( Caamsaa 13,2009) ‘Sudan
Tribune’ madda Oduu ‘Jimma Time
s’
waabeffatuun akka gabaasetti, Oromiyaa
Ona Ilfataa keessaa Kongrasii Ummata
Oromoo (KUO) bakka bu’uun Paarlaamaaf
kan filaman Obbo Guutuu Mul’isaa olola
sirni wayyaanee gabaasaa waggaa haala
dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa
irratti Amerikaan baase dhaaressuuf TV
isaa irratti oofaa turee fi miidhaa
isaan irra ga’e haguuguuf yaale
balaaleffatan.
Yeroo gabaasaa
Ameerikaa irratti miseensonni Paarlaamaa
reebamuu fi hiraarfamuu ibsu sana keessa,
humnoota wayyaanee kan naannon reebamuu
fi hiraarfamuu isaanii TV Itoophiyaa
dabalatee maddeen adda addaatiif ibsa
laachuu Obbo Guutuun hubachiisaniiru.
Kunis tahee garuu,
TVn Itoophiyaa dokmantarii dhiyeenya
kana agarsiise irratti, waa’ee isaanii
ilaalchisee odeeffannoo dogoggoraa
ummataaf laachuu fi dhugaa jiru dabsee
dhiyeessuu isaa cimsanii blalaaleffatan
Obbo Guutuun. Akka kanaanis, olola
wayyaaneen TVn dhiyeesse irratti,
Obboleessa Obbo Guutuu fakkeeffamee
namni dhiyaate firummaa homaatuu kan
waliin hin qabnee fi isa hin beekne
tahuu hubachiisan. Dabaluunis, kan
wayyaaneen Miseensi Paarlaamaa Obbo
Guutuu Mul’isaa teessoo isaa irratti hin
argamne kan jedhuun Dokmantarii kana
keessatti dhiyeesse soba tahuu fi
teessuma Paarlaamaa kam irraa iyyuu
hafanii kan hin beeknee fi yeroo hunda
Finfinneedhuma kan jiraatan tahuu Jimma
Times-f ibsan.
Gama biraatiin,
miseensota Paarlamaa kanneen tahan Obbo
Baqqalaa Dirribaa fi Obbo Dajanee Xaafaa
Obbo Guutuu Mil’isaa sirriitti kan
beekan tahuu fi humnoota mootummaa
wayyaaneetiin reebamuu mirkaneessan.
Kana malees nama wayyaaneen Obboleessa
miseensa Paarlaamaa ti jechuun dhiyeesse
akka beekan ibsanii, Obbo Guutuu waliin
firummaa wahiituu akka hin qabne ibsan.
Miseensonni
Paarlaamaa kunniin mootummaan wayyaanee
olola fi kijiba ija baase bifa kanaa
oofuun isaa yaalii sirnichi gadi qabaa
siyaasaa fi dhiibbaa dhaabbilee
momritootaa irratti taasisaa jiru
cimsuuf itti jiru tahuu hubachiisa
jedhan