|
Waamicha qabsoo Gumii Paarlaamaa Oromoo
irraa ummataa fi dhaabbiilee siyaasaa Oromoo
maraaf dhihaate.
Haalli
siyaasaa yeroo ammaa Godinaa Gaanfa Afriikaa
addatti ammoo Itophiyaa keessatti mul’ataa
jiru lammii fi dhaabbiileen siyaasaa Oromoo
hundi ilaalcha gahaa kennuufiin qabsoon
bilisummaa Oromoo bakka isaaf malu akka
argatu gochuu irratti akka hojjatan kan
gaafatu dha. Mirgi seeraa fi uumaa ummatni
Oromoo qabu akka hin kabajamne dabrees
roorroo fi cunqursaan irra gahaa jiru akka
hin dhaga’amne shirri hojjatamaa jiru ol
aanaa dha. Haala ulfaataa wayta ammaa
mul’ataa jiru kanas kan jijjiiruu qabu
dhaaba tokko ykn murna murtaawaa miti.
Dirqamaa fi gaafatama lammii Oromoo fi
dhaabbiilee siyaasaa Oromoo hundaa ti.
Haalli a mul’ataa jiru kun egeree ummata
Oromoof jecha yaadaa fi murtee wol
fakkaataa tokko qabannee akka sossoonu kan
gaafatu tahuu kanneen bilisummaa ummata
Oromoof qabsoofna jennu hundi hubatuu qabna.
Gaaffii siyaasaa bu’uraa irraa fagaataa
rakkoo yeroo irratti xiyyeeffatuun rakkoo
jiru boriif dabarsuu yoo tahe malee
biyyattii dhibdee keessaa hin baasu. Har’as
taanaan Itophiyaan “Volcano” yeroo
kamiyyuu dhohuu danda’u irra teessee kan
jirtu tahuu hubachiisuu feena. Murni aangoo
siyaasaa biyyattii dhuunfatee jirus kan
gaafatamni itti hin dhaga’amnee fi dantaa ummatootaa dursuu
irra dantaa murnaa tiksuu irratti bobba’e
tahuu irraa biyyattii gara jeequmsa hin
barbaachifnee fi eenyuuf illee bu’aa hin
argamsiifnetti oofaa akka jiru haa hubatamu
jenna. Hundaan olitti ammoo gaaffiin
siyaasaa ummata Oromoo hanga deebii quubsaa
fi amansiisa hin arganetti biyyattii
keessatti hafnaan godinaan keessa jirru
keessatti nagaa argamsiisuun akka hin
danda’amne hubatamuu qaba.
Farreen ummataa garaa garummaa xixiqqaa
hawaasa kamiyyuu keessa jiru Oromoo
keessattis mul’atu akka waan haaraa tahettii
fi hin jirreetti guddisanii dhiheessuun
hamilee ummataa cabsuuf itti gargaaraman.
Kanaaf qaawwaa diinni ittiin nu dadhabsiisee
qabsoo ummata keenyaa laaffisuuf jedhu
kanatti furmaata gochuuf dhaabbiileen
siyaasaa, beektotni, maanguddoo fi hayyoonni
Oromoo daddaffiin wol gahuun marii
adeemsisuu akka qaban Gumiin Paarlaamaa
Oromoo waamicha isaa dhiheessa. Kun
dhugoomuun firaa fi diina keenya adda
baasuun fuula tokkoon hiriiruuf gargaaraa
dha. Waan taheef gidiraa ummatni keenya
keessa jiru dhabamsiisuu fi qabsoo
bilisummaa deemsifamaa jirutti firii gochuuf
yaada kana deggeruun dhugoomuu isaatiif
hundinuu kan irraa eegamu akka gumaachu
waamicha hatattamaa kana dhiheessina.
Gumiin
Paarlaamaa Oromoo haala yaaddessaa fi
sodachisaa as adeemaa jiru qolatuuf haqa
mul’ataa kana ummatootaa fi hawaasa addunyaa
caalaatti hubachiisuuf kanneen dhimmi ilaalu
gidduutti maree adeemsisuun barbaachisaa
tahuutti amana. Maree egeree ummata Oromoof
barbaachisaa tahe kanaan murtii tokko irra
gahuuf ammoo fedhii ummata keenyaa irratti
hundaa’uu fi haala addunyaa wayta ammaa
xiinxaluu feesisa.
Waan
taheef dhimma fardii tahe kana milkeessuuf
Gumiin Paarlaamaa Oromoo dhimma kana gadi
faginaan eerga ilaaleen booda waamicha
armaan gadii kana dhiheessa.
1.Ummata Oromoo hundaaf :
Mootummootni Itophiyaa irratti aangoman
hundi mirga ummata Oromoo kabajanii
kabajsiisuu irratti isaanii hojjatan hin
mul’atne. Kana irraas murna hawaasaa adda
addaa addatti ammoo qotee bulaa wayyaba
tahee tooftaa fi imaammata adda addaa
irratti baasuun akka deega keessaa hin baane
taasisan. Mirga isaa dhiitaa qalbiin cabee
akka jiraatu dirqisiisaa yoona gahan.
Mootummoota Itophiyaa jalatti hireen
daldalaa Oromoo mudataa turee fi jiru kan
isa hojjachiisee jiruu fi jireenya isaa
ittiin mohatu osoo hin taane kan daldalaa
irraa isa fageessee fi dorgommii keessaa ala
isa taasise dha.
Hojjataan Oromoos taanaan ulaagaa dhaloota
irratti hundaa’een kan bakka isaaf malu
dhabee dararamaa jiru dha. Abdiin barataa
Oromoos dukkanaawaa malee abdachiisaa tahee
hin beeku. Waan taheef murnootni hawaasaa
kunneen, furmaatni rakkoolee nu mudatanii
qabsoon malee kan hin guutamne tahuu hubatuu
dhaan dhaabbiilee siyaasaa bilisummaa
keenyaaf qabsaawan hundaan olitti dantaa
keenya dursan cinaa hiriiruun qooda qabsoo
irraa eegamu akka gumaachitan, akkasumas
maree dhibdee Oromoo furuuf akeekameef qooda
irraa eegamu akka gumaachan waamicha
goonaaf.
2.Lammii Oromoo biyya alaatti argamtan:
Dhiibbaa fi roorro mootummaa Itophiyaa irraa
biyya keessan keessa nagaan jiraachuu
dadhabuu irraa alatti baatan, dararama
ummata keenya irra gahaa jiru kana hambisuuf
qabsoon murteessaa tahuu hubatuu dhaan
jireenya ofii irra kan ummata keessaniif
dursa kennuun qabsoo adeemsifamaa jiru
finiinsuuf tumsa isin irraa eegamu akka
gumaachitan waamicha Oromummaa isiniif
dabarsaa yaada dhiheessine irratti akka nu
tumsitan gaafatna.
3.Qabsaawota
bilisummaa falmaa irra jirtaniif:
Yeroo
ammaa kana dirqama ulfaataa ofitti fudhatuun
diinaan wal qabaa wareegama lubbuu kafalaa
jirtaniin diina sarduun seenaa boonsaa
galmeessaa akka jirtan ni beekama. Falmaa
itti jirtan kan caalaatti finiinsuu
dandeessan deggersaa fi tumsa ummata
keenyaan tahuu yaadachiisaa , kan
barbaachisu hundaan isin cinaa dhaabatuun
gaafatama nurra jiru tahuutti hubanna. Isin
woliin dhaabbatuun gaafatama seenaa nurra
jiru bahuuf qophii tahuu mirkaneessaa falmaa
irra jirtan karaa danda’ame maraan finiinsuu
dhaan rakkoo Oromoo akka dhageessistan
waamicha keenya dhiheessina.
4.Miseensota Mana Marii fi Caffee Oromiyaa
keessatti qooda fudhataa jirtaniif:
Mootummaan Wayyaanee maqaa dimokraasiin
waadaa guutuu hin dandeenye hawaasa addunyaa
duratti seene faallessee gara bittaa abbaa
irrummaa ifatti mul’atutti tarkaanfatuu
eenyuun iyyuu olitti hubattan. Kana irraas
jaarmootni siyaasaa karaa nagaa jijjiirama
argamsiisna jechuun Heera sirnichaa jalatti
qabsaa’uu murteeffatan mirga sosso’uu fi
gurmeessuu dhorkatamuu irraa hidhaa keessa
akka jiranitti of ilaalan. Kanneen sagalee
ummataan bakka bu’aa ummataa tahuun keessan
mirkaneeffames yaadaa fi fedhii ummata isin
filatee dhageessisuu hin dandeenye.
Dhiibbaan adda addaa isin irra jiraatu iyyuu
rakkoo yeroo fi qabsoon furamu kanaaf jecha
ummata bakka bu’oota kiyya jedhee isin
filate dantaa bubuutuuf jecha osoo irraa hin
gorre dantaa ummata isin filatee dura
buusuun murannoon akka hojjatan, dhiibbaa
ummata irra gahaa jiru akka saaxiltanii fi
gurmuu Oromummaa akka jabeessitan, maree
barbaachisus yaadaan akka gabbiftan
waamicha keenya isinii dabarsina.
5.Hawaasa Addunyaaf:
Rakkoo Godinaa kanaa addatti ammoo Itophiyaa keessatti
guddinaa fi tasgabbii gufachiisaa jiru furuu
keessatti barbaachisummaan qooda hawaasa
addunyaa falamsiisaa hin tahu. Kanaaf osoo
rakkoon siyaasaa ifatti mul’ataa jiruu,
kanneen dhimmi ilaaluu fi nagaa fi
sabatiinsa naannoo kanaaf barbaachisu
argamsiisuu keessatti qooda murteessaa qaban
jajjabeessuu fi woliin mari’atuu dhiisuun
murna Heera ofiif tume cabsu, Seera addunyaa
mallatteesse kabajuu diduun mirga namoomaa
cabsaa jiru tumsuun seenaa duratti
qaanfachiisaa fi gaafachiisaa tahuu
hubachiisaa, mootummaan Wayyaanee daandii
dimokraasii furmaata wolii galaa
argamsiisutti akka deebi’uuf dhiibbaa
barbaachisu akka godhu gaafatna.
Oromoon tokko, Kaayyoon keenyas tokko!
Bilisummaa Ummata Oromoof
|