Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       

Walii-Galtee Kamaal Galchuu fi Leencoo Lataa, Ilmaan Oromoo Kaayyootti Cichan Galaafatte!
Wednesday, 04.27.2011, 11:31pm (GMT)

Gossa jala dhokatan Qabsa'oota Oromoo ajeesun Oromoo irrati yaaka dalaguun yaaka yaaka caaluu waan ta'eef Ummanii Oromoo murtii isaa dhumma keenyuu qaba. Murni diina irrati rassasa tokko ilee hin dhukassin qabsa'oota Oromoo 17 bakka tokkoti rashanun erga diina of dubba qabachuu isaa ibsa. Goochan kun Atatama akka nu qulqula'uu Mottummaa Eritrea qaama yaaka kana rawwatee guyya tokko Oromooti keenuun waan hin olee. Dhaabba Oromoo diigani qabsa'oota Oromoo fixani Ginboti 7 harka lachuun yaaluun amoo gochaa diinuma sanaaf ragga guddadha. Maqa gossatiin umataa Oromoo hunda diineefachuuf wal dura dhabuun murtii yaaka rawwatuu kun qabsoo ummataa Oromoo waan gummachee kan hin qabneef lammi Oromo kan gargari diidee ta'uu isaati. Kanaafu yaakaman tokko gossa Oromoo kam iyuu bakka akka hin buunee ummani Oromoo beekuu qaba.

Sources:  http://www.bilisummaa.com

Walii-Galtee Kamaal Galchuu fi Leencoo Lataa, Ilmaan Oromoo Kaayyootti Cichan Galaafatte!

Maqaan Kamaal jedhu seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo(QBO) fi Oromoo guddeessa keessatti bara 2005 dura hin beekamu ture. Bara 2005 keessa FDG waliin wal qabatee ‘Jeneraalli’ tokko qabsoo Oromootti makamun dhagahame. ‘Jeneraala’ afaan Oromoo fi akeeka ABO dubbatutu Wayyaanee ganee mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti makame. Maqaan ‘jenerala’ kanaa Kamaal jedhama oduun jettu Oromoo gurra seente. Kamalis sirna Wayyaaneef akka dhumaateef hubachuun mooraa Wayyaanee ganuun gara Eritrea akka cehe himate. Akka Eritraa gaheen Wayyaanee yeroo gabaabaa keessatti dhabamsiisna jedhe. “Afaan wayyaaneen galuuf waraana dha, kanaaf afaan wayyaaneen galuun waliin dubbanna.” Jedhee dhaadate. Dhaadannoon isaa Oromoo mirqaanse. Oromoon gammachuun sirbee, dhiichise. Haalli gaanfa Afrikaan yeroo sana keessa turee fi hawwiin Oromoo bilisummaaf qabu irraa ka’uun yakka inni Wayyaanee waliin saba Oromoo irratti raawwate dagatame. 

Yakki mooraa diinaa keessatti raawwate dagatamnaan as dhiyoo kana ammoo ‘Jeneraalli’ lolee Oromoo lolchiisa jedhamee abdatamu, ganna 5 fi 6 booda, otuu rasaasa tokko diinatti hin dhukaasiin, qabsaawota Oromoo hedduu fixuun ‘manifestoo’ ‘dimokraasummaa itiyophummaa’  OPDOn itti dhimma baatu mooraa Oromoo keessatti facaasuu eegale. Manifesto dilana faca’e fi haaswaan Kamaal bara 2005 keessa dubbachaa ture kan walii faallaati. Haaswaan bara 2005 gochaa ture, Oromoo bilisoome, Oromiyaa walaboomte ilaaluu hawwa. Manifestoon har’aa ammoo ‘dimokraatummaa Itiyophummaa’ lallaba. Kamaal, kaleessa bilisummaa jedhu har’a maaliif dimokraasii lallabuu eegale?

Garaagarummaa ilaalcha siyaasa ABO keessatti jiru waliin wal qabatee dogoggorri seenaan dhiifama hin qabne ABO keessatti raawwate. Kunis Kamaal Galchuu ilmaan Oromoo maqaa ABOtiin ajjeesaa ture bakkaa fi gaafatamummaan isaaf hin malle qabsoo bilisummaa Oromoo(QBO) keessatti qabaachuu irraa eegala. Kamaal fi wa’iilooti isaa maqaa ‘jijjiirama’ dhimma bahuun diinni Oromoo tan calqabaa ShG-ABO dha jechuun waraana moonaa QBO keessatti labsan. Namni ergamaa Wayyaanee ture kana labsuun nama hin aja’iibsiifne ture, garuu kan nama aja’ibsiise ilmaan Oromoo ABO keessa turan isa gula ya’uu isaaniiti. Deeggarsa Kamaal argate gosa isaa fi gorsitoota isaa ‘qabsoon Oromoo karaa nagaa’ qofa galma geessi jedhan ifaa fi harka lafa jalaan isa quunnamuun ture. Sunis gatiin Kamaal ofiif qabu guddisee isa bokokse. Innis namoota kana hogganuuf of qopheessee dhaadannoo itti fufe.

Kamaal, Hasan fi Leencoo Bati akkuma Wayyaanee ifuma bahanii sab-quunnamtiitti(media) argatan hunda irratti ABO irratti ololu itti fufan. ABOn nuhis jedhan. Mana  paltalk banachuun, barruu adda addaa qopheeysuun fi facaasuun haamlee uummataa fi qabsaawotaa miidhuuf tattaafataan. Akeeki tokkummaa Oromoo diigu raawwachuuf caasaa isaanii bakka hedduutti diriirfatan. Ilaalcha gosummaa fi gandummaa moonaa Oromoo keessatti babaldhisan. Gama biraan Amaara quunnamuun Itiyophiyaa dimokraatessuuf waliin hojjenna jedhanii waadaa galan. Adeemsa kana keessa Oromummaa nu dagachiisuuf tattaafatan.

Kamala guyyaa isaan waliin waadaa walii seene irraa eegalee qabsaawota Oromoo malee diina lolee hin beeku. Wayyaanee waliins qabsaawota Oromoo lole, har’as qabsaawota lolaa jira. Raasaasa tokkos diinatti dhukaasuun hafee dhagaa tokko diinatti hin darbatne. Kun isaa fi gartuun isaa Wayyaanee waliin araaramuuf fedhii qabaachuu irra darbee qabsoo bilisummaa Oromoof gufuu ta’uu muldhisa. Yoo diinatti dhukaasan dhimma araaraa isaan Mallasaa(diina) waliin xumurachuuf hawwan akka jalaa hin jeeqamneef qawween isaanii Oromoo qofaatti garagaltee Oromoo ajjeesti. ‘Araarri’ dhiyeenya ABO fi QJ-ABO gidduutti godhamuuf deema jedhamee oofamus warra kana dura dirqama mooraa QBO jeequmsa keessa seensisetu walitti deebihuuf fedhii godhate malee kan qabsaawota Oromoo ilaallatu miti. Dirqama Kamaal Galchuu karaa Hasan Huseen Leencoo Lataa irraa fudhate raawwatee mooraa qabsoo diigaa fi dhiigsaa turetti deebihuuf tattaafachaa jira. Araara Leencoo fi Kamaal duuba araara Mallasaa waliin ta’utu itti fufa. Qophii araara Mallasaa waliin godhataniif ammoo manifesto tolfatanii jiru.

Kan nama gaddisiisu akeeka gatii hin qabne fi Manifesto isaanii keessatti calaqisu kana bakkaan gahuuf jecha ilmaan Oromoo hedduu fixuu isaaniiti. Ilmaan Oromoo Oromummaatti cichan, Oromoon gosaa fi gandaan adda qoodamuu hin qabu jedhan, Itiyophummaaniis Oromoof hin baasu jedhani falman gammoojjii keessatti dhumatan. Ilmaan Oromoo Ertiraa, dirree kibbaa, fi bakkoota adda addaatti fixanis yaada isaanii fudhachisuuf qofaa ture. Yaada isaanii fudhachiisuu duuba ammoo akeeki isaani Mallasaa waliin araaramuu dha. Kanaaf ammoo ragaan Lichoo Bukuraa TV Itiyophiyaa irratti bahee waamicha isaanii dhiyeessaa jira. Sababa kanaan ilmaan Oromoo hedduu diinatti dabarsanii kennuun, dirree qabsoo Oromoo bakkayyuu jiru quunnamuun qondaalota abdii kutachiisuun diiguun yakki guddaa QBO keessatti raawwates akeeki isaa kanuma. Hawaasi Oromoo biyya alaa diigamuu fi caasaan ABO biyya alaa diiguuf tattaafatames akeeka addaa hin qabu. Kamaal dirqama dirree isatti dhi’oo jiru keessatti raawwachuuf dirqama ol-aanaa fudhatee ilmaan Oromoo hedduu fixe. Haala kanaan marsaa tokko keessatti qofaa ilmaan Oromoo 17 ajaja isaatiin Asabitti rashanaman. Warra rashanaman keessaa fakkeenyaaf:

1. Asad Ahimad Mohamad (Baha Oromiyaa Harargee irraa, sababaa Manifestoo fudhachuu diduun, Amantaa islaamummaa seera dhaabaan ala waraana keessatti barsise sababa jedhuun)

2. Barraaqo Liiban Galgaloo (Kibba Oromiyaa Borana irraa, Manifesto fudhachuu diduun, Leenjii hin fudhadhu jedhe, Wayyaaneetti ganuuf akeeka qaba, Namoota wajjin hidhame akeeka kanaaf hin qabsa’ina jedhee gorse, Bobbaa zoonii baha irraa baqatee dhufe sababa jedhuun)

3. Waggaarii Guddinaa Waq-jiraa (Dhiya Oromiyaa Wallagga irraa, Manifestoo fudhachuu diduun gara wayyaaneetti ganuuf garee qopheefatee otoo ganuuf jedhuu qabame sababa jedhuun)

4. Yohanis Oljirraa (Gidduu galeessa Oromiyaa Shawaa, Amboo irraa, Artist Oromiyaa mara keessatti beekamu, Manifeestoo fudhachuu diduun waraana nurratti kakaase sababa jedhuun)

5. Darajjee Waltajjii (Dhiya Oromiyaa Wallagga irraa, Pilot Oromoo air force Impayera Ityophiyaa keessatti hojii muldhataa dalagaa ture, Manifesto fudhachuu diduun maadhee Sh-G nu keessatti diriirse sababa jedhuun)

6. Toofik Muummee Umaar (Baha Oromiyaa, Harargee irraa, Nama gansiisuu fi akka ganan kakaasuudhaan hojii diiggaa raawwate, Hooggana dhaaba Qaama Jijjiiramaa balaaleffata, wayyaanee faarsuudhaan ergaa diinaa raawwatte sababa jedhuun)

Tarrisa ilmaan Oromoo isaan fixan hunda yeroo fi bakka itti ajjeefaman galmee seenaa qabatee jira. Galmeen ilmaan Oromoo isaan fixan garuu seenaaf katabamee ta’aa. Kaayyoo fi hawwiin Oromoo dhaloota harayaatti darbee jira. Ilamaan Oromoo ilaalcha siyaasaa addaa qaban fixuuni fi ficisiisuun dimokraatawaa ta’uuf deemu? ‘Dimokraatoti’ ilaalcha siyaasaa isaanii Oromoo fudhachiisuuf qofa Oromoo fixan kana Oromoon marti hubachuu qaba. Maqaan amma araaramna jedhani olii fi gadi fiiganis yakkamtoota dha. Yakkamtoota maqaa dimokraasiitiin daldalan dha. ‘’Dimokraatota’ Oromoo ajjeesan’ dha. Silaa dimokraatota ta’an nama ilaalcha addaa qabu maaliif ajjeesu? Diinatti dabarsanii kennu? Nama ajjeesanii ilaalcha siyaasaa ofii fudhachiisuun akeeka dimokraasii keessa hin jiru. Moo dimokraasii gosa kam nu barsiisuuf laataa? We can call them, both Lenco Leta and Kamal Gelchu “The smartest, democrats, conditional, unionist’ who are known by killing their own comrades!” Warri isaan faarsitan maaliif akka faarsitan hubatamaa dha. Yoo sodaattanis akkasuma. Warri isaan sodaattan, faarsitan, waaqeeffattan hirriba jirtan keessaa dammaqaa. Yoo dammaquu hin dandeenye haga nyaatamtanitti guyyaa lakkaawwadhaa. Markaba galaana irraa kan compasii hin qabne irra jirtu. Warri abdii kutate ofiifuu hin hilan. Abdii kutannaan emailinu nama doorsisaa jiru. Maqaa Wayyaanee namatti maxxansu yaalu. Warri wayyaanee waliin haasahuu fi isaaniif dalagaa jiranuu, isaanuu Wayyaanee hin jedhamne.

Injifannoo Ummata Oromoof!

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved