|
|
Guyyaa Gootota Oromoo fi Dhaamsa Barruun
Xirroo Kenya Irraa Qabu.
|
IJOO
DUBBII
BAGA AYYAANA
GUYYAA GOOTOTA OROMOO GEESSAN!
Beekumsaafi
Qaroomina Jaarmayaa WARRAAQSAAn
Haaqabsoofnu! Seenaa qabsoo
bilisummaa Oromoo keessaa seenaa
sabboonsaa barayyuu leellifaman
hedduu qabna. Seenaa keenya
duubatti deebinee qorachuun
keenyas waan dabaa callaa
baafnee ittiin gaabbaa
jiraachuuf otuu hinta’iin,
seenaa sabboonsaa keessaa waan
egeree dhaloota keenyaa daran
jabeessu yayyabachuuf ta’a.
Baroota 1970moota keessa waan
qabsoon bilisummaa Oromoo
galmeesse keessaa tokko, qabsoo
diddaafi fincila ummata keenya
walitti deebisanii adda tokko
jalatti ijaaruuf walitti dhufuu
danda’uu sabboontotaa ture.
Yeroo sanatti ijaaramanii
qabsaa’uuf walitti dhufuu san
akka laayyootti kanneen ilaalan
jiraachuu malu. Garuu, jaaramuuf
walitti dhufuun sun bu’aa bahii
akkamii keessa akka darbe
kanneen beekan warreenuma waan
san keessatti kallattiin
hirmaataniidha. Dhugaatti,
jaaramuuf walitti dhufuunuu,
qabsoo Oromoo
bara
dheeraaf faffaca’ee tureef,
hiikkaa addaa qaba. Jaaramuuf
walitti dhufuun sun jalqaba
qabsoo bilisummaati; jaaramanii
waliin turuun immoo guddina
qabsoo bilisummaati. Kana hunda
keessa darbanii, jaaramanii
waliin hojjachuu danda’uun
milkaa’ina injifannoo qabsoo
bilisummaati. Kanaaf, barri
jaarmayaa sun seenaa qabsoo
bilisummaa Oromoo keessatti bara
Jaarmayaa Warraaqsaa ta’uun
yaadatama. Qabsoon bilisummaa
Oromoo sadarkaa jaarmayaa
warraaqsaa dhaqqabuun, waan
karaatti hafeefi sadarkaa badii
irra dhaqqabee ture
dandamachisee, akka deebi’ee
dhalatu taasisee jira.
Jaarmayaan Warraaqsa bilisummaa
Oromoo kunis, haga akeeka
bilisummaaf jabaatee, qaroomee
hojjatetti galii isaa maayii
akka dhaqqabu hinmamsiisu.
Dhalooti keenya yeroo guyyaa
gootota Oromoo yaadatan kanatti,
jaarmayaa isaanii beekumaafi
qaroominaan jabeeffachuu irratti
xiyyeeffachuu qaban. Qabsoon
jaarmayaa hinqabne, akkuma humna
hinqabaanne, jaarmiyaan
beekumsaafi qaroominaan
hinhojjannes dafee galii isaa
hindhaqqabu. Marayyuun Dr
Mahaammad Hasan, ayyaana guyyaa
Goototaan dahatanii dhaloota
keenyaaf barsiisaa jiranis,
jaarmayaa jabaafi ititaa
qabachuu malee waanti bilisummaa
Oromoo dhugoomsu akka
hinjirreedha. “Jijjiirama dhufu
irraa bu’aa argachuuf sabni
keenya jaaramayaa isaa
jabeeffachuu qaba. Sabni qabsoo
isaa hinjabeeffanne,
hinsodaatamu. Bilisummaan
manatti namaaf hindhufu;
bilisummaa
kan
namaaf fidu, jaarmayaa jabaafi
qaroodha. Garuu, kan jaaramee
bilisummaa fidu dhala namaati.
Namni jaaramee, qindoomee,
jijjirama jiru irraa faayidaa
argachuu qaba.Yoo nuti jabaanne
malee, eenyu illee waa nuuf
gochuu hindanda’u. Waan ummata
Oromoo irra gahaa jiru, kan
hiiku numa Oromoodha. Qindoomnee
lollu malee diina ofirraa
hinbuqqifnu. Nuti jabaannu malee
waanti nuuf dhufu hinjiru. Yoo
nuti hinjabaanne eenyu illee
dhufee bilisummaa
keenya nuuf fiduu hindanda’u.
Humna dhabuun keenya akka
garboofnu nu
godhee jira.”
Jaarraa 16ffaa keessa dhalooti
diina dhawanii baasan, Gaammeen
gootummaa bara sanaan biyyoofi
biyya keenya kabachiisanii
turan. Gootummaan Gaammee sun,
akka sabni keenya kabajamee
jiraatu godhee jira.
Haata’uutii, gootummaan Gaammee
sun akka bara diinabaas sanatti
jabaatee waan itti hinfufneef,
Oromoon humna diinaan cabuu
danda’e. Yeroo ammaattis,
diddaafi fincilli bakkayyuutti
belbelaa jiru, bilisummaa sabni
keenya dhabee garbummaa jalatti
kufe san deebisanii
bilisoomsuuf; mirga dhalootaa
sabni isaanii sarbaman san
deebisanii ittiin bilisummaan
jiraachuuf. Dhalooti keenyas
har’a biyya egere
bulchuuf deeman dursanii
tifkachuu qaban. Dhalooti keenya
biyyoofi biyya isaanii harqoota
garbummaa jalaa kan baasan
jaarmayaa isaanii itichanii,
beekumsaafi qaroominaan yoo
humneessanii dha. Gaammee Oromoo
bara durii sanis akka haaraatti
deebisanii ijaaruun Gaammee
Warraaqsaa taasisuun, akka
qabsoon bilisummaa saba keenyaa
fardiitti galii isaa gahutti
hojjachuun nu irraa eegama.
Har’atti dhimmoota hayyoota
Oromoo akka Dr Asaffaa Jaalataa
yaaddessan
keessaa inni muummees waan
ummati Oromoo keeessatti argamu
callaa miti.
“Ummati Oromoo dhibdeefi roorroo
olaanaa keessa akka jiru, biyya
isaa keessatti diina murna
xiqqootiin dhaabbiitti gubataa
akka jiru otuu arginuu akkamiin
callisnee teenya? Nuti, yoo waan
kana otuu agarruu dhiifne
namummaa akkamii qabna ree?
Akkamitti akka saba keenya
rakkina keessaa akka baafnu
irratti yoo walgaafachuufi
walmaryachuu dhiisne, akkamiin
diina irraa adda baana?
Dhibdeefi roorroo hamaa ummati
keenya har’a keessa gale keessaa
akkamiin akka bahamu akeekuun,
waa hunda dura dhimma ijoo
qabsoo bilisummaa Oromoo
eeggatuudha.” Kanaaf, Dr
Asaffaan, qorannoo dubbayyuu
ijoon dubbii, “qaroomaafi
beekumsaan ummata Oromoo
ijaaruun humna bilisummaa
tolchuu qabna,” jedhu qabatanii
dhiyaataa jiran.
Qabsoon bilisummaa tokko
fuulduratti akka furga’u gochuuf
waantoti hedduu guutaman
jiraachuu malan. Qabsoon sammuu
dhala namaatiin hogganamus, waa
hunda dura beekumsaafi
qaroominaan ijaaramuun ba’aa
garbummaa ofirraa buusuu irratti
bobba’uu qaba. Beekumsaafi
qaroominaan ijaaramuun kunis,
waa hunda dura waan duraan
qabaachaa ture, garuu immoo
laafee ture, deebisee
jaarrachuufi jabeessuu irratti
xiyyeeffachuu qaba. Dhalooti
keenya waan keessa jiran
hubatanii beekan, akkamitti waan
sana keessaa akka bahan illee
malachuu danda’an. Marayyuun
keenya har’aas ta’ee, egeree
Gaammee keenya Gaammee Jaarmayaa
Warraaqsaa beekumsaafi
qaroominaan jabaate
geessifachuudha. Dr Asaffaa
Jaalataas waanuma qabsoo
bilisummaa Oromoo jabeessuufi
fardeessu mul’isuu irratti
hojjachaa jiran. “Ummanni Oromoo
ummata baay’ee ta’ee otuu jiruu,
ofijaaru illee, jabaatee diina
isaa hinmoone. Kun immoo
akkanatti itti fufuu hinqabu.
Fuulduratti rakkoo akkasii
keessaa bahuudhaaf ummata Oromoo
beekumsaafi qaroominaan
ijaaruufi dammaqsuun
akka jabaatanii diina ofirraa
kaasuu danda’anitti humneeffamuu
qaban.”
Xurreen Xirroo bara 1970moota
keessa banames haga jabaatee
bakka galii
isaa hingeenyetti, ba’aan
garbummaa ummata keenya irratti
fe’amee jiru bu’uu hindanda’u.
Diinni keenya nuun nu ajjeesaa
ofii isaatii immoo badhaasamaafi
faarfamaa jiraatuunis furmaata
hinargatu. Hundee garbummaa kan
ummata keenya irraa buqqisee
kaasu, jaarmiyaa keenya
jabeeffachuun lola rogmaraa
belbelchuu danda’uudha. Jaarmaan
keenya diina akka lamuu
hindeebinetti, kan nu irraa
fonqolchee kaasu, beekumsaafi
qaroomina humna waraana
keenyaatiin yoo qindeessamee
dha; haleellaa laalessaa goototi
keenya humna qubattuu diinaa
irratti fudhataniin ta’a.
Ayyaana guyyaa gootota keenyaa
wayita kabajachaa
jirruttis, waanti jabeessinee
eeggachuufi irraatti hojjachuu
qabnu, akka Dr Mahaammad Hasan
nu hibachiisanitti, waan qabnuun
jaarmayaa keenya
jabeeffachuudha. “Abdii
murachuun, siyaasaa keessatti
gatii hinqabu. Abdiin siyaasaa
tokkoof dhiiga. Namuu waan itti
amane, of kenninsaan hojjachuu
irratti jabaachuu qaba. Ummati
keenya mataa isaa olqabachuu
qaban. Bakka tokkotti dhufanii,
waliin dubbatanii galuun duuba,
hojiin jabaachuu qabna. Bakka
jirrutti, waan dandeenyu maraan
ABO gargaaruun hojii keenya
duraa ta’uu qaba. Afaaniin,
qofaa otuu hintaane, maallaqaan,
beekumsaafi qaroominaan
jabeessuu irratti hojjachuu
qabna.”
Har’as akkuma kaleessaa sanatti
ummati keenya biyya isaa
keessatti salphifamaa jira;
akkatti bahu malee akkatti galu
wallaalee raakamaa jira. Kana
biraan, diinni keenya waan
danda’u maraan ummata keenya
cabsuufi garbummaa keessatti
hambisuuf hojjataa jira. Yeroo
ammaa kanattis waanti ummata k
eenya irra gahaa jiru, waanuma
waggaa dheeraa dura tureedha.
Malli wayyaanee, maqaan
jijjiirame malee hojiin akkuma
kan warra isaaniiti. Namni
keenya immoo wayyaanee
nituffata. Wayyaaneen yeroo
qabdu mara karaa itti Oromoo
cabsitu irratti hojjachaa jirti.
Afaan keenya barachaa jirti;
aadaa keenya barachaa jirti;
lafa keenya barachaa jirti;
yaadaafi qalbii keenya barachaa
jirti. Kun immoo diina keenya
nihumnoomsa; nuun immoo ni
laaffisa. Kanaaf, akka ijoo
dubbii Xirrootti, beekumsaafi
qaroomina jaarmayaa warraaqsaan
qabsaa’uun
dhimma fardii dhaloota keenya
eeggatuudha; beekumsaafi
qaroominaarratti
xiyyeeffachuun qabsoo keenya
qabsoo furmaataa taasisuudha.
Xirroonis akkuma Xurree
Bilisummaa ta’ee fulla’etti,
sagalee seenaa qabsoo hidhannoo
bilisummaa ta’uun faarfamuun
itti fufa. Qabsoo keenya qabsoo
furmaataa gochuuf har’uma
haakaanu! Gumaa gootota keenyaas
Bilisummaan haakaffallu!
Barruulee XIRROO: XURREE
WDO_KEENYA
XIRROO: XURREE WDO_K
P.O.Box 68558-00622
E-mail:irree_sabaa@yahoo.com
NAIROBI, KENYA
|
Oromoon
Kara Hunda Ajeefamaa fi Samamaa Jira
(Kutaa
3faa)
Bara, 2009
Enyuu Samichaa fi ajeechaa nu
irrati gegessa jiraa?
Tukummaa WFDO fi KBO irra mal
baranaa?
Wari kan Hoo
Mal Gonuu?
Waraaqsa Federalisti Demokkrataawa Oromoo fi
Kongressii Uummatootaa Oromoo tokkuma uumun dhaabilee hafanf
faakeenya garidha.
Dhaabilee Oromoo gargar
cacabun qabeenya warnaf oluu qabeenya, human nama baleesun ala
fayida hin qabu. Tokkummaan WFDO fi KUO ijaaran wara haafanf barumsa
ta’a. Kana Malee maqa tokkumman Summi waayyanee TPLF akka isaan
keessa hin galeef of egannoo isaan goodhan fi dhamsi isaan dabarsan
gaafi yeerro amaaf deebi murteesadha. Dhaabileen Oromoo akka
tokkummaa umman feedhi ummata keenya hata’uu malee diini kana keessa
gugatee Summi isaa dhaabilee Oromoo keessati facasuuf hojeecha
jirachun dagatamuu hin qabuu.
Gaafi ummataa fi miseensoota irrati hunda’uudhan Paartiin Waraaqsa
Federalisti Demokkrataawa Oromoo (WFDO) fi Kongressii Uummatotaa
Oromoo (KUO) tokko ta’u isaan kan ifaa godhan tokkuman isaani kun
umurii wagoota lama kan qabatu ta’ u isaa beeksisan. Dura ta’oon
paartilee lamani D/r Marrarra Gudinna fi Obbo Bulchaa Damakssaa
walitiqaba dura ta’a waloo akka ta’aan gochuun amoo waan gudan
feedhi angoo utuu hin tanee ummata keenya dararama jalaa basuuf
dursaa keenuu isaan mirkaneesa.
Paartileen laman kun mogaafama “Kongiressii Federalistii Oromoo “
jedhun tokkuma kan uuman filannoo yeroo dhufuf tokko ta’an
dhiyachuuf wali morkii hanbisudhaaf yaadame ta’u isaa ibsan Obbo
Bulchaa tokkuma hunda’e kana irratis isaan fi D/r Marraraan dura
ta’a waliti qaba ta’ani filatamu isaan dubataniiru. Filaanno caalaa
amoo akka filaanno bara 2005 Oromoo sagaleen isaa gargar qoodamee
diini akka caaraa argatee lamafaa sagaleen Oromoo akka adda adda hin
qoodamneef dha.
Akka Obbo Bulchaan jedhanti isanif d/r Marrarraa giduu adda adduman
tayitaa hin jiru. Dura ta’a fi Itti aanaa waan jedhamu hin
jiru.lama isaan abbuma argametu yeroo jiruti mallattoos mallatessu
walgaiis wamuu danda’a jeedhan. “Laman keessan Tayitaa walfakkata
akka qabatan godhamun isaa murtee kenu irraati rakkoo isisnti hin
uumuu? Gara wal mormiti isin gesso hin danda’u? gaafii jedhu
dhiyeesineef Obbo Bulchaan yeroo deebsan paartiin keenyaa akka hadha
mana fi abba mana walfudhetii lakkai jedhaniiru. Rakkoo akka hin
umnee dhibba dhibbaati waligalera. Nuu qofaa utuu hin ta’iin
misensoon keenya paarlamaa keessati argamans gaafii tokkolee akka
hin kaafne irrati waligalaniiru jedhaniru. Ta’iita biyyati harka
TPLF jiruu irrati Oromoo waan irrati wal loluu akka hin jiree
hubachuun dhugga jiruu nu dhaman jiruu.
Dhimma isaa irrati kan dubatan d/r Marrarraa Gudinaas kara isantins
biyyotaa tokko tokko keessati Qindomnii tokko waliga’ii waliin haalii
itti gageefamuu jirachuu isaaf hojimatni isaa rakko akka hin Uumne
ibsan bordiin filannoo hunda’iina tokkumma paartilee kana yoo
fudhate seeraa ittin bulmataa fi danbii basuudhaan hojimataa isaa
salphaa gochuu akka yaalan beeksisaniiru.
Obbo Bulcha Damakssa akka ibsaanti TPLF wajjin xuxuqaa kan hin qabne
fi kara nagaatin kan qabsa’uu dhabileen Oromoo Eenyulee tokkuma
kanati dabalamu barbade iyyannoon isaa fudhatama ni argata. Kun of
egannoo dhaabilee Oromoo hundaaf darbeedha. Kana irrati lammin
Oromoo fi dhaabilee Oromoo hund kan hubachuu qaban keessa sumii TPLF
wara qaban fi ilmaan Nafixaanyaa amanan waliin tokkumma uumuu irra
of qusachuun murteesadha. Ilman Nafixaanya mirga Oromoo kabajan
waliin hojeechuuf utuu hin tanee Oromoo faarada godhatani angoo
qabachudhaa. Oromoo kan lola jiruu rooroo garbonfataa Amahara/Tigree
of irra caabsee bilisoomuuf. Iliman Amahara/Tigree amoo Oromoo
garboonfachuu qabsa’uu. Kayyoon Garboonftaa fi Kayyoon Gabrooma immo
waan waliiti araramuu waan hin taneef yerroo of kana irrati
baleesun hin barbachisuu.
Mootmman Waayyanee Filaanno 2010 dangeesuu Dhaabilee siyyasaa diguuf
daadhabsisuu irra darbitee sochii Miti-mootummaa biyyati fi kan
biyya ala dangeestee jirti. Kun biyyati bala guddaf kan saxiluuf fi
wayee mirga dhala nama fi guddina demokirasi dubachuuf kan hin
yaadamnee ta’uu ibsuun Gumachiftoon fi Miti-mootummaan Adunyaa
labsiin Waldaleen siviili mirkana’e nuu yaachisera jeechaa jiruu.
Goochaan TPLF kun Qaamolee Dhimmi isaa ilaalatu hunda bayee kan
walimormisisaa turef giduu kana labsiin dhabilee fi waldalee
Miti-Mootummaa mirkana’e gareen paartilee TPLF mormaniif fi gareen
Misoomaf gargarsaa kan isaan yaachisisee ta’u isaa ibsun akka
jijiramuu gaafachaa jiru..
Gareen partilee TPLF morman fi gareen misoomaf gargarsaa Itoophiyaa
(Ethiopian partners Groups and Development Assestans Group) ibsa
walita’uun basan irrati akka ka’anti labsiin mirkana’e dhibban
garii hin tane akka hordofsisu danda’u isan yaachisisera.
Labsichii sochii waldalee sivilii fi dhabilee tumsitoota degerssa
gargarsaa Adunyaa dangessuu kan danda’uf sochilee Mootumman
Itoophiyaa duran durtuma Misoomaf kene irrati rakkoo uumuu kan
danda’a jechudhan sodaa qaban ibsaniiru.
Dhabileen Miti-Mootummaa hin tane sadarka isaan qabachu qaban fi
hojimataa ifa ta’e seerii mirkanesuu danda’u barbachisuma isaa fi
fayyida isaa ni hubanna kan jedhe ibis kun haa ta’u malee itoophiyaa
keessatti Dimokrasiin daggagisuu, Bulchinsa garii, Egumsa mirga nama,
walitti bu’iinsa dhorksisuu, mirga Dubartootaf Da’imman, Eegumsa
mirga lamiiwwan balaaf saxilaman fi kan kana fakkatan irrati
dhabileen gumachoota Adunyaa deggersa saganta gargarsa godhan
seerichii ni dangessa jechudhan sodaa qaban calaqisaniru.
Waayyaneen Labsi kana kan baseef Baajeeta Mootuummaa akka barbadeeti
misoommaa Tigrayf olchaa waan jiruuf Naannoole birroo amoo gargarsa
Miti-Mootumma irra ilee argatan akka hin arganee goochuu fi
dhaabbilee mirga dhala namaaf falman Naannoolee akka Oromoiyya
fakkatan keessa socho’aan akka rakoo jiruu hin gabafneef iti
yaadamee kan qoopha’ee ta”uu iffa gochaa jiru. Kana malee filaannoo
soba 2010 gegesuf deeman adunyaa odeefannoo akka hin arganeef qawaa
jiruu hunda cufu isaanti.
Waayyaneen dhaabilee biyya keessa ogannoota isaan hidhuun, ummataa
akka wal hin arginee gochuun, degersa malaqa fi sagalee ummataa akka
hin gochuun sochii isaan dangeestee jirti. Wara ala jiran
immo kara ergamtoota ishee gargar diigaa jirti. KUO, WFDO, fi ABO
keessati jeequms fi digums ummamee deegersaa malaqa fi lojeestic
Embassin waayyanee dhangalasaa jiruu ta’uu hubatamuu qaba.
Walumagalati wayeen fillaannoo, wayeen mirga dhala nama, wayeen
demokirasi biyyati keessati kan hinyaadmnee ta’uu hubanee kara hunda
hoji mana keenya raawwacun gaafi ummataa keenya ta’uun beekame
qabsoof waan qabanin of wareegun ama.
|
|