla. Haata’u malee dura
dhimma araaraan wal haasa’uun
Abbaan irree buqqisuu ilaalla.
Boqonnaa 2ffaa
Balaa Araara/Walhaasa’uun Qabu
Abbaa Irruummaa buqqisuuf
yaalanii yeroo itti ulfaatu ykn
rakkoon itti heddumaatu ummatni
garii mormii malee harka
kennachuutti deebi’u. Namooti
garii Abbaan Irree kan achii
hin sochoone itti fakkaatee,
dimokraasii argachuu hin
dandeenyu kanaaf araara,
walhaasa’uu dhaan cunqursaa of
irraa xiqqeessuu dandeenya
jedhanii yaadu. Irra keessa
yeroo ilaalan filmaata gara
biraa dhabuu irraa akkasitti
yaadun waan bu’aa qabu
fakkaata.
Abbaan irree irratti qabsoo
godhuun waan salphaa miti. Karaa
qabsoo kana deemun iyyuu maaliif
barbaachise? Walhaasa’uu dhaan,
jaarsummaa dhaan suuta jechuu
dhaan Abbaan irree kaasuun hin
danda’amuu? Dimokraatooti
Abbaan irreetti dhihaatanii
haasofsiisuun akka namoomaaf
jecha gochaa isaanii hammenyaa
kana suuta akka laaffisaa deeman
godhuun, maayii irratti aangoo
gad dhiisanii akka dimokraasiin
utubamu godhuun hin danda’amuu?
Yeroo tokko tokko dhugaan gama
tokko jiraachuu dhiisuu ni malti
jedhanii falmuun ni danda’ama.
Tarii dimokraatonni A/ Irre
hubachuu dhabu irraa kan ka’e
Abbaan irree yeroo keessa
tarkaanfii gaarii ni fudhatuu?
Tarii namooti garii Abbaan irree
yeroo rakkoo cimtuun biyya
qunnamtu, xiqqoo yoo
jajjabeessan, gammachuu dhaan
aangoo irraa bu’u jedhanii yaadu
taha. Haala gamni tokko argatee
kaan hin kaasaarre, Abbaa
Irruummaa fi ummatni bu’aa itti
argatan Abbaan irreef
dhiheessuun ni danda’ama jedhani
falmuun tarii ni ka’a. Qabsoo
kanaaf kana caalaa wareegama
kaffaluu fi balaan muudachuun
hin barbaachisu jechun falmuu fi
akka namooti beekamoon ykn
mootummaan biraa dhimma karaa
nagaa fi araaraa xumuru wayya
jechuun ka’uu danda’a. Qabsoo
ulfaataa gaggeessuu irra kun
irra hin wayyuu?
2.1 Mishoomaa fi Fafa
Walhaasa’uu
Walhaasa’uun/jaarsummaan mormii
tokko tokko furuu irratti
meeshaa baayyee barbaachisaa
yeroo tahu waan jiruuf lagatamuu
hin qabu.
Haala wal haasa’uu kaayyoo
bu’uraa hin miine keessatti
mormii furuuf wal haasa’anii,
waan garii walii beekanii
dhiisuun meeshaa araaraa gaarii
dha. Dafqaan bulaan dabala
mindaa gaafachuun hojjii yeroo
dhaabu, mormii kana furuuf
walhaasa’uun furmaata fida.
Gaaffii dafqaan bulaan gaafatee
fi abbaan warshaa deebii kennu
giddutti madaalani walhaasa’uun
furmaata irra gahuun ni
danda’ama. Haalli wal mormii
dafqaan bulaa waldaan ijaarame
fi abbaa qabeenyaa gidduu jiruu
fi Abbaan irree humnaa fi gara
jabinaan bulchuu fi ummata
gaaffii siyaasaa gaafatu giduu
jiru wal hin fakkaatu.
Dhimmi irratti haasa’amu kaayyoo
bu’uraa amantii, mirga namoomaa
ykn ammoo dagaagina hawaasaa
gara fuulduraa kan tuqu ykn
miidhu yoo tahe walhaasa’uun
furmaata wal hubannaan irratti
argamu fiduu hin danda’u.
Dhimmota bu’uraa fi murteessoo
tahan irratti haasa’uun irraa
bu’un tasa hin jiraatu. Kaayyoo
bu’uraa kan iggiteessuu danda’u
yoo aangoon harka Abbaa
Irruummaatii bahee harka
dimokraatotaatti gale duwwaa
dha. Aangoon harka geeddarachun
kan danda’u ammoo qabsoo dhaan
malee wal haasa’uun hin tahu.
Kana jechun ammoo walhaasa’uun
lagatamuu qaba jechuu miti.
Yoo dimokraatoti humna qaban
jiraatan malee Abbaan irree
jabaa walhaasa’uun kaasuun hin
danda’amu.
Walhaasa’uun filmaata tokko
tahuu dhiisuu ni mala. Abbaan
irree akka gaaritti gad of
dhaaban mormiitoota isaani
dimokraatootaa wajjin haasa’u
diduu danda’an. Yokaan wal
haasa’uun jalqabee,
dimokraatooti haasaa jalqaban
achumaan dhabamuu malan.
2.2 Walhaasa’uun Harka Kennuu?
Gartuu ykn namooti Abbaan irree
dhaan morman sababa qabatamaa
araara itti barbaadan qabaachuu
danda’u. Keessaafuu karaa
hidhannoo qabsoo godhan yoo
tahe, qabsoon sun bara dheeraa
deemee injifannoo galmeessuu
oggaa hanqatu, ummatni nagaa nuu
wayya jechuu danda’a. Haala
Abbaan irree karaa humna
waraanaa olaantummaa qabaatee
miidhaa guddaa ummata irraan
gahu yeroo ulfaatu dimokraatoti
walhaasa’uun qabxii ka’u taha.
Haala akkasii keessatti akeeka
dimokraatoota haga tokko
dandamachiisuuf, goolii fi
jeequmsa uumame dhaabuuf mala
dhawuun jalqabuf fedhiin namatti
buluu ni mala.
Waamicha araaraa Abbaan irree
dimokraatootaaf godhu hin
amanamu. Goolii fi jeequmsii
deemaa jiru battalatti kan
dhaabbatu yoo Abbaa Irruummaa
ummata isaanii irratti lola
banan yoo dhaabanii dha. Kana
ammoo dhiibbaa tokko malee
kaka’iinsa mataa isaaniin, wal
haasa’uu tokko malee, kabajaa
ummataaf qaban bakkatti
deebisanii, mirga naamoomaa
beekanii kabajanii, hidhamtota
siyaasaa hiikanii, torchar
dhaabanii, ummata dhiifama
gaafatanii aangoo irraa bu’uu
danda’u.
Abbaan irree ciminni yeroo itti
dhaga’amu, mormiitoota dadhaboo
garuu kan isa tuttuqan, nagaa
golgaa godhachuun, mormitoota
harka kennachiisuuf walhaasa’uu
ni fedha taha. Waamichi
walhaasa’uuf godhamu nama
harkisuu mala, garuu balaa
hamaan walhaasa’u kanaan dhufuu
danda’a.
Gama biraan ammoo yoo mormitooti
baayye cimoo tahanii Abbaa
Irruummaa kan sodaachisan tahe,
Abbaan irree haga tokko of
dandamachiisee qabeenya isaa
hambifachuuf walhaasa’u ni fedha
taha. Karaa lamaaniinis tahe
dimokraatoti akeeka Abbaan irree
gargaaruu qabuu?
Kiyyoo walhaasa’uu Abbaan irree
diriirsanitti akka hin kufne
dimokraatoti guddisanii of eeguu
qaban. Dhimma walabummaa
siyaasaa ilaalu irratti waamichi
Abbaa Irruummaa walhaasa’uuf
dimokraatotaaf dhiheessu akka
harka kennatanii, Abbaan irree
hacuuccaa isaa itti fufu
taasisa. Walhaasa’uun dhugaa kan
argamuu danda’u qabsoon cimee
aangoo Abbaan irree erga akka
gaaritti dhabamsiisee booda
taha. Kunis Abbaan irree
nageenya mataa isaaf dirree
xiyyaaraan akka biyyaa bahuuf
gargaara.
2.3 Walhaasa’uu keessatti humnaa
fi haqa
Akkaataa walhaasa’uun itti deemu
irratti kan dhihaate yoo ulfaate
warra walhaasa’uu fedhaniif
karaa laafa dhiheessun ni
danda’ama. Garuu akkaataa
walhaasa’uun deemu irratti yaadi
ifaan jiraachuu qaba.
Walhaasa’uu yeroo jedhamu gamni
lachuu wal qixa wal maddii
taa’anii waldhabbii isaan gidduu
jiru haasa’anii furatu jechuu
miti. Kana irratti qabxiin lama
hubatamuu qaba. Tokkoffaa,
walhaasa’u keessatti ilaalchaa
fi akeeka wal morman lamaan
gidduu dhugaan jiru waltahiinsa
fiduu hin fidu. Lammaffaa,
qabxiin irratti wal galamu humna
gamni lachuu qaban irratti
hundaa’a.
Gaaffiilen jajjaboon as irratti
ilaalamuu qaban. Haasawaan
deemee, dhuma irratti, walii
galtee irra gahuun yoo
dadhabame, akeeka ofii
tikfachuuf gamni lachuu maal
godhuu qaban? Walii galtee irra
gahamee, gamni tokko waadaa gale
yoo cabsee humna qabuun akeeka
deebifachuuf socho’e, gamni
lachuu maal godhuu qaban?
Dhimma haasa’amu irratti kun
sirrii, sun sirrii miti jechuu
dhaan furmaata irra gahuun hin
danda’amu. Dhimmota sana irratti
marii fi haasaa bal’aan godhamu
illee wahitti bahuuf murteessaan
humna gartuun wal falman lamaan
qabanii dha. Dimokraatooti waan
barbaada keessaa isa xiqqaa akka
hin dhorkatamneef maal godhuu
qaban? Abbaan irree aangoo irra
turanii dimokraatoota tohachuu
fi dadhabiisuuf maal godhuu
qaban? Yoo walii galteen kan
bu’u tahe, akkaataa gamni
lachuu humna wali itti
tilmaamanii fi qabsoo sana itti
xumuran itti herregan irratti
hundaa’a.
Kan ilaalamuu qabu, walii galtee
irra gahuuf gamni lachuu maal
kennuuf fedhii akka qabuu dha.
Walhaasa’u milkiin xumuramu
keessa kennanii fudhachuun,
garaagarummaa walii beekutu
jira. Gamni lachuu akeeka isaa
irraa haga tokko bu’ee, kan
barbaadu irraa ammoo haga tokko
argata.
Haala Abbaan irree fuggifamaa
tahe keessatti dimokraatoti
hagam gad dhiisuufii qabu?
Akeeka Abbaa Irruummaa keessaa
dimokraatooti maal fudhachuufii
danda’u? Dimokraatoti mootummaa
gara fuulduraatti heera irratti
hundaawe dhaabbatu keessatti
akka qooda qabaatu Abbaa
Irruummaaf kennuu danda’uu?
Sana keessatti dimokraasiin
eessa jiraata?
Walhaasa’uun akka gaaritti yoo
deeme illee gaaffilee : Nagaa
akkamitu bu’a? Yoo dimokraatotni
qabsoo itti fufan jireenyi ni
foyya’a moo ittumaa hammata?
gaafachuu barbaachisa.
2.4 Abbaa Irree Mijjataa
Abbaan irree akeekaa fi fedhii
itti hacuucanii bulchanif adda
addaa kan akka: aangoo,
qabeenyaa, hawaasa jijjiiruu fi
kkf qabaachuu danda’u. Yoo bakka
qabatani irraa ka’an fedhiin
isaanii kun duraa hafa. Kanaaf
yeroo walhaasa’an Abbaa
Irruummaa akeeki isaanii akka
hin tuqamne barbaadu.
Abbaan irree dimokraatota
harkatti galfaachuu yeroo
walhaasa’amu abdii fi waadaa
adda addaa galanii erga harkaan
gahatanii booda waadaa isaani
sodaa tokko malee cabsu.
Dimokraatoti diddaa isaanii
giddutti yoo dhaaba maayi
irratti itti gaabbu. Qabsoo
diddaa gidduutti laaffisuun
cunqrusaa hin hir’isu. Humni
isaaniin mormu keessas tahe alaa
qabbanaaw Abbaan irree isa durii
caalaatti tarkaanfii hammeenyaa
fi hacuuccaa fudhatu. Diddaan
ummataa jiraachuun Abbaan irree
miidhaa ummata irraan geessu
irraa akka of qusatu taasisa.
Yoo diddaan ummataa hin jiraanne
Abbaa Irruummaa abbaa fedhe
irratti tarkaanfii fudhata.
Krishnalal Shridharani namni
jedhamu “ Abbaan irree waan nuti
of irraa ittisuu hin dandeenya
humna waan qabuuf rawwata”5
jedhe.
Kaayyoon bu’ura kan tuqamu yoo
tahe mormii jiru hiikuuf diddaa
itti fufuu malee walhaasa’uun
gatii hin qabu. Diddaan haga
Abbaa Irruummaa aangoo irraa
buusutti itti fufuu qaba.
Injifannoon yeroo baayyee
walhaasa’un waliin galuun osoo
hin taane diddaa ummataatti
ogummaan fi ciminaan dhimma
itti bahuu dhaan argama.
Qabsoo bilisummaaf godhamu
keessatti meeshaa jabaan diddaa
siyaasaa fi qabsoo karaa nagaa
godhamu akka tahe ni
dhiheessina.
2.5 Nagaa Gosa Kamii?
Yoo Abbaan irree fi
dimokraatonni waa’ee nagaa
haasa’an, yaada ifaa qabaatan
malee balaa qaba. Nagaan
barbaada kan jedhu hundi nagaa
bilisummaa fi haqa wajjin hin
barbaadu. Abbaa Irruummaa ummata
kumootaan cunqursuu fi
hacuucutti harka kennuun nagaa
fiduu hin danda’u. Hitler nagaa
jedhaan kan ture, fedhii fi
aangoo isaatti harka kennaa
jechuu ture. Nagaa Abbaan irree
jedhan yeroo baayyee nagaa mana
hidhaa ykn awaala keessa irraa
adda miti.
Balaa gara biraas ni jira.
Namooti garii akeeka walhaasa’uu
fi deemsa haasaa waliin dhawu.
Dimokraatooti yeroo Abbaan irree
wajjin haasa’an biyya keessaa fi
alatti fudhatama Abbaan irree
sababa hammeenyaa fi dhiittaa
mirga namaa raawwatuuf dhabee
ture deebisuuf. Abbaa Irruummaa
fudhatama yoo hin arganne
bulchiinsa isaanii itti fufuu
hin danda’an. Warri nagaa
barbaadan fudhatama Abbaan irree
dhabe sana kennuufii hin
qaban.
2.6 Sababoota Abdii Nuu Kennan
Akkuma olitti tuqamee ture,
hoggantooti mormitootaa qabsoo
godhan irraa yeroo abdii dhaban
gara nagaa haasa’uutti deebi’u.
Abdii kutannaa ykn laafinni
har’a mul’atu ni jijjiirama.
Abbaan irree bara baraan kan
jiraatan miti. Ummatooti
bulchiinsa Abbaan irree jala
jiran dadhaboo akka tahanitti
hafuu hin qaban. Akkasumas
Abbaan irree jabaa fi abbaa
humnaa akka tahanitti hin hafan.
Aristootil bara dheeraan dura “
Bulchiinsi Abbaan irree
bulchiinsa warra kaan irra
lubbuu gabaabbatu . Abbaan
irree lubbuu dheerate hin jiru.”
jedhee jira. Abbaan irree
barannee ammoo qaama laafina
qabu. ( Boqonnaa IV keessatti
qaama laafina kana bal’inaan
ilaalla.)
Seenaa irraa akka arginutti
Abbaan irree yeroo gabaabaa
keessatti unkutaa’anii caccabu.
Kanaaf fakkeenya kan tahu
biyyoota bulchiinsa komunistii
jala turan Polaand, East
Germany, Chekoslovia faa dha.
Abbaan irree biyyoota kanaa bara
1989 keessa torbanoota gabaaboo
keessatti caccabanii badan.
Bara 1944 keessa qabsoon Abbaan
irree humna waraanaa buusuuf
deemifame torban lama duwwaa
fudhate. Mootummaan Shaah biyya
Iraan kan humna waraanaa guddaa
qabu yeroo gabaabaa keessatti
buqqa’e. Bulchiinsi Abbaa Irree
Maarqos, kan biyya Philippines
1986ta keessa bulchaa ture,
qabsoo mormitootaa itti
jabaannaan, yeroo gabaabaa
keessatti biyya gad dhiisee
Ameerikaatti baqate. Biyya
Rashiiyaa keessatti fonqolchi
bara 1991 yaalamee ture diddaa
ummataan bakka gahuu hanqate.
Haala kanaan hawaasoti cunqursaa
jala turan yeroo gabaabaa
keessatti bilisummaa isaanii
argatan.
Kanaaf ilaalchi dullachi kan
qabsoon hidhannoo dafee hojjata,
qabsoon karaa nagaa yeroo
dheeraa fudhata jedhamaa ture
dhugaa tahuu dhiiseera. Haalaa
fi hawaasa keessatti jijjiirraa
buqqaasaa fiduun yeroo yoo
fudhate illee, yeroo tokko tokko
abbaa irree buusuuf qabsoon
karaa nagaa godhamu shaffisuu
danda’a.
Lola itti fufuu ykn harka
kennuuf dhaaf walhaasa’uun
filmaata tokkicha tahuu hin
danda’u. Fakkeenyoti olitti
kaafne, boqonnaa tokkoffaa
keessatti akkuma ibsame, nagaa
fi bilisummaa warra barbaadaniif
filmaatni gara biraan diddaa
siyaasaa karaa nagaa deemsisuu
dha.
Boqonnaa 3ffaa
Aangoon Eessaa Dhufaa?
Hawaasa nagaa fi bilisummaa qabu
argamsiisuun dalagaa salphaa
miti. Kana argamsiisuuf ogummaa,
jaarmayaa fi karoora tarsimawaa
qabaachuu gaafata. Hundaa olitti
ammoo aangoo qabaachuu gaafata.
Abbaan irree buqqisuuf
dimokraatonni siyaasaa walaba
gad dhaabuuf aangoo siyaasaa
qabaatanii gahummaan dhimma itti
bahuu isaan barbaachisa.
Garuu, aangoo siyaasaa kanatti
akkamitti dhimma bahamaa? Humna
waraanaa fi polisii Abbaan irree
dhabamsiisuuf dimokraatonni
aangoo siyaasaa akkamii fi
hagamiin socho’uu qabanii?
Deebiin gaaffilee kanaa aangoo
siyaasaa hubachuu irraa dhufa.
Aangoon siyaasaa maal akka tahe
hubachuun guddoo rakkisaa miti.
Dhugaan garii salphaa fi dirree
irra jira.
3.1 Oduu Qamalee
Aangoon siyaasaa maal akka tahe
hubachuuf oduu/fakkeenya warra
Chaynaa lui-Ji jedhamu ilaalun
ni gaha. Oduun ykn fakkeenyi
kunis akkasi:
Kutaa Chayna Chu jedhamu keessa
jaarsi tokko qamalee
hojjachiifachuun jiraata ture.
Ummatni Chu jaarsa kanaan
‘ju-gong’ jedhanii waamu.
Ji-gong jechuun gooftaa qamalee
jechuu dha.
Jaarsi kun ganamuu qamalee
balbala mana isaa duratti
walgahii godhaaf ture. Walgahii
kana irratti isaan keessa isa
jaarsa tahetti warra kaan fudhee
gara bosonaa akka deemu ajaja
itti kenna ture. Qamaleenis
bosona deemanii ija mukaa
funaananii akka fidan dirqama
qabu. Qamaleen kam iyyuu ija
mukaa funaane kudhan keessaa
tokko jaarsa kanaaf kennuu
qaba. Kun seera dhaabbataa
tures. Warri seera kana kabajuu
didan alangaa dhaan reebamu
turan. Qamaloti miidhaa kana
hubatan illee kan isaan keessaa
onnee godhatee gungumu hin
turre.
Guyyaa tokko ganama, qamalee
xiqqoon tokko “mukketii bosonaa
kana hundaa jaarsa kanatu
dhaabeeyii?’ jettee warra kaan
gaafatte. Qamalooti kaanis “
lakkii mukkeetiin kun ofumaan
biqilanii” jedhanii deebisaniif.
Qamalee xiqqoon sun itti fuftee
“eeyyama jaarsa kanaa male ija
mukkeetii kana ofii fudhachuu
hin dandeenyuu?” jettee
gaafatte. Warri kaanis “eeyyee
ni dandeenya” jedhanii
deebisaniif. Qamalee xiqqoon
sun itti fuftee “egaa, nuti
maaliif jaarsa kanaaf hojjanna
ree?”
Osoo isheen gaaffii ishee
gaafattee hin fixin qamalooti
dhugaan galeefii dammaqan.
Halkan guyyaa sanaa, akka
jaarsichi rafe erga
mirkaneeffatanii booda dallaa
mooraa itti galan cabsanii
bahan. Gumbisaa iji mukaa
keessatti walitti qabamu
cabsanii barbadeessan. Ija mukaa
jaarsichi walitti kuufate
guurrattanii mukatti galan,
lamatas gara isaatti hin
deebine. Jaarsichii waan nyaatu
dhabee beela’ee du’e.
Addunyaa kana keessa namooti
garii ummata bulchan dhugaan
osoo hin taane gowwomsaa ykn
abshaalummaa xixiqqaa dhaan
bulchu jedhe ture namtichi
Chayna Yu-li-zi jedhamu. Namooti
akkasii jaarsa gooftaa qamalee
sanan wal hin fakkaatuu? Sammuun
isaanii akka joonja’aa tahe of
irratti hin beekan. Ummatni
isaan gowwomsaan bulchan gaafa
itti dammaqe, abshaalummaan
isaanii lammata tasa hin
hojjatuuf.
3.2 Madda Aangoo Siyaasaa
Madda aangoo siyaasaa baruun
salphaa dha. Abbaan irree ummata
bituuf tumsa isaanii qabaachuu
qabu. Yoo tumsa ummataa hin
qabaanne Abbaan irree madda
aangoo siyaasaa qabaachuu fi
turfachuu hin danda’an. Madda
aangoo siyaasaa kan jedhaman
warra armaan gadii ti.
•
Aboo/Abbommuu (Authority)
Ummatni kan mootummaa dhaaf
ajajamu ykn abboomamuuf waan
mootummaan sun sirnaawwa/
seerawaa dha jedhee amanuuf.
Mootummaan sun seerawa dha
jedhee waan amanuuf abboomamaaf.
•
Deggersa Namaa (Human Resources)
Bayyinnii fi dandeetin namoota
murna biyya bulchuuf tumsa,
gargaarsaa fi warri abbomaman
aangoo siyaasaaf murteessaa
dha. Gita bittuuf warri tumsan
abboomaman fi gargaaran bayyinni
fi dandeetiin isaanii jabinaa fi
laafina aangoo siyaasaa akeeka.
•
Ogummaa fi Beekumsa (Skills and
Knowledge)
Mootummaan waan tokkoo tokko
dalaguu dhaaf beekumsaa fi
ogummaan warra isaaf tumsanii
cimaa ykn dadhabaa tahuun
murteessa dha.
•
Wanneen Hin Mul’anne/ Qorqalbii
(Intangible Factors)
Ummatni warra bulchaniif tole
jedhee ajajamuu fi bitamuuf
qorqalbii fi idolojiin jiru
dhiibbaa qaba.
•
Qabeenya (Material Resources)
Warri bulchan hagam akka
qabeenya uumamaa, badhaadhina
jiru, maallaqa, dinagdee,
daandii wal qunnamtii fi
geejjibaa akka tohatan
murteessaa dha.
•
Adaba/Wixii (sanctions)
Warra isaaf abboomamuuf diddaa
agarsiisan jilbeenfachiisuuf
adabbii, sodaachisa, dorsiisa
ummata irratti raawwatamu.
Imaammata isaa hojii irra
oolchuuf dhiibbaa humnaa warri
bulchu ummata irraan gahu.
Maddi aangoo armaa olii kun
hundi kan irratti hundaawu
ummatni mootummaa sana fudhachuu
fi dhiisuu irratti taha. Yoo
ummatni gaaffii tokko malee
mootummaa dhaaf ajajame waan
inni ajaju dalage baayyinni
ummata ajaja fudhatu,
dhaabbileen isaaf tumsanii
jabina aangoo siyaasaa ni
akeeku. Haalli hundi ajajamuu,
abboomamuu ammoo iggitawaa miti,
ni geggeedarama. Ummatnii fi
dhaabbileen guutummaatti
mootummaadhaf ni ajajamu, ni
gargaaru, ni tumsu yoo tahe
aangoon siyaasaa isaa ni
jabaata.
Karaa gara biraa ummatni fi
caasaaleen jiran Abbaan irree
tumsuu fi gargaaruu yoo dhaaban
aangoon siyaasaa ni dhumata.
Maddi aangoo siyaasaa murna
bittuu deggersa ummaticha biraa
qabu irratti hundaa’a. Tumsaa fi
deggersa ummataa yoo hin qabu
tahe aangoon siyaasaa gareen
bittuu laaffatee maayii irratti
ni diigama ykn ni dhabama.
Abbaan irree gochaa ykn yaada
akka fedhan dalaguu fi ajajuu
isaanii xiqqeessu ykn gaaffii
jala galchu guddaa sodaatu.
Kanaaf Abbaan irree warra isaaf
ajajamuu, tumsuu, hojjachuu fi
abboomamuu didan ni sodaachisa,
ni adabas. Kana gochuun Abbaan
irree garuu jaalala fi ajajamu
ummataa inni barbaadu hin
argamsiisuuf. Abbaan irree
ummata humnaan hacuucuun
jilbeeffachiisuun kan inni
barbaadu ajajamuu fi abboomamuu
ummataa fiduufii hin danda’u.
Miidhaa fi hacuuccaan osoo irra
gahaa jiruu ummatni yoo diddaa
isaa yeroo gabaabaaf illee itti
agarsiise mooraa Abbaa Irruummaa
keessatti jeequmsa uuma. Ummata
sochaachuu fi garaa wallaalutti
seena. Kun ammoo aangoo Abbaan
irree sharafa ykn dadhabsiisa.
Ummatni aangoo mootummaa
sodaachuu dhiisuun yeroo
dheerina keessa gara sirna
Abbaa Irruummaa laamisheessuu fi
dalagaa dadhabsiisuutti geessee
maayii irratti kufaatiin isaan
xumurama. Haalli kun aangoon
Abbaan irree deggersa siyaasaa
dhabuun agabee suuta ykn
shaffisee du’uu agarsiisa.
Sirna mootummaa kam keessatti
iyyuu sadarkaa bilisummaa ykn
gabrummaa ummatoota kan irratti
hundaawu murannoo ummatni sun
bilisummaaf qabu, sirna isa
hudhee gabromsuu fedhu of irraa
kaasuuf murannoo fi cichoomina
inni qabuu dha.
Faallaa akkaataa hubannaa
hawaasaatti Abbaan Irree
deggersa ummataa malee jiraachuu
hin danda’u. Haala kana
namtichi Karl W. Deutsch jedhame
bara 1953tti akkasitti ibse.
“ Abbaan irree aangoo harkaa
qaban hundumaa guutummaatti
dhimma itti hin baane lubbuu ni
dheeratu. Abbaa Irruummaa aangoo
isaanii guutummaatti yeroo
hundumaa kan dhimma itti bahan
yoo tahe bulchiinsi isaanii
lubbuu hin dheeratu. Gosa
mootummaa kamu iyyuu caalaatti
mootummaan Abbaa Irruummaa
aangoon isaanii ummatni bulchan
isaaniif ajajamuu fi abboomamuu
irratti hunda’a. Ummatni yoo
isaan hin deggerre barri isaanii
lubbuu dheerachuu hin danda’u.”
Namtichi Ingilizii John Austin
jedhamu jaarraa 19ffaa keessa
hariiroo Abbaa Irruummaa fi
ummata gidduu jiru ibsee jira.
Akka Austin jedhdetti yoo
ummatni mootummaa kana buqqisuun
qaba jedhee murteeffate, murtii
isaa hojii irra oolchuuf waan
isa muudachuu malu beekee itti
seene, mootummaan ummatni jibbee
sun humna jabaa qabaatus,
deggersa keessaa fi alaa
qabaatus, kufaatii irraa waanti
isa dandamachiisu hin jiru.
Ummata didee fincile humni
deebisee akka duraanitti akka
abboomamee bulu godhu tasa hin
jiru jedha Austin.
Namtichi Nikolo Makivelii
jedhamus “ mootiin hawaasa
guutuu diineffate nagaan
jiraachuu hin danda’u. Ummata
irratti hammeenyi raawwatu akka
cimaa deemeen mootummaan isaa
laafaa deema” jedhe.
Dhugaan olitti himame seenaa
keessatti ummatni Norway duula
Naazii dura dhaabbachun
mirkaneessanii jiru. Itti
dabalees cunqursaa fi abbaa
irrummaa komunistootaa dura
ummatooti Polaand, Jarman,
Czechs, Solvak fi warri kaan
dhugaa kana raggaasisanii jiru.
Dhuma irrattis sirna komunistii
Awroppaa keessaa buqqisuun dhaan
xumuranii jiru. Seenaa
keessatti dhaloota Kristoos dura
bara 494tti ummatni
bulchiitoota Roomaatiif karaa
nagaa ajajamuu didanii
mootummicha diiguu danda’anii
jiru. Qabsoon karaa nagaa
godhamu ummatoota Awroppaa,
Eshiyaa, Afrikaa, Amerikaa,
Australia fi bakkoota biroottis
dhimma bahamee jira.
Mootummaan aangoo tohachuu ykn
tohachuu dhabuu qabxiilee
murteessan: a) fedhii ummatni
dhiibbaa godhee aangoo mootummaa
daangeessuuf qabu, b) cimina
jaarmayaa fi dhaabbilee ummataa
waloon deggersa mootummaa
dhorkachuu danda’uu fi c)
dandeettii ummatni gargaarsaa fi
deggersa mootummaaf godhu
agabsuu danda’uu tahu.
3.3 Wiirtuulee Aangoo
Dimokraatawaa
Hawaasi tokko dimokraatawaa
tahuuf mallattoolee jiran
keessaa tokko jaarmayaan
hawaasaa, dhaabbileen adda addaa
fi jaarmayooti miti-mootummaa
walabni kan mootummaan hin
tohanne jiraachuu dha.
Dhaabbilee ykn jaarmayaalee kun
fakkeenyaaf: kan maatii, waldaa
amantii, waldaa aadaa, waldaa
isportii, siyaasaa, naannoo
qubsumaa, walda mirga namoomaa,
waldaa muziqaa, waldaa
beektootaa, fi kkf dha.
Waldaaleen ykn dhaabbileen
akkasii hawaasa tokko keessa
jiraachuun mallattoo
dimokraatawaa tahuu ti. Qaamoti
ykn waldaaleen gara garaa kun
akeeka dhaabbataniif haa
hojjatan malee walitti kuufamee
waan hawaasichi barbaadu
argamsiisu.
Itti dabalee qaamoti kun
siyaasaa keessatti qooda guddaa
qabu. Hawaasichi kallatti itti
deemu bu’urri irraa ka’anii
dhiibbaa godhamu qaamota kana
tahu. Waldaaleen, jaarmayaaleen
fi qaamoti kun hawaasicha
irratti dhiibbaa godhan qabu
jechuu dha. Akkasumas yoo
mootummaan ykn gartuun tokko
fedhii hawaasaa ala deemuu
jalqabe qaamoti kun dura
dhaabbachuu danda’u. Namtokkeen
yoo hin ijaaramin hawaasichaaf
waan gumaachan hin qabaatan.
Ummatni yoo hin ijaaramne ammoo
mootummaa Abbaa Irruummaa
irratti dhiibbaa godhuu hin
danda’an.
Mootummaan Abbaa Irruummaa
qaamotaa fi waldaalee kana
walabummaa yoo dhorkate ummatni
dhiibbaa godhuuf humna hin
qabaatu. Akkasumas mootummaan
sun waldaalee fi dhaabbilee kana
yoo kan dhuunfate tahe
mootummaan sun namtokkee fi
hawaasa hacuuca jechuu dha.
Yoo jaarmayooti fi waldaaleen
hawaasaa kun walaba kan
mootummaan isaan hin tohanne yoo
tahe diddaa siyaasaa ummatni
godhuuf qooda guddaa qabaatu.
Ummatni harka wal qabatee
jaarmayatti dhimma bahee diddaa
siyaasaa gaggeessaniin Abbaa
Irruummaa buqqisuu ykn laaffisuu
akka danda’an fakkeenya heddutu
seena keessa jira.
Jaarmayaaleen ummataa wiirtuu
aangoo fi bu’ura ummatni irraa
ka’ee Abbaa Irruummaa dura
dhaabbatuu dha. Hawaasa bilisa
bor ijaaramuuf jaarmayooti
kanatu bu’ura tahu. Qabsoon
bilisummaa milkaawuuf
jaarmayaaleen walabni jiraachuu
fi jabaachuun haal-duree
barbaachisaa dha.
Abbootiin Irree dhaabbilee
miti-mootummaa fi jaarmayaalee
hawaasaa tohachuutti yoo
milkaawan ummatni jaarmayaa gara
biraa bilisaa fi walaba
ijaarrachuun barbaachisaa dha.
Biyya Hungary keessatti
warraaqsa bara 1956 – 57
deemsisan keessatti waldaalee
walaba ijaarratanii, waldaalee
kana walitti fiduun yeroo
gabaabaaf illee tahu sirna
federaalummaa dhaabbatanii
turan. Akkasumas bara 1980ta
keessa hojjattooti biyya Poland
walitti dhufuun tumsa
ijaarrataniin dhimma biyyaa
sadarkaa tohachuu irra gahanii
turan. Jaarmayaalee akkasii
dhaabbachuuf fi dagaagsuun
deemsa siyaasaa keessatti
barbaachisummaa cimaa qaba.
Malli ykn tooftaan adda addaa
olitti tuqaman salphaa dhumatti
Abbaa Irruummaa dhabamsiisuu ykn
dadhabsiisu jechuu miti. Yaalii
yeroo tokkoon fiixa bahuus
jechuun hin danda’amu. Qabsoon
godhamu wareegama malee ta’as
hin jedhamu. Warri Abbaa
Irruummaaf hojjatan ummatni
akkuma isaa duraanitti akka
mootummaaf ajajamu godhuuf
humnatti dhimma bahuun isaanii
hin oolu.
Unkaa madda aangoo olitti
ilaalle diigamuu sirna Abbaa
Irruummaatti gumaachuu ni
danda’u. Haa tahu malee Abbaa
Irruummaa buqqisuuf qaama
laafina sirna isaa beekuun
barbaachisaa dha. Itti aansinee
amalaa fi qaama laafina Abbaa
Irruummaa ilaalla.
Boqonnaa 4ffaa
Abbootiin Irree Laafina Qabu
Abbootiin Irree jabaa kan
qilleensi hin raafne fakkaatan
illee laafina ni qabu. Caasaan
mootummaa Abbaan irree: tikaa,
polisii, waraanaa, mana hidhaa,
saglii dhoksaan nama ajjeeftuu
fi kkf namoota lakkobsaan xiqqoo
dhaan tohatamu, ajajamus.
Qabeenyi uumamaa, maallaqni,
omishini biyyaa, fi kkf Abbaa
Irruummaan saamamu akka dantaa
isaaniif duwwaa oolu godhama.
Biyya akkasii keessatti dhaaboti
ykn humnoti mormiitootaa
dadhaboo, laaffatoo kan waa
godhuu hin dandeenye fi aangoo
hin qabne dha. Haalli kun
humnotiin mormiitootaa akka
homaa godhuu hin dandeenye
fakkeessa. Kun garuu dubbii isa
dhumaa miti.
4.1 Faana Achilles Adda
Baafachuu (Identifying the
Achilles’ Heel)
Hirpha Achilles kan jedhamu kun
oduu durii warra Giriikii irraa
dhufa. Oduun kun qaamni jabaa
kan hin tuqamne fakkaatu bakka
laafaa tokko akka qabu
agarsiisa. Oduun kunis akkasi.
Biyya Giriikii keessa goota ykn
loltuu jabaa Achilles jedhamutu
ture. Loltuu kana meeshaan lolaa
eeboo fi goraadeen gogaa isaa
seenu hin turre jedhama. Sababni
isaas daa’imummaa isaatti haatii
isaa laga Styx jedhamu laga
xinqolaa keessa cuuphxee turte
jedhama. Namni laga kana keessa
cuuphame sibillii qaama isaa hin
seenu jedhanii amanu turan.
Balaan akkamii illee isatti hin
dhufus jedhu. Achilleen garuu
qaama laafaa sibilli waraanu
danda’u qaba ture. Haati isaa
oggaa laga sana keessa isa
cuuphxe akka bishaan fudhatee
hin deemneef faana isaa qabdee
ture. Bakka harki haadha isaa
qabde sun bishaan hin tuqne
ture. Qaamni laafaan Achilles
bakka kana tahe. Achilles
guddatee loltuu oggaa tahe
meeshaan isa waraanu dhabame.
Lola seenu hundaatti injifatee
gala. Haata’u malee lola warra
Troy jedhaman wajjin godhame
irratti dhoksaa qaama laafina
Achilles namni beeku tokko
loltuu Troy miilla/ faana isaa
ilaalii xiyyaan rukuti jedhee
gorse. Akkuma sanatti loltuun
Troy faana Achilleetti
qiyyaafatee rukutee madeesse.
Achillenis madaa sana irraa
hafuu dadhabee moo’ame. Erga
yeroo sanaatii jechi “ Faana
Achilles” jedhamu qaama laafina
nama, dhaaba, jaarmayaa ykn
mootummaan tokko qabu akeekuuf
dhimma itti bahama.
Jechi dhugaan kun Abbaa
Irruummaatif ni hojjata. Abbaa
Irruummaa jabaa fakkaatu illee
moo’amee booji’amuu danda’a. Kun
tahuuf ammoo bakka laafina
isaanii (Faana Achilles)
beekuutu barbaachisa. Waan
dandeessu hundaa humnaa fi
qabeenya walitti kuuftee bakka
laafina Abbaa Irruummaa haleeluu
dhaan isa injifachuun ni
danda’ama.
4.2 Laafina Sirna Abbaa
Irruummaa
Laafinoota sirna Abbaa
Irruummaa keessaa garii warra
armaan gadii ti.
1.
Sirna Abbaa Irruummaa sochoosuuf
tumsa ummataa, dhaabbilee fi
jaarmayaa isa barbaachisu irraa
kutuu ni mala.
2.
Imaammata haaraa kan isaa
duraan hordofaa ture baafachuun
haala fi amalli isaa isa hin
dandeessisu.
3.
Sirni Abbaan irree waanuma
nuffisiisaa kanuma kaleessaa fi
dheengadda dalagaa ture irra
deddeebi’ee hojjachuu malee
dhaala haaraa dafee simatee itti
of madaqsuu hin danda’u.
4.
Qabeenyaa fi humni namaa
dalagaalee karoormafaniif qabame
bira dabree haaraa dalagsiisuu
hin danda’u.
5.
Abbaa Irruummaa gammachiisuuf
jecha hojjattootni isaa gabaasaa
dhugaa fi haala jiru ibsu
dhiisanii waan Abbaa Irruummaa
gammachiisu gabaasu. Kun ammoo
akka Abbaa Irruummaa haala jiru
hubatee murtii sirrii hin
murteessine dhorka.
6.
Bu’urri aydolojii sirna Abbaan
irree soofamee akkaataan itti
dalagamu raafamaa taha.
7.
Aydolojii cimaan yoo jiraate
akkaataa hubannaa irratti
dhiibbaa qabaatee haala dhugaa
jiruu hubachuu dhabuu irratti
dhiibbaani qabaata.
8.
Gahummaa fi shaffisaan dalaguun
birkoraasii sirnichaa nyaatamee
laaffatee ykn tohannoon godhamu
cimee imaammatni sirnichi baasu
akka hojii irra hin oolle
taasisuu danda’a.
9.
Caasaa sirnichaa gidduutti wal
mormiin, qondaalota isaa
giddutti wal dhabbii fi
dorgommiin uumamee sirna Abbaa
Irruummaa miidhuu ykn diiguu
danda’a.
10.
Ukkamsaa, uggura, tohannoo,
hordoffii, h acuuccaa fi haala
jiru irraa beektootii fi
barattooti quufa dhabuun
jeeqamuu malu.
11.
Idileetti hawaasi yeroo keessa
mootummicha irraa abdii fi
dantaa dhabuu, shakkuu fi
diineffachuu malu.
12.
Garaagarumman godinaa, gitaa,
aadaa fi sabummaa cimuu ni mala.
13.
Muudamuun aangoo sirna Abbaa
Irruummaa sabatawaa tahuu
dhiisuu ni danda’a. siran kana
keessatti namooti garii aangoon
ol bahuu , kaan gad bu’u, bakka
aangoo irraa kaafamuu, arihamuu,
gara biraan bakka buufamuun
sirnicha sabatiinsa dhorkata.
14.
Humna waraanaa ykn polisii
keessaa gartuun tokko fedhii
isaa guuttachuuf akeekaa fi
fedhee Abbaa Irruummaa ala
socho’uu ykn fonqolcha godhuu
mala.
15.
Abbaa Irruummaa reef aangoo
qabate yoo tahe gad of dhaabuuf
yeroo isa barbaachisa.
16.
Abbaa Irruummaa keessatti
namooti muraasi murtii baayyee
waan godhaniif imaammataa fi
tarkaanfii fudhatamu irratti
dogoggorri dhalachuu ni mala.
17.
Mootummaan sun tohannoo fi
murtii waaltessee ture laaffisee
qaama gadiif aangoo yoo dabarsee
kun caalmaatti isa dadhabsiisuu
danda’a.
4.3 Laafina Sirna Abbaa
Irruummaa Haleeluu
Dhaabni dimokraatawaa tahe tokko
laafinoota sirna Abbaan irree
olitti tarrifamanitti dhimma
bahee faana Abbaa Irruummaa
(Achilles Heel) waraanuu
danda’a. Qaama laafina Abbaa
Irruummaa baranii haleeluu dhaan
akka inni geeddaramu ykn
caccabee unkutaawu godhuun ni
danda’ama.
4.4 Xumura
Abbootiin Irree fagoo irraa kan
sochoone jaboo fakkaatan illee
laafina: waldorgommi
qondaalotaa, caasaan wal danqee
akka shaffisaan hin hojjanne
godhuu, walmormii dameelee fi
jaarmayaa qaama mootummaa gidduu
qabaachuu danda’a. Laafinooti
kun yeroo keessa mootummicha
dadhabsiisuu dhaan, sirna kan
qilleensi hin raafne fakkaataa
ture garuu keessi isaa
horsosso’ee diddaan ummataa itti
ka’ee diiguu mala. Yeroo kana
tahu karoorri mootummichi nan
hojjadha jedhee baafatu tokko
illee fiixa bahuu hin danda’u.
Kanaaf fakkeenya gaarii kan tahu
waan Hitler irra gahee dha.
Ajajni Hitler olii dabarsu
dabarsu sababa qondaaloti isaa
gad jiran didaniif ajaja isaa
hojii irra hin oolu ture.
Mootummaan Abbaa Irruummaa yeroo
tokko tokko, osoo hin beekamne,
yeroo gabaabaa keessatti
diigama. Haalli akkasii
deddeebi’ee waanuma mul’atee
dha.
Yeroo kana jedhamu sirni Abbaa
Irruummaa wareegama fi balaa
malee dhabama jechuun hin
danda’amu. Daandiin bilisummaa
kam iyyuu balaa qaba, wareegama,
itti dhiphachuu fi rakkachuu
gaafata. Battalatti osoo hin
taane yeroo keessa galii isaa
rukuta. Tarkaanfiin fudhatamu
kamuu injifannoo yeroo gabaabaa
keessatti argama jedhanii eeguun
hin tahu. Haata’u malee laafina
Abbaa Irruummaa adda baafatanii
sana irratti qabsoo godhuun
injifannoon xumuruuf carraa
guddaa qaba. Waanti murteessaan
akkaataa qabsoon sun itti
gaggeeffamuu dha.
Boqonnaa 5ffaa
Aangootti Dhimma Bahuu
Boqonnaa 1ffaa keessatti Abbaa
Irruummaa karaa waraanaan qabsoo
irratti godhuuf bakka laafina
isaa osoo hin taane bakka jabina
isaa rukutuu dha jennee turre.
Mormitooti haala meeshaan lolaa,
dhiheessiin rasaasaa fi gara
biraa hir’uu tahe keessatti
Abbaan irree karaa waraanan dura
dhaabbachuu filachuun aanjaa
isaaniif hin qabaatu. Abbaan
irree karaa humna waraanaa
olaantummaa qabu. Humna alagaa
irratti abdachuunis akka hin
baafne ifaa dha. Boqonnaa
lammaffaa keessatti Abbaan irree
buqqisuuf walhaasa’uu irratti
abdachuun maal akka of keessaa
qabu dubbannee jirra.
Erga akkas tahee dadhabiinsa
Abbaan irree saaxilee,
dimokraatootaaf haala aanjaa
malli uumu maaltu jira? Aangoo
siyaasaa boqonnaa sadii
keessatti dubbatame irratti
hundaa’uun tooftaa akkamii
hordofama? Filmaatni gara biraan
diddaa siyaasaa ti.
Diddaan siyaasaa amaloota armaan
gadii qaba.
•
Abbaan irree loluu dhaaf tooftaa
Abbaan irree filatu kan itti
bahi isaa isaaf madaalu hin
fudhatu
•
Mootummaan diddaa siyaasaa
ukkamsuuf ni rakkisa
•
Diddaan siyaasaa dadhabiinsa
Abbaan irree hammeessee, humna
isaa jalaa cira.
•
Tarkaanfiin naannoo bal’aa
irratti fudhamu illee akeeki
isaa ifaa dha.
•
Akka Abbaan irree murtii fi
tarkaanfii dogoggoraa fudhatu
taasisa.
•
Hawaasa guutummaatti, gartuulee
fi dhaabbilee hawaasaa qabsoof
sochoosee bulchiinsa jibbisiisaa
Abbaan irree buqqisa.
•
Aangoo harka hawaasaatti
galchee sirni dimokraasii akka
gad dhaabbatu godha.
5.1 Qabsoon Karaa Nagaa Maal
Akka Dalagu
Diddaan siyaasaa akkuma humna
waraanaa dhimma adda adda irra
ooluu danda’a: humni ittin
morman dhiibbaan itti jabaatee
akka tarkaanfi gara biraa
fudhatu godhuuf, mormii karaa
nagaa furuuf haala aanjeessuuf,
ykn mootummaan ittin morman
diiguuf ni taha. Diddaan
siyaasaa qabsoo humnaan godhamu
irraa karaa baayyee adda taheen
gaggeeffama. Diddaan siyaasaa
fi qabsoo humna maluma qabsoo
ittin godhanii dha. Haata’u
malee malaa addaa fi itti baha
addaa argamsiisu. Mormii furuuf
qabsoon hidhannon godhamu
meeshaa lolaatti dhimma waan
bahuuf lubbuun ni bada, qaamni
ni hir’ata, qabeenyaan ni
barbadaawa.
Qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu
wal xaxaa fi qabsoo humnaan
godhamu irraa mala addaa
hordofa. Qabsoon karaa nagaa
yeroo godhamu qorqalbii
ummataa,hawaasaa fi dinagdee
irratti qiyaafata. Siyaasaa
meeshaa godhachuun dhaabbilee
hawaasaa fi ummata irratti
hojjata. Tooftaan qabsoo kun
maqootii akka: diduu, hojii
dhaabuu, tumsa dhorkachuu,
hiriira bahu, ajajamuu diduu, fi
humna ummataa jedhamaniin
beekamu. Akkuma amma dura
jedhametti mootummaan kam iyyuu
kan biyya bulchuu danda’u yoo
ummata biraa tumsa qabaate, yoo
ummatni ajajameef duwwaa dha.
Qabsoo hidhanoo irraa addatti
diddaan siyaasaa akka mootummaan
jarreen kana dhabee agabu
godha.
5.2 Naamusaa fi Meeshaa Qabsoo
Karaa Nagaa
Diddaa siyaasaa amma dura
deemsifan irraa dogoggorri
mul’ate tooftaa tokko ykn lama
(hojii dhaabuu fi hiriira nagaa)
duwwaatti dhimma bahuu dha.
Diddaa sana waalteessu ykn
wiirtuu hedduu irraa deemsisuu
kan dandeesisan tooftaalee
hedduutu jiran.
Haga ammaatti tooftaalee diddaa
karaa nagaa gara dhibba lamaa
bira gahamanii jiru. Isaan malee
gara biraanis ni jiru.
Tooftaaleen kun garuulee sadii
jalatti qoodamuu danda’u.
Isaanis: 1) mormuu fi
amansiifachuu, 2) tumsa
dhorkachuu fi 3) itti seenanii
irraa hirmachuu tahu. Tooftaan
karaa nagaa mormuu fi amansiisuu
kan godhamu hiriira bahuu,
waltajjii qabatanii taa’uu,
baayyinaan bahanii karaa cufuu
dha. Kun tooftaa 54 qaba. Tumsa
dhorkachuun amma illee damee gad
jalee saditti qoodama. Isaanis:
a) karaa hawaasummaa tumsa
dhorkachuu (tooftaa 16), b)
karaa dinagdee tumsa dhorkachuu
(tooftaa26), fi hojii dhaabu
(tooftaa 23), c) karaa siyaasaa
tumsa dhorkachuu (tooftaa 38).
Tooftaan itti seenanii irraa
hirmaachuu kun kan qaamaan
keessaa hirmaatan kan akka
nyaata lagachuu, waajjira
qabatani taa’uu, fi caasaa
mootummaa cinaatti mootummaa
dirirfachuu dha. Inni mootummaa
tolfachuu kun tarkaanfii isa
dhumaa ti. Barreeffama kana gara
dhumaatti tooftaaleen 198
maxxananii jiru.
Tooftaalee kana keessaa irra
guddaan yoo of eeggannoon
filaman, itti fufiinsaa fi
bal’inaan, mala bilchaataan,
namoota oggumaa qabaniin hojii
irra oolan mootummoota seeraan
hin deggeramnetti rakkoo guddaa
uumuu danda’u. Kun Abbaan irree
gosa kamii irratti ni hojjata.
Akka qabsoo karaa hidhannoo osoo
hin taane tooftaan karaa nagaa
qabsoo godhuu dhimma baayyee
barbaachisaa tahe irratti
xiyyeeffachuu danda’a.
Fakkeenyaf, Abbaan irree
buqqisuun hundeen siyaasaa waan
taheef, karaa nagaa qabsoo
siyaasaa gaggeessuun baayyee
murteessaa taha. Kunis Abbaan
irree beekuu fi tumsa kennuufii
diduu taha. Tumsa kennuu diduun
imaammata addaa irratti tahuu
danda’a. Osoo of irratti hin
beeksifne dhibaa fi hojii
hudhuu dhaan dadhabsiisuu, yeroo
garii ammoo ifatti ajajamuu
diduu fi hiriira bahuun diddaa
agarsiisuu maloota dhimma itti
bahamanii dha.
Qaamni dadhabiinsa Abbaan irree
yoo dinagdee tahe, dinagdeen
irratti ummatni gungummii qaba
yoo tahe, hojii dhaabuu fi
dhibaa’uun tooftaa mijjataa
diddaa karaa nagaa taha. Fedhii
saamicha dinagdee Abbaan irree
qabu dura dhaabbachuuf hojii
dhaabuu, hojii dadhabsiisuu,
ogeessoti hojii irraa baduu
faatti dhimma bahutu danda’ama.
Fincilli hojii diduu gosa adda
addaa warshaa, geejjiba fi
dhiheessii irratti dhimma
bahuun barbaachisaa dha.
Qabsoo karaa nagaa godhamu
keessaa malli tokko hojjataan
waajjira seenee garuu hojii lafa
irra harkisu, ni dhibaa’uu,
shaffisaa fi mirqaanaan
hojjachuu dhabu faa dha. Hojii
irratti dogoggorri beekaa
dalagama. Na dhukkuba jechuun
hoji dhiisuu ykn ammoo beekaa
dadhabsiisuun ni jiraata.
Yokaan ammoo tasuma hojjachuu
dida. Namni garii diddaa
agarsiisuuf bakka waaqeffannaa
dhaqa. Ijoolleetu nu duraa
rukutama olola jedhu
sababfachuun akka ijoolleen mana
barnootaa hin dhaqne godhame
manatti barsiisama. Waldaalee
ykn jaarmayaa kan yeroo nagaa
miseensa itti tahamu amma diddaa
agarsiisuuf seenun didama.
Jireenya normal tahe akkasii
jiraachaa garuu keessatti
diddaalee armaan olii
agarsiisuun qabsoo bilisummaatif
hedduu gumaacha.
Qabsoo karaa nagaa godhamuu fi
qabsoon hidhannoo dhaan
gaggeeffamu baayyee wal irraa
adda. Kana waan taheef, yeroo
qabsoo karaa nagaa gaggeessan
humnaatti dhimma bahuu irraa of
qusachuu feesisa. Abbaan irree
karaa humnaa olaantummaa qaba
waan taheef yoo tarkaanfii
humnaa fudhatan isaaf irra
mijjata. Miidhaan Abbaa
Irruummaa geessisu gara qabsoo
hidhannotti nama harkisu illee
qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu
injifachuuf naamusa cimaa
hordofuu feesisa.
Abbaa irree humnatti dhimma bahu
dura dhaabatanii naamusa cimaan
qabsoo karaa nagaa geessuun waan
afur armaa gaditti ibsamu
hordofuu feesisa. Qabsoo
siyaasaa karaa nagaa godhamu
keessatti naamusa jabaa
hordofuun baayyee barbaachisaa
dha. Ummata harka duwwaa qabso
karaa nagaa godhu irratti
tarkaanfiin Abbaan irree
fudhatu deggersa isa
dhabsiisee, gartuu isaa keessaa
illee kannen mormitoota deggaran
ni mul’atu, warri mormii godhu
ammoo deggersa guddaa ummata
irraa argataa deema.
Yeroo tokko tokko tarkaanfii
humnaa Abbaan irree irratti
fudhachuun ni barbaachisa taha.
Jibbaa fi abdii kutannaan
mormiitooti akka gara tarkaanfi
humnaatti cehan ni godha. Yokaan
ammoo gartu tokko tokko osoo
bu’aa qabsoo karaa nagaa
gaggeessuu beekuu, qabsoo
humnaan godhan dhiisuu dida.
Yeroo akkas tahu, diddaan
siyaasaa jalqabame dhiifamu hin
qabu. Garuu haga
danda’ametti,tarkaanfilee karaa
nagaa fi humnaa fudhataman adda
baasuun baayyisee barbaachisaa
dha. Kana adda baasuuf teessuma
lafaa, gartu ummataa, yeroo fi
dhimma irratti hunda’uutu
danda’ama. Yoo kun hin taane
diddaan siyaasaa karaa nagaa
godhamu akka hin milkoofne
godhuu danda’a.
Diddaa siyaasaa yeroo gaggeessan
madaawu, fi du’uun akka jiraatu
beekamaa dha. Haata’u malee
qabsoo hidhanoon godhamu irra ni
xiqqaata. Qabsoon karaa nagaa
godhamu marsaa dhuma hin qabne
ajjeesuu fi gara jabeenyaatti
hin gumaachu.
Qabsoon karaa nagaa godhamu
sodaa of irraa dhabamsiisuu
gaafata. Deemsa keessas sodaa
mootummaa irraa ummatni qabu
dhabamsiisa. Sodaa kana jalaa
bilisa bahuun hundee aangoo
Abbaan irree cira. A/irre ummata
irratti aangoo qabu dhabamsiisa.
5.3 Banaa, Iccitii fi Hamilee
Guddaa
Iccitiin, gowwomsaa fi lafa
jalaan shiruun qabsoo karaa
nagaa godhamuuf rakkoo dha.
Basaasotaa fi tikni mootummaa
waan karoora karoorfame akka hin
barre godhuun hin danda’amu.
Sochii karaa nagaa godhamuu
iccitaawaa taasisuun sodaa irraa
kan maddu tahee sodaas kan
cimsuu dha. Kun ammoo namoota
silaa sochii diddaa irraa qooda
fudhatan xiqqeessa, hafuura
diddaas ni qabanneessa. Sochii
godhamu iccitaawaa taasisuun
namooti akka wal shakkan, wal
balaaleeffatan, abalu lukkee
diinaati jedhanii akka wal
baqatan godha. Sochii sana
iccitaawaa taasisuun akka inni
qabsoo karaa nagaa geggeeffamu
hin taane taasisa. Karooraa fi
yaada qaban dhoksaa tokko malee
ifa taasisuun sochiin sun akka
jabaatu godhutti gumaacha.
Rakkinichi baayyee wal xaxaa
dha. Kanaaf sadarkaa tokkotti
iccitii isaa eeguun ni
barbaachisa. Namooti beekumsa
qaban basaasi akka irratti hin
barretti haala Abbaan irree fi
tarkaanfii fudhatamuu qaban gad
faginaan xiinxaluu qaban.
Waraqaa dhoksaan lafa jala
facaatu qopheessuu fi baayyisuu,
radio biyya keessaa seeraan ala
dabrutti dhimma bahuu fi
odeeffannoo tarkaanfii Abbaan
irree fudhatu walitti qabun bifa
dhokataa fi iccitaawaan tahuu
qaba.
Sadarkaa qabso karaa nagaa
godhamu hundaa irratti hamilee
jabaa qabaachuu fi hordofuun
barbaachisaa dha. Sodaa of irraa
balleessuu fi naamusa
barbaachisu eeguun guddisee
barbaachisaa dha. Jijjirama
fiduu dhaaf lakkobsi namaa
baayyee tahun barbaachisaa dha.
Lakkobisa namaa baayyee
argamsiisuuf ammoo warri irratti
hirmaatan hamilee jabaa
qabaachuutu irraa eegama.
5.4 Hariiroo Aangoo Bakka
Geeddaruu
Diddaan siyaasaa haala qabsoo
guyyuu jijjiiramu keessatti
adeemsifama. Tarkaanfiin
fudhatamu tokko kan fallaasaa
isaa fudhatamuun jijjiirama.
Waanti dhaabbatan hin jiru.
Hariiroo aangoo shaffisaan
geeddarama. Kun kan dhugoomu
miidhaa fi hacuccaan jiraatu
illee warri diddaa godhan qabsoo
isaanii karaa nagaa osoo wal
irraa hin kutne yoo itti
fufanii dha.
Garaagarummaan aangoo gartuulee
lamaan wal morman gidduu jiru,
isa qabsoo hidhannoo caalaatti,
wal irraa fagaataa, dhuma
irratti itti baha siyaasaa
bal’aa fi haaraa maddisisuu
danda’a. Garaagarummaa kana
irraa kan ka’e, tarkaanfiileen
fincilotaan fudhatamu itti baha
isaan yeroo sanatti hin yaadin
as baasuu danda’a. Kun ammoo
gama tokko jabeessuu, kaan
laaffisuu ni mala.
Gamni qabsoo karaa nagaa godhu,
tarkaanfii fudhatuun humna
mormituu isaa laaffisuu ykn
jabeessuu irratti dhiibbaa
guddaa godhuu danda’a.
Fakkeenyaaf mormitooti muratoo
fi kutatoon, gochaa bineessummaa
Abbaan irreef yoo jilbeeffachuu
didan waraana isaa fi ummata
keessatti deggersa dhabsiisa,
sadarkaa tokkotti ammoo sadarkaa
waraanni itti fincilu gahuu
danda’a. Sochiin mormitooti
godhan bal’atee akka hawaasi
addunyaa Abbaan irree
balaaleffatu fi abaaru taasisa.
Diddaa siyaasaa ogummaan,
naamusaan fi itti fufiinsaan yoo
gaggeessan ummatni duraan Abbaan
irree deggeru ykn moggaa
dhaabbatu, akka baayyinaan
qabsoo irraa hirmaatan godha,
Abbaan irree deggersa ummataa
akka dhabu taasisa.
5.5 Jijjiirraa Fiduuf Mala Afur
Qabsoon karaa nagaa godhamu
jijjiirraa karaa afuriin
maddisiisuu danda’a. Malli
inni duraa yeroo baayyee kan hin
taane tahu illee garuu tahee
jira. Finciltoota muratoo fi
jagna kan miidhaan gosa fedhe
iyyuu akeeka isaani irraa hin
tochoofne tahuu gareen isaaniin
morman yeroo argan kaayyoon
finciltootaa haqa jechuu
gadduufii jalqabanii booda
irratti isaan cinaa hiriiruu ni
malan. Malli kun
amansiifachuu jedhama. Malli
kun dabree dabree kan mul’atu
tahu illee mormii garii hiikuu
dhaaf yeroo itti hin danda’amne
tahu ni jira.
Yeroo baayyee kan tahu, qabsoon
karaa nagaa gaggeeffamu haala
mormii fi hawaasa geeddaree akka
gareen faallaa dhaabbatu akka
fedhe hin hojjanne taasisa.
Jijjiirraa akkasii argamsiisuutu
mallota sadan hafan: ofitti
fudhachuu (accommodation),
karaa nagaan dirqisiisuu
(nonviolent coercion) fi
diigamuu (disintegration)
fida. Isaan kana keessaa isa
kamtu dhalataa kan murteessu
garuu hammam akka aangoon gara
dimokraatootaati akka galuu
dha.
Yoo kaayyoon qabatani ka’an kan
bu’uraa hin taane, gaaffiin
mormitooti qabatanii ka’an kan
sodaachisu waan hin taaneef,
aangoo irratti gaaffiin ka’ee
haga tokko kan jijjiirame yoo
tahe, mormii sun walii galtee
uumuu dhaan furamuu danda’a.
Haala akkasiin mormii furuun
ofitti fuudhachuu
(accommodation) isa jedhan taha.
Fincilli hojii dhaabuu yeroo
baayyee bifa kanaan xumurama.
Gamni lachuu akeeka isaanii
irraa haga tokko waan argataniif
walii galtee irra gahamee
araaraan qadaadama. Mootummaan
fincilli bifa kanaan xumuramuu
ni fedha. Sababni isaa wal
diddaa dhalate waan furee,
mootummaa haqaa isa fakkeessuun
maqaa isaa hawaasa addunyaa
biratti waan tolchuuf. Yeroo
mala ofitti fudhachuu
(accommodation) kanaan mormii
furuuf yaalan of eeggannoo cimaa
godhuu feesisa. Qabsoon Abbaa
Irruummaa buusuuf godhamu mala
kanaan hin gaggeeffamu waan
taheef.
Qabsoon karaa nagaa mala
amansiisuu ykn ofitti fudhachuu
caalaatti humna qabeessa tahuu
danda’a. Ummatni tumsa
dhorkachuu fi diddaa agarsiisuun
haala siyaasaa fi hawaasaa
geeddaruu danda’a. Keessaafuu
aangoo Abbaan irree dinagdee,
hawaasaa fi politikaa irratti
qabu ni geeddara. Humni
waraanaa fi tiksaa mootummaan
qabu mormitoota hacuucu akka
duraanitti ajaja fudhachuu
dhiisuu amanamummaan isaa
shakkisiisaa tahuu mala. Humni
waraana fincilootaaf looguu
jalqaba. Bulchitootaa fi
abbootiin irraa akeeka isaani
ganamatti cichan illee humni
ittin hojii irra oolchan jalaa
haxaawamee dhabamuu mala. Malli
kun karaa nagaan dirqisiisuu
(nonviolent coercion) isa jenne
sana taha.
Karaa nagaan dirqisiisuun kun
haala tokko tokko keessatti kana
caalaa bal’atee deemuu danda’a.
Mootummaan sun aangoo ajajee waa
hojjachiisuu guutummaatti
dhabee caasaan inni diriirfate
caccabe unkutaawa. Finciltooti
diddaan agarsiisanii fi tumsi
dhorkatan bakka gahee Abbaan
irree isaan irratti aangoo
tohannoo qabu guutummaatti
dhaba. Birokraasin isaa
ajajamuufii dida. Humni
waraanaa fi polisii irratti
fincilu. Deggertoota isaa kan
turanii fi ummatni nu hogganuf
mirga seeraa beekuufii didu.
Duraan gargaarsi godhanii fi
abbomamaa kan turan ni dhabama.
Kun egaa mala jijjiramaa isa
afuraffaa diigamuu
(disintegration) sana taha.
Humni Abbaa Irruummaa qabu
soofamee waan dhumeef harka
kennuu duwwaatu isa hafa. Akka
kanatti mootummaan sun kufee
caccaba.
Tarsiimoo qabsoo bilisummaa yero
diriirsan maloota afuran sana
sammutti qabachuu feesisa. Yeroo
garii akka tasaatti hojjatu.
Haata’u malee, isaan keessaa
eegganoon yoo mala tokko ykn
lama filan, qabsoo jijjiirraaf
godhamu keessatti tarsiimoo kaan
wajjin wal gargaaranii ija
argamsiisuu danda’u. Mala tokko
ykn baayyee filachun haala danuu
irratti hunda’a. Isaan keessa
tokko hariiroo aangoo, haalaa fi
akeeka qabsoo karaa nagaa
mootummaa fi mormitoota gidduu
jiruu dha.
5.6 Dimokraasii Argamsiisuuf
Qooda Diddaan Siyaasaa
Karaa nagaa qabsoo godhuun
siyaasaa hawaasa tokko
dimokraateessuuf karaa hedduu
gumaacha.
Karaa nagaan qabsoo godhuun
dimokraatessuu irratti fafa
qabaachuu danda’a. Warri diddaa
siyaasaa kana hogganan ummatni
akka isaan hordofu dhiibbaa
godhuu danda’u malee humna
waraanaa fi polisii waan of
harkaa hin qabneef kan isaanii
ajajamu didu hidhuu fi ykn
ajjeessuuf hin danda’an. Haala
akkasi ikeessatti gartuun tokko
ka’ee abbaa irree tahuu danda’a
jechuu dha. Dimokraasiin hawwame
hafee abbaa irree bakka bu’uu
danda’a jechu dha.
Diddaan siyaasaa dimokraateessu
dhaaf qooda guddaa taphachuu
danda’a. Kunis, qabsoon karaa
nagaa gaggeeffamu ummatni mala
addaan fincilee bilisummaa isaa
akka gonfatuu fi tikfatu isa
dandeessisa. Haala akkasii
keessatti kan abbaa irree tahuuf
abjootu bakka hin argatu. Gadi
kanatti qooda qabsoon karaa
nagaa godhamu dimokraatessuu
keessatti qabu tarrifna.
•
Qabsoo karaa nagaa godhamu irraa
muxannoo argamuun ummatni of
irratti amantii horatee
tarkaanfii fi sodaachisa
mootummaan fudhatu dura
dhaabbachuu danda’a.
•
Qabsoon karaa nagaa godhamu
ummatni tooftaa tumsa
dhorkachuu fi finciluutti dhimma
bahee hacuuccaa mootummaan mirga
dimokraasii ukkamsuun ummata
tohachuu barbaadu dura akka
dhaabbatan gargaara.
•
Ukkamsaa fi cunqursaan mootummaa
osoo jiruu qabsoon karaa nagaa
godhamu ummatni mirga
dimokraasii kan akka haasa’uu,
barreessuu, ijaaramuu fi
walgahii gaggeeffachuu hojii
irra oolfatu isa dandeesisa.
•
Qabsoon karaa nagaa godhamu akka
gartuulee walabni, dhaabbati
hawaasaa bilisa tahe akka
jabaatu, haaraan akka dhalatu
godhuu irratti gargaara. Isaan
kun dimokraasii dhugoomsuuf
hedduu barbaachisa. Sababni
isaa ummatni ijaaramee humna
horatee isa abbaa irraa tahuuf
abjootu hongeessa.
•
Qabsoon karaa nagaa godhamu
humna waraanaa fi polisii
mootummaa abbaa irree dura akka
dhaabbatu isa dandeesisa.
•
Qabsoon karaa nagaa godhamu,
warri bulchiinsa harkaa qaban
akka gara hacuucanii bulchuutti
akka hin tarkaanfannee ummataaf
malaa fi tooftaa kenna. Kun
ammoo dantaa dimokraasiif
barbaachisa.
5.7 Qabsoon Karaa Nagaa
Walxaxaa dha
Akka armaa olitti lafa
kaa’ametti qabsoon karaa nagaa
gaggeeffamu tarkaanfii hawaasaa
wal xaxaa, mala hedduu kan
hordofu, jijjirama gosa adda
adda kan fiduu danda’uu fi
naamusa adda kan gaafatu utahuu
dha. Diddaan siyaasaa
injifannon xumuramee abbaa irree
buqqisuu danda’uuf qophii gahaa
fi karoora of eeggannon
karoorfame gaafata. Warri qabsoo
kana irraa hirmaatan dursanii
maal akka isaan irraa eegamu
beekuu qaban. Dinagdeen
barbaachisu argamuu qaba. Warri
sirritti xiinxalan akkaataa
qabsoon karaa nagaa galii isaa
rukutuu danda’u irratti
hojjachuu qabu. Amma dhimma
fardii- karoora tarsimoo-
baafachu kan jedhutti fuula
deebifana.
Boqonnaa 6ffaa
Barbaachisummaa Karoora
Tarsiimoo
Abbaan irree fonqolchuu dhaaf
diddaan siyaasaa bifa adda
addaan jalqabuu danda’a.
Baroota dabran keessa qabsoon
diddaa siyaasaa kun osoo hin
saganteeffatamin kan ofumaan
ka’an turan. Sababooti diddaa
kana kaasan waan adda addaa
tahan illee yeroo baayyee
hacuuccaa haaraa, nama beekamaa
fi kabajamaa hidhuu ykn
ajjeessuu, imaammata cunqursaa
haaraa, hir’ina nyaataa, amantii
kabajuu dhabuu, fi haala
barbaachisaa tahe ayyaaneffachuu
tahuu danda’u. Yeroo tokko
tokko gochaan Abbaan irree
ummata aarsuu irraa itti bahani
isaa maal taha jedhee osoo itti
hin yaadin fincila jalqaba.
Yeroo garii tarkaanfii namtokkee
ykn gartuu xiqqoon jagnummaan
fudhatu deggersa ummataa argatee
fincila taha. Miiddaan addaa
gartuu xiqqoon yeroo hubatamu,
warra miidhaa fakkaataan isaan
irraa gahee ture dammaqsee akka
qabsootti seenan godha. Yeroo
tokko tokko waamichi fincilaa
gartuu xiqqoo ykn namtokkee
dhaan godhamu deggersa guddaa
itti yaadamin argachuu danda’a.
Hatattamaan ka’uun fafaa fi
mishoomas qaba. Dimokraatoti
yeroo diddaa kana jalqaban
gara-jabina abbaa irree hagam
akka gahu hubachuu dhabuu irraa
miidhaa guddaan irra gahee
fincilli sun illee dhaamuu
danda’a. Dimokraatoti karoora
gaarii baafachuu dhabuun, murtii
garii akka haalli ykn carraan
murteessu godhuun itti baha
hamaan isaan qunnama. Fincilli
sun milkaawee Abbaa Irruummaa
buqqisu illee gara sirna
dimokraasiitti cehuuf karoora
cimaa lafaa yoo hin qabaanne,
abbaa irree haaraan akka
dhalatuuf karaa bana.
6.1 Karoora Qabatamaa
Gara fuulduraatti osoo hin
saganteeffatin fincilli ummataa
abbaa irree rukutuu irratti
bakka guddaa ni qabaata. Haata’u
malee, har’a haala siyaasaa
xiinxalauun, hamilee fi murannoo
ummataa bilchaataa ykn qophii
tahuu ilaaluun, abbaa irree
kuffisuuf karoora cimaa lafa
kaa’uun ni danda’ama.
Bilisummaa gonfachuuf, akka
gaaritti of eegganoon itti
yaaduu, haala dhugaan lafa jiruu
fi dandeetti ummataa xiinxalanii
isa bu’ura godhachun
barbaachisaa dha.
Namni waa hojjatee milkaawuu
barbaadu, akkaataa itti hojjatu
karoorfachuun qaroomina.
Kufaatii hambisanii injifannoon
xumuruuf karoora baasuun baayyee
barbaachisaa taha. Karoora
tarsiimawe baafachuun qabeenyaa
fi dandeetii jiru gurmeessanii
akka gahaatti dhimma bahuu
dandeessisa. Kana gochuun sochii
dimokraasii kan abbaa irree
buqqisuu akeekkateef baayyee
barbaachisa. Sababni isaa
dimokraatoti qabeenya xiqqaa
qaban sirnaan dhimma itti bahu
danda’u, balaa deggertoota
irra gahu xiqqeessuf gargaara.
Faallaa kanaa Abbaan irree humna
guddaa, jaarmayaa cimaa fi
dandeetii hammenya ittin hojjatu
qaba.
Kaayyoo karoorsuu jechuun
tarkaanfii har’a irraa kaasee
bakka gahuuf hawwinuun nu gahu
herreguu ykn qiyaasu jechuu
dha. Afaan salphaa dhaan Abbaa
irree irraa gara sirna
dimokraasitti cehuu jechuu dha.
Karoorri bahu tarkaanfiilee
diddaa fi jaarmayaa fuula adda
addaa qabu, kan cunqurfamoota
irree jabeessaa , abbaa irree
ammoo laaffisuu tahuu qaba. As
irratti kan hubatamu qabu galiin
jiru abbaa irree kuffisuu duwwaa
osoo hin taane sirna dimokraasii
bakka isaatti gad dhaabuu dha.
Karoorri abbaa irree kaasuu
duwwaa irratti of itti
murteessuu balaa abbaa irree
gara biraa as baasuu qabaata.
6.2 Karoorfachuuf Gufuulee Jiran
Addunyaa kana keessaa warri
bilisummaaf qabsaawan rakkoolee
akeeka isaanii gonfachuuf isaan
muudatu dursanii itti hin
yaadan. Osoo sochii hin jalqabin
karoora cimaa baafachuun akka
barbaachisu hin hubatan. Yeroo
baayyee karoora baafachuun osoo
hin hojjatamin hafa.
Maaliif namooti ummata isaanii
bilisummaa siyaasaa
gonfachiisuuf kaayyo qaban
karoora tarsimawe lafa hin
kaa’atanii? Kan nama
gaddisiisuu, namooti
dimokraasiif qabsoo godhan
barbaachisummaa karoora
tarsimawe qabaachuu hin galuuf,
ykn ammoo karoora baafachuu
aadaa hin godhatan, sammuu
tarsimaween hin yaadan. Karoora
tarsimawe qopheessuun dalagaa
ulfaataa dha. Hoggantooti diddaa
ummataa abbaa irreen waan
arihatamaniif, dirqamani isaani
irra jiruuf ulfaataa waan taheef
haala tasgabbaawe fi yerooo itti
karoora baafatan hin qabaatan.
Kun hafee gochaa abbaa irree of
irraa ittisuu duwwaa taha
hojiin. Yeroo akkas tahu
mormitooti, sochii abbaa irree
gufachiisuuf rakko haga tokko
itti uumu malee yeroo hundaa
ittisa irra jiraatu.
Namooti ykn gartuuleen garii
sochii bilisummaatiif
barbaachisummaan karoora yeroo
dheeraa baafachu isaanitti hin
mul’atu taha. Of karoorsuu
dhiisanii, yoo akeeka keenyatti
cichinee yeroo dheeraaf dura
dhaabbanne haala ni geeddarra
jedhanii yaadu taha. Akkasitti
yaaduun ammoo gowwummaa dha.
Namooti kaan ammoo rakkoo hundaa
dandeenyee yoo akka kaayyoo fi
amantaa keenyaatti jiraanne,
isaan fiixa baasuuf kan nurraa
eegamu godhaa jirra jedhanii
yaadu. Kaayyoo fi amantaa
ofiitti cichuun waan baayyee
maalalchiisaa dha. Garuu abbaa
irree buqqisanii bilisummaa
gonfachuuf baayyee hanquu dha.
Namooti abbaa irreen mormani
garii, yaada gowwaan kan
humnaan qabsoo bal’aa yoo kaafne
bilisummaan ni dhufa jedhu
qabu. Akkuma amma dura kaafne,
humnaan qabsoo godhuun
milkaawuuf iggitii hin tahu.
Injifannoo galmeessee,
bilisummaa fiduun hafee kufaatii
hamaa fi gaddaan xumuramuu
danda’a. Humnaan qabsoo godhuu
keessatti medaalli haalaa
dimokraatootaaf osoo abbaa
irreef aanjaa qaba.
Qabsaawoti garii tarkaanfii
fudhatan miira gochuu nan
danda’a jedhu irratti hunda’u.
Akkaataa kanatti hojjachuun
ofittummaa irratti kan
bu’ureeffame waan taheef,
bilisummaaf karoora bal’aa
baafachuu dhorka.
Tarkaanfii fudhatamu yaada
guddaa fi ifaa irratti
hundeessuun hir’ina qabaata. Kan
tahuu qabu, abbaa irree
buqqisuuf tarkaanfiilee wal
duraa duuba fudhatamuu qaban of
eegganoon qiyaasuu dha.
Xiinxala gad fagoo yoo hin
goone, hoggantooti fincilaa
tarkaanfii itti aanee fudhatamuu
beekuu hin danda’an. Sababni
isaa injifannoo galmeessuuf
tarkaanfii wal duraa duubaan
fudhatamuu qaban dursanii waan
lafa hin kaawwatiniif. Yaada
haaraa fi guddaa maddisiisuun
baayyisee barbaachisaa dha.
Garuu akkaataa dhimma itti
bahamu irratti karoora tarsimawe
qabaachuu feesisa.
Namooti garii tarkaanfiilee
hedduu abbaa irree irratti
fudhatamuu qaban keessaa isa
kamiin akka jalqabuu qaban
murteeffachuu dadhabuu irraa
“hundaa wal faana hojjadhaa”
yaada jedhu irra gahu.
Akkasitti yaaduun bu’aa qabaatu
illee sochiin laafaa reef
jalqabuu raawwachuu hin danda’u.
Itti dabalees, akka kanatti
jalqabuun eessaa akka jalqabamuu
qabu lafa kaawwachuu hin
dandeesisu, eessa irratti akka
xiyyeeffatamuu qabu hin akeeku,
qabeenya xiqqaa jiruu qusiin
dhimma bahuuf hoggana kennu
dadhabsiisa.
Namooti garii barbaachisummaa
karooraan hojjatuu beekan illee
karoorri isaan baasan kan yeroo
gabaabaa fi tooftaa duwwaa
taha. Karoora yeroo dheeraa fi
bal’aa qabaachun akka
barbaachisuu fi danda’amu hin
argan. Dhimma xixxiqaan waan
qabamaniif, ykn tarkaanfii
mootummaan fudhatu of irraa
deebisuutti waan yeroo
dabarsaniif bal’isanii yaaduu fi
karoorfachu hin danda’an. Jarri
akkasii humnaa fi yeroo isaanii
sochii yeroo gabaabaa irratti
waan balleessaniif, gara
fuulduraa maal tahuu mala, maal
yoo goone wayya jedhanii yaaduu
fi xiinxaluu dadhabu. Kun ammoo
galii barbaadaniin isaan hin
gahu. Sochiin dimokraatotaa
garii abbaa irree buqqisuuf
tarsiimoo bal’aa irratti
qiyaafachuu dhiisanii, dhimmota
harkaa qaban duwwaa irratti
xiyyeeffatu. Keessa isaanitti
abbaa irree buusuuf murteessaan
sochii fi tattaaffi isaan godhan
akka tahetti hin amanani. Kana
waan taheef karoora baasuun
yeroo ofii balleessuu fi bu’aa
kan hin qabnee dha jedhanii
yaadu. Namooti bilisummaaf
qabsoo godhan abbaa irree humna
waraanaa fi polisii cimaa qabu,
kan waan barbaade godhu danda’u
isaan qunnamuu mala. Akkasiis
tahu abdii dhabuu irraas tahu
namooti kabajaa namummaa
isaaniitiif jecha ajaja diduu
jalqabu. Abdii akka hin qabne
garuu keessa isaanitti
ukkamsanii qabatu malee ifa hin
baasan. Warra akkasiif karoorri
yeroo dheeraa bu’a qaba jedhanii
hin yaadan.
Karoora tarsimawe qabaachuu
dadhabuun itti baha hamaa: humni
kee laaffataa deemuu,
tarkaanfiin fudhattu bu’aa
dhabuu, waan xixxinnoo irratti
yeroo dabarsuu, haala mijjataa
dhalatutti dhimma bahuu
dadhabuu, fi wareegama hin
barbaachifne kaffaluutti geessa.
Dimokraatooti yoo karoora
tarsimawe hin baafanne akeeka
ka’aniif bira gahuu dadhabuu
malu. Karoorri dadhabaa tahee fi
tarkaanfiilee wal hin fudhanne
diddaa jalqabame of dura hin
sochoosuu. Inumaa akka abbaan
irree aangoo fi tohannoo isaa
cimsu godha.
Qabsoo bilisummaattif karoorri
bal’aa fi tarsiimawaan waan hin
qophoofneef abbaa irree
caalaatti kan lubbu dheeratu fi
hin tuqamne fakkaachuu danda’a.
Yeroo haga silaa jiraachuu qaban
caalaa jiraatu.
6.3 Karoora tarsimawe baasuuf
ulaagaalee fardii afur
Sirrii yaaduu akka nu
dandeessisuuf hiikaan ulaagaalee
fardii afuran ifa tahuu qaba.
Tarsiimo Guddicha
kan jedhamu qabsoo keessatti
akeeka ka’aniif bakkaan gahuuf
qabeenya jiru (dinagdee, humna
namaa, hamilee, siyaasaa fi
jaarmayaa) qindeessuu fi
hogganuu kan gargaaruu dha.
Tarsiimo guddichi qabeenyaa fi
akeeka gartuu mormituun qabu
irratti xiyyeeffachuun,
tarkaanfiin fudhatamu, kan
waraanaa moo kan qabsoo karaa
nagaa akka tahu murteessa.
Hoggantooti diddaa yeroo karoora
tarsiimoo guddicha baafatan maal
yoo godhame akka dhiibbaa guddaa
mootummaa irraan akka gahuu
danda’an xiinxalu. Itti
dabales, tarsiimoo guddichi
duulli diddaa haalaa fi yeroo
itti jalqabu murteessuu of
keessaa qaba.
Tarsiimoo guddichi qabsoo sana
gaggeessuuf wannen bu’uraa
filatanii murteessuu dha.
Tarsiimoo guddichi gartuulee
dhaaf dirqama qooda, qabeenya
qabsoof barbaachisu raabsa.
Tarsiimoo
kan jedhamu ammoo akeeka
ka’ameef bakkan gahuuf murtiilee
tarsiimoo guddicha keessatti
wannen lafa kaa’aman keessaa
osoo hin baane akkaataa itti
hojjatamuu dha. Tarsiimoo kan
jennu yoom, maaliif, akkamitti
akka lolluu fi galii keenya
gahuuf waan godhamuu dha.
Tarsiimoon kaartaa kaasuu wajjin
wal fakkaata.
Tarsiimoon haala mijjataa uumuu
dhaaf tattaaffi godhamu
dabalachuu danda’a. Mormitooti
qabsoo godhan keessatti waan
aanjaa qabuu fi kan kufaatitti
geessu hubachuuf isaan gargaara.
Tarsiimoon wayyaawee qophaawe
qabsoo milkiin xumurachuu
dandeessisa. Tarsiimoon
injifannoo galmeeffame akka
gaaritti hojii irra oolchuuf
gargaara.
Deemsa qabsichaa keessati,
karoora tarsimawe jechuun duula
godhamu akkaataa guddisaa itti
deeman, qaamoti adda addaa
akkaataa waliin qindeeffatani
hojjachuun galii ka’aniif gahan
jechuu dha. Karoorri tarsimawe
humna qaban, gartuulee
xixxinnaan, akkaataa ogummaan
bu’aa akka buusuuf bobbasanii
dha. Tarsimoo cimaadhaaf
karoora baasuuf qabsoo godhamu
milkeessuuf tooftaalee
barbaachisan ilaalcha keessa
galchuu gaafata. Tooftaan garii
waan isa barbaachisu addaa
qabaata. Wanneen barbaachisa
duwwaa guuttachuun milkii
argamsiisuu hin danda’u taha.
Sana irratti waan dabalamu qabu
ni jiraata taha.
Dimokraatooti yeroo tarsiimoo
isaanii lafa kaa’an, akeeka
isaanii gaariitti beekuu fi
galii gahuuf tarkaanfiilee
fudhatamuu qaban murteessuu
qaban. Akeeka ka’aniif akka
gaaritti beekuu fi xiinxaluu
danda’uun galii gahuuf
barbaachisa. Akeeka beekuu fi
xiinxaluun karoora tooftaa
baasuufis ni barbaachisa.
Tarkaanfiilee fudhatamanii
tooftaa fi malli hordofaman,
tarsiimoo hojii irra oolchuf
gargaaru. Tooftaan,
humna qaban, yeroo murtaawe
keessatti akka bu’aa buusuutti
qindeessun walitti hidhata.
Tooftaan tarkaanfii murtaawaa,
akeeka murtaawaa tokko
galmeessuuf fudhatamuu dha.
Tooftaa filachuun haala jiruu
keessatti tarsiimoo galmaan
gahuuf qabsoo godhamuuf
aanjaalee jiranitti dhimma bahuu
irratti hundaa’a. Tooftaa fi
malli hordofaman tarsiimoo
galmaan gahu irratti
xiyyeeffachuu qabu. Injifannoon
tooftaan argamu yoo akeeka
tarsimoo galiin gahuu wajjin kan
wal hin cimsine tahe humni bahe
bilaasha taha.
Akkuma tarsimoon tarsimoo
guddichaa wajjin walitti
hidhatu, tooftaan tarkaanfii
murtaawaa tarsimo bakkaan gahuuf
fudhatamuu dha. Tooftaan yeroo
hundaa waan lolaa ilaala,
tarsimoon ammoo lola irra waan
bal’aa ilaaluu dabalata.
Tooftaan lola bal’aa ykn duula
guddicha keessaa qaama tokko
tahuutti hubatama. Tooftaan
yeroo gabaabaa, naannoo
murtaawa, namoota xinnoodhaan,
akeeka gabaabaadhaf dhimma itti
bahama. Tarsiimoo kan yeroo
dheeraa ti. Qabsoo karaa nagaa
godhamu keessatti garaagarummaan
tooftaa fi tarsimoo akeeki
tarkaanfii filmee guddaa ykn
xiqqaa tahuu irratti hunda’a.
Hallellaan tooftaa fudhatamu
akeeka tarsiimoo galmaan gahuuf
tahuu qaba. Tarkaanfiin tooftaa
fudhatamu mootummaa sana
rukutanii injifannoo galmeessuuf
kan haala aanjessuu dha. Warri
duula tooftaa karoorsuu fi hojii
irra oolchuuf dirqamni irra jiru
haala gamaggamuu fi mala ni
baasa jedhan filuun barbaachisaa
dha. Warra irraa hirmaatan
leenjiisuu fi qopheessuu
feesisa.
Mala
yeroo jennu meeshaa ykn akkaataa
tarkaanfii ilaala. Qabsoo karaa
nagaa godhamu keessatti mala kan
jennu tarkaanfiilee akka hojii
dhaabuu, dhibaa’uu, tumsa
siyaasaa dhorkachuu, fi kkf
dha. Kun boqonnaa 5ffaa
keessatti ibsamee jira.
(Appendix ilaali.)
Qabsoo karaa nagaattif karoora
tarsimawe qopheessuun of
eeggannoon tarsimoo guddichi,
tarsimoo, tooftaa fi mala
walitti qindeessuu fi unkeessuu
gaafata.
Waan haga ammaatti dubbatame
irraa kan barannu, hacuccaa
abbaa irree jalaa bilisa bahuuf
sammutti dhimma bahanii karoora
tarsimawe karoorsuu barbaachisa.
Qaroominaan karoorsuu dhabuun
kufaatiitti geessa. Yoo sammuu
ofitti dhimma bahanii daandii
tarsimoo qabu qiyaafatan,
qabeenya qaban hundaa
gurmeessanii hawaasa gara
bilisummaa fi dimokraasitti
ceesisuutu danda’ama.
Boqonnaa 7ffaa
Karoora Tarsimaawe qabaachuu
Irra-aantummaa argamu amansiisaa
taasisuuf, ummata gita
bittootaan dhmaasamaa jiru
jabeessuuf, abbaa-irrootaa
dadhabsiisuudhaan dhabamsiisuuf,
sirna dimokiraatawaa
hunde-qabeessa tahe jabeessuuf
karoora waliigalaa wixinachuun
barbaachisaa dha. Karoora
akkasii wixinachuuf garuu
haallan qabatamoo tattahan
akkaan xiinxaluu fi filmaata
itti-baha gaarii argamsiisan
adda baasachuu fedhsisa.Xiinxala
eeggannoo guddaa qabuu irraa
ka’uudhaanis Tarsimoo Bu’uraas
tahe Tarsimoo Duula galii
bilisummaa dhaqqabsiisan lafa
kaayyachuutu danda’ama.
Tarsimoon Bu’uraa fi Tarsimoon
Duulaa hariiroo wal fakkaataa
haa qabaatan malee garuu lamaan
isaaniituu adda addummaa ni
qaban. Dura Tarsimoon Bu’uraa
erga wixinamee booda itti aansee
Tarsimoo Duulaa ijaaruu fi
qopheessuutu danda’ama.
Tarsimoon Duulaas yeroo wixinamu
bifa Tarsimoo Bu’uraa jabeessuu
fi bakkaan gahuu dandeessisuun
tahuu qaba.
Tarsimoon mormii gaaffilee fi
dirqamoota hedduu kan
tilmaammate tahuu qaba. As
irratti sadarkaa Tarsimoo
Bu’uraattis tahe Tarsimoo
Duulaatti sababoota hedduu
barbaachisoo tattahan ilaaluutu
nu irra jira. Haa tahu malee
tarsimoo kamuu wixinuuf seenaa
dabre, ijaarsa mootummaa, humna
loltummaa, aadaa, hawaasummaa,
siyaasummaa, sirna-qalbeessa,
dinagdee fi haala idil-addunyaa
tolchanii hubachuun qabsichi
garamitti akka deemuu qabu
dursanii tilmaammachuuf hubannoo
argachuun barbaachisaa dha,
Tarsimoon kan wixinamuu
danda’amanis roga qabsichaa
tilmaammachuu fi eessa irraa
akka ka’ame hubachuudhaan
taha.
Hoggantootni dimikiraatawoo fi
warreen tarsimicha qiyyaasan
barbaachisummaa qabsichaa fi
galii itti deemamu gamaaggamuun
waan dursi itti kennamuu qabuu
dha. Galii eegamu dhaqqabuufi
qabsoo murteessoo tattahan
gaggeessun ni barbaachisaa?
Maaliif? Waan taheef, galii
qabatamaa tahe kaayyachuun
murteessaa dha. Akkuma olitti
ilaalle abbaa-irrootni aangoo
irraa buusamuu ykn ariyatamuu
qofti gahaa miti. Akkeekni
qabsichaa inni guddaan hawaasa
bilisa mootummaa dimokiraatawaa
taheen gaggeessamu ijaaruu dha.
Yaada kana caalaatti ifaa
taasisuuf Tarsimoo Bu’uraa akka
walii galaatti fi tokkoo tokkoo
tarsimoo adda addatti
wixinachuutu danda’ama.
•
Kanaaf, warreen egeree qabsichaa
qiyyaasan gaaffilee bu’uraa
kanaa gadii tilmaammchuun irraa
eegama.
•
Bilisummaa gonfachuuf danqaalee
gudguddaan jiran maali?
•
Sababootni gonfannaa bilisummaa
saffisiisan maalfaa dha?
•
Qaamni jabina mootummichi
abbaa-irree kun qabu maalfaa
dha?
•
Qaamni dadahbiinsaa adda addaa
mootummichi abbaa-irree qabu hoo
maalfaa dha?
•
Taayitaa mootummicha abbaa-irree
sarbeessuuf hundee warreen
tattahaniif haleellaaf hammam
saaxilamoo dha?
•
Qaamni jabaan humnoota
dimokiraasiif sossa’anii fi kan
ummataicha bal’aa maalfaa dha?
•
Qaama dadhabiinsa humnoota
dimokiraasiif sosso’anii
akkamiin jajjabeessuun
danda’ama?
•
Ejeennoon humnoota 3fa sududaan
qabsicha keessatti hin hirmatne
garuu takkaahuu mootummicha
abbaa-irreef ykn ummatichaaf
baamsuu malan maal fakkaata?
•
Karaa kamis humnoota
dimokiraatawoo tahan gargaaruu
fi tumsuu danda’u?
7.1. Mala qabsoo filachuu
Qiyyaason qabsichaa sadarkaa
Tarsimoo Bu’uraatti walitti
bu’iinsa gara duraatti tattahuuf
deemu tilmaamuudhaan fala
qabsicha mo’iinsaan geessisuu
filachuu qaban. Tooftaalee adda
addaa jechuun fakkeenyyaf: humna
loltuun wal dura dhaabbachuutti
kan geessu yoo tahe, bifa riphee
loltummaan qabsicha itti fufuun
yoo fedhsise, mormii siyaasaa
gaggeessuun yoo furmaata
fakkaate, akkasumas faluma
qabsicha siiqsuuf faayidaa
qabanii fi murteessoo tattahan
madaaluutu barbaachisa.
Yaada kanaa olii irratti
hundaahuudhaan warreen Tarsimoo
qabsichaa qiyyaasan gaafilee
kanaa gadii xiinxaluun
barbaachisaa taha.
•
Bifni qabsoo filatamee humna
dimokiraatotaan kan wal gituu
dhaa?
•
Tooftaan qabsoo filatamee qaama
jabaa sabichaatti ni
gargaaramaa?
•
Tooftaan qabsoo filatame qaama
dadhabiinsa moo qaama jabinaa
abbaa-irrootaa irratti
qiyyaafate?
•
Malli qabsoo filatame humnootni
dimikiraasii sosso’an caalaatti
akka of irratti amantii horatan
kan taasisuu dhaa moo humnoota
3fa ykn humnoota alaa irratti
akka hirkatan kan taasisuu dha?
•
Malli qabsoo filatame abbaa
irroota dhabamsiisuu irratti
seenaan qabu maal fakkaata?
•
Malli qabsoo filatame hubaatii
fi miidhaa tarii deemsa
qabsichaa keessa mummudatan kan
tilmaamee dhaa?
•
Malli qabsoo filatame abbaa
irroota bakka dhabamsiisee
mootummaa qabsicha keessaa
dhalatu bakka buusu irratti
to’annoo akkamii qabaata?
Tarsimoon Bu’uraa tuqaalee kanaa
olii hin tilmaammannee fi
itti-baha ifaas if duraa hin
qabne keessa deebi’ee deemsa
isaa ilaaluun barbaachisaa taha.
Boqonnaalee dabran keessatti
mormii siyaasaa gaggeessuun
tooftaalee qabsoon ittiin
gaggeessamu, faayida-qabeessas
akka tahe hubannee jirra.
Kanaaf, warreen tarsimoo
qabsichaa qiyyaasan haala lola
deemuuf jiruu gad-fageenyaan
xiinxalanii mormii siyaasaa
deemaniif deebii gahaa itti
kennuuf gaaffilee kanaa olitti
tuxxuqamaniif deebii gahaa
kennuu ni danda’aa isaa dura
hubachuu qaban.
7.2. Dimikiraasii Qiyyaasuu
Akeekni Tarsimoo Bu’uraa
abbaa-irroota taayitaa isaa
buusuu qofa osoo hin tahin sirna
dimokiraatawaa hundeessuudhaan
abbaa-irree haaraan akka
deebi’ee hin uumamne ittisuuf
akka tahe dagatamuu hin qabu.
Akeeka kana bakkaan gahuufis
tooftaan qabsoo filatamu
hawaasicha keessatti qoodumsaan
aangoo haqaa akkaataa uumamu
irratti kan fuuleffate tahuutu
irra jira. Madaalii humna lolaan
yoo ilaalame bulchiinsa
abbaa-irruummaa jalatti hawaasni
fi ummatni meesha-maleeyyiin
akkaan dadhaboo yeroo tahan gama
kaaniin garuu bulchiisni abbaa
irrootaa akkaan jabaa dha.
Wal-caalmaan madaalii humnaa kun
osoo wal hin qixxaatini
mootummaa haaraan yoo bakka
buusame kan bakka buusame kanas
abbaa irree of taasisuu irraa
wanni ittisu hin jiru. Yoo
caalmaan humnaa harka
hawaasichaa hin jiraatini
masaraa mootummaa irratti
finciluus tahe fonqolcha
mootummaa gaggeessuunis
fudhatama hin qaban.
Akkuma boqonnaa 5fa keessatti
qabsoon siyaasaa hawaasicha
sossoosuudhaan hawaasicha
keessatti taayitaan wal qixa
tahe akka uumamuu danda’u
ilaallee jirra. Deemsi kunis
karaa hedduu dhugoomuu danda’a.
Mormiin laf-jalaa yoo jabaataa
deeme abbaa-irrichi aangoo
cunqursaa fi hiraarsa hawaasicha
irra ittiin geessisaa ture
duraa laaffataa deema. Hawaasni
biyyattiis tarkaanfii cunqursaa
of irraa ittisuu danda’uutti
dabalee al tokko tokkos of
irraa qolachuu kan is
dandeessisu humna horataa deemuu
danda’a. Dabalees bifa mormii
siyaasaa qabateen hawaasicha
sossoosuu danda’uun akka
hawaasichi dhaabbata bilisa tahe
kan mataa isaa ummatu
dandeessisa. Muuxannoon
akkasitti hawaasicha keessaa
argamus saphlaatti kan dagatamu
miti. Dabalees beekumsi fi
muuxannoon bifa qabsoo hawaasaa
kana keessaa argamu hawaasicha
deebi’ee abbaa-irrootaaf akka
hin bulleef karra saaqa.
Jijjiiramni bu’uraa hiriira
humnaa (gama abbaa-irrummaa
irraa gama hawaasichaatti dabruu)
akkasii hireen sirna
dimokiraatawaan bu’ura irraa
akka uumamuuf hiree amansiisaa
gumaacha.
7.3. Deggersa Alaa
Yeroo Tarsimoon Bu’uraa
qopheessamu qabsoo abbaa-irroota
kuffisuu taasisamu keessatti
qabsoon keessaa fi dhiibbaan ala
irraa gumaachamu hariiroo akka
qaban gamaaggamuun barbaachisaa
dha. Kana keessatti qabsoon
innikkaa biyya keessatti akka
tahu amanamaa dha. Kana jechuun
deggersi idil-addunyaa yoo hin
jiraanne illee qabsoon keessa
biyyattiitti gaggeessamu
jabaachaa deemuun dhiibbaa ala
irraa godhamu dadammaqsuu
danda’a.
Deggersi alaa kun akka humna
duubbee qabsichaa tahees hawaasa
addunyaa biraa dhimmoota mirga
namoomaa, amantii fi hamilee
ummatichaa tiksuu ilaalchisee
dhiibbaan akka bulchiinsa
abbaa-irree irratti taasisamu
sossoosuu danda’a. Kana irraa
ka’ees mootummootni alaa fi
dhaabbatootni idil-addunyaa
dhiibbaa fi qoqqobbii
diplomaasii, siyaasaa fi
dinagdee mootummaa abbaa irree
irraan geesisuu danda’an.
Tarkaanfiin kun qoqqobbii
dinagdee fi waraanaa mootummicha
irraan geessisuu, hariiroo
diplomaasii waliin qaban
hir’isuu, ykn dhaabuu gargaarsa
dinagdee fi homishataa
(investment) irraa dhorkuu fi
mootummicha jaarmolee
idil-addunyaa fi mootummooto
gamtooman keessaa hanga
ariisisuu kan gahu tahuu mala.
Dabalees sadrakaa
idil-addunyaatti gargaarsi
maallaqaa fi hariiroo tumsaa
humnoota dimokiraatwaoo tahanif
argamuu danda’u.
7.4. Tarsimoo Bu’uraa utubeessuu
Haallan jiran gahaatti
gamaaggamuudhaan fala deemsa
qabsichaa furgaasu fi aanjawina
deggersi alaa qabsichaaf qaban
tilmaama keessa galchuudhaan
karaa itti qabsichi galii isaa
dhaqqabu yaaduun utubeessitoota
Tarsimoo Bu’uraa irraa kan
eegamuu dha. Wixineen
qopheessamus qabsichi sadarkaa
irra jiru irraa hamma galii
bilisummaa fi sirna dimokiraasii
hundeessuutti akkamitti akka
gaggeessamu qiyyaasuu kan dabalu
taha. Warreen Tarsimoo Bu’uraa
kana qiyyaasanis gaaffilee adda
addaa of gaafachuu isaan
barbaachisa. Gaaffilee kanaa
gadiis gaaffilee kanaa olitti
ilaalle caalaatti Tooftaa
Bu’uraa kana qopheessuuf kan
gargaaranii dha. Gaaffilee
tooftaa Bu’uraa qopheessuuf
tilmaamamuu qaban kun:
Qabsoon yeroo dheeraaf
gaggeessamu akkamitti yoo
jalqabe irra filatama?
Ummatni cunqursame osooma haala
murtaawe keessatti sosso’aa jira
tahees of irratti abdii akka
horatuu fi jabina gahaa tahe
akkamiin argachaa deemuu
danda’a?
Ummatichi waltahiinsa walii isaa
gidduu jiru damboomsataa, mormii
mootummicha irraa qabu dhawataan
akkamiin jabeessataa deemuu
danda’a?
Sochii mootummaa abbaa irree
ugguraa, dimokiraasii
ummatichaas to’annoo qajeelaa
itti tolchuuf duulli gaggeessamu
maalfaa akeekkatuu qaba?
Tarkaanfii mootummaa abbaa irree
hanga dhumaatti of irraa
ittisanii kan itti milkaawan fi
bilisummaa fiduuf kan qabsaawan
dhaabbatootni bilisummaan
sosso’an ni eenyufaa dha?
Utuma ittisa mootummicha
abbaa-irree jala jiranii harkaa
bahuuf kan qabsaawaniif ykn
humnoota dimokiraatawoo bifa
haarawaan of gurmeessuu
danda’anii haallan toosisan fi
dhaabbattootni jijjiran kamfaa
dha?
Jabinni jaarmayaa deemsa
qabsichaa keessa akkamiin
uumamaa deemuu danda’a?
Hirmaattotni hoo akkamiin
leenjisamaa deemuu danda’u?
Deeminsa qabsichaa humneessuuf
maallaqaa fi dinagdee k.k.f
akkamii barbaachisa?
Ummaticha sossoosuuf fakkeenyi
qabatamummaan dhidhihaatan
maalfaatu jira?
Karaan itti humni abbaa irrootaa
suuta laaffataa deemee xuuxamee
dhumuu sadarkaa akkam akkamii fi
tarkaanfiin akkamii yoo
fudhatamee dha?
Ummatichii karaa naamusa
qabeessa taheen akkamiin mormii
fi qabsoo karaa nagaa wal
maddii mootummicha irraatti
gaggeessuu danda’a?
Hawaasichi deeminsa qabsichaa
keessatti akkamiin fedhii isaa
bu’uraa guuttataa deemuu
danda’a?
Qabsicha keessatti seerrii fi
sirni akkamiin eegamuu danda’an?
Erga mootummichi injifatameen
booda sirna itti aansee
ijaaramuuf yeroo cehumsaa
wal-qixaawaa tahe akkamiin
hundeessuun danda’ama?
Qabsoo abbaa irroota irratti
gaggeessamu bifa akkanaan tahuu
qaba kan jedhu falli falchame
(formula) akka hin jirre
dagatamuu hin qabu. Abbaa
irroota dhabamsiisuu fi sirna
dimokiraasii hundeessuuf qabsoon
gaggeessamu tokko isa kaan irraa
adda tahuu mala. Haallan tasumaa
wal fakkaatan akka hin jirre
hunda mootummootni abbaa
irrootaas adda addummaa qabaatu.
Humni ummaticha bilisummaa
gonfachuuf tattaafatus akkasuma
adda adda. Waan taheef Tarsimoon
Bu’uraa yeroo qiyyaasamu haallan
qabatamoo mormicha uumanii fi
deemsisan xiinxaluu qaofa osoo
hin tahina mala qabsichi ittiin
gaggeessamu lafa kaayuu irrattis
hubannoo qabsichaa gahaatti
qabaachuun barbaachisaa taha.
Tarsimoon Bu’uraa qiyyaasames
bal’inaan ummaticha biraatti
akka hubatamu taasissun maaliif
akka barbaachisan sababoota adda
addaatu jiran. Kunis namootni
hedduun qabsicha keessatti
hirmaatan qabsichi maal akka
tilmaammate yoo hubatan
caalaatti gahaatti keessatti
hirmaachuu fi of-kennummaan
hojjachuu danda’an. Qabsicha
irraa hubannoo gahaa yoo
qabaatan hamilee qabsoof qaban
ol guddisuutti dabalee
of-kennummaa isaanii jabeessee
qabsichaaf akka murteeffatanii
hojjetan taasisuu dandeessisa.
Gama kaaniin ammo Tarsimoon
Bu’uraa qiyyaasamuu mootummichi
abbaa-irree waan hubachuu maluuf
cunqursaa ummaticha irraan
geessisu laaffisuu mala.
Tarsimoon Bu’uraa qindaawuun
miseensota mootummicha
abbaa-irree gidduutti mormii
uumee kaan isaanii akka irratti
fincilan ykn dhiisanii bahan
taasisuus mala.
Tarsimoon Bu’uraa abbaa-irroota
kuffisuu fi sirna dimokiraasii
hundeessu erga wxinamee booda
humnootni dimikiraatwoon sana
dalagaa irra oolchuu danda’uu
isaan barbaachisa.Tarsimoo
qiyyaasame keessaa bahuun kan
danda’amus kan yoo haalli
dirqisiisuu fi hin eegamin
mudate qofa. Tarsimoon Bu’uraa
qiyyaasame hubannoo gahaa
horachuu dadhabuun isaa yoo itti
amaname ykn akki itti qabsichi
gaggeessamu jijjiiruun yoo
barbaachise qofa wanni jalqaba
lafa kaayyame geddaramuu
danda’a. Tarsimoon Bu’uraa
sadarkaa fooyyessamuu qabu irra
yoo gahe garuu gamaaggamni
gahaan taasisamee tarsimoo
haaraan wixinamee erga raggaheen
booda kan jalqaba lafa kaa’ame
jijjiiramuu danda’ama.
7.5. Tarsimoo Duulaa Wixinuu
Abbaa-irroota kuffisuu fi sirna
dimokiraasii hundeessuuf
Tarsimoo Bu’uraa irratti abdiin
kan gatamu yoo tahe illee sun
gara galiitti kan dhiheessuu dha
malee mataa isaatiin galii
sanaaf kan deemsisu waan hin
taaneef tarsimoon deemsisu
jiraachuu barbaachisa. Humna
abbaa-irrichaa shororkeessuu kan
tilmaammatee fi akka
qajeelchaattis kan gargaaran
tarsimooleen addaa qiyyaasamuu
barbaachisa. Tarsimooleen
akkasii dabaree isaanii
abbaa-irroota irratti murtii
maayyii kan dabarsan, dirqamoota
tooftaa adda addaan deemsifaman
kan dabalan tahuu danda’u.
Fallii fi tooftaaleen galii
tarsimoo kana bakkaan gahuutti
gumaachanis eeggannoodhaan
filatamuu qaban. As irratti
mareen gaggeessinu sadarkaa
tarsimoo qofatti kan murtaawe
taha.
Namootni Tarsimoo Duulaa
qiyyaasan akkuma namoota
Tarsimoo Bu’uraa qiyyaasanii
akkataa raawwii fi mala duulichi
ittiin gaggeessamu irraa
hubannoo gahaa kan qaban tahuutu
irraa eegama. Ajajootni tarsimoo
lolaa qiyyaasan akkaataa
waraanni isaanii itti ijaarame,
tooftaa fi dhiheessii sanaaf
barbaachisan, aayinaa meeshaa
lolaa hidhatan, teessuma lafaa
keessa sosso’an akka gaariitti
kan beekan, k.k.f. gadi
fageenyaan kan tolchanii beekan
tahuu dha qaban. Haa tahu,
malee akkasis tahee beekumsa
qabsoo karaa nagaa gaggeessuu,
gaaffilee barreeffama kana
keessatti tuxxuqamaniif qofaa
isaanitti tarsimoo maddisiisuu
hin danda’an. Qabsichaaf
tarsimoo qiyyaasuuf
waa-umteen (creativity)
beekumsa irratti hundaawe
barbaachisaa dha.
Duula yeroo gabaabaaf waan
murtaawe akeekkatee fi qabsoo
bilisummaa eegalame ittiin
fufiinsaan gaggeessuuf
qajeelfama kennuuf warreen
akkaataa itti mormiin siyaasaa
gaggeessamu qiyyaasan wanneen
hubannoo keessa galchuu qabantu
jira. Kanneen hedduu keessaa
warreen itti aanan kanatu
argama:
•
Galiin duulaa filataman Tarsimoo
Bu’uraa mirkaneessuuf gahee
gumaachan murteessuu;
•
Tooftaa tarsimoo filataman
waliin wal siman ykn meeshaalee
siyaasaa toofticha waliin wal
fudhatan hubachuu;
•
Karoora duulaa hunda keessatti
malli sasaphlaan mootummaa abbaa
irree irraan dhiibbaa geessisuu
danda’an akkamitti akka uumamuu
danda’an murteessuu fi Tarsimoon
Bu’uraa galii yaadame dhaqqabuuf
tarkaanfileen akka sasaphlaatti
ilaalaman eeggannoodhaan
filatamuu fi hujii irras
oolchamuun barbaachisaa tahuu;
•
Hariiroo gaaffilee dinagdee fi
siyaasaa ummatichi qabu adda
baasachuu Gaaffiin dinagdee
qabsoo gaggeessamu keessatti
bakka maluuf akka qabatu kan
barbaadamu yoo tahe erga
mootummaan abbaa irree kufeen
booda rakkoo dinageetti
furmaatni gahaan akkamitti
argama kan jedhu eeggannoodhaan
dursamee xiinxalamuu qaba. Kan
yoo jalqabuma deemsa qabsichaa
keessatti furmaatni dinagdee
akeekamee irratti hojjetamuun
dadhabame yeroo cehumsaa keessa
furmaatni gahaan itti kennamuu
qaba. Yeroo cehumsaa jiru keessa
furmaatni yoo itti hin kennamne
ummatichi sirna haaraa bakka
buusame irraa abdii dhabuu mala.
Abdii dhabiinsa kanatti abdii
horra jechuu irraa humni haaraan
gara aangootti dhufes abbaa
irruummaa haaraa ummachuuf hiree
argachuu malu. [Fakkeenyaaf
diddaa fi mormii ummataa dhimma
dinagdee ilaalu callisiisuuf
humnaa fi doorsisafaatti dhimma
bahuu k.k.f.]
•
Qabsicha itti fufuuf caasaa fi
qunnamtiin akkamii akka
ijaaramuu qabu dura murteessuun
barbaachisaa dha. Caalaatti ammo
mormitootas tahe ummatichaaf,
deemsa qabsichaa keessa
murtiileen akkamitti akka
kennamanii fi hariiroon akkamii
jiraachuu akka barbaachisu dursa
murteessuu gaafata.
•
Walumaa gala ummaticha qabsoon
gaggeessamuufiif, humnoota
waraanaa fi poolisii
mootummichaaf, akkasumas hawaasa
idil-addunyaaf karaa
sab-qunnamtii (media) adda addaa
sadarkaa qabsichi irra
geessisame yero yerootti ibsuun
barbaachisaa taha. Ragaan bifa
kanaan dhihaatus kan
dhaadhessamee fi hundee kan hin
qqabne yoo tahe kaan irraa
amantaa waan dhabsiisuuf raga
qabatamaa fi dhugaa jiru irratti
kan hundaawe tahuu barbaachisa.
•
Qabsoo itti fufee godhamu
keessatti fedhii ummatichaa
guutuuf karaa of irratti
abdachiisaa taheen sochii
barmootaa, dinagdee fi siyaasaaf
dursanii karoorsachuun
barbaachisaa taha. Hamilata (project)
kana gaggeessuuf garuu namootni
kallattiin ykn sududaan qabsicha
gaggeessuu keessatti hin
hirmaatnes irratti hojjetuu
danda’an.
•
Duula addaa qabsichi yeroof
ittiin gaggeessamus tahe walumaa
gala jireenya qabsichaaf
gargaarsi ala irraa fudhatamuu
qabu kan akkamii akka tahe
dursa itti karoorsamuun gaarii
dha. Kunis osoo qabsoon biyya
keessaa amansiisaa hin tahin
gargaarsa biyyoota alaa irratti
irkatamee kan gaggeessamu yoo
tahe akka ummatichi fedhutti
hojii irra ooluu hin danda’u. [Kana
jechuun qabsichi gargaarsa
biyyoota alaa waan abdatuuf,
fedhii gargaartota alaa kana
guutuuf dirqama jechuu dha].
Gartuulee biyyoota alaa
irraa warreen kamfaa qabsicha
yoo deggeran ummata biyyicha
keessaaf bu’a qabeessa akka tahe
jalqabuma irraa murteessuun
barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf;
dhaabbattootni gargaarsaa fi
hawaasummaa gara garaa,
dhaabbattootni amantii,
gartuuleen siyaasaa, waldaan
hojjettootaa k.k.f. mootummootni
biyyoota adda addaas tahe Golli
Tokkooma Mootummootaa (UN),
akkasumas qaama Gola Tokkooma
Mootummootaa waliin hriiroo
ummachuun barbaachisaa taha.
Kanatti dabalees yeroo itti
ummatni bulchiinsa abbaa
irrootaa irratti finciluu eegalu
humnootni dimokiraatwoon sirnaa
fi seerri akka eegamu tiksuutti
dabalee, jireenya ummatichaa
guyya guyyaa qajeelchuu fi waan
barbaachisu dhiheessuufiif
tarkaanfii barbaachisu kan
fudhatan gahaatti jiraachuun
barbaachisaa dha. Kana jechuun
ummaticha bulchiinsa abbaa
irroota jalaa bilisoomsuudhaan
dhaabbata dimokiraatawaa tahee
ummatichaaf hojjetu gadi
dhaabuun barbaachisaa dha. Yeroo
itti seerrii fi sirni cabu karaa
itti cunqursaa fi miidhaa hin
qabneen qajeelchuun akka
danda’amu kan ummaticha
barsiisaa deeman jiraachuu
barbaachisa. Kunis seerrii fi
sirni cabee qajeelchi sanaaf
barbaachisu faana hin jiru yoo
tahe ummatichi yaada sirnuma
abbaa irrootaa duraanii wayya
akka hin jedhneef gargaara.
7.6. Yaada Diddaa Babal’isuu
Bakka gahiinsa mormii polotikaa
mootummaa abbaa- irree irratti
gaggeessamuuf barbaachisummaan
diddaa maal akka tahe ummatichi
akka hubatu taasisuun
barbaachisaa dha. Boqonnaa 3fa
keessatti fakkeenyi “Mootii
Jaldeessaa” jedhuun dhihaate
saphlaatti yaada kana ibsa.
Cunqursaan hagamuu yoo hammaate,
ummatichi sirnichaan miidhamaa
jiran mootummicha irraa walii
galtee yoo qoqqoban sirnichi
laaffatee kufuun isaa kan hin
oolle taha.
Namootni sirna abbaa-irrootaa
jala jiraatan yaada kanaaf
haaraa tahuu dhiisuu malu.
Namootni akkasitti yaada kanaaf
haaraa hin tahin garuu yaadicha
ummata keessa babal’isuutu irra
jiraata. Hoduu durii kan
‘Mootii Jaldeessaa’ faffakkaatu
bal’inaan ummaticha keessa akka
babal’atu taasisuu qaban.
Ummatnis hoduu-durii akkasii
kana karaa saphlaa taheen
hubatu; hin dagatanis. Ummatchi
bifa akkasiin mootummaa abbaa
irree waliin walii galuu yoo
didaa deeme yeroo yaamichi
qabsoo taasisamuuf yaamichichi
haaraa itti hin tahu. Dabalees
ummatichuu akka haalaa fi
barbaachisummaa isaatti karaa
itti diddaan mootummicha irratti
babal’atu dabalee qiyyaasuu
jalqabuu mala.
Bulchiinsa abbaa-irrootaa
jalatti rakkisaa fi balaa kan
geessisu tahuun yoo beekamaa
tahe illee yaada wal
geggeddaruu, ragaalee adda addaa
dhiheessuu fi ajaja dabrsuun
akka danda’amu biyyoota adda
addaa keessatti hojiin mul’atee
jira. Bara bulchiinsa Nazi
German fi koministootaa namootni
mata mataatti qofa osoo hin
tahin ummatni akka ummataatti
waltajjii argame hunda irratti,
gaazexoota, waraqaa facaatuu,
kitaabolee, booda irra ammo
karaa raadiyoo fi bifa kaaseta
videon yaada wal jijjiiraa
ture.
Jalqaba irratti qajeelfamni
deemsa qabsichaatti hundee horu
bifa trsimaaween qopheessamee
akka facaasamu taasisamuu dha
qaba. Kunis ummatichi wanneen
mormuu qabu akkamitti akka
mormuu, kan deggeru bifa kamiin
deggersa akka mul’isuu fi hojii
irras oolchu, raawwii haallan
kanneenii kan ibsu taha.
Hogganoota qabsicha gaggeessan
irraa kan yoo adda kutame ajajni
barbaachisu yero yerootti dafee
dhaqqabuu irraa yoo danqame
illee dhimmoota jajjaboo
tattahan irratti hawaasichi maal
gochuu akka qabu ni hubata
jechuu dha. Qajeelfamni deemsa
qabsichaatti hundee horu
ummaticha biratti akka gaariitti
hubatamuun kan yoo mootummichi
abbaan irree qajeelfama
ummaticha dogoggorsu baase illee
akka ummatichi saphlaatti hin
gowwoomsamne taasisa. Dhugaa fi
dharri isa kam akka tahe
saphlaattis ummatichi adda
baasata.
7.7. Cunqursaa fi Tarkaanfii
Maluuf
Kanneen Tarsimoo deemsa
qabsichaa qiyyaasan sochii
humnootni dimokiratawoon godhan
ukkaamsuuf mootummaan abbaa
irree tarkaanfii akkamii
fudhachuu akka malu dursanii
gamaaggamuu isaan barbaachisa.
Humnootni dimokiraatawoonis
miidhaa abbaa-irrootaaf osoo hin
jilbeenfatin akkamitti of irraa
dandamachuu danda’an, tarkaanfii
ittisaa malu akkamitti akka
fudhachuu danda’an ykn miidhaa
hammaatu keessa (fknf;
funaanamuu fi hidhaatti
guuramuufaa) osoo hin seenin
akkamitti irraa dandamachuun
danda’amu karoorsamuu qaba.
Tooftaan baasamu tarkaanfii
ukkaamsaa mootummichi
abbaa-irree gaggeessuu malu
dursanii akka hubatan taasisuu
fi deemsa qabsichaa keessattis
balaan fi miidhaan akkamii
geessisamuu akka malu ummatichi
akka hubatu taasisuun gaarii
dha. Sochiin qabsichaa humnaan
itti fufuun kan hin oolle yoo
tahe, kan yoo tarii namootni
madaawanii akkamitti wal’aansa
fayyaa akka argachuu danda’an
dursanii qopheessuun
barbaachisaa dha.
Humnaan wal dura dhaabbannaan
kan jiru tahuu dursamee kan
hubatamu yoo tahe illee warreen
tarsimoo qabsichaa qiyyaasan
galii ka’ame dhaqqabuuf tooftaa
fi tarsimoo barbaachis baasuu
qofa osoo hin taanee miidhaan
garmaleen ummaticha irra akka
hin geenyeef mala dhawuun
barbaachisaa taha. Fakkeenyaaf
abbaa-irroota sirna gara-jabinaa
naatoo hin qabneen ummaticha
dhiitanii bulchan mormuuf
ummatni karaa cufee hiriira yoo
baasame kan raajamu yoo tahe
illee lubbuun kumaatamaan
galaafatamuu danda’a. Haa tahu
malee diddaan bifa hiriiraan
daandii cufanii gaggeessan
miidhaa inni mootummicha abbaa
–irree irraan geessisu hamma isa
ummatni yaamicha mootummichaa
duraa callisuu, dalagaa dhaabuu,
mootummichaan walii galuu diduu
ykn hojjettootni mootummaa
diddaa fi rincicummaa bifa adda
addaan mul’isuu hin gahu.
Mormiin ifatti mootummicha
irratti gaggeessamu akeeka
tarsimaaweef kan dhaabbate
tahuun osoma beekamuu illee
balaa karaa mootummichaa
geessisamuu malu xiinxaluu fi
tilmaama keessa galchuun
barbaachisaa taha. Haala
akkasii keessatti ummatni karaa
nagaa fi sirna qabeessa taheen
mormii qaban mootummicha
abbaa-irree irratti mul’isuu
danda’uu? Tarkaanfii mootummicha
abbaa-irreen isaan irratti
fudhatamu irraa hoo dandamachuu
ni danda’uu? Qiyyaason qabsichaa
tarkaanfiin miidhaa
mootummichaan yoo fudhatame
illee qabsichi naamusa qabeessa
tahee akka itti fufu taasisuuf
tarkaanfii akkamii fudhachuu
akka qaban tilmaammachuu
barbaachisa. Fkkeenyaaf wanneen
akka waadaa seenuu, ibsoota adda
addaa babaasuu, waraqaa seeraa
fi naamusa deemsa qabsichaa
damboomsan facaasuu,
hoggantootni hiriira nagaa akka
dhiheenyaan jiraatan taasisuu fi
gartuulee deemsicha gara dabsuuf
tattaafatan yoo jiraatan irraa
qoqqobuu fi sochii eegalame
itti-baha gaariin gahuuf
hojjechuu barbaachisa. Dhuma
irratti hoggantootni qabsichaa
qabsichi gara lolaa fi dhumaatii
hin barbaachinetti akka cehu
gartuulee shira xaxan yoo
jiraatan jabaatanii irraa of
eeguu barbaachisa.
7.8. Tarsimoo Qiyyaasameetti
Amanuu
Trsimoon ittiin deemamu gahaatti
erga qiyyasameen booda humnootni
dimokiraatwoon Tarsimoo Bu’uraa
fi Duulaa lafa kaayyame keessaa
ala bahanii sababoota hin
barbaachisne irratti akka
fuuleffatanii fi yeroo isaanii
balleessaniif dhiibbaa karaa
mootummicha abbaa-irree
geessifamutti dursanii yaadaan
of qopheessuu isaan
barbaachisa. Yookaanis onnannaa
akka malee irraa kan ka’e
Tarsimoo Bu’uraas tahe Tarsimoo
Duulichaa hojiitti fasaruu
keessatti kallattii dogoggoraa
akka hin qabanne of eeggachuun
barbaachisaa taha. Mootummichi
abbaa-irree tarsimoo ummatichaaf
lafa kaayyame irraa
dogoggorsuudhaan akka ummatichi
jarjaree gama tarkaanfii
humnaatti of ceesisuuf onnatu
taasisuu mala. Onnannaa ummataa
tarsimoo irraa kaate akkasii
kanas sababa godhatee
mootummichi humnaan rukutee
qabsicha dhaamsuuf humna qabu
hawaasichatti bobbaasuuf shira
xaxuu mala.
Tarsimoon qabsichi ittiin
gaggeessamu sirrii tahuun erga
hubatamee booda dirqamni
humnoota dimokiraatawoo qabsichi
dhawataan gara duraatti akka
sosso’u dandeessisuu qaban.
Sanas tahee garuu galii lafa
kaayyame dhaqqabuuf tooftaa gara
garaatti gargaaramuun waan hin
oolleef hogganootni bilchina
itti qaban hiree hahaaraa
mummudatanitti gargaaramuu irraa
of booda hin jedhan. Tooftaaleen
yero yerootti jijjiiramuu malan
kunis Tarsimoo Bu’uraa fi
Tarsimoo Duulaa waliin wal duraa
nama rukutuu hin qaban.
Tarsimoon Bu’uraa fi Duulaa lafa
kaayyaman akka hundeetti
gargaaranii toofticha kan
sossooan tahuutti dabalee galii
akeekame dhaqqabuuf qooda guddaa
qabaatu.
Boqonnaa 8ffaa
Diddaa Siyaasaan Hojjachuu
Haala ummatni sodaa fi humna
dhabuun itti dhaga’amu keessatti
tarkaanfii jalqaba fudhatamu kan
ofi irratti amantaa ijaaruu fi
gaaga’ama xiqqeessu tahuu qaba.
Fakkeenyaaf tarkaanfii kan akka
uffata sirna dur itti uffatamu
irraa geeddaranii uffachuu
(uffata gurraacha), rifeensa
mataa gam tokko haaddachuu faa
yoo fudhatan ummata harkisee
akka diddaa keessaa qooda
fudhatan gochuu danda’a.
Tarkaanfii siyaasaa hin taane
faa fudhachuun ummata kakaasuuf
ni gargaara. Warri diddaa
qindeessan qabxii ummata biratti
fudhatamu, kan didamuu hin
dandeeye filachuu qabu. Sochii
sassalphaa akkasiin jalqabuun
ummatni akka humna qabu
barsiisuu danda’a.
Abbaa irree battalatti kuffisuu
akeekkatani ka’uu irra
injifannoo xixixqaa galmeessaa
fi kuufataa yeroo dheeraa keessa
kuffisuuf qiyyaafachuu wayya.
Sochiin godhamu keessaa ummatni
guutummaattu hirmaachuu qaba
jedhanii yaaduun hin tahu.
Warru duula siyaasaa kana
qindeessan wanneen jalqaba
irratti, giddutti fi xumura
irratti hojjatamuu qaban
tartiiba isaa lafa kaa’uu
qaban.
8.1 Diddaa filachuu
Jalqaba qabsiichaa irratti
akeeka addaaf rukutuuf sochii
sanaaf tahu filuun bu’aa qaba.
Sochiin akkasii yeroo filamu
akka wal duraa duuba qabaatan
godhuu dha. Sochiin gosti tokko
ykn lama wal irra bu’uu ykn wal
faana deemuu danda’u.
Yeroo diddaa filatan dhimma
beekamaa tokkicha ykn miidhaa
jiru keessaa kan ummata
hundaatti dhaga’amuu adda
baasuu fi waan abbaa irree
saaxilu irratti xiyyeeffachuu
dha. Dhimmooti akkasii akeeka
guddicha keessatti ilaalamanii
itti qiyaafachuun bu’a
qabeessa.
Akeeki tarsimoo giddu galeessaa
kan humna dimokraatootaa ol hin
taanee fi kan hojii irra ooluu
danda’u tahuu qaba. Kana
godhuun akka Injifannoolee
xixiqqaa galma’ee hamilee ol
kaasu, aangoon suuta akka
geeddaramee harka ummataa seenuu
godhuuf gargaara.
Diddaa yeroo filan dhimmota
hawaasaa, dinagdee ykn siyaasaa
keessaa warra beekamaa tahan
irratti xiyyeeffachuu dha. Kana
godhuun dhimma hawaasaa ykn
siyaasaa keessa garii akka
abbaan irree hin tohanne godha;
wanneen abbaan irree tohataa
jiru keessa garii akka ummatni
harka galfatu dandeessisa.
Diddaan yeroo filatamu qaama
dadhabiinsa abbaa irree tokko
ykn lamma irratti qiyaafachuun
barbaachisaa dha. Yoo akkas tahe
dimokraatoti humna murtaawaa
qabaniin dhiibbaa cimaa
geessisuu danda’u.
Jalqaba fincila sanaa irratti
qindeessitooti tarsiimo isaa
karoorsuu qaban. Akeeki duula
diddaa kun maal? Akeeka
guddicha bira gahuuf akkamitti
gargaara? Yoo ni danda’ama tahe
duula marsaa tokkoffaa,
lammaffaa jedhamee lafa
kaa’amuun ni gargaara. Fincilli
karoorfamu masaka idilee lafa
kaa’ame hogganamuun kaayyoo
guddicha galmaan gahu irratti
hojjachuu qaba.
8.2 Didhaa Agarsiisuu
Duula haaraa aangoo abbaa irree
tuffachuu yeroo jalqaban gaaffii
siyaasaa kan akeeka murtaawa
qabuun jalqabuu dha.
Tarkaanfiin dura fudhatamu kun
kan ummata hamilee kakaasuu
tahee, qabsoo diddaa kan akka
tumsa dhorchuu fi diddaa
siyaasaa itti fufanii
gaggeessuuf kan isaan qopheessu
tahuu qaba.
Yeroo jalqabaa irratti
tarkaanfiin diddaa fudhatamu kan
itti fakkeessuu, yeroo gabaabaa
tahuu danda’a. Yoo namooti didda
kana irraa qooda fudhachuuf
fedhii qaban xiqqaa tahe
tarkaanfiin fudhatamu salphaa
kan akka daraaraa awwala
gootootaa ykn bakka beekamaa fi
mul’ataa tahe irra kaa’uu faa
tahuu danda’a. Yoo ammoo namooti
qooda irraa fudhatan guddaa tahe
ammas tarkaanfiin fudhatamu
salpaa kan akka daqiiqaa shaniif
sochii fi hojii dhaabu ykn
daqiiqoota haga tokkof haasa’uu
dhaabuu tahuu danda’a. Haala
garii keessatti, namooti
murtaawoon nyaata lagachuu, ifaa
qabatanii bakka beekamaatti wal
gahuu, baratootii barnoota
dhaabuu fi waajjira tokkotti
seenanii qabachuun gad dhiisuu
diduu faa taha. Abbaan irree
tarkaanfiilee kana humnaan
ukkaamsuutti seena.
Yeroo diddaa kana jalqaban
masaraa abbaa irree ykn waajjira
siyaasaa beekama duratti walitti
qabamanii deemuu diduun balaa
waan qabuuf tarkaanfii akkasii
fudhachuun hin jajjabeeffamu.
Yeroo jalqabaa didhaa
agarsiisuuf tarkaanfin hiriira
guddaa bahuu faa ilaalcha
addunyaa harkisuu danda’a.
Fakkeenyaa bara 1988 keessa
hirirri guddaan Burmaa keessatti
bahame, bara 1989 Chaniya
keessatti baratootii waltajjii
Tiananman qabachuu dhaggeetti
addunyaa isaanii argamsiisee
ture. Balaa guddaan fakkenyota
kana lamaan irra gahee
dimokraatooti osoo duula diddaa
hin jalqabin karoora tarsimawe
baafachuu akka qaban barnoota
taha. Diddaalee akkasi
agarsiisuun qorqalbii ummataa ol
kaasuuf gargaara malee abbaa
irree buqqisuu hin danda’u.
Qabsichi yeroo jalqabu
battalumatti humna abbaa irree
ciree kan hongeessu tahuu hin
danda’u. Humna abbaa irree
ciranii hongeessuun ummatni
duran boquu gad qabatee bulu
yeroo ajajamuu didu, tumsa
dhorkatu , ummatni guutummaan
itti fincilee, jaarmayaan
mootummaa ajajamuufii yeroo didu
duwwaa dha. Haalli akkasii
uumamuun salphaatti kan
danda’amu miti. Duula diddaa
yeroo jalqaban battalumatti
ummatni mootummaa tumsa
dhorkata, ka’ee irratti fincila
jedhanii yaaduun dhugaa irraa
fagaachuu taha.
8.3 Dirqama babal’isuu
Yeroo duula diddaa jalqabamu
dirqamni namoota murtaawoo ykn
gartuu hawaasaa xiqqoo irra
jira. Akka qabsichi babal’ateen
ba’aan qabsoo murna hawaasaa
gara garaatti qoodama.
Fakkeenyaaf baratootti dhimma
barnootaa irratti fincilu,
hoggantooti amantii fi amantooti
dhimma mirga amantii irratti
duwwaa irratti xiyyeeffatu,
hojjatooti baabura hadiidaa
irratti hojjatan of eegganno
jabeessina jedhanii sochii
qabbaneessu, gaazexeessitooti
sansurii diduuf gaazexaa
irraa fuula tokko faa duwwaa
baasu, ykn polisiin namoota
qabi jedhaman qabuu dhiisa.
Fincila diddaa siyaasaa fuula
fuulaan akka gaggeeffamu godhuun
gartuun hawaasaa tokko yeroo
fincilu kaan akka hafuura
fudhatu taasisa. Akka kanatti
fincilli sun itti fufiinsa
qabaata.
Diddaa filamuu gaggeessuun,
jaarama hawaasaa, dinagdee, fi
gartuu siyaasaa tohannoo abbaa
irree jala turan harkaa baasee
ummatni akka tohatu taasisa.
Jaarama akkasii harka abbaa
irree keessa baafachuun bu’u
irratti of ijaaranii tohannoo
abbaa irree itti of irraa
ittisan taha. Abbaan irree kana
hanqisuuf xiyyeeffate hojjata.
8.4 Aangoo Abbaa Irreetti
Qiyaafachuu
Akka qabsoon diddaa siyaasaa
sadarkaa jalqabaa irra dabree
jabaachaa dhufeen hoggantoti
fincilaa akkaataa madda humna
abbaa irree gu’aa deemu irratti
xiyyeeffachu qaban. Ummatni
walii galatti akka tumsa
dhorkatu gochuu irratti
hojjachuun dimokraatootaaf
aanjaa gaarii uuma.
Humni dimokraatoota akka cimaa
deemeen, hoggantooti daran karaa
itti tumsa dhorkatan fi diddaa
siyaasaa bal’isan irratti
hojjachuu qabu. Kana gochuun
humna abbaa irree huqqisaa
deemee, karaa siyaasaa
laamishaa’ee, maayii irratti
bulchiinsi abbaa irree akka
diigamu taasisa.
Deggersaa fi gargaarsi ummatni
abbaa irreef kennaa turee suuta
hir’ataa akka deemu godhuuf of
eeggannoo karoora baafachuu
feesisa. Gochaa hammeenyaa
abbaan irree raawwate saaxiluun
deggersa ummatni godhuuf ni
hir’isaa? Saamicha dinagdee
abbaan irree raawwataa jiru
ummatni akka beeku godhuun
deggersa ni hir’isaa? Moo akka
ummatni maalummaa abbaa irree
beeku godhutu deggersa hir’isa?
Ummatni deggersa al tokkotti
dhaabuu dhaa yoo baate illee
akka shakkin itti seenee
gar-lamee tahu godhun
barbaachisaa dha. Akka ummatni
sochii farra abbaa irree deggeru
godhuun ammoo irra filatamaa
dha.
Yeroo diddaa siyaasaa fi tumsa
dhorkachuu karoorsanii fi hojii
irra oolchan, deggertoota abbaa
irree, gargaartoota isaa,
paartii politikaa, humna
polisii, birokraasii fi
keessattu humna waraanaa isaa
irratti xiyyeeffachuu fi
hordofuun baayyisee barbaachisaa
dha.
Qondaaloti humna waraanaa fi
loltooti hagam tokko abbaa
irreef amanamoo akka tahan
gahaatti gamaggamuu feesisa.
Gamaggama kana irraa ka’uun
dimokraatooti qondaalotaa fi
loltoota hawwachuuf haalli
mijjataa tahuu fi dhiisu
murteessuu irra gahuu danda’u.
Loltuun gara gadii jiruu
mufannaa adda addaa qabaatinaa?
Qondaaloti fi loltuun sababa
ilaalcha siyaasa, gosaa,
waldhabii namtokkee irraa fi
waan gara biraa irraa moggaatti
dhiibamanii jiruu? Waan
akkamiitu akka dimokraatooti
qondaalotaa fi loltoota hawwatan
isaan dandeessisa?
Yeroo dhuma qabsoo bilisummaa
jalqaban waraanaa fi jaarmayaa
abbaa irree qunnamuuf
tarsiimoon diriirfamuu qaba.
Humni dimokraatootaa humna
waraana abbaa irree
barreeffaman, mallattoon, fi
gochaa dhaan fincilli
gaggeeffamu galii isaa gahu
malee kan of duuba hin deebine
tahu beekuun barbaachisaa dha.
Humni waraana abbaa irree
qabsoon gaggeeffamu amala adda
kan qabu, abbaa irree buqqisuuf
malee jireenya isaaniif kan
sodaachifne tahuu beeksifamuu
qaban. Akka kanatti humna
waraana abbaa irreetti
dhihaachuu hamilee isaanii
irratti dhiibbaa qabaata.
Deemsa keessa ammoo gara
finciltootaa akka goran godha.
Mala fakkaataa dhaan humna
polisaa fi hojjataa mootummaa
irratti xiyyeeffatanii hojjachuu
barbaachisa.
Humna waraanaa abbaa irree irraa
mararfannoo argachuun, maayii
irratti akka isaaf hin ajajamne
godhuun akka humni waraanaa
tarkaafii shaffisaa fudhatee
abbaa irree humnaan buqqisu
godhutti fudhatamuu hin qabu.
Fonqolcha gaggeessuun sirna
dimokraasii fida jedhani yaaduun
hin tahu. Maaliif akka tahe amma
dura irratti dubbatamee jira.
Kanaaf qondaaloti waraanaa abbaa
irree buqqisuuf fonqolchi
mootummaa ykn lolli biyya
keessaa (civil war) akka hin
barbaachifne fi hin feesifne
gahaatti hubachisuun
barbaachisaa dha.
Qondaaloti waraanaa sochii
dimokraatootaa mararfachuu ykn
deggeruun qooda guddaa qaba. Yoo
isaan fincila mararfatan ajaja
hojii irra oolchuu dhiisu,
waraanichi akka hamileen bu’u
godhuu danda’u, akkasumas
tarkaanfii cunqursaan fudhadhu
jedhu fiixa baasuu didu.
Qondaaloti waraanaa sochii
dimokraasii odeesa, nyaata,
qoricha kennuu fi karaa irra
miliqan agarsiisuun qabsoo karaa
nagaa godhamu gargaaruu danda’u.
Waraanni naamusaan bula waan
taheef, meeshaas hidhatee qaba
waan taheef abbaan irree humna
kanatti dhimma bahee ummata
isaaf ajajamuu dide rukutee
adaba. Warri fincila diddaa
siyaasaa qindeessan yoo humni
waraanaa fi polisii, birokraasii
fi tikni guutummaatti abbaa
irreef amanamoo fi kan ajajaman
tahan, abbaa irree buqqisuun
guddisee rakkisaa taha.
Hoggantooti dimokraasii dursa
kan kennuufii qaban akka humni
waraanaa abbaa irree isaaf hin
ajajamne godhuu irratti
hojjachuu dha.
Seeraa fi naamusi waraanaa jabaa
waan taheef humna waraanaa fi
polisii keessaa gartuun diddaa
agarsiise adabamu mala. Adabni
waraana ajaja didee ammoo
ajjeesuu dha. Kanaaf
dimokraatooti humni waraanaa
ammuma akka fincilu gaafachu hin
qaban. Daandii qunnamtii
diriirfameen yeroo jalqabaa
kanatti abboomamuu diduuf
maloota danuun akka jiran itti
hubachiisuu dha. Fakkeenyaaf
humni polisii fi loltuu ajaja
finciltoota rukutu itti dabru
shaffisaan hojjachuu dhabuu,
nama haa qabamu jedhame bakka
jiru wallaalle jedhanii akka
miliqu godhuu, finciltootaaf
hidhaan, ukkamsaan akka jiru
odeessa kennuu, odeessa
barbaachisu dafanii ol
hogganatti dabrsuu dhabuun mala
ittin finciltoota gargaaranii
dha. Qondaalli finciltootaaf
naasuu qabu ammoo caasaa irraan
ajaja ykn tarkaanfii fudhatamuu
qabu osoo hin dabarsin hafa.
Akkasumas hojjatoti mootummaa
dosee barbaachisu dhabamsiisuun
ni bade jedhu, garaa guutuun hin
hojjatan, na dhukkuba jedhanii
hojii irraa hafu. Akkas gochuun
finciltoota gargaaruu danda’u.
8.5 Tarsiimoo Jijjirrachuu
Hoggantooti fincila siyaasaa,
tarsimo guddichii fi duulli isa
milkeessuuf godhamu akka wal
fudhataniif yeroo hundaa haala
gamaggamuu qaban. Qabsoon akka
silaa barbaadametti deemuu
dhiisuu ni mala. Haalli yeroo
akkas tahu tarsiimoo keessaa isa
kam akka jijjiirrachuun
barbaachisu xiinxaluu feesisa.
Maal yoo godhame humnaa fi
hamilee finciltootaa jabeessaa
fi cimsaa deemuun danda’ama?
Haala akkasi keessatti waanti
godhamu qabu: rakkoo jiru
dafanii adda baafachu, xiinxala
bilchataa godhachuu, dirqama
namootaa geeddaruu, humna haaraa
itti dabaluu, daandii qabsoo
itti godhan gara biraa faluu
taha. Erga sakkatta’aa fi
jijjiirraa kana godhame karoorri
bahu dafee hojii irra ooluu
qaba.
Gama kaaniin ammoo qabsichi
furga’ee, abbaan irree yeroo
tilmaamame dura gara kufaatiin
deemaa jira yoo tahe, maal yoo
godhan dimokraatooti injifannoo
argame jabeeffachaa diigamu
abbaa irree xumuran gahu?
Deebii gaaffii kanaa boqonnaa
itti aanu keessatti ilaalla.
Boqonnaa 9ffaa
Sirna Abbaa Irree Caccabsuu
Diddaan siyaasaa xixxiqan
walitti kuufamanii milkii yeroo
galmeessan, hawaasi hamilee
horateen humni isaa jabaatee
akka abbaan irree tohachuu hin
dandeenya taasisa. Duula diddaa
kana irraa akkamitti akka tumsa
dhorkatani fi fincila finiinsan
muuxannoon argama. Muuxannoon
akkasitti argamu tarkaanfii isa
maayii ummatni walii galatti
fudhatuuf gudda gargaara.
Akka boqonnaa sadaffaa keessatti
ibsame abbaan irree humna
qabeessa tahuuf ummatni
ajajamuufii, tumsa kennuufii fi
tole jedhee buluufii qaba.
Abbootiin irree madda aangoo
isaanii kana yoo hin qaban tahe
dadhabanii dhuma irratti
diigamu. Kanaaf, deggersa
dhorkachuun abbaa irree
caccabsuuf qabxii isa baayyee
jabaa dha. Yoo barbaachisaa
tahe, akkaataa diddaan siyaasaa
madda aangoo abbaa irree soofu
irra deebi’anii ilaalu dha.
Aangoo karaa siyaasaa fi seeraa
abbaan irree ummata irratti qabu
sharafuun kan jalqabamu ajajamuu
diduudhaan taha. Ummata biraa
deggersii fi abbomamuun abbaan
irree qabu yoo guddaa tahe
aangoon isaas akkasuma jabaa fi
cimaa taha. Diddaan moralaa
tarkaanfii dhaan yeroo mul’atu
jireenya abbaa irref gudda
sodaachisa. Tumsaa dhorkachuu fi
ajajamuu diduun madda aangoo
abbaa irree guddaa dadhabsiisa.
Maddi aangoo jabaan gara biraan
dhala-namaa ti. Kunis baayyinaa
fi ayinaa namoota ykn gartuulee
abbaa irreef hojjatan, tumsan,
abboomamanii fi gargaaranii
dha. Yoo ummata keessaa
namootii baayyee tumsa dhorkatan
mootummaan sun rakkoo guddaa
keessa seena. Fakkeenyaaf yoo
hojjattooti mootummaa hamileen
guutummaatti hin hojjataman
tahe, yoo hojii dhaquu dhiisani
mana oolan, caasaan bulchiinsaa
ni jeeqama.
Akkasumas yoo namooti ykn
gartuuleen tumsa dhorkatan warra
hojii ogoomte hojjatan tahe
abbaan irree guddisee laaffata.
Dandeettiin murtii bilchaataa
dabarsuu fi imaammata baasanii
hojii irra oolu ni xiqqaata.
Yoo dhiibbaan karaa qorqalbii fi
idolojii kannen akka ummatni
abboomamuu fi mootummaa akka
deggeran godhan laaffate,
ummatni daran akka diduu fi
tumsa dhorkatu hamilee
jabeessa.
Abbaan irree qabeenya biyyaa
harkaa qabaachuun humna isaa ni
jabeessa. Yoo maddi maallaqaa,
sirni dinagdee, qabeenyi
uumamaa, geejjibaa, fi wal
qunnamtii tohannoo abbaa irree
jalaa bahani haga tokko harka
mormitootaa galan, maddi aangoo
abbaa irree hafan kaan illee ni
dadhabu, salphaatti bakkaa ka’u.
Hojii dhaabuu, finciluu fi
dinagdee, qunnamtii fi geejjiba
haga tokko tohannoo jalaa
baasuun mootummaa sana ni
dadhabsiisa.
Akkuma amma dura ibsame, hundeen
aangoo abbaa irree warra isa
irratti fincilanii ajajamuufii
didan sodaachisuu, hidhuu fi
adabuu danda’uu isaa ti. Maddi
aangoo isaa kun karaa lama
dadhabsiifamuu danda’a.
Tokkoffan, yoo ummatni sababa
finciluu isaattin gaaga’ama irra
gahu fudhachuuf of qopheesse,
akeeki abbaan irree ummata
humnaan rukutee fi sodaachisee
jilbeeffachisuu ni fashala.
Lammaffaa, yoo humni waraanaa fi
polisii finciltootaaf
mararfannoo agarsiisan, akka
namtokkeetti ykn gartuu dhaan
ajaja finciltoota rukuti, itti
dhukaasi, ajjeesi fi hidhi jedhu
hojii irra oolchuu didanii dha.
Yoo humni waraanaa fi polisii
abbooti irree ajaja ummata
irratti tarkaanfii fudhachuu
hojii irra oolchuu didan, abbaan
irree haala hamaa keessa jira
jechuu dha.
Xumuruudhaaf, aangoo fi
dandeetii abbaa irree jabaa
laaffisuu fi bakkaa kaasuuf,
tumsa dhorkachuu fi diddaa wal
irraa hin citne godhuu gaafata.
Abbaan irree madda aangoo isaa
sharafamaa jiruu bakkatti
deebifachuu hin danda’u yoo tahe
ni laaffata, maayii irratti
caccabee unkutaawa. Kanaaf,
warri fincila ummata hogganan
yoo qaroo tahan madda aangoo
abbaa irree gogsuu irratti
qiyaafatanii hojjatu.
9.1
Bilisummaa Babal’isuu
Diddaan siyaasaa jalqabame; fi
dhaabbileen hawaasummaa,
dinagdee, aadaa fi siyaasaa
akka jabaataa fi walaba tahun
walitti kuufamee dimokraasii
bal’isaa, tohannoo abbaan irree
godhu shuntursu. Akka
dhaabbileen hawaasaa jabaataa
deemaniin waanti abbaan irree
fedhu laaffataa deemu; ummatni
tohannoo abbaa irree jalaa bahaa
deema. Bilisummaa babal’ataa
deemu kana abbaan irree ugguruu
yoo yaale, ummatni qabsoo karaa
nagaa godhu finiinsuun
injifannoolee argame ittisa, kun
ammoo abbaa irree irratti qabsoo
haaraa kaasa ykn kan jiru
jabeessa.
Injifannoo argame jabeessuu fi
dhaabbilee barbaachisan ijaaraa
deemuun bilisummaan akka hin
hafne dursee labsa. Kufaatiin
abbaa irree kan hin hafne taha.
Medaalli aangoo hawaasa keessa
jiru waan geeddarameef sirni
dimokraasii gad dhaabbachuun
kan of duuba hin fonqolchamne
taha.
Kanaaf fakkeenya gaarii kan tahu
bara 1970ta fi 1980ta keessa
biyya Poland keessatti diddaa
ummatatiin injifannoo argamee
dha. Waldaan Kirstaanaa
Katolikii guddaa arihatamu illee
warra komunistiif jlbeenfatee
tohannoo isaanii jala galee hin
beeku. Bara 1976 keessa
hojjattootii fi beektooti gartuu
xiqqoo Koree Ittisa Hojjattootaa
(Workers Defense Committee)
jedhamu dhaabanii politikaa
barsiisuu fi babal’isuu eegalan.
Jaarmayaan “The Solidarity
Trade Union” jedhamu
ammoo bara 1980 seeraan beekame.
Qotee bulaan, barattooti, fi
gartuuleen hawaasaa kaan
jaarmayaa walaba mataa isaani
dhaabbatan. Warri komunistii
gartuuleen kun ijaaramuu oggaa
hubatan, bu’urri aangoo
geeddaramuu isaa arganii
jaarmayaa “Solidarity” seeraan
dhorkani seera waraanan biyya
bulchan.
Bulchiinsa seera waraanaa
(martial law) jalatti hidhaa fi
arihatamuu guddaan irra gahu
illee jaarmayooti hawaasuu
dalaguu itti fufan. Fakkeenyaaf
gaazixaalee fi barruuleen adda
addaa dhoksaan maxxanfamuu itti
fufan. Manni maxxansaa
kitaabotaa dhoksaan hojjatan
kitaabota dhibbootaan lakkaawamu
maxxansanii baasan.
Barreessitooti beekamoon barruu
warra komunistii irratti
barreessuu fi mana maxxansaa
isaanitti dhimma bahuu lagatan.
Sochii fakkaataan hawaasa
keessatti itti fufe.
Mootummaa waraanaa Jaruselski
jalatti, hawaasa mataa irra
malee keessa akka hin seennetti
ibsamaa ture. Qondaaloti
mootummaa wajjira ni seenu.
Mootummichi tarkaanfiilee akka
hidhuu, ukkaamsuu, mana
maxxansaa cufuu, fi kkf fudhatu
illee abbaan irree sun
hawaasicha tohachuu hin
dandeenye. Ficnillii fi diddaan
ummataa sadarkaa sana irra oggaa
gahe, kufaatiin abbaa irree
guyyaa lakkawata malee kan
xumurame tahe.
Osuma abbaan irree barcuma
bulchiinsa mootummaa irra
jiruu, cinaa isaatti mootummaa
dimokraatawaa dhaabuun ni
danda’ama. Kun tahuun,
dorgommii ummatni mootummaa isa
kamiif akka amanamu, deggeruu fi
tumsu dhalcha. Akkuma bubbuluun
abbaan irree ulaagaalee
mootummaa isa taasiisu dhabaa
deema. Dhuma irratti mootummaan
dimokraatotaa kan cinaan hojjatu
guutummaatti bakka abbaa irree
fudhate gara sirna dimokraasitti
cehama. Yeroo cehumsaa kana
heerri biyyaa wixinamuu fi
filmaati gaggeeffamuutu
dalagama.
9.2 Abbaa Irrummaa
Caccabsuu/Unkuteessuu
Yeroo ijaarsi hawaaasaa
jijjiramaa jiru kanatti diddaa
fi tumsa dhorkachuun finiinuu
danda’a. Hoggantoti humnoota
dimokraasii jalqaba irraa kan
mataatti qabachuu qaban, yeroon
itti diddaan dhimma filame
irratti godhamu irraa gara
diddaa walii galaa kan ummata
hundaa hirmaachisu akka dhufuu
dha. Diddaa walii galaa kana
uumuu, ijaaruu, fi bal’isuu
dhaaf yeroo akka fudhatu
beekamuu qaba. Waggooti dheeraa
illee gaafachuu mala. Haga
diddaa isa dhumaa gahamutti,
duula diddaa akeeka siyaasaa
beekamaa tokkof qindeeffamu
qaba. Ummatni sadarkaa hundaa
jiruu, lakkobsa guddaa dhaan,
keessaa hirmaachuu qaba. Diddan
ykn fincilli kun murannoo fi
naamusa cimaan yoo finiine,
dadhabiinsi abbaa irrumaa
salphaatti dirree baha.
Diddaan siyaasaa cimaa fi
dhaabbileen hawaasaa walabni
jiraachuun walitti eda’amanii
humnoota dimokraasiif akka
hawaasa addunyaa biratti
dhaggeetti argatan taasisu.
Akkuma Poland keessatti tahe,
hawaasi fi diplomaattooti
addunyaa mootummaa sana abaaruu,
lagachuu fi wixii irra kaa’uu
jalqabu.
Hoggantooti diddaa ummataa
abbaan irree battalatti kufuu
akka danda’u sammuu keessaa
qabaachuu qaban. Haalli akkasi
bara 1989 Jarmanii Bahaa
keessatti tahee jira. Haalli
akkas kan tahuu danda’u yeroo
ummatni guutummaatti tumsuu
didee, aangoon abbaa irree
hundee dhaan gu’uu dha. Haalli
akkasi yeroo hundaa kan hin
argamne tahu illee karoora yeroo
dheeraa qabsoof karoorfamu
keessa galchuun barbaachisaa
dha. Kunis itti qophaa’uuf nama
gargaara.
Yeroo bilisummaaf qabsoo godhan
injifannoon waanuma xiqqaa tokko
irratti yeroo galmaa’u
ayyaaneffachuu fi gammaduun
barbaachisaa dha. Warri
injifannoo sana galmeessan
badhaafamuu qabu.
Ayyaaneffachuun godhamu qabso
fuuldura jiru akka hin
irraanfachifnetti of eeggannon
tahuu qaba.
9.3 Injifannoo fi milkii sirnaan
qabu
Warri tarsimo guddicha
karoorsan, akka abbaan irree
gara biraan hin dhalanneetti,
qabsoon sun mikiin xumuramee,
sirni dimokraasii gad dhaabbuuf
iggitti kan jedhan dursanii
tilmaamuu qaban.
Xumura qabsichaa irratti,
dimoktaatooti akkaataa abbaa
irrummaa irraa gara mootummaa
yerootti cehamu itti qabamu
irratti dursanii itti yaaduu
qaban. Mootummaa haaraa hojjatu
daddaffin ijaaruu irratti
hojjachuu barbaachisa.
Mootummaa duraani kan namooti
haaraan itti geeddaraman tahuu
hin qabu. Caasaa mootummaa
keessaa qaama kam akka diigamuu
qabuu fi qaamni kam akka
turfamuu qabu dursanii herreguu
feesisa. Fakkeenya caasaan
polisii kan farra dimokraasii
tahe battalatti diigamuu qaba.
Caasaa mootummaa guutummaatti
diiguun jeequmsa hin
barbaachifne uuma, ykn abbaan
irree haaraan akka as bahuuf
karaa saaqa.
Mootummaan abbaa irree oggaa
kufu qondaalota isaa maal goona
kan jedhu irratti dursanii yaada
qabaachu feesisa. Fakkeenyaaf
abbootiin irree fuula abbootii
seeratti dhihaachuu qabuu? Akka
biyyaa bahaniif ni eeyyamamaa?
Injifannoo booda biyyicha
deebisanii ijaaruu fi
dimokraasii gad dhaabuuf akeeka
diddaa sana osoo hin
faalleessine malli adda addaa
maaltu jiraa? Dhiiga
dhangalaasuun tasumaa hin
barbaachisu. Kun sirna
dimokraasii gad dhaabbatuuf
jirutti gufuu guddaa taha.
Yeroo abbaan irree dadhabuu fi
caccaabuu jalqabu karoorri ifaan
akkaataa gara sirna
dimokraasitti itti cehan lafa
jiraachuu qaba. Karoorri akkasii
jiraachuu gartuun gara biraa
fonqolchaan akka aangoo
mootummaa hin qabanne dhorka.
Sirna mootumaa dimokraatawaa
heera irratti hundawe kan mirga
siyaasaa fi namtokkee kabaju gad
dhaabuuf karoorri qophaawuu
barbaachisaa dha. Injifannoon
wareegama guddaan argame karoora
dhabuu dhaan akka hin fashallee
godhuu feesisa.
Abbootiin irree ummata aangawee
fi jaarmayaa dimokrasii jabaate,
kan ofii tohachuu hin dandeenye
oggaa argan barri isaanii akka
dhumatetti fudhatu. Ummatni
baayyinaan bahee diddaa ogaa
agarsiisu, hojii dhaabu, manaa
bahuu didu, hiriira diddaa
guddaa bahu, fi tarkaanfiilee
diddaa fakkaataa fudhatu caasaa
fi jaarmayaa abbaa irre akka hin
hojjanne taasisa. Diddaa fi
tumsa dhorkachuu bilchinaan
qindaawe kun yeroo dheerina
keessa abbaa irree humna
dhorkatee dimokraatooti qabsoo
karaa nagaan akka injifatan
taasisa. Abbaan irrummaa fuula
ummata dideetti caccabee
unkutaawa.
Qabsoon akkasii yeroo garii hin
milkaawu taha. Yokaan salphaatti
hin tahu. Yokaan dafee hintahu.
Kan yaadatamuu qabu lola
injifannoon xumuramee kan
kufantu danata. Haata’u malee,
diddaan siyaasa carraa
injifannoo fi milkiin xumuramuu
ni qaba. Carraan sun gabbifamuu
fi cimuu kan danda’u, akkuma
amma dura ibsame, qaroominaan
tarsimoo guddicha lafa kaa’u,
karoora tarsimawe baafachuu,
jabina, naamusa cimaa fi abdii
guutuun gootumaan hojjachuu
barbaachisa.
Boqonnaa 10ffaa
Dimokraasii Gad Dhaabuuf Hojii
Durfamuu Qabu
Abbaan Irrummaa diigamuun
gammachuu guddaan kan
ayyaaneffatamuu dha. Ummatni
yeroo dheeraaf dararamaa turee
fi wareegama guddan qabsoo godhe
injifate yeroo itti gammaduu,
bashannannuu fi walii kuudhuu
dha. Warri qabsoo godhe
injifannoo siyaasaa galmeesse fi
ummatni bal’aan ofitti boonuu
qaba. Warri qabsoo godhe hundi
lubbuun jiraatee guyyaa kana hin
argu. Warri wareegamee fi
lubbuun jiran hundi, gootota
seenaa jijjiiranii bilisummaa
fidan jedhamanii yaadatamu.
Akkanas tahee ammoo yeroo of
eeggannoo laaffisan miti.
Diddaa siyaasaatiin abbaa
irrumaa diiguun injifannon
argame nama daguu hin qabu.
Kufaatii abbaa irree booda
jeequmsa dhalatuun mootummaan
cunqursaa haaraan akka hin
dhalannef of eggannoo cimaa
godhutu barbaachisa. Hoggantooti
fincilaa sun dursanii cehumsi
gara dimokraasi haala
tasgabba’en akka tahuuf of
qopheessuu qaban. Caasaaleen
abbaa irruummaa diigamuu qaban.
Dimokraasii cimaa ijaaruuf heera
fi seera irratti hunda’an caasaa
tolchuu feesisa.
Abbaan irree akkuma kufeen
battaluma sanatti hawaasi gara
dimokraasitti dhibdee tokko
malee ceha jedhani amanuun hin
tahu. Abbaan irree caccabee
unkutaa’uu jalqaba malee dhuma
miti. Itti aansee fedhii
namootaa fi hawaasa jijjiiruuf
bilisummaa argametti dhimma
bahanii yeroo dheeraaf hojjachuu
gaafata. Rakkoon siyaasaa,
dinagdee fi hawaasummaa cimaan
yeroo dheeraaf itti fufa.
Rakkoo kana buqqisuuf tumsaa fi
hirmannaa ummataa fi gartuulee
adda addaa gaafata. Sirni
siyaasaa haaraa diriiraa jiru,
namooti ilaalcha garagaraa qaban
biyya ijaaruu fi imaammata
dagaaginaa diriirsuu keessatti
carraa akka qabaatan godhuu
qaba.
10.1 Sodaa Abbaa Irree Haaraa
Aristotle bara dheeraan dura “
cunqursaan tokko cunqursaa gara
biraatti geeddarama” jedhe jira.
Seenaa addunyaa keessaa
mootummaan cunqursaan tokko
kufee namooti garii fi
gartuuleen carraa dhalatetti
dhimma bahanii yeroo aangootti
ol bahanii gooftaa haaraa tahan
kan akka biyya Farnsaa
(Jacobins fi Napoleon), Iraan
(Ayatollah), Burma (SLORC),
keessatti tahe ragaa guddaa
dha. Fedhii fi hawwiin
gooftoota haaraa adda adda tahuu
mala. Garuu itti bahi isaa
tokkuma. Abbootiin irree haaraan
isa duraan ture caalaatti
hammenyaa fi tohannoon gadhee
tahuu danda’u.
Osoo abbaan irree hin kufin,
miseensoti sirna isaa, qabsoon
dimokraasiif godhamu akka fiixa
hin baaneef fonqolcha gaggeessun
gufachiisuu yaaluu malu.
Fonqolcha kanaan abbaa irree
buufne jedhani labsu, garuu
sirnuma isaa haaromsanii itti
fufuu barbaadu.
10.2 Fonqolcha Ittisuu
Sirna haaraa gad dhaabbataa jiru
fonqolchuuf yaali godhamu
karaan itti ittisan ni jira.
Akkaataa ittisa itti godhan
irratti beekumsa qabaachuun
akka fonqolchi hin kaane ni
hanqisa. Qophii jalqabuun
iyyuu ittisa taha.
Akkuma fonqolcha gaggeessaniin,
warri mootummaa fonqolche sun,
bulchiinsa itti fufuuf beekumsa
argachuu barbaadu. Tarkaanfii
farra fonqolchaa inni duraa
warra fonqolcha gaggeesseef
beekumsa dhorkachuu dha.
Warri mootumma garagalche sun
ummatni akka isaan deggeru, ykn
waan godhu wallaalee jaanja’ee
harka maratee akka taa’u
barbaadu. Warri mootummaa
fonqolche tohannoo isaani
cimsuuf warri oggeeyyotaa,
birokraatootaa, hojjattoota
mootummaa, bulchitoota, fi
abbootii seeraa isa gargaaranii
hawaasicha akka qabbaneessaniif
barbaadu. Warri mootummaa
garagalche, namooti baayyeen
sirna siyaasaa , dinagdee,
polisii, fi humna waraanaa
keessa jiran akka cal’isani
harka kennanii, sochii osoo hin
goone, sirnaa fi ajaja
fonqolchitooti baasan
fudhatanii, hojii isaanii guyyu
guyyaa itti fufan barbaadu.
Fonqolcha ittisuuf tarkaanfiin
lammaffaan diddaa tumsa
dhorkaachuu fi finciluu dha.
Tumsaa fi gargaarsa jarri
barbaadan kennuu diduu dha.
Tooftaa fi malli abbaa irree
kuffisuuf dhimma itti bahame,
warra fonqolcha mootummaa
gaggeesse irratti daddaffiin
dhimma bahamuu qaba. Yoo
beekumsii fi tumsi dhorkatame
fonqolchi sun deggersa siyaasaa
agabee du’uu danda’a. Akeeki
hawaasa dimokraatawaa dhaabuu
bakkatti deebi’a.
10.3 Heera Mootummaa Wixinuu
Sirni dimokraatawaa haaraan,
heera caasaa mootummaa
dimokraatawaa utubuu fi
diriirsu qabaachuu qaba.
Heerri; akeeka mootummaa maal
akka tahe, aangoo mootummaa haga
eessaa akka tahe, qondaaloti
mootummaa yoom fi akkamitti akka
filaman, mirga bu’uraa ummatni
qabu maal akka tahe, hariiroo
qaamota mootummaa olii fi gadii
jiru, ifa taasiisu qaba.
Mootummaan waaltan yoo akka
dimokraatawaa tahu fedhame,
aangoon qaama mootummaa Hojii
Raawwachiftuu, Seera-tumeessaa
fi Seera-ilaali adda qoodamee
ifa tahee beekamuu fi taa’u
qaba. Polisiin, tiknii fi humni
waraanaa dhimma siyaasaa keessa
akka hin seenne uggurri jabaan
godhamuu qaba.
Sirna dimokraasii sana
jabeessuuf, bulchiinsi abbaa
irree akka hin deebine godhuuf,
heerri tumamu sirna federaalaa
hordofee, aangoo mootumma
waaltaa, godinaa fi gad-jaleetti
kan qoodu tahuun barbaachisaa
dha. Haala garii keessatti
fakkeenya biyya Swiss kan aangoo
guddaa qaama isa gad-jalee dhaa
kennu, garuu akka biyyatti kan
hojjatu hordofuun ni danda’ama.
Seenaa biyya sanaa keessati,
heerri aangoolee olitti tuqaman
qabu yo amma dura jira tahe,
sanuma fudhatanii, bakka
wayyeessuu barbaachisu
wayyeessanii, ittin hojjachuun
fafa hin qabu. Yoo heerri
gaariin amma dura hin jiruu
tahe, heera yeroo cehumsaa
tolchuu dha. Kanaa achi heera
haaraa qopheessuu feesisa.
Heera haaraa qopheessuun yeroo
fudhata, itti yaaduu guddaas
gaafata. Ummatni heera haaraa
qopheessuu irraa hirmaatee yaada
akka itti kennatu godhuunis
barbaachisaa dha. Yeroo heera
wixinan abdii bor hojii irra
olchuuf nama rakkisu akka itti
hin galle of eeggannoo guddaa
godhuu feesisa. Akkasumas aangoo
heeraa kan mootummaa baayee
waaltomeen malee dalagaa irra
hin oolle keessa galchuun abbaa
irree haaraa maddisisuutti
gumachuu danda’a.
Heerri kun jechoota salphaa
ummataaf galuu danda’uun
barreeffamuu qaba. Heerri
baayyee xaxaa, hiikkaan isaa kan
hin ifne, kan namooti seeraa
malee kaan beekuu hin dandeenye
tahuu hin qabu.
10.4 Imaammata Ittisa Biyyaa
Dimokraatawaa
Biyyi qabsoo dhaan bilisome
humna alaan weeraramuu danda’a.
Humni alaa karaa dinagdee,
siyaasaa ykn waraanaa biyyicha
tohannoo isa jala galchuuf
tattaafachu ni mala. Kun biyya
reef bilisoomeef baayyee
sodachisaa dha.
Sirna dimokraasii lafaa ka’aa
jiru jabeeffachuuf, ittisa
biyyaatiif kaayyoo diddaa
siyaasaa bu’ura tahetti dhimma
bahun ni barbaachisa. Ummatni
akka biyya ittisuuf ijaaruu
malee humna waraanaa guddaa, kan
baasii guddaa gaafatuu fi sirna
dimokraasiif yaaddeessa tahuu
malu ijaaruun hin barbaachisu.
Gartuuleen garii, heera biyyaa
irra ejjetanii, akeeka abbaa
irree haaraa tahuu
tarkaanfachiisuu danda’u.
Kanaaf ummatni yeroo hundaa
qabsoo diddaa siyaasaa fi tumsa
dhorkachuutti dhimma bahee
dimokraasii ijaaraa jiru
tikfachuu fi warra abbaa irree
tahuuf abjootan of irraa ittisuu
qaba.
10.5 Diqama ykn gaafatama
Kabajaa gonfachiisu
Akeeki qabsoon karaa nagaa
godhamu, abbaa irree
dadhabsiisee bakkaa kaasuu
duwwaa osoo hin taane,
cunqurfamoota aangoo gofachiisuu
dha. Qabsoon kun ummata duraan
humna hin qabne, bulchitooti
akka barbaadan godhan
bilisoomsee, aangoo kennuufii
dhaan akka bilisummaan jiraatan
taasisa. Qabsoo keessatti
muxannoon argataniin ummatni
duraan dadhabaa kan humna hin
qabne, qorqalbiin isaa
geeddaramee, of irratti amantii
horatee, dandeettii isaan
hojjachuu akka danda’u isa
barsiisa.
Bu’aan yeroo dheeraa, mootummaa
dimokraatawaa utubuuf qabsoo
karaa nagaa godhamu qabu,
ummatni rakkoolee jiran fi gara
fuulduraa isa qunnaman irratti
itti fufiinsaan qabsaawuu isa
dandeessisa. Rakkoolen kun
afoollummaa, aangoo mootummaatti
garmalee dhimma bahuu, gartuun
sirnaa ala dalaguu, miidhaa
dinagdee, mirga siyaasaa
xiqqeessuu faa tahuu danda’a.
Ummatni muxannoo diddaa siyaasaa
qabu calaqqinsa abbaa irree
deebisuu barbaadu dura
dhaabbachuuf hin rakkatu.
Bilisummaa booddee iyyuu
akkaataa qabsoo karaa godhan
beekuun dimokraasi, mirga
namoomaa, mirga murna bicuu akka
hin tuqamne tiksuu fi
dhaabbileen godinaa, biyyaa,
mootumma gad-jalee fi
miti-mootummaa akka tikfaman
godhuuf ni gargaara. Mala qabsoo
itti godhan kana beekuun ummata
keessaa gartuun tokko ka’ee
qabsoo riphee lolaa ykn
tarkaanfii shororkeessuu
fudhachuu jalqabe illee
rakkinicha karaa nagaa furuuf ni
gargaara.
Diddaa siyaasaa ykn qabsoo karaa
nagaa gaggeessuu yeroo qorannu
cunqursaa abbaa irree kaasuuf
duwwaa osoo hin taane sirna
dimokraasii amansiisaa kan
mirgoota bu’uraa kabajuu fi
bilisummaa raggaasee hawaasa
haaromsuu fiduuf kan gargaaru
tahuu isaa ti.
Asitti xumura qabxii sadii qabu
irra gahuutu danda’ama:
•
Bulchiinsa abbaa irrummaa jalaa
bilisa baasa;
•
Kana milkeessuuf of eeggannoon
itti yaaduu fi karoora tarsimawe
karoorsuu gaafata;
•
Qabsoo dammaqiinsa, jabaatanii
hojjachuu fi naamusa jabaa qabu
fi wareegama qaalii
kaffalchiisuu gaggeessuu
gaafata;
Jechi “bilisummaan tolatti hin
dhufu” yeroo baayyee jedhamu
dhugaa dha. Ummata cunqurfameef
humna alaa dhufee bilisummaa
gonfachuu hin jiru. Ummatni
akkaataa itti bilisummaa sana
argatu ofii isaa beekuu qaba.
Kun ammoo salphaa hin tahu.
Yoo ummatni bilisummaaf
wareegama barbaachisu hundaa
kaffaluuf murteeffate, daandii
isaa hamaa, qabsoon isaa
hadhaawaa tahu illee bilisummaa
barbaadu ofii isaa gonfachuu ni
danda’a. Yeroo akkas tahu sirna
dimokraasii dammaqinaan ijaara,
ittisa godhuufis of qopheessa.
Kunis ummata cichaa fi murataa
sirna isaa tiksuu fi guddisuun
argama.
Sutaa (Appendix)
Maloota Diddaa Karaa Nagaa
(nonviolent)
Maloota Fincila Karaa Nagaa fi
Amansiisuu
Ibsa adda addaa
1.
Waltajjiitti Hasawa godhuu
2.
Xalayaa mormii ykn deggersaa
3.
Labsii jaarmiyotaa fi dhaabbilee
4.
Yaada ummataa mallattoodhaan
deggeramee funaaname
5.
Balaaleffata himatnaa mootummaan
ummata irratti dhiheessuu
6.
Gartuu ykn ummatni bal’aan
himannaa dhiheessuu
Daawwattoota Baayyee waliin
hariiroo ummachuu
7.
Dhaadannoolee, fakkoolee
raajamanii fi mallattoolee adda
addaa mormii mul’isan fannisuu
8.
Dhaadannoo wuccu irratti
katabame fannisuu, laalimee
(poster) fi do’ii diddaa adda
addaa
9.
Waraqaa facaatu, Kitaabbilee fi
kitaabban waa’ee mormii fi
diddaa mul’isan facaasuu
10.
Gaazexootaa fi barruulee
11.
Waraabbii galmee diddaa,
raadiyoo fi Televizyina
12.
Samii fi dachee gubbaatti,
utubaa fi bantii manaa irratti
dhaadannoo barreessuu fi
fannisuu
Gartuulee bakka bu’uu
13.
Bakka bu’iinsa
14.
Badhaasa baacoo ykn qoosaa –
diddaa fi mormii ittiin mul’isan
15.
Gartuulee hawwachuu, mooqsuu,
shooshiluu fi ofitti qabachuu
16.
Naannoo ofii tiksuu fi to’achuu
– Akka mootummaan balaa ummata
irraan hin geenyeef dammaqanii
naannoo ofii tiksachuu
17.
Filmaata baacoo fi qoosaa –
Baacoo mootummaa abbaa-irree
irratti ittiin qoosan garuu
ummataaf barmoota dabarsu
Mallattoolee Tarkaanfii Ummataa
ibsan
18.
Alaabaa fi halluu adda addaa
mormii mul’isan fannisuu
19.
Asxaalee fi mallattoolee mormii
ibsan uffachuu
20.
Kadhannaa fi lallabbii manneen
kadhannaa amantiitti taasisuu
21.
Mallattoolee mi’oota gargaraa
bakka bakkatti harcaasuu
22.
Uffata of irraa yaasuun (qullaa
of dhaabuudhaan –
fknf; qomee of irraa yaasuudhaa
- mormii agarsiisuu
23.
23. Qabeenyaa ofii akka
mootummichi dhimma itti hin
baane dhorkachuu – Fkn
dhabamsiisuu ykn
barbadeessuufaadhaa
24.
Ibsaa (ifa) diddaa mul’isu
bobbobeessuu (decoration)
– fkn ibsaa calaqqee barreessama
mormii qaban bakka bakkatti
qaqabsiisuufaa
25.
Fakkoolee diddaa mul’isan bakka
bakkatti fafannisuu
26.
Fakkoo diddaa agarsiisan bakka
mumul’atanitti kaasuu ykn
diddibuu
27.
Maqaa fi moggaasa mootummaan
dhimma itti bahu irraa adda tahe
babaasuu
28.
Qooqa fakkii adda addaa (symbolic
sounds)
mormii mul’isan uummachuu
29.
Fakkii (symbolic)
mootummaa yaaddessu babbasuu
30.
Abbootii taayitaa mootummaa (akka
matayyaatti - individuals)
duchiisuu, aarsuu fi gochaa
isaanii ummata biratti saaxiluu
Dhiibbaa Akka nam-tokkeetti
31.
Abbootii taayitaa ija jibbaa fi
cigoon ilaaluu
32.
Abbootii taayitaa tuffachuu fi
arraba qisuu (taunting)
33.
Namoota abbootii taayitaa jibban
waliin firummaa jabeessuu
34.
Bakka beekamaatti bahanii ibsaa
qabsiifatanii taa’uu, eegumsa
godhu
Diraamaa fi Muziqaa
35.
Qoosaa, baaltii fi xaba cabsaa (hamilee
abbootii taayitaa cabsufaa)
36.
Do’ii fi agarsiisa adda addaa
taasisuu – Guyyaa ayyaaneffataa
fi kabajatnaatti diddaa ummata
daddammaqsuu – vigils
37.
Faaruu fi wallee mormii
dhageessisuu – bakkayyutti
babal’isuu
Hiriira
38.
Jigiin (tuutaan) deemuu –
Daandii guutanii yaa’uu k.k.f
39.
Hiriiraan (toora galanii) karaa
irra yaa’uu
40.
Hiriira ayyaaneffata amantii
fakkeessuudhaan ummatni akka
daandii irra yaa’uu taasisuu –
itti qabata amantii fakkeessanii
hiriira bahuu
41.
Amantootni imala bahuu – Naannoo
irraa fagaatanii akka dhageettii
horatutti imala deemuufaa
42.
Naannoo mijjatutti Konkolaattota
heddumminaan akka daandii
cufanii bifa hiriiraan bahan
taasisuu –(Deliberate Traffic
junction)
Wareegamtoota Yaadachuu
43.
Gadda siyaasummaa of keessaa
qabu taa’uu
44.
Yaa’ii gaddaa –bifa mareetiin –
ummta yaasanii mariyachiisuu ykn
gaggeessachuu
45.
Bifa fakkeessaa qabuun awwaalcha
gaddaa fi mormii of keessaa qabu
gaggeessuu – Gadduu fi
wawwaachuu irra bifa dheekkamsaa
fi dhadannootiin awwaaluu
46.
Awwaala wareegamtoota biratti
tuutaan yaa’anii yaadachuu fi
yaadannoo adda addaa awwaalatti
irkisuu
Wal-gahii ummataa
47.
Yaa’ii deggersaa ykn mormii
ummataa taasisuu
48.
Wal-gahii diddaa – waltajjii
mormiin ummataa itti
dhageessifamu qopheessuu
49.
Wal-gahii mormii bir’achiisaa fi
naasisaa tahe ooffachuu
50.
Walghii lallabbii, maree fi wal
barsiisuu gaggeessachuu
Gad-dhiisuu fi Haaluu/Abaaruu
51.
Dhiisanii ykn dhiitanii bahuu –
fkn walgahii yaamame
52.
Duraa Callisuu
53.
Kabajaa dhorkachuu – Saphlisuu
54.
Fuula irraa deebisuu – Dugda
itti gatuufaa
Maloota tumsa gamtaa dhorkachuu
Nam-tokkee halabuu
55.
Gamtaadhaan lagachuu
56.
Gamtaan lagachuu filatame
gaggeessuu
57.
Lysistratic nonaction
58.
Hawaasa keessaa baasuu,
59.
Dhorkannaa (interdict)
Qophiilee, dhaabbilee fi
tattahiinsa adda addaa tumsuu
diduu
60.
Sochii gamtaa fi sportii irraa
qooda fudhachuu diduu
61.
Haajota gamtaa mootummaan
qopheessu lagachuu
62.
Hiriira Diddaa Bartootaa
qopheessuu
63.
Gamtaadhaan ajajamuu diduu
mul’ifachuu
64.
Miseensummaa Dhaabbilee gamtaa
dhiisuu
Sirna Gamtaa Keessaa Bahuu
65.
Mana ooluu ykn taa’uu
66.
Gargaarsa akka nam-tokkootti
gumaachan dhaabuu ykn dhiisuu
67.
Dalagaa (hujii) irraa ooluu,
fagaachuu fi sababoota
funaananii dhiisanii irraa
deemuufaa
68.
Mata mataatti dhokachuu, miliquu
fi hin jiru jedhanii dhaamuufaa
69.
Akka gartuutti wal gurmeessanii
dalagaa irraa miliquu, sababa
adda addaa dhiheessanii argamuu
dhiisuu
70.
Imala mormii deemuu, akka ijaa
namootaa ykn ummataa harkisu
taasianii karaa dheeraa imala
deemuu – Fakkeenyaaf uffata
addaa uffatanii akka ija
namootaa harkis taasisuudhaan
mormii qaban ibsachuufaa dabala.
Maloota gargaarsa dinagdee
dhorkachuu
(1). Laguu (boycott) Dinagdee –
Tarkaanfii maammilotaa
71.
Laguu maamilootaa – Waan kan
mootummaa fakkaatu irraa
fudhachuu ykn bitachuu diduu
k.k.f.
72.
Meeshaalee fi mi’oota akka
lagataman jedhamanitti dhimma
bahuu dhaabuu
73.
Imaammata rakkoo, dhiphina
jireenyaa fi mufii mul’isu
hordofuu, yeroo hunda rakkoo
jiru mul’isuu fi ummata kakaasuu
– (Fk.f. mootummichi itti
fakkeessuuf kn ummatatti tolaa
jiru kan yoo of fakkeessee
sanaan gowwoomsamanii rakkoon
akka furamaa jirutti hubachuu
diduufaa)
74.
Kiraa ykn gatii mootummaa baasuu
diduu fi bacancarsuu
75.
Mootummaa irraa kireeffachuu
diduu
76.
Laguu biyyoolessaa bittaa fi
gurgurtaa fi fayyadamtootaa
gaggeessuu
77.
Laguu fayyadamtootaa
idil-addunyaatti dhageessifachuu
fi dhageettii horachiisachuu
Tarkaanfii Hojjettootaa fi
omishtootaa
78.
Laguu hojjettotaa gaggeessuu
79.
Laguu omishtootaa gaggeessuu
Tarknaafii sharshaarotaa
(middlemen)
80.
Laguu dhiheessitootaa fi
raabsotaa gaggeessuu
Tarkaanfii Abbootii Qabeenyaa fi
gaggeessitoota qabeenyaa
81.
Daldaltootni laguu (boycott)
gaggeessuu
82.
Qabeenya kiressuu ykn gurguruu
diduu
83.
Dhaabbilee fi jaarmota daldala
gaggeessan cuccufuu
84.
Deggersa homishummaa dhorkachuu
– Akka gurmuu homishtootaatti
gargaarsa mootummaan irraa
barbaadu dhorkachuu
85.
Bittaa fi gurgurtaa guutummaatti
dhaabuu
Tarkaanfii Burqaa Maallaqaa
86.
Maallaqa Baankiitti kuusatan
keessaa baafachuu ykn fudhachuu
87.
Qaraxa, baasii fi gibira
mootummaa baasuu diduu,
88.
Liqaa ykn dhala maallaqaa
kaffaluu diduu
89.
Baasii dabalaa mootummaan yero
yerootti itti eda’u mormuu fi
baasuu diduu
90.
Gibira galii mormuu, Waan
daldalame irratti baasuu
gaafatamu diduu
91.
Maallaqa mootummichaa harkaa
fuudhachuu diduu – Harkaa
fuudhanii ittiin hojjachuu diduu
k.k.f.
Tarkaanfii mootummootaan
fudhatu
92.
Biyyattii keessatti
qoqqobbii/wixii gaggeessuu
93.
Daldaltoota mootummicha waliin
hojjetan akeekkachiisuu,
doorsisuu fi addatti galmeessuu
94.
Daldaltoota alatti gurguran
qoqqobuu
95.
Daldaltoota ala irraa bitan
qoqqobuu
96.
Qoqqobbii daldala idil-addunyaa
Mala ittiin gargaarsa dinagdee
dhorkatan
(2) Hojii Dhaabuu (strike)
Hojii dhaabuu mul’ataa
97.
Fincilanii hojii dhaabuu
98.
Tarkaanfii sardamaa fudhatamu
(shaffisaan hojii dhaabu)
Hojii dhaabuu qonaa
(agricultural strike)
99.
Hojii dhaabuu qottootaa
100.
Hojjattooti qonnaa hojii dhaabuu
Hojii dhaabuu gartuu addaa
101.
Hujii dirqamaan mootummaan kennu
diduu fi bakkayyutti mormuu
102.
Hojii dhaabu hidhamtootaa
gaggeessuu ykn taasisuu
103.
Warreen ogummaa harkaa qaban fi
waa tolchan hojii dhaabuu
104.
Warreen beekumsaa fi dandeettiin
gomaachan hojii dhaabu
Hojii dhaabuu Warshaa
105.
Hojii dhaabuu fi mormii
hojjettoota ijaarsaa (Construction
workers)
106.
Hojii dhaabuu fi mormii
hojjettoota warshaa
107.
Hojii dhaabuu deggersaa
gaggeessuu
Mormii Tarkaanfii qabu
gaggeessuu
108.
Dollotaa fi Mormii bifa adda
addaan karuma karaa finiinsuu
109.
Karaa ykn daandii beekaa
muddisiisuu fi cufuu, (traffic
jam and chaos) keessattuu yeroo
dalagaa irraa bahamu akka
daandiin wal muddee ummata
nuffisiisuu fi mootummicha
irratti guungummii
heddummeessanii sanumaan sababa
godhatanii hiriiran taasisuu.
110.
Beekaa boodatti hrkisachuu,
dhibaawuu fi tutturuu – Bakka
deemanii fi waan raawwachuuf
jiran daddaffiin xumuruu diduu –
Beekaa talisaawuu
111.
Seera hujii (dalagaa)
mootummichaa mormuu fi sakaaluu
112.
Beekaa dhukkuba himatanii
dalagaa irraa hafuu ykn ooluu
113.
Hujii gadi lakkisuu ykn yoo
hujii irraa baasaman mormii
kakaasuu
114.
Yero yerootti bifa adda addaan
sababoota uumanii mormii
gaggeessuu – callisanii sababa
uumuu fi funaanuu
115.
Gaggeessitoota keessaa namoota
adda baasuun qofa qofaatti
mormii irratti gaggeessuu
Dollota Warshaa walii-galaa
114.
Guutummaan Warshaa dollotuu
115.
Dollotnaa walii-galaa –
Dollatnaa warshaa deggeruun
waliin hiriiruu dabala
Sochii Dollotnaa fi Burqqa
Diangdee wal tumsiisuu
116.
Sochii Dinagdee ugguruu fi
dhaabuu ykn dhaabsisuu
Mala Waltahiinsa Siyaasaa
Dhorkachuu
Abbootii Taayitaa fi taayitaa
isaanii tuffachiisuu,
jibbisiisuu fi beekuufii diduu
117.
Deggersa siyaasaa dhorkachuu fi
mormii itti kakaasuu
118.
Deggersa ummataa irraa ugguruu-
akka umamtni hin deggerre
jibbisiisuu
119.
Haasawa waltajjii mormii qabu
ummataaf gochuu, ibsa mormii
adda addaa babaasuu fi
faffacaasuu
Lammiileen biyyattii keessa
jiraatan akka mmotummichaaf hin
tumsine taasisuu
120.
Qaamota hujii seeraa
mootummichaa gaggeessan irratti
dollotuu
121.
Filmaata diduu fi irrattis
dollotuu
122.
Hujii mootummaa (employment)
fudhachuu diduu fi gonfaa
(promotion) mootummichi kennus
diduu
123.
Dhaabbilee mootummichaatti
dhimma bahuu diduu fi kan duraan
itti gargaaramaa turan irraa
dhaabuu
124.
Dhaabbilee barmootaa mootummaa
keessaa yaa’uu, dhiisuu
125.
Dhaabbilee mootummicha waliin
hidhata qabanitti gargaaramuu
diduu fi keessaa bahuu
126.
Dhaabbilee mootummicha deggeran
irratti mormii kakaasuu
127.
Mallattoo deggersaa
mootummichaaf qaban duraa
kaasachuu fi bakka mootummichaan
wal argan irraa dhaabuu
128.
Gonfamtoota mootummaa fudhachuu,
beekuu diduu fi ittiin mormuu
129.
Dhaabbilee mootummaa dalagaafii
jiran dadhabsiisuu, diiguu fi
akka hin jbaatne irratti
hojjachuu- yero yerootti mormii
itti heddummeessuu
Lammiin biyyattii essatti akka
ajajaman filmaata tolchuufii
130.
Mootummicha duraa callisiisuu fi
danqaa itti taasisuu
131.
Bakka to’annoon hin jirretti
ofiin hojjachuu diduu fi beekaa
talisaawuu
132.
Fincila diddaa umamtaa
gaggeessu, akka ummatni bitamuu
didu taasisuu
133.
Dugda duubaan diddaa isaa akka
mul’isu taasisuu
134.
Wal-gahii gumii mootummichaa
sadarkaa adda addaatti tatta’an
jeequudhaan gar gar bittimsuu ,
keessattuu yaadaan akka wal
dhiban fi wal dhaban taasisuu
135.
Diddaa ummataa jajjabeessuu,
ummatni walitti fufiinsaan
diddaa isaa akka hin
qabbaneessine taasisuu
136.
Yaamicha hatattamaa biyyoolessaa
mootummichi godhuuf owwaachuu
diduu
137.
Akka ummataatti wal gurmeessanii
fi dhaamsa waliif dabarsanii
naannoo jiranitti rirriphuu,
138.
Seerota mootummaa seerawaa hin
taane irratti finciluu – fknf
kan mootummichi aangoo isaa
ittiin tiksachuu fi ummata
ittiin to’achuuf babaasu
Tarkaanfii Hojjettoota Mootummn
fudhatamuu qaban
139.
Deggersaa fi gargaarsa
mootummichi taasisu keessaa
filuudhaan mormii itti kakaasuu
140.
Caasaa ajajaa fi odeeffata
mootummichaa keessa seenanii
jeequu fi duraa dadhabsiisuu
danda’uu
141.
Gochaa fi sochii mootummichaa
hunda guyya guyyaatti
balaaleffachuu fi gufachiisuu
irratti hojjachuu
142.
Walumaa gala dhimmoota
bulchiinsa mootummichaa
fakkaatan hundaan mormuu fi
tumsa barbaadamu gochuu diduu
143.
Tumsa seerawaa fi haqaa akka
ummataatti mootummaaf godhamuu
qabu hunda irraa dhaabuu
144.
Warreen hojii mootummaa
qindeessan hawwachuun akka isaan
talisan ykn dhibaawan taasisuu –
karaa isanii danqaa uumuu
145.
Finciluu, ajajamuu diduu fi
kachachaluu
Tarkaanfii Bulchiitoota
mootummaa irraa eegamu.
146.
Seeratti qabatanii beekaa
dhibaawuu, talisaawuu fi hojii
sirriitti gaggeessuu dhiisuu
147.
Qaamota mootummaa kaan naannoo
isaanii jiran waliin hojjachuu
diduu – fknf. Dhaabbatni
poolisii bulchitoota
mootummichaa naannoo waliin
walii galuu diduu, k.k.f.
Tarkaanfii mootummaa
Idil-addunyaa
148.
Karaa Diplomaasii fi bakka
bu’iinsa adda addaatti
jijjiiramni akka taasisamu
biyyoota alaa hawwachuu
149.
Dalagaa diplomaasii fi raawwii
isaanii lafa irra harkisuu fi
tuttursuu
150.
Mootummicha beekumsa Diplomaasii
dhorkachiisuu ykn duraa
hir’isiisuu
151.
Hariiroo diplomaasii ugguruu fi
lafa irra harkisuu
152.
152. Dhaabilee fi miseensummaa
idil-addunyaa mootummichaaf
baamsan keessaa of baasuu –
mormii agarsiisuu
153.
Miseensummaa idil-addunyaa
mootummichaa mormuu
154.
Gaafatama, taayitaa fi
hirmaatnaa keessaa mootummicha
baasuu fi qoqqobuu
Akkaataa karaa nagaa diddaa
finiinsan fi keessa seenan -
Qor-qalbii hatuu
155.
Akka abbootiin taayitaa
mootummichaa mata-mataatti of
qeeqan, waan dalaganitti
gaabbanii dubbatan taasisuu
156.
Kakuu waliif seenuu fi of
hagabsuu (fasting)
157.
a. Hamilee wal jajjabeessuuf
waliin hagabuu
158.
b. Duula bia fincilaan hagabuu
ooluu gaggeessuu
159.
Murtii dabre fudhachuu diduu
160.
Diddaa nagaan doorsisuu – Bifa
naga qabeessa fakkaatuun hiriira
bahanii garuu doorsisas
gaggeessuu
Qaamaan akkataa itti fincila
keessatti hirmaatan
161.
Karaa ykn daandii cufanii
tattaa’uu
162.
Daandii danquu, tuutaan, gurmuu
gurmuun dhadhaabbachuu
163.
Jeequmsa fi wajjabbara (mess)
uumuu
164.
Wal-muddamsaa fi dhiibboo
ummuudhaan naannoo dhiphisuu
165.
Karaa fi daandii irratti waa
daddaakuu fi caccabsuu
166.
Bifa dirreetti ykn daandittii
bahuutiin naannicha
dhuunfachuudhaan akka daandiin
irraa jal’atu taasisuu
167.
Hiriira nagaa fakkeessanii
jeequmsaa fi wajjabbara uumuu
168.
Hiriira nagaa fakkeessanii samii
irratti mallattoo jeequmsaa
facaasuu-
kun kan yoo humni qilleensaa
(xayyaaraa) keessatti hirmaate
saphlata. Ykn afuuffee laastikaa
baraa samii keessa facaasuun ni
gargaara
169.
Hiriira nagaadhaan qabatanii
weerara dhuunfannaa gaggeessuu –
naannoo to’achuu
170.
Hiriira nagaa diddaa fi
dheekkamsaan wal make gaggeessuu
171.
Hiriira nagaa diddaa fi
dheekkamsa qabuun jeequu, karaa
cufuu fi akka hin dabarre
ittisuu
172.
Hiriira nagaa diddaa mul’isuun
bakka dhuunfatanii qabachuu fi
bakka hir’ate tuuta ummataan
guuttachuu, naannoo qabamee
jirutti akka ummatni yaa’u
gochuu
Bifa hawaasummaan akkaataa
fincila keessatti itti
hirmaatan:
173.
Hariiroo hawaasummaa mootummaan
duraan gaggeessaa ture irraa
adda kan tahe haaraa hundeessuu
174.
Dhaabbilee tajaajila adda addaa
ummachuu
175.
Sochii hawaasummaa mootummaan
qabu bacancarsuu, tajaajila akka
sirriitti hin gumaachine danquu
176.
Haasawa bakka buutota mootummaa
ummataaf taasisamu gidduu
seenanii danquu, afaanitti kutuu
fi jeequu
177.
Agarsiisa ykn do’ii faallaa
gochaa mootummaa dhiheessuu –
hawaasa daddammaqsuu
178.
Waldaa Tajaajila Hawaasaa kan
biraa fi fakkaattii kan
mootummaa dhadhaabuu, I’ijaaruu
179.
Daandii fi karaa daldalaa kan
mootummaa irraa adda tahe
baasuu, barbaaduu fi ummataaf
akeekuu
Karaa Dinagdee akkaataa itti
fincila keessatti hirmaatan:
180.
Fincila mootummaan hammeessuu
barbaadu dura dhaabbachuu fi
akka ummatni hin gaaga’amne
gochuu
181.
Dollota itti fufuu fi tursiisuu,
hamma deebiin barbaadamu
argamutti addaan kutuu diduu fi
itti cichuu
182.
Sochii diddaa fi mormiidhaan
bakka dhuunfachuu, qabachuu
183.
Ittisaa fi qoqqobbii mootummaan
geessisuun mormuu fi diddaa
durumaan eegalameef akka sababa
dabalaa tahu gochuu
Diddaa siyaasaa fi muddama (tension)
siyaasaa gaggeessuu,
184.
Bittaa fi Gurgurtaa mootummichaa
jeequu, akka ciccitu taasisuu
185.
Qabeenyaa dhuunfachuu, fuudhuu
fi akka hin sossoone ittisuu
186.
Qabeenyaa bakka tokkotti walitti
guuruu, cancaluu fi akka itti
hin gargaaramne taasisuu
187.
Mootummicha keessaa fo’anii
kanneen ummataaf tumsan deggeruu
fi jajjabeessuu
188.
Bakka bittaa fi gurgurtaa
addatti baasuu, haaraa baasuu
ykn uumuu
189.
Akkaataa fi sirna geejjibaa
haaraa uumuu fi barbaaduu
190.
Dhaabbilee dinagdee hahaaraa fi
akka filmaataatti ummata
gargaaran dhaabuu ykn uumuu
Akkataa itti fincila
dhuunfatanii fi finiinsan
191.
Sirna bulchiinsa mootummichaa
mudduu fi dhiphisuu – akka inni
jeeqamu taasisuu
192.
Basaasotaa fi warren dhokatanii
mootummaaf hojjetan, oduu
deddeebisan saaxiluu
193.
Bakka namoota bebbeekamoo fi
fincilicha sochoosuu keessatti
qooda gudguddaa qaban akka hin
hidhamne ofiif itti dabruu,
beekaa haasawa fincilaa gochuun
akka qiyyaafannoo mootummaa
isaan irra tahu taasisuu,
namoota ija fincilichaa tattahan
irraa ilaalcha mootummaa gara
dabarsuuf ofiif gaafatamaummaa
fudhachuuf of kennuu
194.
Seerota hin baamsine
jedhamnaitti golgamanii fincila
ummataa kakaasuu
195.
Mootummichaan wal tahiinsa
didanii dalagaa ofii qofaatti
itti fufuu, ajajamuu diduu
196.
Caasaa mootummaa addatti of
danda’e qabu qofaatti uummachaa
deemuu.