Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Ibsa Ijjannoo Qabsaa’ota ABO Oromiyaa Irraa

Akkuma ifaan ifatti beekkamu, uumanni keenya Oromoon jaarraa tokkoo oliif garbooftaa habashaa jala jiraataa akka jiru addunyaan ni beeka. Akkas haa ta’u malee, uumanni Oromoo mootummaa garboofataa kana yeroo tokkoo illee tolee jedhee fudhate manatti galee taa’e akka hin jirre dinnii Oromoo iyyuu ragaa ni ba’a. Yeroo dheeraa kana keessatis miidhaa fi mancaasaa kana hin jenne uumata keenya daa’imma, jaarsaa fi jaartii osoo hin jedhiin akka geessisa turedha, har’as itti fufee jira. Garbummaa habashaa kana of irraa fonqolchuu fi mancaasuuf lubbuun lammii keenyaa kan lakkaa’amuu hin dandeenye wareegamtee dhiigdi isaanii akka bishanii dhangala’ee qamni isaanii bineensaan nyaatamee akka juree, ammasi itti fufee akka jiru fira dhiisaatuu diinnuu kan beekudha.

Mootummaa garboomsaa habashaa kana of irraa buqqisuuf gootonni Oromoo bara dheeraan dura gaachanaa fi abdii uumata Oromoo kan ta’e Adda Bilisummaa Oromoo, ABO, hundeessuun falmii diina irratti eegalan. Haa ta’u malee, hawwiin bilisummaa kun rakkoolee hiika hin qabneen xaxamuun ykn takaalamee bakka jiruutti qancaruun amma guyyaa kanaatti  fala osoo hin argatiin turee jira. Osoo kun kanaan jiruu, ammasi namoonni fedhii fi mora (xinqolaa) Habashaatiin jaamanii fi duudan kun kaayyoo qabsoo fi hawwii uumata Oromoo kana karaa irraa jallisuuf ykn maksuuf ammasi ergamtoota diinaatiin akka yaalamaa akka ture oduu torbee darbe kana gama hoogganttotaa fi miseensotaa ABO, akkasumasi, odeefannoo dame keenya kan alaa darbu irraa argannee mirkaneefannee jirra.

Nuti hoogganni ABO kan dirree Oromiyaa keessa jirru labsa namoota biccuu fi ergamtoota diinaa kaleessaa kan turaniin kaayyoo ABO (walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa saba Oromoo) kana jijjiiruuf yaaluun ykn jijjiiruun isaanii kan guddaa nu arsee fi nu gaddisiise akkasumasi yakka ta’uu isaa edda gad fageenyaan xiinxallee booda ibsa ijjinnoo fi deeggarsaa keenya hooggantoota ABO yeroo kana murannoo fi kutannoo keenya dhageesisuuf akkasumasi uumata Oromoo addunyaa irra jiruuf gadda guddaa kana dabarsuuf qabxiiwwan armaan gadii kana tokkummaan dabarsinee jirra. Kunis:

1.      Nuti ilaam Oromoo garboofataa wayyaanee ykn habashaa kana of irraa mancaasuuf qabsoo abbootiin keenya jalqaban fiixaan baasuuf hanga kaayyoon keenya galma isaa ga’utti gufuu kamiyyuu  diina keessaa fi alaan yeroo yeroon kaayyoo ABO irratti aggaamamu kana akka irraa tiksinuu fi qabsoon keenyas waan yartuu  anaan duubatti deebisuu akka hin dandeenye cimsinee isin mirkaneessina,

2.      Qabsoo kana laaffisuuf akkasumasi kaayyoo fi hawwii uumata Oromoo kana karaa irraatti hambisuuf labsii namoonni gantuun qubaan lakka’aman kun baasaan akka murtii ABO haqaaf dhaabate akkasumasi fedhii ykn hawwii ummata Oromoo biyya keessaa akka hin taane jabeesinee isin hubachiifna,

3.      Jeneraalonni kaleessa habashaaf hojechaa badii gaddisiisaa uumata keenya irratti raawwatan sun hanqatee, ammasi dhiiga ilmaan Oromoo diina waliin dhaabbatanii dhangalaasuf gara mooraa diinaatti deebi’uun isaanii kaayyoo dhoksaa diinaa kana fiixaan baasuuf akka hojjetaa turanii fi ammasi akkan hojjetaa jiran nu mirkaneessee jira.  Haa ta’u malee, labsii isaan heeraa fi seera ABO jijjiiruuf yeroo ammaa kana baasan kun akka hooggana ABO, miseensaa fi saba Oromiyaa keessa jiru biratti fudhatama akka hin qabne insina,

4.      Nuti hooganni ABO Oromiyaa keessatti qabsoo geggeessaa jirru ammuma feedhe qabsoon keenya wal xaxaa fi rakkisaa ta’u illee ijjinnoo keenyaa kan abbaa biyyummaa deefachuu irraa akka nu hin dhaabne kutannoon ilmaan Oromootii fi firoolee saba Oromootiif gammachuu guddaan ibsina,

5.      Qabsoon bilisummaa saba Oromoo kana yoomiyyuu caala daran cimsinee akka itti fufnee jirru hooggana yeroo ABOtii dhaabateef deegarsa keenya daangaa akka hin qabne kabajaan isiniif mirkaneesina,

6.      Dhuma irratti, waamichi keenya:

a.      qabsaa’otaa fi sabboontota Oromiyaatiif qabnu yeroon ammaa yeroo garaagarummaa xixxinnoo jirtu kana irra dabarree tokkummaa keenya cimsinee roorroo gabrummaa jaarraa tokkoo ol ta’e kana akka yeroo dhumaatiif of irraa barbadeesinu waamicha lammummaa isiniif goona,

b.      hooggana ABO yerootii fi akkasumasi jaarmayoota kamiyyuu walabummaa Oromiyaatii fi bilisummaa saba Oromiyaatiif dhaabbattan tokkummaa keenya yomiyyuu caala akka cimsinu waamicha lammummaa isiniif goona.

OROMIYAAN NI WALABOOMTI!!

Qabsaa’ota ABO,  Oromiyaa

Amajjii 09, 2012


Teessoo Qabaa Gulaalaa

“Hiimaa Dhiiddeen Du’aa Hin Didduu” jiradha Oromoo Article kana gadii jiru hunda irrati gorsaa ture link kana dubsa hunda isaa .  Gulaalaa

Links:

  1. http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Ibsa%20Ejjannoo%20GPO%20Qabsoo%20Bilisummaa%20Oromoo%20tokkomsuu%20ilaalchisee.htm
  2. http://www.opride.com/oromsis/news/horn-of-africa/3550-the-new-olf-program-much-ado-about-nothing
  3. http://gadaa.com/oduu/8185/2011/02/27/nonviolent-struggle-ethiopian-exceptionalism-part-i/
  4.   http://gadaa.com/oduu/8187/2011/02/28/nonviolent-struggle-ethiopian-exceptionalism-part-ii/
  5. http://www.americanchronicle.com/articles/view/171063
  6. http://www.americanchronicle.com/articles/view/171325
  7. http://www.americanchronicle.com/articles/view/171505
  8. http://www.americanchronicle.com/articles/view/171658
  9. http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Ibsa%20Ejjannoo%20GPO%20Qabsoo%20Bilisummaa%20Oromoo%20tokkomsuu%20ilaalchisee.htm
  10. http://www.oromoparliamentarians.org/Dhaamsa_bara_haaraa/Mootummaa%20TPLF%20buqisuu%20irrati%20wal%20gala.htm
  11. http://www.oromoparliamentarians.org/Dhaamsa_bara_haaraa/WFDO%20fi%20KBO%20Kayyoo%20Ganama%20Kabajuu%20qabu.htm
  12. http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Habashan%20yoomi%20ilee%20fira%20qabsoo%20keenya%20miti..htm
  13. http://www.oromoparliamentarians.org/Galmee%20Oduu/Oromo%20People%20must%20be%20fight%20for%20Oromia%20Freedom.htm
  14. http://www.oromoparliamentarians.org/Dhaamsa_bara_haaraa/Waamiichaa%20Qabsoo.htm
  15. http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Oromoo%20irrati%20yaakaa%20dalagama%20jiru%20fatima%20Norway.htm
  16. http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Jijirami%20yaakaa%20Oromoo%20irrati%20dalaga%20jiru.htm
  17. http://www.oromoparliamentarians.org/Dhaamsa_bara_haaraa/Dhaamsaa%20Jimma%20University%20irraa.htm
  18. http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/Itoophiyaan%20Haadha%20hunda%20Miti.htm
  19. http://www.oromoparliamentarians.org/dhimma_adda_addaa/OPDO%202faaf%20diina%20%20jala%20deemanf.htm

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved