|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
22/03/2011 Lammi Oromoo Biyya Belgium fi Nederland Jirtan hundaaf Gummin Paarlamaa Oromoo biyya Belgium Maandhefatee biyya ala fi biyya keessati dhimmaa Oromoo hunda irratti hojjecha jiru, Projectota 10 dammee adda adda jalati qopheese irratti hojjeeta jira. Kana keessa dameen Hawassumaa isaa tokko, dameen kun hojii qabatama hojjechuu karoorfatee keessa dursa kan keenameef Dictionary ykn Galmee jechoota Afaan Oromoo-Nederlands, fi Nederlands-Oromoo qoopheesudha, dabalataan jeechoota guyya guyyan nama gargaran gagaababaa, Oromoo afaan Nederlands hin beekneef ykn Tursiti biyya Oromiyaa deemuuf itti dabalamee hojjetamee jira; hojii wagga lama gutuu hojjecha jiru kun jeechoota 10,000-30,000 ta’ee qabatee qulqulina akka ba’uuf karorfanee jira. Kana malee jeechooni Afaan Oromoo Oromiyya naannoo garagaraa keessatti dubataman hundi akka itti dabalame gaabbatuu gochuuf yaala jira, kanaaf imoo lammin Oromoo hundi yoo irratti hirmate waan gaabataa qoophessuf nama gargara. Kanaafu lamiin Oromo biyyotaa laman kana keessa jirtan hundi waan ijooleen keessan bori itti fayadaman fi kun afaan kooti bori kan jeetan bareedee akka ba’uuf nu gargaruun dirqama lamuumatti, bakka jiruti Oromoof waa hojjene darbun dhaloota dhufuuf gargara waan ta’eef, Oromoon biyya adda adda jiru ilee Enyummaa isaa ijaruu, malatoo fi qunammtii lammi biroon horachuu waan qabuuf. Damee hawwasumaa kun Oromoo biyyaa dhufuu rakko isaa bakka itti furmata argatuu, essa deemuu akka qabuu, mal goochuun akka isaa irra egamuu fi bakkota inni qunamuu qabuu kan ibsuu (integration program for Oromo nationality) afaan Oromoof afaan Nederlands qoopha’aa jira. Kun ilee yaada keessanin gaabachuu qaba. Walumagalatti Oromoon biyyota laman kana keessa jirru, barumsaa fi muxannoo adda adda qabu, bakka hojji isaatti jeechoota Nederlands Oromoof bayee fayyadan beekuu danda’uu. Akkasumas bakka dhaloota isaatti afaan Oromoo bori ijooleen isaa fi lammii Oromoo kan gargaru waan beekuu qaba jeedhe yaadu qaba. Kanaafu jeechoota Afaan Oromoo dhalootan beekuu ykn afaan Nederlands bakka hojji isaati baratee lamanuu hikka isaa waliin bareefaman yoo nu fidee dhufe Galmee jechoota ykn Dictionary kana keessa akka galee Oromoo gargaru ta’aa. Ykn Email Gummi Paarlamaa Oromoo gpo.info@yahoo.com yoo nu ergitan, ni gamana. Kana dura Dictionary qoopha’ee kana namoota murssaf Print goonee akka gaabsanf ergnee ture, garuu deebi hin arganee, mana ofi abbatu ijaarata afaan keessan gudisuuf boodeeti hin jeedhina. Guyya gaafa Camssa 29, 2011 ganama kassee Oromoon wal geenyee jeechoota Gubboo kana keessa jiran hunda gartuu adda addatti Hiramee irratti mariin goodhamee gabifamee maxanfamaa. Maxanssa gubboo jeechoota Oromoo kana Hawwasi Oromoo fi lammin Oromoo biyya hunda jiran akka nu gargartan abdii qabna Guyyan Caamssa 29, 2011(29 may, 2011) 9:00 kasse Bakki walga’ii: Patriottenstraat 62, 2600 Antwerpen Marta Abebe Damee Hawwasumaa Gumi Paarlamaa Oromoo Patriottenstraat 62, 2600 Antwerpen Belgium, Tel. +32 (0) 3 218 80 43 Fax: +32 (0) 3 218 61 73 GSM +32(0) 488 47 93 60 Email: gpo.info@yahoo.com Contact Us: Visit our website: www.oromoparliamentarians.org |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |