Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       
Guyyaa Gootota Oromoo fi Dhaamsa Barruun Xirroo Kenya Irraa Qabu.
 

 

IJOO DUBBII


BAGA AYYAANA GUYYAA GOOTOTA OROMOO GEESSAN!


Beekumsaafi Qaroomina Jaarmayaa WARRAAQSAAn Haaqabsoofnu! Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa seenaa sabboonsaa barayyuu leellifaman hedduu qabna. Seenaa keenya duubatti deebinee qorachuun keenyas waan dabaa callaa baafnee ittiin gaabbaa jiraachuuf otuu hinta’iin, seenaa sabboonsaa keessaa waan egeree dhaloota keenyaa daran jabeessu yayyabachuuf ta’a. Baroota 1970moota keessa waan qabsoon bilisummaa Oromoo galmeesse keessaa tokko, qabsoo diddaafi fincila ummata keenya walitti deebisanii adda tokko jalatti ijaaruuf walitti dhufuu danda’uu sabboontotaa ture. Yeroo sanatti ijaaramanii qabsaa’uuf walitti dhufuu san akka laayyootti kanneen ilaalan jiraachuu malu. Garuu, jaaramuuf walitti dhufuun sun bu’aa bahii akkamii keessa akka darbe kanneen beekan warreenuma waan san keessatti kallattiin hirmaataniidha. Dhugaatti, jaaramuuf walitti dhufuunuu, qabsoo Oromoo bara dheeraaf faffaca’ee tureef, hiikkaa addaa qaba. Jaaramuuf walitti dhufuun sun jalqaba qabsoo bilisummaati; jaaramanii waliin turuun immoo guddina qabsoo bilisummaati. Kana hunda keessa darbanii, jaaramanii waliin hojjachuu danda’uun milkaa’ina injifannoo qabsoo bilisummaati. Kanaaf, barri jaarmayaa sun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bara Jaarmayaa Warraaqsaa ta’uun yaadatama. Qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa jaarmayaa warraaqsaa dhaqqabuun, waan karaatti hafeefi sadarkaa badii irra dhaqqabee ture dandamachisee, akka deebi’ee dhalatu taasisee jira. Jaarmayaan Warraaqsa bilisummaa Oromoo kunis, haga akeeka bilisummaaf jabaatee, qaroomee hojjatetti galii isaa maayii akka dhaqqabu hinmamsiisu.

Dhalooti keenya yeroo guyyaa gootota Oromoo yaadatan kanatti, jaarmayaa isaanii beekumaafi qaroominaan jabeeffachuu irratti xiyyeeffachuu qaban. Qabsoon jaarmayaa hinqabne, akkuma humna hinqabaanne, jaarmiyaan beekumsaafi qaroominaan hinhojjannes dafee galii isaa hindhaqqabu. Marayyuun Dr Mahaammad Hasan, ayyaana guyyaa Goototaan dahatanii dhaloota keenyaaf barsiisaa jiranis, jaarmayaa jabaafi ititaa qabachuu malee waanti bilisummaa Oromoo dhugoomsu akka hinjirreedha. “Jijjiirama dhufu irraa bu’aa argachuuf sabni keenya jaaramayaa isaa jabeeffachuu qaba. Sabni qabsoo isaa hinjabeeffanne, hinsodaatamu. Bilisummaan manatti namaaf hindhufu; bilisummaa kan namaaf fidu, jaarmayaa jabaafi qaroodha. Garuu, kan jaaramee bilisummaa fidu dhala namaati. Namni jaaramee, qindoomee, jijjirama jiru irraa faayidaa argachuu qaba.Yoo nuti jabaanne malee, eenyu illee waa nuuf gochuu hindanda’u. Waan ummata Oromoo irra gahaa jiru, kan hiiku numa Oromoodha. Qindoomnee lollu malee diina ofirraa hinbuqqifnu. Nuti jabaannu malee waanti nuuf dhufu hinjiru. Yoo nuti hinjabaanne eenyu illee dhufee bilisummaa
keenya nuuf fiduu hindanda’u. Humna dhabuun keenya akka garboofnu nu
godhee jira.”

Jaarraa 16ffaa keessa dhalooti diina dhawanii baasan, Gaammeen gootummaa bara sanaan biyyoofi biyya keenya kabachiisanii turan. Gootummaan Gaammee sun, akka sabni keenya kabajamee jiraatu godhee jira. Haata’uutii, gootummaan Gaammee sun akka bara diinabaas sanatti jabaatee waan itti hinfufneef, Oromoon humna diinaan cabuu danda’e. Yeroo ammaattis, diddaafi fincilli bakkayyuutti belbelaa jiru, bilisummaa sabni keenya dhabee garbummaa jalatti kufe san deebisanii bilisoomsuuf; mirga dhalootaa sabni isaanii sarbaman san deebisanii ittiin bilisummaan jiraachuuf. Dhalooti keenyas har’a biyya egere
bulchuuf deeman dursanii tifkachuu qaban. Dhalooti keenya biyyoofi biyya isaanii harqoota garbummaa jalaa kan baasan jaarmayaa isaanii itichanii, beekumsaafi qaroominaan yoo humneessanii dha. Gaammee Oromoo bara durii sanis akka haaraatti deebisanii ijaaruun Gaammee Warraaqsaa taasisuun, akka qabsoon bilisummaa saba keenyaa fardiitti galii isaa gahutti hojjachuun nu irraa eegama.

Har’atti dhimmoota hayyoota Oromoo akka Dr Asaffaa Jaalataa yaaddessan
keessaa inni muummees waan ummati Oromoo keeessatti argamu callaa miti.
“Ummati Oromoo dhibdeefi roorroo olaanaa keessa akka jiru, biyya isaa keessatti diina murna xiqqootiin dhaabbiitti gubataa akka jiru otuu arginuu akkamiin callisnee teenya? Nuti, yoo waan kana otuu agarruu dhiifne namummaa akkamii qabna ree? Akkamitti akka saba keenya rakkina keessaa akka baafnu irratti yoo walgaafachuufi walmaryachuu dhiisne, akkamiin diina irraa adda baana? Dhibdeefi roorroo hamaa ummati keenya har’a keessa gale keessaa akkamiin akka bahamu akeekuun, waa hunda dura dhimma ijoo qabsoo bilisummaa Oromoo eeggatuudha.” Kanaaf, Dr Asaffaan, qorannoo dubbayyuu ijoon dubbii, “qaroomaafi beekumsaan ummata Oromoo ijaaruun humna bilisummaa tolchuu qabna,” jedhu qabatanii dhiyaataa jiran.

Qabsoon bilisummaa tokko fuulduratti akka furga’u gochuuf waantoti hedduu guutaman jiraachuu malan. Qabsoon sammuu dhala namaatiin hogganamus, waa hunda dura beekumsaafi qaroominaan ijaaramuun ba’aa garbummaa ofirraa buusuu irratti bobba’uu qaba. Beekumsaafi qaroominaan ijaaramuun kunis, waa hunda dura waan duraan qabaachaa ture, garuu immoo laafee ture, deebisee jaarrachuufi jabeessuu irratti xiyyeeffachuu qaba. Dhalooti keenya waan keessa jiran hubatanii beekan, akkamitti waan sana keessaa akka bahan illee malachuu danda’an. Marayyuun keenya har’aas ta’ee, egeree Gaammee keenya Gaammee Jaarmayaa Warraaqsaa beekumsaafi qaroominaan jabaate geessifachuudha. Dr Asaffaa Jaalataas waanuma qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuufi fardeessu mul’isuu irratti hojjachaa jiran. “Ummanni Oromoo ummata baay’ee ta’ee otuu jiruu, ofijaaru illee, jabaatee diina isaa hinmoone. Kun immoo akkanatti itti fufuu hinqabu. Fuulduratti rakkoo akkasii keessaa bahuudhaaf ummata Oromoo beekumsaafi qaroominaan ijaaruufi dammaqsuun
akka jabaatanii diina ofirraa kaasuu danda’anitti humneeffamuu qaban.”

