Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

Ibsa Ejjanno Hogganoota SG_ABO:Jijjiiramaa 01/01/2012


Maqaa Jijjiiramaatiin Seenaa Oromoo Haqanii, Kayoo Bilisummaa Fonqolchanii fi ABO Butatanii Alagatti galuu hinhayyamnu!
Xalayaa Sadaasa 8, bara 2008  Gurmuu qabsaa’ota bilisummaa Oromoo deebisanii ijaaruu jedhu jallatti,  koreen yeroo  ABO yaamicha Dhaaboole oromoo walabaa taniif ergitee akkana jedha:
“ummanni Oromoo mootummaa mataa isaa akka qabaatu . Biyya Oromoo, Oromiyaa , irratti mirga abbaa- biyyummaa akka gonfatuu fi kana fiixaan baasuuf waraana biyyaa fi sabaa kan diina cabsuu fi rorroo kamuu saba keenya irraa ittisuu danda’u ijaaruu dha”  jedhuu fi wa’aada iffatti kaayyame kana amanuuni  marii fi mormii woggaa tokko fixee booda gurmuu qabsaawootaa kana mirkaneeysuu irratti bobbaanne.

Onkolooleessa 31, bara 2009 seenaa boonsaa galmeessuun abdii fi hawwii ummatni Oromoo eegachaa ture mirkaneessuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti warraaqsi jijjiirraa hundee godhamuun isaa ummata Oromoo fi qabsaawoota Oromoo maraaf dhokataa miti.Sochiin QBO fuulduratti tarkaanfachiisuufi jijjiirraa hundee fiduuf godhamaa ture bara lamaan ardhaa gulantaa olaanaa dhaqqabe. Lammiiwwan Oromoo kanneen jijjiira bu’uraa deebotan kuma heddutti lakkaawamuu tu socho’e.Waggaa lamaan ardhaa jaarmayoonni, gurmuulee fi qabsaawoota walabaan Oromoo walitti baquun kaayyoo siyaasaa qulquulluu bilisummaan ummata Oromoo ittiin masakamu ifaa godhuun   ilaalcha arrab-lamummaa injifatan.Afanfaajjiin QBO keessatti dhalte akka dhaabbatu iggitiin itti godhame.Sagantaan siyaasaa qulqulluun Walabummaa Oromiyaa dhawwaaqu, heeraa fi seerri sirna siyaasaa abbaa-irrummaa dagaagsu mooyatamee sirna jaarmaya dimokiraatummaa waaltaa mirkaneessu wixinamee waadaa seename.Mallattoo hogganootaa olaanoo jaarmataa fi gurmuule qabsaa’otaatiin sumudame. Walumaagalatti tarkaanfiin seena-qabeessi kun QBO keessatti boqonnaa haarawa taraaruun abdii fi hamilee haarawa ummataa fi qabsaa’ota Oromoo keessatti uume.
Jilli qabsaawootaa Onkoloolessa dhuma bara 2009 tti taa’ee daandii qabsoo fuul dura ittiin masakamtu karoorsuun Sagantaa siyaasaa ABO kanaa gaditti ibsame kana haaromsuun ragaase.
“1. Kaayoo masakaa
A)     Hundeen siyaasaa kaayoo masaka ABO madda cunqursaa siyaasaa , roorro diinagdee,farra mirga namoomaa, farra mirga dimokraasi akkasumas farra aagaa fi nagayaa kan taye sirana Impaayerummaa fi kiyyo- gabrummaa Habashaa hiddaa buqqisuun ummata Oromoo bilisaa, biyya Oromiyaa walabaa keessatti mootummaa birmaduu dimokraatawaa ummata Republika Oromiyaa ijaaruu dha. Jaarmayaa fi hogganni waligaltee keenyaan uumamu akeeka kana fiixa baasuuf hojjata; murtii ummanni Oromoo eega bilisa ta’een booda hiree mataa isaa mataa isaatiin murteefachuuf qabus daangaa tokko malee ni kabaja.  
B)    Kaayyoon keena uummani Oromoo bilisoomee mirga abbaa biyyummaa isaa sarbame deefate, Oromiyaa walbaa irratti mootummaa dimokraatawaa birmaduu republika Oromiyaa ijaaratee, sirnaa fi seera gadaa jalatti nagayaan, walqixxummaan , haqaan , gamachuu, qanannii fi qaroomaan dagaagee badhaadhee isaa jiraatu arguu dha.Ummatoota olla Oromiyaa jiraatan hundaafillee kannuma hawwina.
C)    Jaarmayaan tokkoomuu jaarmayoota , gurmuulee fi qabsaawoota Oromoo walabaatiin dhaabate kun tumsa tarsimoo akeeka qabsoo bilisummaa Oromiyaa hiddaan faallessu hin godhu”
Kana malees qabxii 12.jalatti,“Wixineen sagantaa siyaasaa kunis , haga teessuma Jila qabsaawootaa itti aanuun murtaawee’utti akka sagantaa Siyaasaa GTW-ABO ta’ee hojiirra oole jira,” kan jedhu uf keessaa qaba.
Kana hundaa kan ibsuu barbaaneef walitti baquun jaarmayootaa fi gurmuulee walabaa karaa dheeraa deemuuf kan ture malee ,ilaalcha arrab-lamee irratti sagantaa arrab-sadee/Itoophiyummaa   sadaffaa uumuuf  yknis biqqilchuuf akka hinture qabsaawootni fi ummatni Oromoo akka basaqqeessatti hubatu jennee amanna.
Eega waliigaltee maqaa Onkololessatin beekamu kuni ta’ee boodas , arrab –lamummaan kana booda akka hinjiree fi galiin bilisummaa Oromoo mamii tokko maletti, fedha saba oromoo hundeen  bilisummaa (liberation) , walabummaa dha(independence) kan jedhu irratti waliif galamee irbuu seename. Kaayoon ifaan kun seenaa ummata Oromoo keessatti wareegama lafee fi diiga ilmaan Oromootiin akka galmeessame diinaa fi fira isaa jalaa dhokataa miti. Nutileen dhugaa fi seenaa qabatamaa kana hubanee  , ummataa fi qabsaawoota oromootti gadii baannnee hiree arganeen ibsuun hojiitti bobbaanne.
Akkuma hojiitti seeneen sagantaa kanaa fi kaayyooleen masakaa kan bu’ura jaarmayaa fi kkf. fi  faalleffamuu fi  dachaafamutti seename. Haa tawu malee haala adeemsa keessatti nu mude kana obsaa fi malaan dhaaba keenya qajeelfachaatti waldhaansoo uf irratti fi waliirrattis godhaa turre.Hoggana keessatti irbuu Onkoloolessa 31 waliin seenne tiiksuuf tattaafii walirraa hincitne godhaa turrus tattaaffiin keenna garee faallaa hojjatun milkaawuu hindandeenne.  Haalli kun guyyaa irraa gara guyyaatti ni wayyaawa jennee osoo obsaa fi abdiin jirruu boodee kana wixineen sagantaa siyaasaa “ammayyaa fi tarkaanfataa”  jedhamuu fi booddessaan GS ABOn akka murteeffamu hoggana irraa dhihaate. Hoggana dhaabichaa keessaa namoonni hagoon ajandaa dhoksaatii fi sagantaa siyaasaa booddesitummaan hiriyaa hinqabne qabatanii hiree argatan kanatti gargaaramanii seenaa Oromoo haquuf, akeeka bilisummaa dachaasuu fi ABO diiganii dhuumfachuuf akka riphanii hojjataa turan ifa baye. Waa hundaa caalaa wanni nama gaddisiisaa yoo jiraate namni Jilli qabsaa’otaa Hayyu-durummaa muudee aango olaanaa itti kenne barreeffama sagantaa boodessaa kana osoo MKHR hinbeekne “wixinee sagantaa kun nu jalaa hatame,” jedhee internet gubbatti waadaa seene irra ejjachuu isaati.
Qabiyyee Sagantaan siyaasaa booddessaa kana gaggabaabsine akka armaa gaditti dhiyeessina: tuqaa lama fuul tookooffaa irratti ,
“2. Galii siyaasaa qabsoo Oromoo
2.1. Itoophiyaa fedha Oromoo fi fedha sabaa-lammootaa biroon ijaaramte mirgi siyaasaa, diinagdee fi hawwaasummaa Oromoo sadarkaa hundatti keessatti kabajamu ijaaruu.”kan jedhu miseensoota GS maraaf raabsamee yeroo arginu gariin keenya rifaatuun nutti dhagahame.  Akka nama  ilmoon irraa duuteetti boonye. Ilmi namaa waan hin eeganee fi hin yaadne tokko yeroo isa mudate  numa rifata.
Kan daran nu gaddiisisee garuu,  KJQ  waan isii hingalchine keessa galuun, cillaanfanaan miseensoota GS amansiisuuf ykn dhiibbaa irratti gochuuf , Sagantaan ABO moofaan “saaynsumaa kan hinqabne, gaaffiin walabummaa jedhu kan yeroon itti darbe, gaaffii sirna Wayyaanee gabbisu, gaaffii Wayyaanee, namoota hubannoo siyaasaa hin qabne, namoota jecha walabummaa jedhu hiikaa saynisummaa isaa hin beekne, sagantaa Itoophiyummaatiin  ala bahuun oromoo irratti duuludha., Oromummaa keessaa bahuu dha.Kanaaf, Oromoon akka gaaffii  walabummaa kana keessaa hinbaanee Wayyaaneen namootaa fi murnoota horiin bituun ykn addatti bifa dhaabaan ijaaruun gaaffiin kun akka Oromoo biraa hinfagaanne itti hojjatti , seenaa hin mirkanawinii fi qabatamaa hin taanerratti hundaahuu  fi kkf…” xiinxalaa fi murtii siyaasaa barreeffama jedhu keessatti dhihaate.
Qabxiin kuni akkuma ka’een akkaa itti xumuramuu(due procces)  isaa fi haala qabiyyee galii isaa irratti mormiin ka’uu bira taree walamantiin duraanu haphachaa deemaa ture daran hidda godhachaa dhufe. Maayyiirrattis, hogganooni gariin GS sabaa sagantaa siyaasaa ABO hundeen jijjiiruuf tabaroo itti akka hinqabnee hubatuun hoggannis MGS irraa deegara argachuuf mala adda addaa dhawwu jalqabe.  Kanarraa kan ka’e duraanuu rakkoon  hoggannoota olaannoo fi miseensoota keessa ture irraatti kuni dabalamuun dhaaba keenya jeequmsa keessa galche.  Garuu hogganooni itti gaafatamni itti dhagahamu waan kana irratti jarjaruun gaarii miti yaada jedhu yeroo dhiheessan hogganaa fi gareen (clique)  waan kuni akka hojiira oluuf barbaadan hamii fi komii akkasumas hoggannootaa fi miseensoota garee gareetti qoqoodu jalqaban. Ammalee abdii fi hawwii jaarmaya jabbeesuuf qabnu irraa ka’uun osoo garaagarumaan galii akka utubaa kaabaa(Northpole) fi utuubaa kibaa(southpole) adda fagaatee jiru obsaan haalli jiru ni wayyaawwa jennee tattaafachaa  jirru,
1.    Onkololessa 15, bara 2011 hogganni hangi tokkoo fi miseensi hangi tokko maqootti eega mari’ataniin  booda,  walgahii KHR ABO  hatattamaa yaamuun Caasaa Dhaabaa marii  miseensootaa fi qormaata tokkoon maleetti dhachaasuu, eega sagaleen murteesisee booda yeruma sana gadii bahuun walgahii miseensaa hogganooni gariin hinbeeknee fi hin dhageenye yaamman daranuu ibida belbelutti gaaza waan itti firfirsaniif;
2.    “Rakkoo” hogganoota ol aanno gidduu dhalatee fi hogganaa fi miseensoota giddu ummamee KHR marii fi karaa  araaraatiin akka hiikamu akeekte irratti hirkachuun furmaata mataan dame Siyaasaa mariin fixee J/HD fi KHR mirkaneeysite e, akkasumatis furmaata kora gamtaa USA fi Caanada irratti walhubanoota umamme  hogganni hojiitti hikuu fi dhugoomsuu didduun rakkoon  ture akka daran hidda  godhataa waan dhufeef;
3.    Rakkoo dhaaba keenna keessatti dhalatte naamusan, qaroomina siyaasaa, safuu , obsaa fi aadaa qabnun furuun osoo dandayamu gochaa abbaa-irrummaatiin ciniinnachuun rakkoo dhalate daranuu akka hammaatu godhuun itti fufe. Kanarratis dabalee garaagarumaa ilaalchaa bifa hedduun muldhatu akka rakko nama dhuumfaa godhanii dhiheesuun waan akeekatameef fi dogoongora mula’ate sirreeffachuun waan didameef;
4.    Tokkummaa sabaa fi qabsaawoota mirkaneeysinee diina kaayyoo tokkicha irratti xiyyeefana imaammata jedhu osoo lafaa qabnu tarkaanfii miseensoota keenya faccaasu fudhachuun imaammata keenya waan faalleeysuu fi …kkf..
Nuti hogganooni maqaan keenya kanaa gadiitti ibsamuu
1.    Galii bilisumaa Oromoo sagantaa  (Onkoloolessa 31 wixiname) harkaa qabnu  irratti ittisuuf
2.    Akeekni keenna dhaaba ABO keessatti kayo-dhablummaa fi abbaa-irrummaa dagaagsuu waan hintayiniif
3.    Dhaabni keenya miseensaan alatti dhaaba waan hintaaneef, dhaaba keenya dandamachiisuu fi fuulduree dhaaba keenyaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo  miseensoota dhaabaa waliin mar’ane tilmaamuuf,
4.    Qabsaawoota Oromoo kan jaarmaya keessa jiran , jaarmayaa ala jiranii fi  ummata Oromoo  waliin warra bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatti amanan waliin mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo kaayyoo qulqullu irratti eega utubnee booda,
5.    Maqaa hoggana ABOtiin namoota hagoo mootummoota diinaa fi halagaa keessatti maandheffatanii caasaa alagaatii dhimma bayanii qabsoo oromoo kortoo aango dharaa godhanii qabsoo qancarsan jalaa baanee hiree teenya harkatti fudhachuun dirqama qabsaa’otaa fi miseensota ABO hundumaa tawuu isaa yaroon waan gaafateef;
6.    Ummatootaa fi humnoonni siyaasaa yoo sagalee takkaan socho’an mootummoota abba-irree haga funyaanitti hidhatan buqqisuu akka dandayan warraaqsi Afrikaa Kaabaatii fi jiddu-gala baya biiftuu maqaa Arab Spring jedhamuun beekamu waan mirkaneessuuf, kanaafuu dursinee  humnoota siyaasaa Oromoo, qabsaa’otaa fi ummata Oromoo sassaabuu fi humneessuu, akkasuma humnota biraa wajjiin diina waloo irratti hojjachuu yaroon waan gaafatuuf;
A.    Oromoo ta’anii warra Itoophiyaatti amanan garuu roorro Oromoo irra gahaa jiru kan morman waliin ammo bifa adda tokkummaa ummachuu nu dandeeysisuun waliin hojjachuu fi
B.    Dhaaboota alagaa kamuu waliin , eega nutti tokkoomne humnoomne booda  galii keenya ifatti qabane,diina waloo waliin irratti bobba’uun waan nu dhoorku akka hinjire jala muru barbaana.
Haalloota gubaa irraa , hanga xiqqaa tutuqne, irraa ka’uun guyyaa hara’aa irraa kaasee qunnamti garee(clique) madda rakko fi hookoraa ta’ee kana waliin itti gaafatama waloo akka hinqabne miseensoota, qabsaawoota Oromoo fi ummata Oromoo hubachiisu barbaana.
1. Karoorsaa Boosonaa- Mataa Damee beeksisaa fi aadaa fi MKHR-GS ABO fi B-KFDG
2. Ibsaa Nagawoo –Mataa Damee siyaasaa, MKHR- MGS ABO fi DD-KFDG
3. Amaanoo Duubee- MGS fi itti gaafatamaa Birkii Jaarmaya biyya alaa-ABO
4.
Ahmed Ajmal- MGS ABO fi Itti Aanaa mataa damee Hawaasummaa ABO
5. Hundee Lataa-MGS ABO fi Itti gaagatama Diinagdee Awurphaa ABO

IUOf
Oromiyaan ni bilisoomti.

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved