|
|
New
Page 2 home
Addi Bilisummaa Oromoo Tumsaan Jaara Jedhee Kaayyoo Qabsoo Isaa
Maree Araaraaf Hin dhiheessu !
12/01/2012
(Infoo Deeskii ABO irraa)
Kaayyoon QBO Adda Bilisummaa Oromootiin hogganamuu tokkichuma. Kunis
hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessuu dha. Oromiyaa fi
Itoophiyaa boruu keessatti hiree tokkummaa siyaasaa ummatootaa
waliin yookiin mootummaa ofii ijarratuun ollummaa murteeffachuuf kan
mirga itti qabu abbaa dhimmaa kan tahe ummata Oromoo qofa. ABOn akka
dhaaba kallacha qabsootti dirqamni qabu, hiree ummanni Oromoo mirga
isaa kabajamaa kana ittiin mirkaneeffachuu danda’u qabsoon
argamsiisuu fi mijeessuufii dha.
Dhugaan kana ta’ee osoo jiruu, humnoonni maqaa tokkummaa
Itoophiyaatiin sosso’an tokko tokko kaayyoo keessan dhiisaatii gara
keenyatti dabalamaa jechuudhaan ABO irratti dhiibbaa gochuu abjotu,
kajeelu. Keessumattuu humnoota akkasitti yaadan keessaa tokko kan
tahe dhaabni Ginboot 7 murnoota siyaasaa Amaaraa kan amma duraa
irraa bifa adda taheen kaayyoon QBO kan galeef of haa fakkeessu
malee, jijjiirraalee ilaalchaa qabatamoo irraa eegaman agarsiisuuf
garuu onnee hin qabaanne. Inumaayyuu keessa bahee mooraa QBO
qoqqoodee dadhabsiisuuf ifaanis tahee dhoksaa dhaan yaalii gochuutti
eega seenee bubbulee jira. Qaawwa argate maratti dhimma bahuun
yaalii isaa abaaramaa kanaan milkaawuuf hanga danda’u sosso’eera,
ammas sosso’aa jira. Miseensonni hoggana isaa ol’aanoon osoo hin
hafne yaalii qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf taasifamu kana keessaa
suduudaan qooda yoo fudhatan tajjabnee jirra. Namoota muraasa qubaan
lakkaawaman kan mooraa QBO keessatti yakka dalagan irraa kan ka’e
fudhatama dhaban akka meeshaatti dhimma itti bahuufis
kaadhimatanii jiru.
Ginboot 7 faan yaalii kana gochuu isaaniitiin dheekkamsi ummanni
Oromoo biyya keessaa fi ala irraa dhageessisaa jiru ifatti kan
beekamuu dha. Dheekkamsi hinsarmummaa QBO mirkaneessu kun warra akka
Wayyaanee Lammaffaa fi OPDO Lammaffaatti wal kaadhimachaa jiruuf
barnoota gahaa dabarsaaf jedhamee abdatama. Warri Ginboot 7 akka
hirmaannaa Oromootiin alatti qabsoon isaanii milkaawuu hin dandeenye
amanuuf dirqamuun isaanii nama hin raaju. Wanti barbaachisaan
guddaan garuu, fedhii ummata wayyaba kanaa amananii fudhachuu fi
siyaasaa haxxummaa kan yeroon itti dabarte irraa of qusachuu ture.
Sana gochuu mannaa tooftaa qoqqoodanii bituu sirna dulloomaa fi
Wayyaanee irraa dhaalanii QBO dadhabsiisuuf imaammachuun bu’aan isaa
kufaatii duwwaa taha.
Ginboot 7 jijjiirraa ilaalcha siyaasaa qaamota hundumaaf tolu fiduuf
kan murannoo qabu osoo tahee, murtii sagalee ummata Oromoo waan
sodaatuuf hin qabaatu ture. Bahiin isaa waanuma fedheyyuu tahu,
mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo nan fudhadha jedhee afaan
guutee dubbachuu tu irra ture. Faallaa kanaan kaayyoon humni kun
tarkaanfachiisaa jiru garuu, maqaa fi kaartaa OROMIYAA dhabamsiisee
sirna tokkummaa humnaa kan abbootii isaa durii deebisee diriirsuu
dha. Sabboonummaa Oromummaa kolaasuudhaan onnee lammii Oromoo hundaa
keessatti qorqalbiin moohatamtummaa akka dagaagu taasisuu dha.
Itoophiyummaa fudhachuun hiree ummatni Oromoo qabu tokkicha tahee
akka amanamu gochuuf dhama’uu dha. ‘Amaamaa malee amalli isuma duri
jette hantuunni adurreedhaan’ jedhu mitii ree?
Waca dhamaatii kana fakkaatuuf ummanni Oromoo har’a gurra hin qabu.
Warri Ginboot 7 hin hubanne, yookiis hubataniyyuu amananii fudhachuu
tu akka ibichaatti itti hadhaawe taha malee, har’a
sadarkaan sabboonummaa Oromoo haala gufachiisuun hin
danda’amneen maayiloota baay’ee of dura fagaatee deemee jira.
Jaalatamus jibbamus hireen siyaasaa Itoophiyaa kan murtaawu ummata
Oromoo fi ummatootaa cunqurfamoo kanneen sagalee wayyaba qabaniin
malee nyaara haaddattoota olii gadi cehuun afan faajjii uumuuf
yaalaniin miti. Haqni kun kan hadhaawu tahu illee amananii
fudhachuun alatti filmaanni nama baasu biroon hin jiraatu. Kun ammoo
duraan dursee wayyabummaa ummata Oromoo, itti fufuunis ABOn dhaaba
kallacha ummata wayyaba kanaa tahuu isaa shakkii tokko malee
amananii fudhachuu gaafata. Ummanni Oromoo wayyabichi shira namoota
yakkamoo qubaan lakkaawamaniitiin kan hin qoqqoodamnee fi kaayyoo
waloo jabaa tokko kan waliin qabu tahuu isaa hubachuunis
barbaachisaa ta’a. Hubannoota kana irra eega gahamee booda, kaayyoo
kee dhiisii koo fudhadhu kan jedhu ilaalchi of tuulummaa dullachi
gonkumaa akka iddoo hin qabaanne beekuun ulfaataa hin tahu.
Hubannoota barbaachisoo kana qaabachuun, akka miinoo siyaasaa irra
hin ejjennetti dursanii miillota ofii sassaabbachuuf gargaara.
Wanni sirriitti beekamuu qabu, ABOn humnoota biroo wajjin tumsa
qabsoo jaaruuf jecha kaayyoo siyaasaa isaa maree araaraaf hin
dhiheessu. Kanneen kaayyoo kee jjijjiirtee koo fudhattu malee si
waliin tumsa jaaruu hin barbaadu jedhan karaa biraa barbaaddachuun
mirga isaanii ti. Jara ilaalcha akkasii qabu waliin tumsi jaaramus
tumsa waliin laga nama ceesisu hin tahu. Humnoonni akkasii kun
sagalee wayyaba ummanni Oromoo qabu warra sodaatanu waan tahaniif
yoo danda’ameef dhimma siyaasaa Oromoo keessa harka naqatanii gurmuu
qabsaawota Oromoo laaffisuu irraa of hin qusatani.
Ginboot 7ttis dhimma siyaasaa ummata Oromoo keessa harka isaa
seensisuu irraa of qusatee fuula isaa gara diina keenya walootti
akka deebisu gad jabeessinee yaadachiifna.
|
|