|
Ibsa Gaddaa
Jaallee Lidiyaa Namarraa
Lidiyaa
Namarraa Qabsoo ummataa Oromoo keessati ummrii ishee
gutuu of qusannoo tokko malee gumacha Oromoo irraa
egamuu ba’uun hojii gotummaa hojeechuun ga’ee ishee
xumrateetii; Lidiyaa Namarraa seena qabsoo Oromoo
keessati bakaa waraan Oromoo ga’ee hundati, bakka
baqatan oromoo rakkatee hundati gargarsi ishee humni
ishee birra hafee hin beekuu, rakko Oromoo biyyoota fi
Embassy heeduti bareesun Ambassadara Oromoo dhugga
ta’uun goochaa gari ummataa keenyaf hojeete seena Oromoo
keessati bakka gudda akka qabuu Oromoon ragga ba’aa.
Ibsa ABO seena jaalle Lidiyaa Namarraa:
Jaallee
Lidiyaa Namarraa, abbaa isii Obbo Namarraa Dheeressaa fi
haadha isii adde Magartuu Gammadaa irraa bara 1954 Dhiha
Wallaggaa aanaa Najjootti dhalatte.
Umriin isii
barnootaaf akka gaheen barnootaa sadarkaa duraa mana
barnootaa Misiyoonaa Swiidini magaalaa Najjootti
argamutti baratte. Barnoota sadarkaa duraa Najjotti
eerga xumuratteen booda barnoota sadarkaa lammaaffaa
mana barnootaa “Debrezeit
Ethiopian evangelical college” jedhamu magaalaa
Bishooftuutti argamutti itti fufte. Ulaa kudha
lammaffaatti qormaata ESLCE kennamu fudhattee qabxii
universitii isii seensisu waan fiddeef Haile Sillaase
First University bara 1973 – 1974 seente. Akka
Dargiin aangoo fudhateen dirqama Zamachaa jedhamu
irraa qooda fudhatee, universitytti deebi’un barnoota
isii xumuruun digirii sakarkaa duraa argachuun
eebbifamte. Akka eebbifamteen hojii mootummaa haga tokko
osoo hojjataa jirtuu barnoota dabalataa argachuuf carraa
scholarship bara 1985 argattee biyya England deemtee
barnoota ol aanaa hordofuun digirii lammaffaa xumuruun
eebbifamte.
Jaal Liidiyaa Namarraa
bara barattuu sadarkaa lammaffaa turte irraa eegaltee
dargaggootaa fi barattoota Oromoo waliin ijaaramuun
qabsoo bilisummaa Oromoof qooda irraa eegamu gumaachuu
jalqabde. Wayta barataa Yuniveristii Finfinnee turtetti
barattoota sab-boontota Oromoo waliin ijaaramuun sochii
barattootaa Oromoo yeroo sana godhaa turan keessatti
qoodni gumaachite ol aanaa dha.
Jaal Liidiyaa
Namarraa erga biyya alaatti baatee ammo barattoota
Oromoo biyya Awroppaa fi Amerikaatti of ijaaramanii
qabsoo bilisummaa deggeranitti makamuun qooda guddaa
kennite. Keessaafuu waldaa Tokkummaa Oromoo Awroppaa
dame UK keessattii fi Waldaa Gargaarsa Oromoo keessatti
qoodni isiin kennite guddaa dha. Jaal Liidiyaa Namarraa
wayta biyya alaa turtetti rakkoon siyaasaa ummata Oromoo
addunyaa biratti akka hubannoo argatu taasisuuf
Tokkummaa Barattoota Oromoo Awroppaa (TBOA) keessatti
ijaaramuun qooda ol aanaa gumaachite. Kanatti dabaltees
rakkoo ilmaan Oromoo irra gahu furuuf sochii godhaa
turteen , biyyoota olla Itophiyaa kan akka Sudaan,
Jibuutii fi Keenyaatti marmaaruudhaan haala baqattootni
Oromoo keessatti argamanii fi rakkoo biyyoota ollaatti
isaan mudatu qoratuun hawaasni addunyaa akka hubatu
taasisuu dhaan dirqama Oromummaa bahataa turte
Haaluma kanaan wal qabateen Jaal Liidiyaa Namarraa
waajjira WGO UK-ttigaafatamtuu tahun waggaa dheeraaf
hojjatte. Wayta kanattis baqattoota
Oromoo Sudaan,
Keenyaa, Jibuutii fi Ertiraa jiran gargaarsa adda addaan
akka dhaqqabaman taasisuu keessatti qooda mul’ataa qabdi.
Jaal Liidiyaa
Namarraa rakkoo ummata Oromoo furuuf kanneen of
kenniinsaan sosso’an keessaa tokko, biyya Ingiliiziitti
bakka bu’aa ABO tahuun kan hojjatee fi Kutaa ABO UK
keessatti kan qooda ol aanaa
gumaachite dha.
Jaal Liidiyaa Namarraa
hanga biyya Ingilizii jiraachaa turtetti baqattootni
Oromoo fi walumaa gala
baqattootni Itophiyaa biyya Ingiliizii seenan akka
koluu galtummaa argatanii
fi gaaddisa seeraa dhabuun biyya itti baqatan
irraa gara Itophiyaatti
akka hin darbamne taasisuuf hifannaan malee mana
murtiitti marmaaruun balaa
mootummaan Itophiyaa irraan gahuu malu irraa baraaruu
keessatti kan qooda ol aanaa qabduu fi baqattoota
biratti ulfinaa fi jaalala guddaa qabdu dha.
Jaal Liidiyaa Namarraa
hirmaannaa fi qooda qabsoo keessatti qabaachaa
turte Kora
Sabaa ABO bara 2004 godhame irratti miseensa Gumii Sabaa
ABO tahuun
filamtee Damee Hawaasummaa jalatti gaafatamtuu Birkii
Hirphaa fi
Hadhaadhiyyaa tahuun hanga addunyaa kana irraa du’aan
boqatutti
dirqama lammummaa fi qabsoo bahataa turte.
Hogganni ABO
du’aan boqotuu J/Liidiyaa Namarraatti gadda ol aanaa
itti
dhaga’ame
ibsaa, maatii, firoottan, jallan qabsoo ishee maraa fi
waahellan
qabsoo maraan irraa hafaa
jedha.
Gadaan Gadaa Bilisummaa
ti!
Injifatnoo Umama Oromof!
SHG-GS-ABO |