|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Seife Nebelbaal
Gaazexaan
Seife Nebelbal seenaa preesii walabaa impaayera Itoophiyaa keessatti
bakka ol’aanaa kan qabduu fi saba biratti danuu kan jaallatamtu dha.
Yeroo rakkisaa gaazexaan kun itti maxxanfamaa turte keessatti,
gaazexaa kana qopheessuu qofa osoo hitaane, gaazexattii dubbisuun
illee akkaa yakkaatti lakkaa’amee, hojiidhaa nama ariisisaa, nama
hiisisaa akkasumas gidiraa lakkaa’amee hindhumne akka inni namarraan
ga’u warri gaazexittii beekan beeku.
Yeroo rakkisaa sana keessa, rakkina
ittidhufaa ture hunda dan’da’uudhaan, saba isaaniif dungoo ta’anii,
hidamaa, reebamaa ture qopheessitootni gaazexaa Seife Nebelbaal
kan isaan gaazexaa qaawwaa odeeffannoo dhugaa saba Oromoo taate
kana qopheessaa turan. Haalli rakkisaan mootummaa Itoophiyaa ittuma
caalee humnaa ol yeroo itti ta’etti gaazexeessitootni lubbuun
isaanii gidiraa mootummaa Itophiyaa irraa hafe qe’ee isaaniif biyya
isaanii dhiisanii kolugaltummaadhaan baqattoota biyya ambaa
ta’uudhaaf dirqisiifamaniiru. Aarsaa gaazexeesitootni kun baasanis
kan seenaan Oromoo yoom illee hin dagatne dha.
Haa’ta’u iyyuu malee, maqaa gaazexaa
seena qabeettii kanaa uffachuudhaan, seenaa gaazexeessitootni Oromoo
kun gatii ittibaasaniin bu’aa argachuuf yeroo tattaaffiin ta’u
guddaa nama gaddisiisa. Maqaa gaarii gaazexattiin qabduu fi aarsaa
gatii jabaa gaazexeessiftootni Seife Nebelbal jireenyaisaaniitiin
kaaffalaniin yeroo nagadamu garaan keenya gaddaa fi aariitiin
madaa’a.
Gaazexaan Seife Nebelbal, bara itti
odeefannoon dhugaa birqii ture, hojii presii saba Oromoo irratti
xiyyeeffate qopheessuun immoo bara itti akka cubbuutti lakkaa’amu,
bara 1993 keessa Dhaabbata Maxansaa fi preesi Israel Sobooqaatiin
seeraan beekamee Ministeera Daladalaa fi Ministeera Beeksisaa
Itoophiyaatti galmaa’uudhaan eyyamni preesii ba’ee maxxanfamuu
jalqabe. Hamma gaafa qopheessitootni ishee gidiraan itti baayyatee
humnaan oli itti t’eetti gazexaan Seife Nebelbaal guutummaa
biyyattii keessatti rabsamuudhaan madda odeeffannoo dhugaa taatee
turteetti.
Dhaabbatni Maxansaa fi Preesii
Israel Sobooqaa (Isreal Soboka Press and Publishing Enterprise)
seeraan kan galmaa’e abbaa gaazexaa Seife Nebelbal si’a ta’u
maqaan gaazexittiis seeraan galmaa’ee kan beekamu maqaa dhuunfaati.
Gaggeessaan dhaabbata presii kanaa fi gulaalaan gaazexaa Seife
Nebelbal akkuma warri gaazexittii beekan hundi yaadatan Obbo
Israel Soboqaati.
Gulaalaan gazexattii fi
qopheessitootni ishee hundi, biyya ambaa jiraatan keessatti hamma
haalli isaaniif mijatetti hojii saba oromoof bu’aa qabu kana, kan
aarsaa guddaa itti baasanii asiin ga’an kana, halli biyya ambaa yoo
baayyee mijachuudhaa baate iyyuu bifa fooya’aa ta’ee fi bifa ittiin
saba keenya guutumaa addunyaa irra faca’ee jiru qaqabuu danda’uun
itti fufuuf qophii barbaachisaa ta’e xumuraniiru.
Yeroo gabaabaa keesatis karaa fuula
marsaa interneetii www.seifenebelbal.com fi kara reediyoo Seife
nebelbal tajaajila isaa ittifufuuf guyyaa yartutu isa hafe. Garuu “
utuu isin bira hinga’iin isin dursine” jechuudhaan namoota maqaa
keenyaan tamsaa raadiyoo jalqaban arguun keenya guddaa
nugaddisiiseera. Namoota kana godhan nuti quba hinqabnu. Kaayyoo
dhokataa isaan fudhatanii ka’anifis Dhaabatni Presii fi Maxxansaa
Israel Soboqaa akkasumas qopheesitootni gaazexaa Seife Nebelbal
ittigaafatamoo akka hintaane beeksisa.
Madda odeefannoo gaarii ta’uudhaan
kan saba keenya tajaajilaa jirtan Gadaa.com fi Ayyantu.com dalagaa
seeraa alaa namootni “Radiyoo seife nebelbal” jedhanii jalqaban
kanaan utuu addaan hinbaafatiin keessumsiisuu keessaniif gadda
guddaa nuti dhaga’ame ibsaa websaayitoota keessan irratti bakka
laattaniif ariitiidhaan akka kaastan kabajaan isin gaafatna.
Mirgaa fi haqa saba Oromootiifan
hojjedha kan jedhu dhaabatni preesii kam iyyuu jalqaba mirgaa fi
haqa ilmaan oromoo eeguu isaa ofgaafachuu qaba. Mirga dhaabbata
preesii tokkoo dhiitaa preesii walaba ta’e gaggeessuun hindandda’amu.
Nagaa wojjin
Israel Sobooqaa Sa’o
Dhaabbata Preesii fi Maxansaa Israel
Soboqaa Gulaalaa Seife
Nebelbal Israel Soboka <israel1994@hotmail.com>
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |