|
|
New
Page 2 home
Murni Naamusa Qabsaawummaas fi Safuu Oromummaa Wallaale Gochaa
Diigmayaa
Murni Naamusa
Qabsaawummaas fi Safuu Oromummaa Wallaale Gochaa Diigmayaa Irraa
Yoom Adabata Laata?
Info Deeski ABO
irraa
Murni waggaa sadi dura Adda Bilisummaa Oromoo irraa fottoqee maqaa ‘Jijjiirama’
jedhuun of moggaase daandii badiinsaa qabatee itti jiru hundinuu
argaa jira. Murni kun bara 2008 irraa qabee hanga har’aatti yakkoota
QBO irratti raaw’ate tarrisanii fixuun ulfaataa dha. Yakkoota murni
kun raaw’ate keessaa tokko WBO Zoonii Kibbaa keessatti hookkara
uumanii qabsaawota Oromoo dhiiga wal dhangalaasisuu fa’a ture. WBOn
fulaa sanii qabsoo manaa baheef irraa abdii kutatee akka diinatti
harka kennatu qaceelche. Hogganoonni murna kanaa gariin ilmaan
Oromoo diina waraanuuf manaa baate hiriirsanii diinatti
galchan. Ofii isaaniifis miidiyaa diinaa irratti bahanii farra QBO
tahuu isaanii mirkaneessan. Oromoo mataa gad cabsanii diina
shubbisiisan. Qawween kaayyoo bilisummaa Oromoof manaa baates diina
farra bilisummaa Oromootiin akka booji’amtu haala mijeessan.
Bakkoota birootti Waraana Bilisummaa Oromoo keessaa fi miseensota
gameeyyii keessaa waraana wal dura dhaabanii lubbuu danuu galaafatan.
Kana malees ‘Manifesto ABO’ jedhanii barruu sagantaa siyaasaa ABO
faallessu qopheessanii qabsaayota Oromoo dhimma kaayyoo irratti
qoqqoodanii wal dura dhaabuuf ijibbaataniiru. Kun hundi yakkoota
murni kun QBO irratti raaw’ate keessaa hanga muraasa.
Murni kun yakka lafee keessaa nama laalatu hangana gahu eega
raaw’atee booda ammas farrummaa QBOf qabu mirkaneessuu irraa hin
adabanne. Har’ayyuu eega ilmaan Oromoo daba isaa irratti baranii
irraa bahanii booda fi nama lama sadi qofatti galee boodas taanaan,
ija banatee badii raaw’atetti gaabbaa hin jiru. Ergama Habashoota
irraa itti kenname fudhatee ilaalcha kaayyootiin qabsaayota Oromoo
qoqqoodee wal dura dhaabuuf hawwii qabu qaanyii tokko malee ifatti
labsateera. Sababa yakkoota hanga ammaatti mooraa QBO keessatti
raaw’ateen hawaasa Oromoo bal’aadhaan waan tufameef amma fuula isaa
gara bobaa alagaatti yoo deeffatu argaa jirra. Maqaa ABO jedhu akka
mallattoo nagadaa (Trade Mark)tti dhimma bahuudhaan Habashoota
waliin kontiraata nagada siyaasaa seenuuf kurkuraa jira. Murni badii
kun abjuu alagoonni ABO dadhabaa kan salphaatti isaaniif moohamu
arguuf qaban dhugoomsuuf jecha sagantaa siyaasaa ABO dabsuuf yaaluu
irraa illee hin qaanfanne. Dirqama diina irraa itti kenname galmaan
gahuuf jecha maqaa ABO tiin faallaa sagantaa siyaasaa ABO of dhaabee
as bahee jira. Murna naamusa qabsaawummaas tahee safuu Oromummaa hin
beekne tahuu isaaf kun ragaa guddaa tokko.
Dhugaan tokko garuu ifatti beekamuu qaba. QBO keessatti akka
dhaabaatti barbaachisummaa ilaalcha haaraa xiinxaluufis tahee
lallabuuf kan hamilee itti qabu, murna qaama kaleessa bobaa
Wayyaanee jalaa baafamee har’a bobaa Amaaraa jala seenuuf foolatuun
ajajamu miti. Kana gochuuf kan mirgas tahee hamilee itti qabu Kora
Sabaa sirna heeraa guute qofa! Korri Sabaa iyyuu kana gochuu kan
danda’u waan ummata Oromoo amansiisu yoo qabaate qofa! Sagantaan
Adda Bilisummaa Oromoos kan murni naamusaa fi safuu hin beekne kun
akka barruu qabsiisa isaatti yeroo fedhetti haquu fi laaquu danda’uu
miti.
Addi Bilisummaa Oromoo seenaa qabsoo isaa keessatti kanneen maqaaf
dhala Oromoo tahanii alagaa waliin hiriiruudhaan isa irratti duulan
baay’ee argee dabarsee jira. Bara Dargii keessa MEISON fi EPRP
fa’adhaan didhaan akkasii ABO mudatee ture. Bara Wayyaanees OPDO tu
akka masaanuu ABOtti jaaramee ABO dadhabsiisuuf, danda’amus
dhabamsiisuuf ijibbaatame. ABOn garuu isaan kana hundumaa injifannoo
cululuqaadhaan irra aanaa dhufee as gahe. Har’as tahee boru, kanneen
maqaaf dhala Oromoo tahanii akka maqaa dhaaba Oromootti of
moggaasanii dantaa alagaaf hiriiran jiraachuun waanuma malu. Isaan
kunis akkuma warra armaan duraa hundumaa galgalli isaanii kasaaraa
dha.
Mooraan QBO akka itituu fi tokkummaan qabsaayotaa akka waaruuf
hogganni ABO gumaacha gama isaatiin irraa eegamu baasuu irraa of
qosatee hin beeku. Olola keessoo wal irratti oofuu irraa of qusatee
diina innikkaa irratti xiyyeeffachuu isaa hundinuu quba qaba. ABO
haqaa jechuun kam akka tahe Oromoon hafnaan diina dhaabichaa kan
tahe mootummaan Wayyaaneeyyuu tolchee beeka. Diinni Oromoo kan ABO
akka qara eebootti sodaatu kun ABO tokkichaa fi hoggana tokkicha kan
irriba isa dhorkatee jiru beeka. Wayyaaneen hoggana kanaaf
beekkamtii addaa kennuufii barbaadee miti. Karaa hundaan kan muddee
isa qabee jiru hogganicha kana waan taheef sirriitti beekeenii
irratti duuluuf dirqame. Kana mirkaneeffachuuf diraamaa farra
shororkeessummaa jedhee sirnichi yeroo yerootti TV isaa irratti
mul’ifatu qofa daaw’achuun gahaa dha.
Murni maqaa ABOtiin kilabii alagootaa seenee daldalu kun dhagaa
takkittii illee fuudhee diinatti darbuu mannaa gochaa diiggaa
alagoota gammachiisee lammii gaddisiisu irratti bobba’uu isaa
dalagaadhaan mirkaneessaa jira. Murni gochaa diigmayaaf wal jala
rurruuqame kun kan isa jalatti hiriiranis diigee hanga zeerootti
galutti adabachuu waan danda’us hin fakkaatu. Siyaasaa murna kanaa
tu siyaasaa quncisaa shunkurtaa ti. Qola qolaan hanga of quncisee
fixutti bakka itti dhaabbatu hin qabu. Hogganummaa dhaaba Oromoo
guddaa hanga ABO gahu baatee Oromoof bu’aa buusuun haa turuutii,
ofii isaafuu of quncisee qola qolatti galuu irraa of hin oolchine.
Warri eega murna kana faana bahee booda dogoggoruu isaa hubatee
jalaa deebi’ee fi ammayyuu jalaa deebi’aa jiru hundi dhugaa kanaaf
ragaa dha.
Har’a hoggana ABO biratti xiyyeeffannoon guddaan, akka itti qabsichi
ummata Oromoo gurmeessee sochoosuudhaan diina Oromiyaa irratti goobe
buqqisuu danda’u irratti halkanii guyyaa hojjechuu dha. Hojii qabsoo
kanaanis milkiin argamaa jiru mirqaansaa dha. Karaa qabsoo
hidhannootiin injifannoon galmeeffamaa jiru kan gaafa mooraan QBO
irra-ititaa ture jedhamu irraa ol yoo tahe malee gadii miti. Qabsoo
karaa hirmaannaa ummataas ilaalchisee FDG ummata Oromoo bifa haaraa
taheen Qeerroo Oromootiin gurmeeffamee diina sarduutti jira. Kun
ammoo seenaa QBO keessatti injifannoo haaraa jedhamuu danda’a. Karaa
qabsoo dippilomaasiis hammeenya Wayyaanee hawaasa addunyaatti
saaxiluuf ABOn duulota babal’oo geggeessuu irratti argama. Karaa
hojii beeksisaas ummata Oromoo caalaatti qabsoof kakaasuuf, shira
diinaa fi haqa lammii yeoo yerootti hubachiisuuf, shakkii alagaan
qabsoo keenya irratti qabu keessaa balleessanii fira qabsoo
dabalachuuf hojiin itti bobba’amee jiru bu’aa gaarii argamsiisaa
jiraachuu isaaf ragaan ummata Oromoo bal’aa dha. Kun hundi kan
milkaawuu danda’eefis tokko tokkoon qabsaawota dhaabichaa akka nama
dhibbaatti of kennanii waan hojjetaa jiraniif.
Kanas tahee garuu, mooraa QBO itichanii humna ilmaan Oromoo
faffaca’e walitti gurmeessuuf hojjechuun dirqama hunda keenyaa ti.
Kun ammoo kan milkaawuu danda’u wareegama qabsoof kafalamaa jirutti
bishaan naquudhaan miti. Hojii qabsoo bal’aa kan dhaabaa fi ummata
keenyaan itti jiramu ifatti amananii fudhachuu, kabajaa fi deeggarsa
maluuf kennuufii wajjin tahuu qaba. Murni maqaa ABOtiin of waamaa
OPDO Habashaa tahuuf of kaadhime kun, mootummmaa itti aanu keessatti
OPDO lammaffaa tahuuf of qopheessaa jira yoo taheef, barri isaa bara
OPDO kan biraa tahuuf kennatu waan hin taaneef gabaa kasaaraa
nagadaa jira jennaan.
Dhaabni Gimboot 7 jedhamus, namtokkeelee guyyaa keessa dhufanii
maqaa ABO of moggaasuudhaan QBO irratti yakka dalaganiif beekkamtii
ABOmmaa kennuuf mirga hin qabu. Dhaabni Habashaa kun ABOn dhugaan
kam akka tahe osoma tolchee beekuu, murna badiif hiriire kanatti
maqaa tolchee of jalaan deemuun isaa, kufaatii mooraa qabsoo Oromoo
arguuf hawwii guddaa akka qabu mul’isa. Kanuma wajjin imaammata
dhaabni kun Oromoo addaan diiguuf lafaa qabu ragaa waliin yeroo
isaatti itti deebina, gochaan isaas kanuma agarsiisaa jira. Kana
qofas osoo hin taane, akkuma Wayyaaneen kaleessa dhala Oromoo
keessaa abbootii garaa hagoo maqaa OPDO jedhu itti maxxansitee of
jalaan deemuu jalqabde, inni kunis kasaartota siyaasaa Oromoo
keessaa bubu’an hanga tokko funaannatee OPDO haaraa kan mataa isaa
gurmeeffachuuf akeekkachuun daandii kufaatii hordofuu isaa agarsiisa.
Kanaafuu dhaabni Gimbot 7 yoo QBOf kabajaa malu kan qabu taate,
murna ABO keessaa tufame kana akka meeshaatti itti dhimma bahee
qabsaawota Oromoo wal dura dhaabuuf shira eegale irraa akka
hatattamaan dhaabbatu gad jabeessinee yaadachiifna.
Infoo Deeskii ABO
|
|