|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Garbuuma birroof of hin qoopheesnu! Jaaraa 21faa keessa Millioon 50 harka Millioona 5 jalatii gabroomuf hin feenuu!!.
Ummani Oromoo Bilisummaa isaaf qabsa'uu ni danda'aa, Bara baran caaraa Bilisummaa Oromoo diina jala hin hirisinuu. Bilisummaaf Hakanuu?? Adunya irrati ummani feedhi garboonfatan bilisaa ba'ee hin jiru. Ummani Garboonfata irra bilisaa ba'uuf deemun qabsoo na gargari garboonfatan gaafatu ilee hin jiru. Oromoon millyoon 50, Tigree milliona 5 irra bilisa ba'uuf Amhara ykn Tigrejaala hiriru hin qabu. Garbumman jijrachuu fudhatan Habasha jalati ergmuu wari adda goodhatan tokko tokko ama ilee susiin (arraddaa) isaan dhisuu didee Amhara fi Tigre jala nu hirirsuf oduu soba labsa jiru. Oromoon Abba Dula Gamada, Kuma Damasa, Juendiin Sadoo, Almayoo Atamsaa irra jiba dhunfa hin qabu. Waan Oromoo isaan irrati jibee Tigre mursa jala hirirun Oromoo ummata balaa kana salphisuu isaatiin. Ibsa maqa WFDOtiin bara 2010 kana keessa waan dur dubacha ture hunda faleesu, Oromoo hunda sobduu goodhe Amhara hunda nama dhugga godhee MADRAK jala Oromoo hirirsuf Midiati waan dubatama jiru, Ummataa Oromoo birrati goocha yaaka waan ta'eef namoon Siyasaa hin beeknee fi duloman hundi odeesaa jiran siyasaa keessa sorumma akka bata’aan kabajaan isiin gafana. Dhabbi MADRAK jeedhamu guyyadhuma dhabbatuu biyya Ethiopia keessati afaan lamafan afaan biyooleessa ta'aa jeechun Oromoo sobee, Afaan lamaf kun Afaan Oromooti jeechuunf marii wagga lama fudhatee booda ilee Afaan Oromooti jeechuu qanfatee, miseensoon MADRAK biyya ala yamuu ba'aan Afaan lamafaan jeene kun afaan English ykn Afaan Farance ta'uu danda'aa malee Afaan Oromoo miti jeechun ibsatan. Kana iyuu kan dubaneef miseensoota WFDO/OBK of dukukaa hirirsu malee akka TPLF anriamen gaafi Afaan fi Federalizm ganama achi baleesina jeedhan jiru. Oromoon WFDO/OBK jeedhe isaan jala hiriree garuu media adunyati ba'ee gaafiin hiree of ofiin murteefachuu gaafi Oromoo utuu hin tanee gaafi Tigray/TPLF jeechun labsan, kun yaakka gudadha, waan dhifamin hin goodhamneef sababin isaa Hayyuun Oromoo J/Tadassa Biruu; Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu, Mamo Mazamir, Gudiina Tumsaa, H/Mariyam Gemadaa, fi Kumatami gaafi lubun iti waregamee kun gaafi ummataa Oromoo miti jeechun heera dhaaba WFDO miseensoota hundan raggassifamee cabsuu irra iyuu yaaka ummataa Oromoo hunda irrati rawatamee jeene fudhan. Ibsaa yaakka fi seeran ala kan caalsuun keenya wal dhaabbi dhaabbilee Oromoo gidduti bayatee kan xiqeesuf malee yaakka kan tolee jeene fudhachuu keenya akka hin ta’iin missensoon WFDO hundi fi ummani Oromoo ni beeka. Garuu giduu kana amoo ibsaa Oromoo hunda salphisu Gazeexaa Addis Negari irrati maqa Obbo Bulcha Demekssa kename irrati Oromoo kommi isaan cimmsee waan dhiyeessa jiruuf deebi keenuuuf dirqamne, Obbo Bulchan Demekssa gaafi fi Debbi kana kan keenan akka dhunfa isaanti malee maqa WFDOn akka hin tanee ibsuu feena, garuu kanas ta'ee Qabxiin Obbo Bulcha Demekssa xuqan gurgudan 4 ilalcha ummataa Oromoo kan hin calaqifnee fi soba ta'uu isaa jala sararee ibsuu barbana, Obbo Bulchan Kabaja Oromoo biirati qaban isaniif ga'aa ta'ee utuu jiru guyya dhumtee keessa kabaja ykn booicha Habasha irra argachuuf waan Oromoo salfachisu dubachuun isaan Oromoo biyya keessaf biyya alati gadda ta'ee jira.
1. Minilik Oromoo Harka fi Harma muree, Ummataa Oromoo Walakaa isaa fixeen Gameessa fi Garii jeedhan farsuun Ummataa Oromoo hunda gara gubee jira; 2. J/Tadassa Birruu Oromoon akka hin baranee murtee Akklilu Habatawaldi murteesisen akka fincilaaf Oromoo kakase soba jeechun Akklilui Habatawald nama Beeka fi Gameessa waan ta'ee akkasi hin jeedhu seena Jeneral kana akka soba ta'ee goochuuf yaaluun Oromoo hunda xiqeesuu fi sobdu goochuun waan taeef dura dhabatamuu qaba, Goochan Jeneral Tadassa Biruu haqa fi dhugga gara Oromoo hunda keessa waan jiruf; 3. Gobana Dacee ABO biirati jibama dha garuu, Gobana Dacee Goota Ethiopia(Oromoo)ti jeechun maliif?, ABOn Gobana Dacee irra dhimmma dhunfaa hin qabuu goocha Gobana balalefachuuf isaa akka goochan akkasi hin dabalmnee barsisuuf malee, ABO yaakkamaa goodhan Gobana Goota goodhani farsun mali argachuuf? 4. Qabsa'oon Oromoo hunga haraati qabsa'aa turan hundi mirga Oromoo kabachisuu famlee Bilisummaa ykn Foxooquuf mitii jeechun maliif? Oromo kan falma jiruu ta'itaa ykn Angoo utuu hin tanee Bilisummaf, garuu sobdun gara ishee gutachuuf H/Silaseen, Dargiin ykn TPLF jala hirirtee tokko tokko angoo soba argachuuf itti fayadamuu waan barbadee odeesu dandeesi , ummani Oromoo garuu angoof utuu hin tanee Bilismma fi Walabuma Saba Oromoof jeedhee qabsooni fi hayuun lubu issa wareega jira. Labsiin dhugaa hin tanee kun labsamuun siir miti kanaafu ibsii akkasii Oromoo qanfachisu keenamun yaaka jeena. Kanaafu Oromoo MADRAK ykn TPLF jaala hirirtan yoo jiratan atataman goocha keessan irra deebitan wal tanee qabsoo Bilisummaa, Kayyoo qulquluu qabanee wal dukka akka hiriru jeena. Miseensoota WFDO hundaaf dogogora yerro yerron maqa WFDOn goodhama jiru siireesuf yaali hunda goone jira. Garuu namii dhabbatee mali baleesine lata? mali dogogore? malii siiresinu? kan jeedhuu hin argamnee. Dogogrii iti fufee jira, yoo dafnee asiiti dhabuu banee summin(verus) kun dhabba Oromo qabsoo hidhannoo gegesan keessa ilee galuu mala. Kanaaf dura dhabachhuun Murteesa waan ta’eef murtee kana gaddi murte'esiine jira:- 1. WFDO fi Miseensoon isaa Oromoo tata’an hundi MADRAK keessa akka batan; 2.Miseensoon WFDO Koree Hijii Rawawchiftuu, Korre Giduu Galeessa, Ittigafatamtoon Zonni fi Aannalee hunda qunammtii kam iyyu MADRAK fi Miseensoota MADRAK wallin akka dhabdan; 3. Wamicha fi Walga'ii ykn Hirira maqa MADRAK(TPLF) ykn maqa Habasha kamin ilee wamamuu keessati Oromoo tokko ilee akka hin hirmanee; 4. Baratoon Oromoo, Barsiftoon Oromoo, Hojeetan Oromoo, Qootee Bulaan Oromoo, Daldalan Oromoo Gutuumaa biyyati Hanga Aaanna fi Gandati akka wal beektuu fi wal amantaan of gurmeessi? Qileessi Tunsyia kayee Egypt-Yeman -Sudan irra bubsaa jiru boori barrii mana kee dhufee balbala kee siiti rurukuta of eggi, qabsoo kana irrati dogogorii gafaa 2005 yamuu Gariif Goxiin meesha nutii fiddan abba iti keeninu dhabnee sun amassi ta'uu hin qabuu; Oganan Ganda kee hunda keessa jira. Amerika ykn Europa ykn Asmara irra hin egiin of qoopheesi. Yoo of qopheesu batee diina sadafaa jalatii kuftee garbuma yerro sadafa fudhata. Wari garbuumaa hin barbanee waregamaaf qoophaftan of qoopheessa. Ogannoota Ganda hunda keessa jiran wal quunama. Gantuun TPLF akka isiin keessa hin seene 3 yoo bayatee 5 tata'tii of gurmeessa Garee fi Gooxiin Meesha nu latuu, mana keenya fi laga keenya Bilisomsuun dirqama hunda keenyati qabsoo Remootkontrolin utuu hin tanee qaman irrati hirmachuun dirqama Oromoo hundati Komputera fi media jala dhokatan wal diiguuf wal sobuun yerron isaa xumramee jira. Miseensoota OPDO, Garee fi Gooxi hundatiif, Ilmaan Tigray Oromoo irrati yamuu dhukassan teesee hin ilaalin diin yoomi ilee diina, uni mana isaani hin deemnee mana keenya yerro dhufan ijoolee Oromoo ajeessan irratii falmadhuu, yerroon kun Bilisummaa keetiif murteesadha, lammii kee malee enyuu ilee hin amanin “Halgan Halagadha” erga Ilfnashi Qaanoo dhageefadhu?, waan qabnu lubu keenya ishee dhumaa Bilisummaaf wareguuf waada keenya siif haromisiina.
Injiffannoon kan Ummataa Oromooti!!! Bilisummaan Oromoo ni mirkana’aa!!!
Koree Hojii Rawachiiftuu WFDO
Gurandhala 1/2011 Ergan kun itti fufaa |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |