|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Ibsa Walhubannoo THBO fii ABOAdda Bilisummaa Oromo (ABO/OLF) fi Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO/ULFO) Nuti dhabboleen lamaan ABO fii THBOn kan seenaa of danda’aa mata-mataa ofii qabnu, haallan keessa daddabarree har’a geenyees moyxannoo gurguddoon kan irraa horataman akka tahan bekkamaa dha. Seenaa qabsoo isaa keessatti haallan har’a irra gahaa jiran ka durii irraa ayinaa fi hammeenyaan fofokkatoo fi hamoo akka tahan Ummatni Oromoo gadda guddaattiin ilaalu. Mootichi Habashaa Minilik impaayera dhiigaan diriirfatee, Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biraatiis humna qawweetiin bitaa akka ture ifaa dha. Koloniyaalistoonni Habashaa kanneen isa boodaan waldabraa dhufaniis, haaluma fakkaataa akkasiitiini Oromiyaa gabrummaa jalatti bulchaa turan. Diinni ar’aatiis masarraa Minilik handhuura Oromiyaa keessatti ijaarrate keeysa qubatee, biyya teenya akka jirutti dhaalee, maqaa dimookiraasiitin addunyaa fi Ummatoota biyyattii hanqa tokko gowwoomsee saaminsa, hacuuccaa fi ajeechaa gara-jabeenyaa Ummata Oromoo irraan gahaa jiraachuun isaa hubatamaa dha. Haala kana hubachuudhaan nuti THBO fii ABOn, humna, qabenyaa fi dandeeytii qabnu qindoominaan walitti luucceeysannee diinarratti bobbaasuuf walii gallee jirra. Sochii qindoominaan gaggeysuudhaan, umriin diina hamaa kanaa akka gabaabbatuuf dhaabboleen keenya lamaan, ABO fii THBOn, waan dandeenyu hundumaa gochuu irraa boodatti akka hin deebine irra deddeebinee mirkaneessina |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |