|
Walii-Galtee
Kamaal Galchuu fi Leencoo Lataa, Ilmaan Oromoo
Kaayyootti Cichan Galaafatte!
Wednesday,
04.27.2011, 11:31pm (GMT)
Gossa jala
dhokatan Qabsa'oota Oromoo ajeesun Oromoo irrati
yaaka dalaguun yaaka yaaka caaluu waan ta'eef
Ummanii Oromoo murtii isaa dhumma keenyuu qaba.
Murni diina irrati rassasa tokko ilee hin
dhukassin qabsa'oota Oromoo 17 bakka tokkoti
rashanun erga diina of dubba qabachuu isaa ibsa. Goochan kun
Atatama akka nu qulqula'uu Mottummaa Eritrea
qaama yaaka kana rawwatee guyya tokko Oromooti
keenuun waan hin olee. Dhaabba Oromoo diigani
qabsa'oota Oromoo fixani Ginboti 7 harka lachuun
yaaluun amoo gochaa diinuma sanaaf ragga guddadha.
Maqa gossatiin umataa Oromoo hunda diineefachuuf
wal dura dhabuun murtii yaaka rawwatuu kun
qabsoo ummataa Oromoo waan gummachee kan hin
qabneef lammi Oromo kan gargari diidee ta'uu
isaati. Kanaafu yaakaman tokko gossa Oromoo kam
iyuu bakka akka hin buunee ummani Oromoo beekuu
qaba.
Sources:
http://www.bilisummaa.com
Walii-Galtee
Kamaal Galchuu fi Leencoo Lataa, Ilmaan Oromoo
Kaayyootti Cichan Galaafatte!
Maqaan Kamaal jedhu seenaa Qabsoo Bilisummaa
Oromoo(QBO) fi Oromoo guddeessa keessatti bara
2005 dura hin beekamu ture. Bara 2005 keessa FDG
waliin wal qabatee ‘Jeneraalli’ tokko qabsoo
Oromootti makamun dhagahame. ‘Jeneraala’ afaan
Oromoo fi akeeka ABO dubbatutu Wayyaanee ganee
mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makame.
Maqaan ‘jenerala’ kanaa
Kamaal jedhama oduun jettu Oromoo gurra seente.
Kamalis sirna Wayyaaneef akka dhumaateef
hubachuun mooraa Wayyaanee ganuun gara Eritrea
akka cehe himate. Akka Eritraa gaheen Wayyaanee
yeroo gabaabaa keessatti dhabamsiisna jedhe.
“Afaan wayyaaneen galuuf waraana dha, kanaaf
afaan wayyaaneen galuun waliin dubbanna.” Jedhee
dhaadate. Dhaadannoon isaa Oromoo mirqaanse.
Oromoon gammachuun sirbee, dhiichise. Haalli
gaanfa Afrikaan yeroo sana keessa turee fi
hawwiin Oromoo bilisummaaf qabu irraa ka’uun
yakka inni Wayyaanee waliin saba Oromoo irratti
raawwate dagatame.
Yakki mooraa diinaa
keessatti raawwate dagatamnaan as dhiyoo kana
ammoo ‘Jeneraalli’ lolee Oromoo lolchiisa
jedhamee abdatamu, ganna 5 fi 6 booda, otuu
rasaasa tokko diinatti hin dhukaasiin,
qabsaawota Oromoo hedduu fixuun ‘manifestoo’
‘dimokraasummaa itiyophummaa’ OPDOn itti dhimma
baatu mooraa Oromoo keessatti facaasuu eegale.
Manifesto dilana faca’e fi haaswaan Kamaal bara
2005 keessa dubbachaa ture kan walii faallaati.
Haaswaan bara 2005 gochaa ture, Oromoo
bilisoome, Oromiyaa walaboomte ilaaluu hawwa.
Manifestoon har’aa ammoo ‘dimokraatummaa
Itiyophummaa’ lallaba. Kamaal, kaleessa
bilisummaa jedhu har’a maaliif dimokraasii
lallabuu eegale?
Garaagarummaa ilaalcha
siyaasa ABO keessatti jiru waliin wal qabatee
dogoggorri seenaan dhiifama hin qabne ABO
keessatti raawwate. Kunis Kamaal Galchuu ilmaan
Oromoo maqaa ABOtiin ajjeesaa ture bakkaa fi
gaafatamummaan isaaf hin malle qabsoo bilisummaa
Oromoo(QBO) keessatti qabaachuu irraa eegala.
Kamaal fi wa’iilooti isaa maqaa ‘jijjiirama’
dhimma bahuun diinni Oromoo tan calqabaa ShG-ABO
dha jechuun waraana moonaa QBO keessatti labsan.
Namni ergamaa Wayyaanee ture kana labsuun nama
hin aja’iibsiifne ture, garuu kan nama
aja’ibsiise ilmaan Oromoo ABO keessa turan isa
gula ya’uu isaaniiti. Deeggarsa Kamaal argate
gosa isaa fi gorsitoota isaa ‘qabsoon Oromoo
karaa nagaa’ qofa galma geessi jedhan ifaa fi
harka lafa jalaan isa quunnamuun ture. Sunis
gatiin Kamaal ofiif qabu guddisee isa bokokse.
Innis namoota kana hogganuuf of qopheessee
dhaadannoo itti fufe.
Kamaal, Hasan fi Leencoo
Bati akkuma Wayyaanee ifuma bahanii
sab-quunnamtiitti(media) argatan hunda irratti
ABO irratti ololu itti fufan. ABOn nuhis jedhan.
Mana paltalk banachuun, barruu adda addaa
qopheeysuun fi facaasuun haamlee uummataa fi
qabsaawotaa miidhuuf tattaafataan. Akeeki
tokkummaa Oromoo diigu raawwachuuf caasaa
isaanii bakka hedduutti diriirfatan. Ilaalcha
gosummaa fi gandummaa moonaa Oromoo keessatti
babaldhisan. Gama biraan Amaara quunnamuun
Itiyophiyaa dimokraatessuuf waliin hojjenna
jedhanii waadaa galan. Adeemsa kana keessa
Oromummaa nu dagachiisuuf tattaafatan.
Kamala guyyaa isaan waliin
waadaa walii seene irraa eegalee qabsaawota
Oromoo malee diina lolee hin beeku. Wayyaanee
waliins qabsaawota Oromoo lole, har’as
qabsaawota lolaa jira. Raasaasa tokkos diinatti
dhukaasuun hafee dhagaa tokko diinatti hin
darbatne. Kun isaa fi gartuun isaa Wayyaanee
waliin araaramuuf fedhii qabaachuu irra darbee
qabsoo bilisummaa Oromoof gufuu ta’uu muldhisa.
Yoo diinatti dhukaasan dhimma araaraa isaan
Mallasaa(diina) waliin xumurachuuf hawwan akka
jalaa hin jeeqamneef qawween isaanii Oromoo
qofaatti garagaltee Oromoo ajjeesti. ‘Araarri’
dhiyeenya ABO fi QJ-ABO gidduutti godhamuuf
deema jedhamee oofamus warra kana dura dirqama
mooraa QBO jeequmsa keessa seensisetu walitti
deebihuuf fedhii godhate malee kan qabsaawota
Oromoo ilaallatu miti. Dirqama Kamaal Galchuu
karaa Hasan Huseen Leencoo Lataa irraa fudhate
raawwatee mooraa qabsoo diigaa fi dhiigsaa
turetti deebihuuf tattaafachaa jira. Araara
Leencoo fi Kamaal duuba araara Mallasaa waliin
ta’utu itti fufa. Qophii araara Mallasaa waliin
godhataniif ammoo manifesto tolfatanii jiru.
Kan nama gaddisiisu akeeka
gatii hin qabne fi Manifesto isaanii keessatti
calaqisu kana bakkaan gahuuf jecha ilmaan Oromoo
hedduu fixuu isaaniiti. Ilmaan Oromoo
Oromummaatti cichan, Oromoon gosaa fi gandaan
adda qoodamuu hin qabu jedhan, Itiyophummaaniis
Oromoof hin baasu jedhani falman gammoojjii
keessatti dhumatan. Ilmaan Oromoo Ertiraa,
dirree kibbaa, fi bakkoota adda addaatti fixanis
yaada isaanii fudhachisuuf qofaa ture. Yaada
isaanii fudhachiisuu duuba ammoo akeeki isaani
Mallasaa waliin araaramuu dha. Kanaaf ammoo
ragaan Lichoo Bukuraa TV Itiyophiyaa irratti
bahee waamicha isaanii dhiyeessaa jira. Sababa
kanaan ilmaan Oromoo hedduu diinatti dabarsanii
kennuun, dirree qabsoo Oromoo bakkayyuu jiru
quunnamuun qondaalota abdii kutachiisuun diiguun
yakki guddaa QBO keessatti raawwates akeeki isaa
kanuma. Hawaasi Oromoo biyya alaa diigamuu fi
caasaan ABO biyya alaa diiguuf tattaafatames
akeeka addaa hin qabu. Kamaal dirqama dirree
isatti dhi’oo jiru keessatti raawwachuuf dirqama
ol-aanaa fudhatee ilmaan Oromoo hedduu fixe.
Haala kanaan marsaa tokko keessatti qofaa ilmaan
Oromoo 17 ajaja isaatiin Asabitti rashanaman.
Warra rashanaman keessaa fakkeenyaaf:
1. Asad Ahimad Mohamad (Baha
Oromiyaa Harargee irraa, sababaa Manifestoo
fudhachuu diduun, Amantaa islaamummaa seera
dhaabaan ala waraana keessatti barsise sababa
jedhuun)
2. Barraaqo Liiban Galgaloo
(Kibba Oromiyaa Borana irraa, Manifesto
fudhachuu diduun, Leenjii hin fudhadhu jedhe,
Wayyaaneetti ganuuf akeeka qaba, Namoota wajjin
hidhame akeeka kanaaf hin qabsa’ina jedhee
gorse, Bobbaa zoonii baha irraa baqatee dhufe
sababa jedhuun)
3. Waggaarii Guddinaa
Waq-jiraa (Dhiya Oromiyaa Wallagga irraa,
Manifestoo fudhachuu diduun gara wayyaaneetti
ganuuf garee qopheefatee otoo ganuuf jedhuu
qabame sababa jedhuun)
4. Yohanis Oljirraa (Gidduu
galeessa Oromiyaa Shawaa, Amboo irraa, Artist
Oromiyaa mara keessatti beekamu, Manifeestoo
fudhachuu diduun waraana nurratti kakaase sababa
jedhuun)
5. Darajjee Waltajjii (Dhiya
Oromiyaa Wallagga irraa, Pilot Oromoo air force
Impayera Ityophiyaa keessatti hojii muldhataa
dalagaa ture, Manifesto fudhachuu diduun maadhee
Sh-G nu keessatti diriirse sababa jedhuun)
6. Toofik Muummee Umaar
(Baha Oromiyaa, Harargee irraa, Nama gansiisuu
fi akka ganan kakaasuudhaan hojii diiggaa
raawwate, Hooggana dhaaba Qaama Jijjiiramaa
balaaleffata, wayyaanee faarsuudhaan ergaa
diinaa raawwatte sababa jedhuun)
Tarrisa ilmaan Oromoo isaan fixan hunda yeroo fi
bakka itti ajjeefaman galmee seenaa qabatee
jira. Galmeen ilmaan Oromoo isaan fixan garuu
seenaaf katabamee ta’aa. Kaayyoo fi hawwiin
Oromoo dhaloota harayaatti darbee jira. Ilamaan
Oromoo ilaalcha siyaasaa addaa qaban fixuuni fi
ficisiisuun dimokraatawaa ta’uuf deemu?
‘Dimokraatoti’ ilaalcha siyaasaa isaanii Oromoo
fudhachiisuuf qofa Oromoo fixan kana Oromoon
marti hubachuu qaba. Maqaan amma araaramna
jedhani olii fi gadi fiiganis yakkamtoota dha.
Yakkamtoota maqaa dimokraasiitiin daldalan dha.
‘’Dimokraatota’ Oromoo ajjeesan’ dha. Silaa
dimokraatota ta’an nama ilaalcha addaa qabu
maaliif ajjeesu? Diinatti dabarsanii kennu? Nama
ajjeesanii ilaalcha siyaasaa ofii fudhachiisuun
akeeka dimokraasii keessa hin jiru.
Moo dimokraasii gosa kam nu
barsiisuuf laataa? We can call them, both Lenco
Leta and Kamal Gelchu “The smartest, democrats,
conditional, unionist’ who are known by killing
their own comrades!” Warri isaan faarsitan
maaliif akka faarsitan hubatamaa dha. Yoo
sodaattanis akkasuma. Warri isaan sodaattan,
faarsitan, waaqeeffattan hirriba jirtan keessaa
dammaqaa. Yoo dammaquu hin dandeenye haga
nyaatamtanitti guyyaa lakkaawwadhaa. Markaba
galaana irraa kan compasii hin qabne irra jirtu.
Warri abdii kutate ofiifuu hin hilan. Abdii
kutannaan emailinu nama doorsisaa jiru. Maqaa
Wayyaanee namatti maxxansu yaalu. Warri
wayyaanee waliin haasahuu fi isaaniif dalagaa
jiranuu, isaanuu Wayyaanee hin jedhamne.
Injifannoo Ummata Oromoof! |