Xurreen Xirroo bara 1970moota keessa banames haga jabaatee bakka galii
isaa hingeenyetti, ba’aan garbummaa ummata keenya irratti fe’amee jiru bu’uu hindanda’u. Diinni keenya nuun nu ajjeesaa ofii isaatii immoo badhaasamaafi faarfamaa jiraatuunis furmaata hinargatu. Hundee garbummaa kan ummata keenya irraa buqqisee kaasu, jaarmiyaa keenya jabeeffachuun lola rogmaraa belbelchuu danda’uudha. Jaarmaan keenya diina akka lamuu hindeebinetti, kan nu irraa fonqolchee kaasu, beekumsaafi qaroomina humna waraana keenyaatiin yoo qindeessamee dha; haleellaa laalessaa goototi keenya humna qubattuu diinaa irratti fudhataniin ta’a. Ayyaana guyyaa gootota keenyaa wayita kabajachaa
jirruttis, waanti jabeessinee eeggachuufi irraatti hojjachuu qabnu, akka Dr Mahaammad Hasan nu hibachiisanitti, waan qabnuun jaarmayaa keenya jabeeffachuudha. “Abdii murachuun, siyaasaa keessatti gatii hinqabu. Abdiin siyaasaa tokkoof dhiiga. Namuu waan itti amane, of kenninsaan hojjachuu irratti jabaachuu qaba. Ummati keenya mataa isaa olqabachuu qaban. Bakka tokkotti dhufanii, waliin dubbatanii galuun duuba, hojiin jabaachuu qabna. Bakka jirrutti, waan dandeenyu maraan ABO gargaaruun hojii keenya duraa ta’uu qaba. Afaaniin, qofaa otuu hintaane, maallaqaan, beekumsaafi qaroominaan jabeessuu irratti hojjachuu qabna.”

Har’as akkuma kaleessaa sanatti ummati keenya biyya isaa keessatti salphifamaa jira; akkatti bahu malee akkatti galu wallaalee raakamaa jira. Kana biraan, diinni keenya waan danda’u maraan ummata keenya cabsuufi garbummaa keessatti hambisuuf hojjataa jira. Yeroo ammaa kanattis waanti ummata k eenya irra gahaa jiru, waanuma waggaa dheeraa dura tureedha. Malli wayyaanee, maqaan jijjiirame malee hojiin akkuma kan warra isaaniiti. Namni keenya immoo wayyaanee nituffata. Wayyaaneen yeroo qabdu mara karaa itti Oromoo cabsitu irratti hojjachaa jirti. Afaan keenya barachaa jirti; aadaa keenya barachaa jirti; lafa keenya barachaa jirti; yaadaafi qalbii keenya barachaa jirti. Kun immoo diina keenya nihumnoomsa; nuun immoo ni laaffisa. Kanaaf, akka ijoo dubbii Xirrootti, beekumsaafi qaroomina jaarmayaa warraaqsaan qabsaa’uun
dhimma fardii dhaloota keenya eeggatuudha; beekumsaafi qaroominaarratti
xiyyeeffachuun qabsoo keenya qabsoo furmaataa taasisuudha. Xirroonis akkuma Xurree Bilisummaa ta’ee fulla’etti, sagalee seenaa qabsoo hidhannoo bilisummaa ta’uun faarfamuun itti fufa. Qabsoo keenya qabsoo furmaataa gochuuf har’uma haakaanu! Gumaa gootota keenyaas Bilisummaan haakaffallu!
 


Barruulee XIRROO: XURREE WDO_KEENYA
XIRROO:  XURREE WDO_K
P.O.Box 68558-00622
E-mail:irree_sabaa@yahoo.com
NAIROBI, KENYA

 

 

 

Oromoon Kara Hunda Ajeefamaa fi Samamaa Jira

(Kutaa 3faa) Bara, 2009

Enyuu Samichaa fi ajeechaa nu irrati gegessa jiraa?

Tukummaa WFDO fi KBO irra mal baranaa?

Wari kan Hoo Mal Gonuu?

Waraaqsa  Federalisti Demokkrataawa Oromoo fi Kongressii Uummatootaa  Oromoo tokkuma uumun dhaabilee hafanf faakeenya garidha.   

Dhaabilee Oromoo gargar cacabun qabeenya warnaf  oluu qabeenya, human nama baleesun ala fayida hin qabu. Tokkummaan WFDO fi KUO ijaaran wara haafanf barumsa ta’a. Kana Malee maqa tokkumman Summi waayyanee TPLF akka isaan keessa hin galeef of egannoo isaan goodhan fi dhamsi isaan dabarsan gaafi yeerro amaaf deebi murteesadha. Dhaabileen Oromoo akka tokkummaa umman feedhi ummata keenya hata’uu malee diini kana keessa gugatee Summi isaa dhaabilee Oromoo keessati facasuuf hojeecha jirachun dagatamuu hin qabuu.

Gaafi ummataa fi miseensoota irrati hunda’uudhan Paartiin Waraaqsa Federalisti Demokkrataawa Oromoo (WFDO)  fi Kongressii Uummatotaa Oromoo (KUO) tokko ta’u isaan kan ifaa godhan tokkuman isaani kun umurii wagoota lama kan qabatu ta’ u isaa beeksisan. Dura ta’oon paartilee lamani D/r Marrarra Gudinna  fi Obbo Bulchaa Damakssaa walitiqaba  dura ta’a waloo akka ta’aan gochuun amoo waan gudan feedhi angoo utuu hin tanee ummata keenya dararama jalaa basuuf dursaa keenuu isaan mirkaneesa.

Paartileen laman kun  mogaafama “Kongiressii Federalistii Oromoo “  jedhun tokkuma kan uuman filannoo yeroo dhufuf tokko ta’an dhiyachuuf wali  morkii  hanbisudhaaf  yaadame ta’u isaa ibsan Obbo Bulchaa  tokkuma  hunda’e kana irratis isaan fi D/r Marraraan dura ta’a waliti qaba ta’ani filatamu isaan dubataniiru. Filaanno caalaa amoo akka filaanno bara 2005 Oromoo sagaleen isaa gargar qoodamee diini akka caaraa argatee lamafaa sagaleen Oromoo akka adda adda hin qoodamneef dha.

Akka Obbo Bulchaan  jedhanti isanif d/r Marrarraa giduu adda adduman tayitaa hin jiru. Dura  ta’a fi Itti aanaa waan jedhamu  hin jiru.lama isaan abbuma argametu yeroo jiruti mallattoos mallatessu walgaiis wamuu danda’a jeedhan. “Laman keessan Tayitaa walfakkata akka qabatan godhamun isaa murtee kenu irraati rakkoo isisnti hin uumuu? Gara wal mormiti isin gesso hin danda’u? gaafii jedhu dhiyeesineef Obbo Bulchaan yeroo deebsan paartiin keenyaa akka hadha mana fi abba mana  walfudhetii lakkai jedhaniiru. Rakkoo akka hin umnee dhibba dhibbaati waligalera. Nuu qofaa utuu hin ta’iin misensoon keenya paarlamaa keessati argamans gaafii tokkolee akka hin kaafne irrati waligalaniiru jedhaniru.  Ta’iita biyyati harka TPLF jiruu irrati Oromoo waan irrati wal loluu akka hin jiree hubachuun dhugga jiruu nu dhaman jiruu.

Dhimma isaa irrati kan dubatan d/r Marrarraa Gudinaas kara isantins biyyotaa tokko tokko keessati  Qindomnii tokko  waliga’ii waliin   haalii  itti gageefamuu  jirachuu isaaf hojimatni isaa rakko akka hin Uumne  ibsan bordiin filannoo hunda’iina  tokkumma paartilee kana yoo fudhate seeraa ittin bulmataa fi danbii basuudhaan  hojimataa isaa salphaa gochuu akka yaalan beeksisaniiru.

Obbo Bulcha Damakssa akka ibsaanti TPLF wajjin xuxuqaa kan hin qabne fi  kara nagaatin kan qabsa’uu dhabileen Oromoo Eenyulee tokkuma kanati dabalamu barbade  iyyannoon isaa fudhatama ni argata. Kun of egannoo dhaabilee Oromoo hundaaf darbeedha. Kana irrati lammin Oromoo fi dhaabilee Oromoo hund kan hubachuu qaban keessa sumii TPLF wara qaban fi ilmaan Nafixaanyaa amanan waliin tokkumma uumuu irra of qusachuun murteesadha. Ilman Nafixaanya mirga Oromoo kabajan waliin hojeechuuf utuu hin tanee Oromoo faarada godhatani angoo qabachudhaa. Oromoo kan lola jiruu rooroo garbonfataa Amahara/Tigree of irra caabsee bilisoomuuf. Iliman Amahara/Tigree amoo Oromoo garboonfachuu qabsa’uu. Kayyoon Garboonftaa fi Kayyoon Gabrooma immo waan waliiti araramuu waan hin taneef yerroo of  kana irrati baleesun hin barbachisuu.

Mootmman Waayyanee Filaanno 2010 dangeesuu Dhaabilee siyyasaa diguuf daadhabsisuu irra darbitee sochii Miti-mootummaa  biyyati fi kan biyya ala dangeestee jirti. Kun biyyati bala guddaf kan saxiluuf fi wayee mirga dhala nama fi guddina demokirasi dubachuuf kan hin yaadamnee ta’uu ibsuun Gumachiftoon fi Miti-mootummaan Adunyaa labsiin Waldaleen siviili mirkana’e nuu yaachisera jeechaa jiruu.

Goochaan TPLF kun Qaamolee Dhimmi isaa ilaalatu hunda  bayee kan walimormisisaa turef giduu kana labsiin  dhabilee fi waldalee Miti-Mootummaa  mirkana’e gareen paartilee TPLF mormaniif fi  gareen Misoomaf gargarsaa  kan isaan yaachisisee ta’u isaa ibsun akka jijiramuu gaafachaa jiru..

Gareen partilee TPLF morman fi gareen misoomaf gargarsaa Itoophiyaa (Ethiopian partners Groups and Development Assestans Group) ibsa walita’uun basan irrati akka ka’anti labsiin mirkana’e  dhibban  garii hin tane  akka  hordofsisu danda’u  isan yaachisisera. Labsichii sochii waldalee sivilii fi dhabilee tumsitoota degerssa gargarsaa Adunyaa  dangessuu kan danda’uf sochilee Mootumman Itoophiyaa  duran durtuma Misoomaf  kene irrati  rakkoo uumuu kan danda’a jechudhan sodaa qaban ibsaniiru.

Dhabileen Miti-Mootummaa hin tane sadarka isaan qabachu qaban fi hojimataa ifa ta’e seerii mirkanesuu danda’u barbachisuma isaa fi fayyida isaa ni hubanna kan jedhe ibis kun haa ta’u malee itoophiyaa keessatti Dimokrasiin daggagisuu, Bulchinsa garii, Egumsa mirga nama, walitti bu’iinsa  dhorksisuu, mirga Dubartootaf  Da’imman, Eegumsa mirga lamiiwwan balaaf saxilaman fi kan kana fakkatan  irrati dhabileen gumachoota  Adunyaa  deggersa saganta gargarsa  godhan  seerichii ni dangessa jechudhan sodaa  qaban calaqisaniru.

Waayyaneen Labsi kana kan baseef Baajeeta Mootuummaa akka barbadeeti misoommaa Tigrayf olchaa waan jiruuf Naannoole birroo amoo gargarsa Miti-Mootumma irra ilee argatan akka hin arganee goochuu fi dhaabbilee mirga dhala namaaf falman Naannoolee akka Oromoiyya fakkatan keessa socho’aan akka rakoo jiruu hin gabafneef iti yaadamee kan qoopha’ee ta”uu iffa gochaa jiru. Kana malee filaannoo soba 2010 gegesuf deeman adunyaa odeefannoo akka hin arganeef qawaa jiruu hunda cufu isaanti.

Waayyaneen dhaabilee biyya keessa ogannoota isaan hidhuun, ummataa akka wal hin arginee gochuun, degersa malaqa fi sagalee ummataa akka hin gochuun sochii isaan dangeestee jirti. Wara ala jiran immo kara ergamtoota ishee gargar diigaa jirti. KUO, WFDO, fi ABO keessati jeequms fi digums ummamee deegersaa malaqa fi lojeestic Embassin waayyanee dhangalasaa jiruu ta’uu hubatamuu qaba. Walumagalati wayeen fillaannoo, wayeen mirga dhala nama, wayeen demokirasi biyyati keessati kan hinyaadmnee ta’uu hubanee kara hunda hoji mana keenya raawwacun gaafi ummataa keenya ta’uun beekame qabsoof waan qabanin of wareegun ama.

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved