Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       

Oromoon Abba irree Meles Zenawif Obsaa hin qabuu, of irra fonqoolchuun dirqama.

Gabasaa GPO/OPC Konference Oromoo fi Gaanfa Africka Adolessa 2 bara 2011

Konfrence Gummi Paarlamaa Oromoon qoopha’ee irrati xinxala dhiyatan keessa ijoo dubii gagababa:- yakka siirni garbonfata Oromoo irrati geesisu fi yaakamtoon kun murtii isaa argachuu qaban irrati. Dr. Getachew Jigi Demekssa akkasti dhiyeessan;

Lamiin biyoota adda addaa fi uumatni Oromoo baga nagaan dhuftan rakkon keenya rakkoo wallotti mirgi nama Ethiopia keessatti dhiibamuun beeli fi dhukubn Ethiopia keessa jiru  fi haali qillensa jijiramun fi laafti samamun namni biyya sana akka baqatu dirqisisama jira. Kun imoo rakoo Uummataa Oromoo qofa utuu hin ta’iin rakkoo uummata Aadunya ta’e jira.

Konfiransii kana kan qophese gumi parlaamaa oromootti, GPOn kan hundefame miseensoota parlaamaa bara 2005 naannoo Oromiyaati filatamanin paarlaamaa Ethiopia keessati yemuu ta’u erga ijaaramne kaafnne parlaamaa biyyatti keessatti mirga Oromoo kabajchisudhaf falmii gurgudaa adeemsisa ture, haa ta’u malee mirga uummata keenya kabajchisun hafee mirga keenya iyuu kabajchisu hin dandeenye haaluma kanaan biyya keessa dhibamne akka banu godhamne.

Eerga biyya keessa banes Uummata keenya sagalee dhabef sagale ta’udhan  parlaamaa Europa, komishinii Europa, mootummaa Amerika ,qaamoolee dhabbilee Aadunyatti  rakoo Oromoo ibsudhan yakaa TPLF Uummata Oromoo irratti gagesisu hunda raga qabatama walin kenudhan saxillee jira. Deggers mallaqaa fi liqii mootummaa Aadunya irra argamu Uummataa keenya fi kan hin geenyef Oogganoon Wayyannee ofi isaanitiif Banki biyyaa adda addaa kessaa dhoksacha akka jiran ibsineef jira. Nagaa  gaanfaa Afrika keessatti fidudhaf Uummatni harka caalaa ta’e Oromoon mirgi isaa kabajamufin murtessaa akkaa ta’e ibsun mirga hirree ofii ofin murtefana akkuma Uummata Yogozilaviyaa Uummata Oromoof kabajamu akka qabu wali hubannoon godhama jira.

Ethiopian Empayera mana hidhaa guda saba fi sabilamin hedduun keessatti hidhaamani jirudha. Mana hidhaa kana kan bulcha jiruimoo maafiyaa nama ajeessu qabeenya Uummataa samu, malamaltuman Uummata xuxee ajeessuu, gartuu dhoksan akka HIV/ AIDS Uummata fixaa jirudha Mootummaa akkasif obsi kam iyuu ta’u hin qabu mootummaan abba irree kuni hataataaman jijjiramu qaba. Gpon Uummataa nuu filate fi deggertoota keenya biyyaa keessa qindeesudhan mootummaa kana jijjiru hojii keenya isaa dursa godhane jira. Mootumman wayyaannee qabsoo keenyati rifatee biyyaa allati ilee ergamtoota Oromoo tokkoo tokkoo fi Habashoota afan Oromoo dubatu bobbasun nuu ballesuf sumii fudhate Hotella keessa demtu ilee gocha kana Aadunyati saxiiludhan badii ishee asi butuudhaf ciimne irraatti hojjecha jira. Abbootin irree badin isaan salphinan waan ta’eef diinaa keenya kan jedhe irraatti waan barbadan dalagu irraa ofi hin qusatan. Unilee isaan caalaa waan beeknuuf gochaa isaan hunda Aadunya gura busudhan bollaa nuu qotan sana keessa akka galan gochun dirqama.

Uummatni Oromoo saboota miliyoona 85nin lakka’aman Ethiopia keessa jiratan keessaa wallaka oli kan ta’e waggoota 130 guutuu qabsoo kan gaggeessa jiru qabsoo sirna Minilikii irraatti gaggeessen uummatni wallakaan Oromoo kan dhume yeroo ta’u , sirna Hayilesilasee keessati immoo  tajaajila dhala nama fi malu tokko ilee utuu hin argatin, habashootaf garbaa ta’udhan waan oomishee keessaa harka 75_90% habashootaf kennudhan sirna garbuma fi bara dukkanaa keessa jiracha turera. Bara garboomfata mootumma Tigiree keessa immoo akka dhala namati utuu hin ta’iin akka binnensati adamsamee ajjefama, kumataman mana hidhaa keessati himanaafi murtii tokko malee mana hidhaa keessatti dararama,reebichi fi qormati dhala nama fi hin male irratti gaggeefama walumagalatti Oromoo ajjeessan reefaa isaa warabeessaf laachuun gara jabinii wayyaanneen Oromoo fi qabdu nuti agarsiisa kunimoo qabsoodhaf nuu jabeesse malee nuu  hinlafifnne.akka nuu murannoodhan wayyaannee irratti qabsoofnu kan nuu godhesi kana. 

Oromoon Afrika keessati Uummata guda bayini isaa miliyoona 50 kan qabuu fi lafti teesumi isaa immoo wallakaa lafa Ethiopia oli ykn 600.000 km2 kan ta’udha. Oromiyan lafe dugdaa Dinagdee biyyattiti; homishaa Ethiopian biyyaa allaati ergitu Bunnii, Meetin, Albudaa addaa fi dhagaa adii, midhan dibbataa (Zayitti) nyataa, Uurgooftuu adda addaa, kuduraa fi muduraa,googaa fi kalleen  Oromiyaa irraa dhufa. Galiin biyyaa Ethiopia harki 70% kan galu Oromiyaa irratti. Mallaqaa Oromiyaa irraa argamu kanaan bu’urii misoomma gurgudaa fi investimentii gurgudan kan godhamu garu Tigiray irraatti. Madda galii gurguda kan qaban magaaloon Oromiyaa akka Finfinnee, Haraarf Dirreedawaa wari Tigire galii kana to’achuuf jeecha Oromiyaa irraa kutan ofi isaantti to’achaa jiru.

Gudina Oromiyaa kan sodatu wayyaannen lafa Oromoo qoqodee gara oloota Oromiyaa Amhara, Benishangul-Gumuz, Gambella, Ogaden fi Uummatoota kibbaati dabalte, kayyoon isaa inni gudan immoo Oromoon oloota isaa kana wajjin bara baran wali-loolaa akka jiratuuf kana malee ofidhuma isheetiifu aangoo isheeti fayyadamte Rayyaa fi Qooboo, Rayyaa fi Azaboo fudhate jirti.

Mootumman Maafiya ta’ee Uummata Oromoo fi Uummtota Ethiopia birros Ajeesa, hiidha fi sama jiru kun Mana murtii Aadunyan ga’uuf Oggesoota Oromoo Ogguma Seera Aadunya qaban fi Oggesoota Seera Aadunya Europan xinxalchisun Namota maqan isaan ibsamee Meles Zenawi, Sebhat Nega, Brihne Gebre-kirstos, Kasu Ilala, Genet Zewude, Abai Teshaye, Abadi Zemo, Siyum Mesfin, Tadesse Haile, G. Samora Yunus, Neway G/re-Ab, Abi G/Meckel, Shimles kidie, Arkeb Ekubai, Getachew Balay, Azeb Masfin(waif of PM), Mohammed dirir, Prof Endrias Eshete, Addisu Leggess, Tefera walwa,  Bereket Simon, Brihne Barehy, yakka duguga sanyi baleesuu Uummata Oromoo fi Uummatoota biro  irratti raawwatan kana gadii jiru.

1. Mana murtii Aadunya Hegue akka dhiyatan murtii isaan argatan;

2. Qabeenya isaan, Matii isaan, daldaltoota isaan waliin hidhata qabau hundi akka hidhamuu;

1.      Lammi Biyyatti wal caalchisuun adda addauma jirenya garii fi gaddaduma umun;

Gudina jete wayyaannen kan himachaa jirtu gudina biyyaa Tigiray ta’u mala malee nannoo biro keessaa gudin tokko ilee hin jiru. Kana ibsudhaf Oromiyaadhaf Tigiray gidu adda adduma tajaajila Fayyaa, Barnnootta, fi Bajeta jiru ilaalun ni danda’ama:

A. Tajajila Fayyaa wal caalchisuu: istasticsin mootummaa nannoo Oromiyaa fi Tigiray  yemuu ilaalu du’i da’imani ijoolee dhalatan  1000 keessa 116 Oromiyaa irra yemu du’ani, Tigiray keessa ijoolee 1000 irra 64tu du’a, ijoollee talaalii argate Oromiyaa keessa harka 10% yemuu ta’u Tigiray keessaa harka 62% , agoborii busaa kan argatan Oromiyaa keessaa 0.3% Tigiray  keessa 12.1%. Oogesoota fayyaa uummatafi tajaajila kennan yemuu ilaaluu Oromiyaa keessati Ooggesii 1 namoota 60.835, Tigiray imoo ooggesii 1 namootaa 18.614. kuni akka fakkenyati kan fudhatame male hunda isaa kan ibisu miti. Akka karoora sagantaa Aadunya Ethiopian mallateesiteti gandi qotee bula hundi kellaa fayyaa tokko tokkoo akka qabatu uummatni 25,000 buufata fayyaa sadarka isaa egate tokko akka qabatu, Uummatni 75,000 Hospitala sadarka isaa Eegate akka qabatu seera Uummatni Aadunya ka’e Ethiopian hojji irra olchaa hin jirtu. Yeroo Uummatni tajaajila kana dhabe jiru kana mootumman Tigire Dollara Miliyoona kuma dhibba tokko basun tankii ammayaa Ukireen irraa bitachu isaa ibse jira.

B. Tajajila Barumsa wal caalchisuu;  Istatistics oliti ibsamen kan wali fakkatu haalii barumsaa Oromiyaa Ethiopia fi Aadunya keessati sadarka gadi anaa keessa akka jiru beekamadha, hirmanan baratootaa  kutaa1-8 Oromiyaan harka 62.8% yemuu ta’u Tigiray harka 97.7% hirmananan bartootaa sadarka 2ffaa 9_12 Oromiyaa keessa harka 11.6% Tigiray keessa immoo harka 44.8%.

Kun kan agarsisu ijooleen Oromoo barumsa jibani utuu hin tanne gandootaa qotee bula Oromoo 7000 ta’an keessaa kan mana barumsa sadarkaa 1ffaa qaban 4000 hin caalaan kunimo seeraa mootumman Ethiopia keewatee seeraa mootumman Aadunya baseen kan walimormuf akka seera kanati gandi hunda mana barumssaa sadarka 1ffaa qabachu akka qabu gandi 8ti imoo  mana barumsa sadarka 2ffa tokko qabachuu akka qabu kan murta’e yoo ta’e ilee Oromiyaa keessati kuni hojji irraa olama hin jiru. Kun mirga jirnya Uummata tokko baleesudha.

C. Haala qoodinsa Bajataa fi bu’uura misoommaa wal caalchisuu;

Mootumman TPLF guyyaa hundefame kase hanga ammatti Uummataa Tigray Uummataa isaa kan irra calsisudhan gara garuma gudaa ummudhan nannoo lolaan midhame sababa jedhun wagoota digdama(20) guutuu bu’uura misoomma gurgudaa ijaarsaa dandeetti cicimaa fi investiment murtessa ta’an Tigraytti qofaa akka ijaaraman gocha ture haaluma kanan akka fakkenyati yoo fudhane Tigray keessati Uummata miliyoona shan ta’uuf dirre xiyaarraa sadarka aaduyna shan kara Aanoolee biyyaa Tigray walin ga’an hunda dirirsun, universtii sadarka isaan Eegatan Godina Tigray hunda walin ga’udhan  ibsaa fi bishanilee Uummataa walin ga’e jira. Oromiyaan Uummataa Miliyoona shantamaa (50,000,000) qabu garu misoomn Tigray kessati godhame kun tokkolee Oromiyaaf hin godhamne. Qodinsa Bajeeta  bara 2006/2007 sabsidin federaalaa Oromiyaa fi kename 3,000,000,000,Tigrayfi imoo 824,000,000 kun Uummaticha yeroo qoqodinu nama Oromiya tokko fi qa. shantama (50.00) nama Tigray tokko fi immo qa. Dhibba shan (500.00) wali-ga’a kun akka sira’ufi bara 2005 yeroo parlaamaa keessa jiru kfine hanga ammatti yoo falmane ilee abban irree mootummaa Tigre fedhii uummataa fi falmii keenya fi gura kene hinbeeku. Mootummaa kana jijjiru alaa falii bira hin jiru kan jenufis kaanaf.

2.      Ummataa walti qabani (jimilaan) fixuu;-

a.       Filannoo bara 2005 wal qabatee Oromiya keessa bakka adda addatti namoota 400 ol fi Finfnnee keessati namoota 193 fixuu isaatittin;

b.      Jalqaba bara 2007 keeesaa Gara Sufi Harargetti namoota 20 walti qabaman ajeefaman reefi isaan warabeessaf akka kenamuu ta’ee mucaan wagaa 14 kan keessati argamtuu;

c.       Yeroo yerroon Bara baran Baratoota Oromoo university keessa gurani mana hidhaatti naquun, ajeesu, tourchi goochuun, biyya ari’uun fi jilmaan summmi nyachisuu fakeenyaf Adama Univesity baratoota 1500, Unvesity Arbaminci irra baratoota 500 du’aaf saxiluu isaattin;

d.      Ummatoota Sidama, Shako Megengri, Gambela fi Ogaden walti qabadhan fixuu isaati,

e.       Dhabbilee seera fi heera biyyatiin hojjetan Miseensota WFDO fi OBK 200,000 hidhaa, hojji dhorkachuun, barumsa dhorkachuun, qoonqoon addabuu du’aaf saxiluu isaan;

3.      Hidhaa fi Tourchi mana hidhaatii lammi fixuu isaatiin: Himata mana murtii malee, akasumasi murtii mana seera malee Oromoo 40,000 wagoota 20 mana hidhaa keessatti dararuun, tourchi ykn reebicha seera Aadunyan dorkamee Oromoo irratti rawwachuun isaan keessa:- qaamaa dubartoota Oromoo keessatti qaruuraa cacabsun, gadamessa dubartii Oromoo sibilaa dimessan gubun, qaamaa dhiraa kollasuun akka inni ilmoo hin godhan gochun, qaamaa dhiraatti qaruuraa fi dhagaa itti hidhudhan darraruun, baratoota durba Oromoo harmaa isaan irraa qophee looltuttin  irraa dhabachuun dararruun, Oromoon haala kanan qama hiratan lubun kan jiran biyya keessa, Kenya, Sudan, Germany, Norway, Suwedn , Canada kkf raggaf dhiyeesu ni dandeenya.

4.      Humna warrana biyyati lami Tigray irra qoofa goochuun: bakka hundati boobasuun lammin Oromoo fi limmin saba cunqurfamtoota hunda ajjessa fi soodachisuun mirga bilisan jirachuu molqee jira; Uummani biyya isaa keessati akka binensatti warraana TPLF kan sodacha biyya baqacha jirachuu waan itti fufu danda’uu waan hin taneef;

5.      Melese Zenawi fi gartuun isaa maqan isaan caqasamee minsteron isaa hundi Mallaqa gargarsan Eurrpea fi USA samuu isaan: kana  irra darbee homisha biyyatti irra alatti kan gurguramuu hunda bank mata isaatti biya alatti akka galuu goodni jiru waggota 4 darban qofa Ethiopia keessa mallaqi seeran ala ba’ee  Bilion 8.4 rah-gga UN irra dhiyatee yamuu ta’uu wagoota 20 darban keessa Bilion 40 ol samamuu akka hin olee accounti bank jara kana irra hunbachuun ni danda’ama.

6.      Uummata Oromoo feedhi isaa malee bakka jirenya isaa irra buqisuu fi haala jirenyaf hin mijanee keessa qubachisun qoonqoo fi binensan akka dhuman goodhe jira;

7.      Sabaf sabilamii waltti busuun akkasumas saba akka Oromoo gargari qoodee walti naquun, Amantan gargari qoodee walti naqudhan lubuu kumatama ficisisun yeroo bulchiinsa isaa ittin dherefachuuf itti fayadamee jira, lola Uummataa gidutti TPLF ummee keessa Oromof Somalee Mesio hararge fi Moyalee Kenya, Oromoo fi Afar, Oromoo fi Uummatoota kiba, Oromoof Gumuzi, Oromoof Oromoo giduuti Borna fi Gujji, Borana fi Gabra, Gujii fi Gabra, Amanta amoo Jimmaa Iluabbabora, Wallagaa lixaa fi Kofalee keessatti lubun kumatamaa mootumma kanan akka baduu goodhamee akka nu qoratamuuf gaafana;

8.      Mirga demokrasuma Uummataa molquun: namni Party TPLF hin deggree xa’oo, lafa qoona, sanyi filatama fi liqaa motummaa akka hin arganee goochuun jarasa fi ijoolee dabalatee namoon Miiliyoona 10 ol beelaaf akka saxilaman goochuun lubun kumatamii akka darbuu goodhamee jira;

9.      Sababoota lakoofsa 1 keessatti caqasamee Uummataa lamin qooduun tajajjila fayaa akka hin arganee gochuun: jeequmsaa adda Uummun, lafa dhorkachuun beelaf akka saxilamuu goodhe jira fakeenya Parlaamaa Ethiopia keessatti utuu hin hafin dhukuba Goiter Dubartoota Oromoo miliyoona 3_4 ga’aan akka tajajjili fayyaa atataman keenamuu bara 2005 keessa gaafanee mootuumman Aadnya UN dhimma kana qooratee dhiyeese mootumman Ethiopia furmata tokko keenuuf dhisuun ijoolee durba fi dubartoon dararama jiru;

10.  Baqatoota Oromoo biyya alaatti adamsuu: namoota ragga enyumma UNHCR qaban dabalatee ajeesuu, ukamsee fudhee biyyati geesuu karatti ajeesuu, Mana baqatoota gubuun Uummata nagaa fi dha’iman fixuu fakenya Feberwary 5 bara 2008 Puntland Basasoo Somalia keessatti yeroo tokkotti  baqoota 65 ajjesuu, 100 madeesuu fi mana 250 gubuun isaa; Baqatoota Oromoo Kenya fi Djibouti irra humnan ukamsee biyyati geese du’aan addabuu isaattin;

11.  Uummataa Oromoo lafa isaa irra buqisuun lafa isaa gurgurachuu: Lafa Oromoo seera fi heera tokko malee Oromia kessaa hektaraa 2,319,214  fi Finfinne kessaa hektaraa 500,020 waluma galatti hektaraa 2,819, 234 hanga 2010 gurguramee jira, lafa kana irra namoon bu’qaan beenya tokko malee, bakka jirenya tokko malee, da’iman isaan bakka itti baratan fi ti jiratan tokko utuu hin argatin akka buqa’an goochuun sanyin Oromoo akka baduu goodhama jira.

12.  Nannoo Finfinne hundanu km 200 naaneese lafa abbaboo qootan akka ta’uu goochuun: tessoon kun amoo lafa ol ka’aa fi bishan biyyaatti hundi kan burquu asii utuu ta’uun isaa beekamuu kemikalii Aadnya irratti dhorkaman Ababoo kana fi lafa kanatti akka naqamuu hayamuun, xuriin kemikala kana fi warshalee adda adda bishan laga aqaqii, Mojoo, Awash, Qooqa, Zuway, Langanoo kkf akka baleesuu tasisun Uummatti Oromoo harki 97 bishan lagaa dhuge jiratruu rakko bishan fi dhukban akaa dhumuu gochuu isaanf;

13.  Ta’ee jeedhamee itti yadamuun Bosoon Oromiyya akka gubamuu goochuun Baratoota Abida bosona Oromiyaa dhamsuu yaalan hundinu reebichan akka du’aan goodhamuun isaa Mootumman kun qabneeya Oromoo utuu hin hafin akka baduu lamin Oromoo ilee akka dhabamuu ta’ee jeedhe yakka dalaguu isaattin gaafatamuu qabuu;

14.  Mootuuman wayyanee loltoota dhukuba HIV/AIDS qaban naannoo Oromiyaa keessa beeka boobasuun dubartoota qabsa’oota Oromootti siqan, fi ijoole durba mana barnoota fi badiyaa keessa jiran dirqisisan gudeedun dhukba kana qabasisa juru; kun amoo yaaka hunda caaluu waan ta’eef namoon kana akka rawwatamuu goodhan addabamuu qabu;

Uummaan Oromoo Abba biyya Ethiopia ta’uun nagga tasgabii Gaanfa Afrika keessatti Uumuuf murteessa waan ta’eef hanga biyaa isaa garbonfata irra deefatee nagga fi tasgabii Gaanfa Afrika keessatti dhabbutti qabsoo isaa yoom ilee hin dhabuu;

Uumman Oromoo rakko isaa irra ga’aa ture waggota 130 dabarsee irra waan heedu baratee jira, rakko isaa irra ga’ee kana lammi Ethiopia kami irra ilee akka deebi’ee ga’uu hin hayamuu sirrni abba irree ilee lamafaa akka Ganafa Afrika keessa jiratuu hin hayamuu, extrimsteleelistoota amantaa  fi sanyi  fuula kamin ilyuu malamaltumma(cooruption) Ethiopia keessa TPLF walin akka dhabamuu goochuu. Uummani harka gudessa (majoriity) wagoota 130 ol salphina keessa jiratee gabruma bayee abbaa biyya fi human murteessa biyya Aricka ni ta’aa. Kana goochuuf amoo hayyama eenyuu irra ilee hin gaafanuu, waregama lubu keenyan yoo ta’ee malee.  Qabsoon Oromoo hanga ama kan qancaree fi kan bacancaree yaaka ergamtoon diina Oromoo keessati rawwatan ta’uun beekamadha. Ergamtoon diina kun Oromoo, lamii Oroma afaan keenya beekan, Oromoon wara Habasha irra dhalchee makoo of keessa qabuu, eenyuusta’ee eenyuu gantoon diinaf hojeetan addabii dhiina irrati fudhanuu caala fudhachuu qabna, kun Oromoo lammi isaa ganee deeinaf akka hin hojeene barumsa ta’aa. Kessumati nami biyya ala jiru Oromoo ofiin jeedhuu kun rakko Oromoo himatee waraqaa itti argachuuf malee harki caalaan Oromoo miti, jarani kun amoo maqa soba sun fayadamani dhaabbilee Oromoo keessa galani jiruu, hoji bassasaf namoota wayaneen ergitee dabalatee qabsa’oota Oromoo fakkatani qabsoo kessa mili naqatan jiruu, qabsa’aa fakkachuuf waan hunda ni dalagauu, harka lafa jalan amoo Embassy fi wara Embassy jala kurkurtuu waliin kurkuruu qabsoon wara kana irra of qulquleesuu qaba. Oromoo biyya keessa ilee yerro dheeraaf halkan guyya soba wayyanen tii odeesistu qoofa dhaga’uu irra kan ka’ee namoon bayeein  isaani  soba barani soba TPLF fudhatee of sobuu egalee jira. Kanaafu Wayyanee fi ergamtoota ishee soba isaan saxiluun dhugga jiru ummataa kana hunachisa adeemuun murtesadha.  Yaakaa isaan dalaganfi Malaqa Ethiopia isaan biyya ala dhoksaa jira hunda adnyaf ni saxila. Yero sana dandeeti keenya fi haqa keenya goocha isaan waliin madaluu danda'uu.

Hara ykn Borii jeechuu banuus dhiyooti ummani kun Bilisumma isaa ni goonfata Ergamtoon wayyanee fi Wayyanen saba durati ba’aan murtii isaa isa dhumaa ni fudhatuu, warii haqatii cichee hanga dhummati diina dura dhabatee qoofatuu Bilisumma sana dhandhamachuu qaba.

 

Xinxala 2fa kan dhiyeessan addee (Ms) Tetty rooze Ittigafatamtuu Centera Protestant Antwerpen fi Falmatuu mirga dhala nama, yamuu tatuu rakko Oromoo biyya Ethiopia fi baya alati ilee dararama Oromoon arga jiruu tokko tokkon dhiyeesun walga’ii kana dinqisftee jirti; Rakko Oromoo nami hundi biyyi hundu dhugga jiru akka hubantan goochuun conference kana walfakata sadarka adda adaati bakka hundati qoophesun mootummuni biyya hunda akka hubatan goochuun dirqama keenya jeedhan.

Dr. Trvoer Trueman nama 3faa dubatan yamuu ta’uu rakko baqatoota Oromoo keesumatuu Kenya Kamp Dadahan, kakuma fi Nairbob jira irrati tooko tokko namoota hasofsisan maqa dha’uun rakko isaan dhiyeessan jiru, kitaba rakko Baqatoota Oromoo Kenya kana irrati qoophessan ilee hirmatoota Konfrence kanaf keenan jiru; Ummnan Adnyna Baqatoota Oromoo gabra India fi Medertranya keessati naman dhumma jiran kana mali rakkatan akkasi balati deemu lata jeedhe yaaduu dhisun isaan nama gadisisa jeedhan. Nami utuu hin rakkatiin biyya isaa, matii isaa fi jirenya isaa dhisee rakko gudda kana keessa hin seenu ture, kun kan argisisu Ethiopia kara hunda iyuu mirga Oromoo dhibudhan Oromoo abdii kutatee biyya sana akka baqatuu goocha jirti kun amoo beekamuu qaba jeedha.

Mr. Andrew Swan from UNPO presented on International Recognition of the Oromo Nation and its Current Situation xinxala jeedhu irrati mirgi Oromoo gaanfa Afrka keessati kabajamuun waanma filataa birra qabu miti jeedhan jiru. Oromoon Milyona 50 harka Tigrota Milyona 5 jala acucamee akka jijratee seer kami iyuu hin degeruu, Oromoo Abbaa biyya gaanga Afrkia waan ta’ee ummata kana ala qabuun siyssi hojeetamuu kami iyuu jirachuu hin danda’uu kanaafu furmata atatyama barbadamuuf qaba jeedhan,.

Hayyuu Qorata samicha lafa Oromoo Jino Brunswijck jeedha amoo samaicha lafa Oromiyya fi balaa hama ini of duba qabuu irrati qooranno bala dhioyeessan jiru; lafa Oromoo kun gurgurtan isaa waan hundan seeran ala: gatiinittin gugrguratee heedu xiqadha ykn tola jeechuu dandeenya, namoon seeran ala hunman qee isaan irra buqifamaf beenyan hin kafalamnee, ijooleen isaa gara fula duratii mal akka ta’aan mootummaan homa hin yaneef, hoji ilee yoo qaxaraman kafaltiinisaan keenamuu guyyati 0.50 $ gadii kun matii isaan jirachisuu hindanda’uu; Mootumman lafa keene sana investeroon akka kununisanf dirqama waan ka’ee hin jiru, waluma galati lafi gurgurtan Ethiopia keessati namoon hirmatan hin gugureesi hin biitess gaaf tokko itti gafatamuun hin oluu waan hundi isaa seeran ala waan tayeef jeedhan;

Maire Sandra  qooratuun dhimmaa Oromoo Univesity Lueven irra dhiyyatee akka ibstuti umman Oromoo keesummati dhaiman fi dubartoon rakko gudda irra jiru jeete jirtii; biyya isaan keessati tajajila faya dhabuu, barumsaa dhabuu, bishan dhuggan fi minan nyatan dhabuun biyya hoola fi akkasumas adunya irra facafuu dirqaman jiru. Umataa kana atataman degersii adnya goodhamuuf bana rakko booda dhufuu rakko Oromoo qoofa utuu hin tane rakko adunya hunda ta’uu mal jeete jirti.

Mr. Franc Rottiers, Philosopher and a Doctoral researcher at Ghent University with a title Democracy revisited: recognizing the case of Oromo refugee. Biyya Ethiopia Keessati democracy dhuggan dhufee ummani majority ta’ee Oromoon mirgi isaa egamuu banan wayee Ethiopia waan dubatamuu hin jiru jeedhan, Demokrasin dugga mirga hunda egsisuu danda’uutuu nageenya Ethiopiaf fiduu danda’a; kun amoo biyyati beela, gadadummaa fi kadha keessa akka batuu gargara.

 Dargagoo qoratan Univesity Gent irra dhiyatee Mr. Remco Van Hauwermeiren presented The Human Right Abuse of the Ethiopian Government in Ogaden; qoora diireti biyya keenya deemuun rakko Ogaden qooratee irrati hundaun rakko ummataa Oromoon wal fakata ta’uu isaa ibsuun waan ijan argee fi gara jabina mootummaa Ethiopia lammi biyya sana irrati adeemsiftuu sukanesadha jeechuungada isaa ibsee jira. 

Xumura Irrati Mr. Gabriel from the Aram-Nahrin Organization presented on Indigenous nation’s colonialism, spiritual and physical genocide.

Barumsa fi xinxala gudda kan dhiyeessan yamuu ta’uu ummaani Oromoo qabsoo isaa bakka ga’uuf mali akka goochuu qabuu tokko tokko gorsaa gudda keenan jiru. Kana booda gaafilee Mana keessa dhiyyateef deebin kamaee jira. Wayee saganta Kofrernce Oromoo fi Gaanfa Afrika jeedha kana irrati namoon yaada isaan keenacha turan. Konfrence kun  adda kun amoo namoon lammin Oromoo hin tanee kun hundi wayee Oromoo hunbannoo akkasi fidee dhufee namoota lammii Oromoo ta’aan barsisun injifannoo gudha ta’uu isaa ijan argnee jeedhan.

Emabsyiin wayyanee Oromoota tokko tokko malaqan bitatee konference kana hin deemIna jeet yoo hambftee ilee, yoo deemtan rakko keessa galtuu utuu jeedhan wari Embassy bilbilan wawatan Oromoo warii qulquluun fi Embassy Tigreti harka hin latiin hoji isaan boonsa hojeechun xumurtan jiru.

Oromiyaan ni Bilisoomiiti !!!

Wayyanee biyya keenya irra ni fonqolchuna !!!

 

Gummii Paarlamaa Oromoo, Oromo Parliamentarian Council (OPC)

Patriottenstraat 62, 2600 Antwarpen , Belgium

Tel. +32 (0) 3 218 80 43 Fax: +32 (0) 3 218 61 73 GSM +32(0) 488 47 93 60

Email: gpo.info@yahoo.com Website: www.oromoparliamentarians.org

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved