| Ibsa Ejjannoo
Lakk.1
Fulbaana 1/2000 ALA
Guyya
hidhamtoota Oromoo fi guyya Oromoon
bulchiinsa Habasha jalati hidhamee guyya
gadda ta’ee akka ol wamicha goonaa.
Wayyaaneen bulchiinsa gari
ummataf fidee jecha Oromoo qoofati lammuman adda
basee mana hidhati hanbisun Oromoo hin hidhamiin
hafee immo koota waliin milliniyeem kabajana
jechuun lammi keenya hoji irra dhorkee qoophi
adda addaa qoopheesun rakksa jira. Wagan kun
garu Oromoof wagga addati, sababi isaa:-
-
Oromoo kuma 40, 000 ol ta'uu mana hidha
Qaliti, Maikalawi, Zeway, Neqamte, Didheessa,
Harar Jarso, Badanoo, Ciroo, Diredewa, Maqale,
Aduwa, Bure, Zaraba Gidaf, Gimbii, Robee kkf
Oromoo qoofa hidha hanbisee darara jira.
-
Bara Oromoo ajeefamee Gara Sufiti reefi
isaani bineensaf keenamee;
-
Bara baratoon Oromoo bakka bayeeti
oromuma isaanf jecha akka hin baranee mana
barumsa irra ariaman manati galan wara isaati
ba’aa taani jiru,
-
Miseensoon parlamaa oromoo umman keenya
oromuma isaan badalamun dhabachu qaba jedhan
matii fi jireenya isaan dhiysan yamuu biyya
baani jiru,
-
Waraani oromoo utuu uni meesha wayyaane
banu lammiin keenya seeran ala ajefamu hin qabu
jedhan bara jeenerala hanga waraana biyya gadii
dhisee bayee,
-
Aboon seera, deplomatoon fi gazexzsitoon
Oromoo midha ummata keenya irra gauu teenyee
ilalu hin qabnu jedhan bara biyya baanti;
-
Bara wayyaanen ummata keenya lagan qoodee
Borana fi Guji, Borana fi Gari jechun lubuu
kumata baleesisee qabeenya heedhu barbadeese;
-
Bara seena biyya keenyati lammii
Kiristiyana fi Isilaman akka wal qoode wal fixu
kan godhee wayyaanen kana hunda hiranfadhati na
waliin siirba jecha jiruti;
-
Hara guyya of ayyana ayaneefachu eggalee
kanati ilee Baha, Kibba fi Lixa Oromiyaati
dhigga oromoo dhangalasa lubuu dhiban lakkawamu
ajeesa jira.
Habashoon jiba isaani iffati
bara muliifatan keessa koota Milliniyem waliin
kabajana jedhan nu waamun tuufi ummata keenyaf
qaban argsisa malee waan wal birra qabnu hin
qabnu, issan siirba jiru uni immoo mana hidha,
biyya ala fi boosoona keessa jira.
Kanaafu Gumii Parlamaa Oromoo
lammiin keenya hundi fulbana 1/2000 wagga
baranati kasee wagga waggan guyya
hidhamtoota Oromoo fi guyya Oromoon bulchiinsa
Habashaa jalati hidhamee jechun guyya
gadda ta’ee akka olu waan murteeyeef guyya kana
barana kaasee waagga waggan dhimmoota kana gadi
akka rawwatan isiin beeksifna:-
-
Nami hundi keenaa waan
dandaee qabatee hidhamtoota mana hidhati
akka dubisu;
-
Keenaa waan dandaee
qabatee mana matii hidhamtoota deemun akka
jajabeesu;
-
Namoota hidhamani ba’aan
degersa barbachisu akka godhamuf, waan
hundan isaanf matii isaan deebisan ijarun
akka gargartan;
-
Maqa hidhamitoota
barreesun akka isaan gadi dhifaman degersa
maalateesu;
-
Murtiin du’aa hidhamtoota
Oromoo irrati murtaee akka ka’uu maalatoo
waliti qabun akka nu ergitan;
-
Guyyan kun guyya gada
waan ta’eef lammiin Oromoo kami iyuu bakka
bashanana fi mana horma afeera akka hin
deemnee, mana hidha, mana matii hidhamtoota
fi mana ofi qoofati argamun guyya gaddaa
kana akka yaadatan maqa waregamtoota qabsoo
fi maqa hidhamtoota Oromootiin issin
gaafana.
Bilisuman ummata oromootiif
Gumii Parlamaa Oromoo
Hagayya 15/2007
|