Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

ADDA BILISUMMAA OROMOO

Guyyaa: 14 Amajjii 2012 Lakk. 002/ABO/12

Mooraa qabsoo walabummaa Oromiyaa tokkoomsuuf ABO irraa waamicha dhihaate
Qabsaawotaa fi Sabboontota Oromoo maraaf,

Yeroo murteessaa ta’e keessatti waamicha seena qabeessa kana isiniif dhiheessuun dirqama qabsoo fi dirqama lammummaa keenya jennee amanna.
Yeroon ammaa kun mii’dhaan diinni garboomfataan ummata keenya irraan geessisaa jiru ha’dhaawaa fi obsa fixachiisaa ta’uu bira kutee ummata keenya lafa irraa dhabamsiisuu irratti akeekkate ta’un wal nama hin gaafachiisu.
Haala xaxaa qabsoo fi adda babahinsa mudateen abdii murachuun, hedduun qabsoo irraa of moggeessitanii waan deemaa jiru daawwachaa akka jirtan beekamaa dha. Bakkuma jirtanitti miidhamni ummata keenya irra gahuu fi gufuun qabsoo bilisummaa saba keenya mudatu akka isin laalessu nutti dhagahama.
Qabsoo bilisummaa ilmaan Oromoo kumaatamaan itti wareegaman dabalatee mirgoota hanga ammaa qabsoon deebifanne illee gaaffii jala akka galu kan gochaa jiran maqaaf nuti Oromoo jechaa dalagaan garuu hojii farra ummataa ta’e irratti kanneen bobba’an kanuma isinuu dura dhaabbattanii falmaa jiratan waan ta’eef sana isiniitti himuu nu hin feesisu.
Jaarmonni hawwata Habashootaaf jilbeenfachuu murna Jijjiiramaa dura dhaabbachuuf karaa gara garaan dhaabbii keessan ifa gootanis jiraachuu arginerra. Tarkaanfiin akkanaa abdii fi jajjabina nutti bulcheera, akka daran ija godhatu fedhii keenya.
Lootee galtoonnii diinaan taliigaman maqaa dhaaba keenya ABO dhahachuun eenyummaa ummata Oromoo irratti tarkaanffii farrummaa fudhatuun “sagantaa ABO jijjirree, ummata Oromoos akka saba Itoophiyaattii jijjiirre” jedhaanii labsa baafatuu isaanii argitanii jirtu. Kun salphaattii kan ilaalamu fi eessa illee hin ga’u jedhamee dhiifamu miti.
Kanaan dura harki diinaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa dhoksaan hojjetaa ture, ilmaan abbaa tokkoo kan taanee fi qabsoo keessatti bara dheeraa waliin wareegamne balbala balbalaan nu caccabsee olola dharaa nu gidduuttii oofaa turuun ni yaadatama. Harkii diinaa sun amma garu ifatti lallabaa jiraachuun dhokataa miti.
Yoo ammaan kana shafisaan hurrii laamshessaa kana of irraa haqnee waliitti dhufne dhaaba keenya ABO hin dhinsinu taane irraa-jalaan humni keenya faffaca’aa kan diinaa ammoo dagaagaa deemuun waan hin oolle dha. Kanaaf, dirqama seenaa kana qaroominaa fi bilchinaan haa ba’annu. Dirqama kanas haala saba Oromoo deebisee kabajaa itti horuun galamaan geenya jennee amanna. Dirqamni kun akka galama gahus gama keenyaan dandeettii keenya hundaan irratti akka hojjennu ifatti mirkaneessina.
Tokkummaan humna kan jennu sana hojiin addunyaatti mul’isuuf carraan isaa amma. Diinni keenya alagaa biratti irra deddebi’e kan odeessu Oromoonni waliif galuu hin danda’an jedha. Kanas dhara ta’uu itti argisiisuutu nurraa eegama.
Nuti gama keenyaan akkuma kanaan duraa “kaayyoo ABO haaraa” jedhanii kan warrii Jijjiiramaa labsan kana, gochaa diinummaa fi farrummaa Oromoo irratti hojjetame waan ta’eef haala sukanneessaan balaaleffanna.
Kanaaf jecha, ammaan kana miseensotni ABO murna kam keessa illee jiran kanneen kaayyoo ganamaatti amannu walitti dhufnee dhaaba keenyaa fi ummata keenya qaanyii keessaa haa baafnu jenna. Balaa nuuf qophaawe gara milkiitti haa jijjiirru jenna. Kufaatii nuuf hawwame kana gara injifannoo olaanaatti akka jijjirus shakkii tokko ille hin qabnu.
Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo maqaa ABOtin geggeffamu kan sagantaa isaa irra jiruu fi ture, mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii itti gochuu malee kan biraa tokko illee ta’u hin danda’u. Galii biraaf warri hojjetan dhaaboti biroo ni jiran, sichis umamuu danda’u. Kaayyoo ABOn qabatee deemaa jiru kan seera addunyaatiin mirkanaawee fi ummatoota Eritriyaa fi Sudaan Kibbaa walabummaa biyya isaanii argamsiise dha. Oromoofis ni argamsiisa.
Yaa ilmaan Oromoo!!
Duumessa qabsoo Oromoo dhabamsiisuuf walkuusaa jiru kana harka walqabannee lafaa kaanee daddaffiin hin haqnu yoo ta’e seenaan dhaloota dirqama isaa bahachuu osoo danda’uu dhibaa’ummaaf kufe jedhee akka nu madaalu shakkiin hin jiru.
Tokkuummaa qabsaawotaa ijaaruun fardii waan ta'ef, yeroo gabaabaa keessatti fiixaan bahee, mooraan ABO kaayyoo mootummaa walaba Oromiyaa ijaaruu jalatti akka tokkoomuuf miseensotnii fi deggertootni gartuulee ABO hundi, akkasumas ummatni Oromoo tarkaanfii barbaachisu akka fudhattan jabeessinee gaafatna. Tokkummaa kaayyoo irratti hundaawe argamsiifnee waliin akka milkoofnu abdanna.
Oromiyaan ni bilisoomti!
ADDA BILISUMMAA OROMOO

P.O.Box 21762, Washington DC, 20009, USA Tel: (202)-521-5653
E-mail: waajjira@oromoliberationfront.info
www.oromoliberationfront.info 
ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved