|
|
New
Page 2 home
Kaayoon Bilisummaa Oromomiyaa Gurguramuu hin Hayyamnnu 01/01/2012
IBSA EJJENNOO HOOGGANOOTA FI MISEENSOTA ABO
KAAYOON BILISUMMAA OROMIYAA GURGURAMUU HIN HAYYAMNNU
Umanni Oromo eega biyya Oromiyaa humna waraana habashootan saamame,
waggaa dhibba caalaa tahun beekamaa dha.Weerara habashoonni Oromiyaa
irratti banan ifirraa ittisuu dhaaf wareegama gudda fi qaalii kan
akka harka, miila, harma fi mormaa muruu kafaleeti jira.
Akkasumatti kiyyo gabrummaa jalaa bahuu
dhaaf hanga ammaatti wareegama qaalii kana kafalaa akka jiru seenaan
diddaa gabrummaa sirritti ibsiti.
Habashootiin gargaarsa meeshaa baranee biyyoota alaa irraa
arkataniin Oromiyatti dulanii eega cabsan booda, Oromoon gabrummaa
jalatti kufe, biyya isaa irrattti alagoomee, gabrummaa
hamtuu adunyaa irratti hiriyaa hin qabne mudate. Oromoon araddaa fi
qe'ee isaa keeysatti akka bineensa bosonaatti aloolame ajjeefame,
akka beeyladaatti dhimma itti bahame. Gabra fijaa hin qaabne ka
hojjatee nafxanyaa Amaara gabbaru, kan osoo ilmaan isaa beelaa,
daaraa fi doofummaan hubamanii, ilmaan nafxanyaa nyaachisuu fi
barsiisuu dhaaf dirqamu tahe. Walumaa galatti roorroo fi
miidhaa ilma namaa mudachuu hin qabne nafxanyoonni Oromo irraan akka
gahan seenaan ni mirkanneysiti.
Haa tahuu malee, ummanni Oromoo hiree argamte hundaatti dhimma bahee,
gabrummaa habashootaan isaan mudatte fonqolchee ifiraa kaasuu dhaaf,
yaroon qabsoo irraa harka maratee taa'ee hin jirtu. Arralee,
qabsoon Oromiyaa harka gabroomfataa habashaa jalaa walaboomsu dhaaf
godhamtu itti fufaa jirti. Hanga Oromiyaan walaba taatuu, hanga
ummanni Oromoo bilisa tahe hiree isaa dhiibaa takkaan
maletti murteeyfatu qabsoon Oromiyaa walaboomsuu fi ummata Oromo
bilisoomsuu dhaaf, kaayoo ABOn labsamte wareegama qaqqaalii kamillee
yoo gaafattee hamma galiin fiixa baatuu qabsoon itti fufti jenne
amanna.
Akkuma beekamutti, nuti miseensotiin ABO, bara 2008, keessa
rakkoolee dhaaba keenya fuula dura deemuu dhoorkan irra aanuu dhaa
fi furmaataas itti barbaadu dhaaf dhaaba keessatti jijjiirama hundee
labsuun keenya ni yaadatama. Labsa jijjiirama kana irra kan ka'ee
miseensota fi hoogganni dhaaba bakka lamatti qoodamuun, ABOn
rakkoolee addaa keessa seenuun waan beekkamaa ti. Rakkoolee
jaarmaya keessatti nu mudatan tanneen wal’aanuu dhaaf
tattaafiin adda addaa godhamanillee haga ammaatti raakkoolee tanneen
irra aanuun hin dandayamne. Kun tahuun qabsaawota, sabboontotaa fi
ummata Oromoo bal'aa hamilee caphsuun waan dhokataa miti.
Dhugaan jirtu osoo tana taatee jirtuu, nu miseensota jijjiiramni
hundee ABO keessatti arkamuu qaba jenee kaane, haallan ifirraa hin
eeyne, haallan ni taha ja'amee hin yaadamin nu mudatee jira. Haallan
kanneenis haallan gaddisisoo fi haallan murnoota maqaa ABO himatan
kamillee irraa hin eegamne.
Hallan Kanneeniis:
Hoogganootiin hagoon ABO (Jijjiirama) geggeesan,
1 Kaayoo Adda Bilisummaa Oromoo tan (Kora Sabaa tiin
bara 2004 tumamte) heeraa fi seera dhaabatiin alatti
jijjiiruun,
2 Kaayoo Itoophiyaa dimokraateysuu akka kaayoo
dhaabaatti fudhachuu dhaan qabsoo ummata Oromoo xurree irratti
jaaramte irra fageeysuu dhaaf, afanfaajjii hammana hin je'amnne
ummata Oromoo keeysati akka uumamu godhuun.
3 Sabboonummaa Oromoo kolaasanii, Habashaaf guggufanii,
qabsoo bilisummaa Oromiyaa dura dhabachuu dhaaf murteefachuun,
4 Fedhii saba Oromoo irra fedhii Habashoota
mirkaneeysuuf, Habashaaf irree tahuu filatani waan murteeyfatanif
jecha,
Nuti,
hooggantoonni fi miseensoonni dhaaba tarkaanfiilee asi gaditti
tareeyfaman fudhanee jirra.
1. Hoogganoota dhaabaa kanneen kaayoo Itoophiyummaa
filatan arra irraa jalqabee akka hoogganoota dhaabatti isaan hin
beeynu.
2. Kaayoo Itoophiyummaa tan farra bilisummaa
Oromiyaa ta namoota waa xiqqoon maqaa ABOtiin labsamte tana waan
dandeenyu hundaan dura dhaabanna.
3. Nuti miseensoota fi hooggantoonni tarkaanfii tana
fudhanne, dhaaba keenya akka kaayoo isaa irratti deebi'ee qabsaawu
miseensota dhaaba waliin taanee qabsoo teenya ta Oromiyaa
blisoomsuu,ta ummata Oromoo abbaa biyyaa taasisuu itti fufna.
4. Namoota Kaayoo dhaaba jijjiiranii kaayoo
Itoophiyummaa (kaayoo Habashootaa) Oromoo irratti deebisanii
mootomsuu filatan miseensotiin dhaaba, sabboontotiin Oromoo fi
ummanni Oromoo bal'aan akka dura dhaabatan yaamicha goonaaf.
Dhaamsa:
Dhaabni keenya dhaabolee Oromoo walaba tahani fi moraa qabso
bilisummaa oromiyaa keeysa jiran wajjiin qabsaawuu dhaaf qophii dha.
Tanaas hujiin mirkaneeysuu dhaaf Koonfirensi Araaraa fi Dadaa
Tokkummaa hatattamatti akka godhamu dhaaboolee bilisa tahani fi
qabsaawoota hundaafuu yaamicha keenya ulfinaan dabarsina.
Nuti miseensoonni maqaan keenya armaa gaditti tareeyfame murtiin tun
teenya akka taate mirkaneeysina.
1. Ibrahim Muumme, Miseensa gumii sabaa fi
miseensa KHR, Dubbataa Dhaabaa.
2. Damsho Ali, Miseensa gumii sabaa, itti gafatamaa
Birkii Siyassa.
3. Abdi Ibrahim (Rushi), Miseensa Gumii Sabaa, Itti
gaafatamaa Birki Jaarmaya Biyya Alaa.
4. Samiya Usman, Miseensa Gumii Sabaa itti
gaafatamtuu Dhimma Dubartootaa.
5. Ahmed Ibroshee, Miseensa Birkii Siyaasaa
6. Abbaa Abdii miseensa Koree Jaarmayaa
7. Diriba Hordofa, Miseensa GS,
8. Ahmed Yassin, Miseensa Koree Aadaafi Beeysisaa (waraabi)
Injifannoo ummata oromootif
Oromiyaan ni Bilisoomti
Amajjii 1, 2012
|
|