|
Oromoon Kara Hunda Ajeefamaa fi
Samamaa Jira
(Kutaa
2faa)
Bara, 2009
Enyuu Samichaa fi ajeechaa nu
irrati gegessa jiraa?
Enyuu Nu samee nu samsisaa?
Mal Gonuu?
Bareefama
kutaa 1faa keessati Samichaa
TPLF Oromoo irrati raawwachaa
jiru waraa dhabatan raawwachisaa
jiran OPDO bakka lamati qodine
ilaalun keenya ni yaadatama.
Wayyanen Miseensoota
ishee akka barbadeeti
ergachuudhaf waan Saditi
gargaramti. Insii 1) Lammi
Oromoo kan hintanee mududhaan
garajabinan akka ajeesuf samuu
goti, 2) Lammi Oromoo ajeessan
ummatan akka jibaman gooti, 3)
Qabeenya mootummaa fi ummtaa
samani malamaltuman liqimfaman
akka isaan wayyanee sodacha
jiratan gooti. Garee Ilman
Tigrayi kun gocha ajeechaa fi
samicha kana keessati of laqan
waan jiranif gaafatamun keenyaa
hin oluuu jeedhan waan hunda
rawwata jiru.
TPLF kara OPDO Oromiyya samaa fi
Oromoo ajeessa jiru. Dhali nama
hafnan waaqqalee kan hin
soodanee, safuu kan hin beeknee
ilmaan Tigiray Oromoo yamuu
ajeessan fi Oromiyaa yamuu saman
borri haalii kun jijiramee itti
nu gaafachisa lata jedhan of hin
qusatan. Soba fi malamaltuman
akkuma asi ga’aan kana amalee
yaaka rawwaatan kana borri soban
kan birra darban isaanti
fakkata. Bara 2005 yerroo
filaannoo gegefamu himanaa
malamaltumaa Obbo Malas Zenawi
faa irrati dhiyyatee Gazeexan
Ityoophiyaa fi Gazeexaa Ameerika
Bank Ameerika wabeefatee akka
bareeseet Malas Zenawi Dolaraa
44,000,000, Sibhaat Negaa
32,000,000 Arkabee Iqubayi, 29,
000,000 kan hafan ogantoon TPLF
hin xiqaan hanga 6,000,000 ti
Bankichaa akka qaban maxansee
turee. Kun kan yerroo sana
biyyaa ala jiru yamuu ta’uu bara
2005 – 2008 sababa jeequmsaa fi
sababa Birrin kuufeen wal
qabatee ogantoon TPLF mallaqa
isaan Bank UK fi
Geneva Bankti gurachaa
akka jiran beekamadha.
Dhaabileen daldaaltoon Malas
Zenawi fi Sibhaat Negaan
gaagefaman qoofan Dolaraa
Biliyoona 25 ol akka sochoosan
saba himalee bayeen iffa gochaa
jiru.
Malas Zenwi Ji’aa darbee
Sudan yamuu adeemu
Midiyan isaa Itoophiyyaa gudina
arifachisaa fidun Qotar, Angola
fi Malawti antee Itoophiyyaan
sadarkaa 4ffa irra akka jirtuuf
12% gudina akka
galmesifte sobaa turan. Torban
tokko booda Itoophiyyan biyaa
durreeti kan tatee fakeessan
Malas faa kara Shee Alamudin
Milyoona 200 “Clinten
foundation” lachuun isaan lammii
biyyaati ajaibee jiraa. Shee
Alamudin of isaatu Liqaa Bank
milyoona 274, fi Kiraa lafa
Oromiyyaa fi kan biroo waluma
galati gati kiraa lafa Milyoona
80, ta’uu basuu rakkatee utuu
jiruu, Kilinteenf Mallaqa hamasi
hin keenuu. Haqii jiru Maqaa
Alamudiinin Minsteraa dhimmaa
alaa Ameerikaa firoomfachuuf
mallaqaa Malas faa basan jechuun
Gazeexoon heduun gabbasaa jiru.
Isiin
yaadachisuu Garree 1faa Ilmana
Nafxaanyaa Afaan Oromoo dubatan
Kummaa Damakssaa,
Warqinee Gabayoo, Zalaalem
Jamanee, Alamuu Simee, Sisaayi
Nagaash, Tasfayee Abebe,
Adaneench Abebe, Habtamuu
Sisayi, Mitikuu Takiletsdiq,
Damisee Shitoo, Isheetu Dasee,
Silashi Godee, Aster Mamoo, Ali
Abdo, Alamu Caniyaleuu, Tadasee
Baharuu, Takiletsadiq Reba, Ali
Siraji, Damalash G/Mikael, Awad
Jibiril, Mabiratu G/Yees,
Alamayoo Baqqalaa, Solomon
Abbaba, Dr. Tibabu Alamayoo,
Dr.Mashasha Shawarega fi kan
birros, wari kun garra jabinan
wara Oromoo ajeesisa turee fi
Oromiyyaa samee samsisa
turanidha. Namoon Lammi Habashaa
ta’aan kun Lammi Oromoof kan hin
dhignee ta’uu isaan irra iyuu,
sirrni Nafxaanyaa moofaa kun
bakka dhabuu isaati fi Oromiyaa
Naannoo jeedhu kana irrati jibba
waan qabanif gara jabuman
Uummata keenyaa garbuma jalati
jilbeenfachisaa jiruu. Lubuu
Oromoo qaaqaalii akka Ebsaa
Adunyaa fi Daraaraa Kafani
murtee namoota Abaa
Dulan Oganamani fi
Koloneloota Tigrayi Getnet
jedhaman faatu boba’ee ajeessa
akka ture ragaa qabatamatu
burqaa jira. Namoon kun diihgaa
Oromoo dhangalasan turan fi
jiran waan beekanf ummata fi
dhaabbilee siyassaa Oromoo kam
iyuu irra degersa akka hin
arganee waan beekanf TPLFti
hirkatan umurrii isaan gutuu
jirachuuf wara murteefatandha.
Garee lamafaan Abbaa Dulaa
Gamadaa, Girmaa Biruu, Junedi
Sadoo, Shifaraw Jarsoo, Dhabba
Dabalee, Muktar Kadir, Caalaa
Hordofaa, Sofiyan Ahimad,
Foziyaa Amaan, Masfin Abebe,
Sa’ada Kadir, Dawannoo Kadir,
Jamaal Abaso, Birhanuu Tsagayee,
Wandimuu Birratuu, Aberaa
Hurgeesaa K/L/Amaan Kadir,
Derejee Bekele. Gareen kuns
yaaka gudda Oromoo irrati
raawwachaa jiru. Kana Keessa
ajeechaa, samiichaa fi yaaka
TPLF ummata Oromoo irrati
raawwatu hundumaa mormi tokko
malee hojii irra olchuu fi Garaa
isaan guutachuu fi bu’aa
wayyanee irra argamtuu
dhandhamachuuf malamaltuuma
keessa waan seenanf ijaa guutan
wayyaneeti dubachuu sodatani
Oromoo daraaraa jirachuuf wara
murteefatedha. Samiicha
Wayyaaneen Oromiyaa keessati
adeemsiftuu fi yaaka ilman
Tigrayi Oromoo irrati raawwatan
degeran raggasisu malee Oromoof
falmachuu hin dandeenye. Namoon
Oromiyaa keessa hojii Mootummaa
irra kan jiran hundi gartuu
laman kanan kan ijaraman waan
ta’aanf waan isaan hojeetan
hund wal fakatadha.
Mootummaa Naannoo Oromiyaati
kassee hanga Gandati lammi isaaf
kan falmatuu hin jiruu yoo jeene
soba hin qabu. Kan hafee
Ashuuraa lafa ilee Shee Alamudin
irra fuudhan ummata Oromoof
qorichaa ittin bituuf nammootaa
hin dandeenyedha. Namooni Garii
tokko immo Qooranoo TPLFn
jonja’aan wajjiraa keessa maqaf
ta’aan ni jiru. Maqa isaan
kassun bu’aa hin qabuu.
Ogantoon TPLF bajeeta Naannoo
Oromiyaa naannoole hunda caalaa
xiqaa ykn lubuu nama tokkof
waggati Qa. 70 yamuu ramadan
Naannoo Tigiray nama tokkof
waggati Qa. 500 ramadu. Bajeeta
Oromiyaa akkas xiqaatuu
keessatti harki 60% kiraa mana
Ilmaan Tigiray irraa kireefamanf
olaa. Waggoota 5 darban duraa
yerroo jalqabaf mana ji’aati
kumaa 75,000 Caafeen Oromiyaa
kireefatee Oromoon mormaa turan.
Oromiyaa Magaalaa Finfinnee irra
bu’aa addaa fi galii qoodachuu
qabdi serra jeedhuu keessati
Oromiyaa Maneen Mootummaa
Finfinnee keessa jiran basii
malee fayyadamuu akka qabduu
serrii tumamee turee hoji irra
oluun hafee namn kana dubatuu
ilee ABO dha jeedhamee
qooratama. Yeroo amma kana
biiroolee fi wajjiraleen
Oromiyaa hundi mallaqa isaan
keessa 25_60% ta’uu mana
ogantoota TPLF kireefachuuti
dhangalasa jiruu. Kuns ajaja
ilman Tigirayin dirqaman hojii
irra ola jira. Birroo
Investmenti, Birroo Galii, Dandi
Badiyya, Horsisee Bulaa Biiroo
Dhimma dubartootaa, Biiroo
Daldalaa fi Turzimii kkf..,
waluma
Galati. Mooraa Waajjira
prezidantii keessatti biiroolee
argaman irra kan hafan Bajeeti
isaan Hojii misoomma adeemsisuf
utuu hin tanee madaa Galii TPLF
akka ta’uu godhamee jira.
Biroolee kun wagga tokkoti kiraa
basan kanan Finfinnee keessati
wajjiraa mata isaan ijjarachuu
akka danda’aan Mandisoon Oromoo
ragga ba’uu. Rakkoo akasi kana
furuuf Misensoon Paarlamaa WFDO
Birroolee Oromoo hundaa fi Mana
Jireenyaa hojeetootaaf naannoo
Filamingooti wal birrati Wajiira
fi Mana jireenyaa Amayaa akka
ijarannif Mandisoota Oromoo 50
ta’aan irra yaada walti qabun
Porposala Mootummaa Naannoo
Oromiyyaf dhiyeese yaada diinati
jeedhamee dhorkamee. Junedin
Saadoo yerroo Perezdaanti turee
“Software” Programa Komputera
Afaan Oromoo biyya Ameerikati
Oromoo tokkon hojeetamee kan
ABOti jeedhamee dhorkamee. OPDOn
walaltun waan TPLF jeedhu malee
waan birra hojeechun ni sodati.
Nafxanyaa Moofan wal gurmeesee
Abjuun Mumicha Minsteeraa
Ityoophiyya godhee of mudaa
jira. Sayee Abrha ilee Malasi
Zenawi Bufnee ani isiin bitaati
ana jaala adeema jeedhe Oromoota
abdi kutatan sabakka jira. Waan
nama dhibbu Qabsoo ABO takkala
turn abdi kutatani wari TPLF
irra soramaa barbacha galan
immoo Sorama Nyachuuf jeechaa
qabsoon wagga 40 deemsisnee
siiri miti jeedhan qabsoota
kufan yaaka jiruu. Kun seena
Oromoo xuureesu waan ta’eef
Oromoon dhifama gochuuf hin
qabuu. Malas Yeerroo dhiyooti
yaaka isaa fudhatee ummata
durati dhiyatee akka Tamirati
Liyinee booyee dhifaamaa gaafata
lataa?. Kanaafu Mal
Goonuu???
Itti fufaa |