|
|
New
Page 2 home
Ibsa Ejjanno Hogganoota SG_ABO:Jijjiiramaa 01/01/2012
Maqaa
Jijjiiramaatiin Seenaa Oromoo Haqanii, Kayoo Bilisummaa Fonqolchanii
fi ABO Butatanii Alagatti galuu hinhayyamnu!
Xalayaa Sadaasa 8, bara 2008 Gurmuu qabsaa’ota bilisummaa
Oromoo deebisanii ijaaruu jedhu jallatti, koreen yeroo
ABO yaamicha Dhaaboole oromoo walabaa taniif ergitee akkana jedha:
“ummanni Oromoo mootummaa mataa isaa akka qabaatu . Biyya Oromoo,
Oromiyaa , irratti mirga abbaa- biyyummaa akka gonfatuu fi kana
fiixaan baasuuf waraana biyyaa fi sabaa kan diina cabsuu fi rorroo
kamuu saba keenya irraa ittisuu danda’u ijaaruu dha” jedhuu fi
wa’aada iffatti kaayyame kana amanuuni marii fi mormii woggaa
tokko fixee booda gurmuu qabsaawootaa kana mirkaneeysuu irratti
bobbaanne.
Onkolooleessa 31, bara 2009 seenaa boonsaa galmeessuun abdii fi
hawwii ummatni Oromoo eegachaa ture mirkaneessuun mooraa qabsoo
bilisummaa Oromoo keessatti warraaqsi jijjiirraa hundee godhamuun
isaa ummata Oromoo fi qabsaawoota Oromoo maraaf dhokataa
miti.Sochiin QBO fuulduratti tarkaanfachiisuufi jijjiirraa hundee
fiduuf godhamaa ture bara lamaan ardhaa gulantaa olaanaa dhaqqabe.
Lammiiwwan Oromoo kanneen jijjiira bu’uraa deebotan kuma heddutti
lakkaawamuu tu socho’e.Waggaa lamaan ardhaa jaarmayoonni, gurmuulee
fi qabsaawoota walabaan Oromoo walitti baquun kaayyoo siyaasaa
qulquulluu bilisummaan ummata Oromoo ittiin masakamu ifaa godhuun
ilaalcha arrab-lamummaa injifatan.Afanfaajjiin QBO keessatti dhalte
akka dhaabbatu iggitiin itti godhame.Sagantaan siyaasaa qulqulluun
Walabummaa Oromiyaa dhawwaaqu, heeraa fi seerri sirna siyaasaa
abbaa-irrummaa dagaagsu mooyatamee sirna jaarmaya dimokiraatummaa
waaltaa mirkaneessu wixinamee waadaa seename.Mallattoo hogganootaa
olaanoo jaarmataa fi gurmuule qabsaa’otaatiin sumudame.
Walumaagalatti tarkaanfiin seena-qabeessi kun QBO keessatti boqonnaa
haarawa taraaruun abdii fi hamilee haarawa ummataa fi qabsaa’ota
Oromoo keessatti uume.
Jilli qabsaawootaa Onkoloolessa dhuma bara 2009 tti taa’ee daandii
qabsoo fuul dura ittiin masakamtu karoorsuun Sagantaa siyaasaa ABO
kanaa gaditti ibsame kana haaromsuun ragaase.
“1. Kaayoo masakaa
A) Hundeen siyaasaa kaayoo masaka ABO madda
cunqursaa siyaasaa , roorro diinagdee,farra mirga namoomaa, farra
mirga dimokraasi akkasumas farra aagaa fi nagayaa kan taye sirana
Impaayerummaa fi kiyyo- gabrummaa Habashaa hiddaa buqqisuun ummata
Oromoo bilisaa, biyya Oromiyaa walabaa keessatti mootummaa birmaduu
dimokraatawaa ummata Republika Oromiyaa ijaaruu dha. Jaarmayaa fi
hogganni waligaltee keenyaan uumamu akeeka kana fiixa baasuuf
hojjata; murtii ummanni Oromoo eega bilisa ta’een booda hiree mataa
isaa mataa isaatiin murteefachuuf qabus daangaa tokko malee ni
kabaja.
B) Kaayyoon keena uummani Oromoo bilisoomee mirga abbaa
biyyummaa isaa sarbame deefate, Oromiyaa walbaa irratti mootummaa
dimokraatawaa birmaduu republika Oromiyaa ijaaratee, sirnaa fi seera
gadaa jalatti nagayaan, walqixxummaan , haqaan , gamachuu, qanannii
fi qaroomaan dagaagee badhaadhee isaa jiraatu arguu dha.Ummatoota
olla Oromiyaa jiraatan hundaafillee kannuma hawwina.
C) Jaarmayaan tokkoomuu jaarmayoota , gurmuulee fi
qabsaawoota Oromoo walabaatiin dhaabate kun tumsa tarsimoo akeeka
qabsoo bilisummaa Oromiyaa hiddaan faallessu hin godhu”
Kana malees qabxii 12.jalatti,“Wixineen sagantaa siyaasaa kunis ,
haga teessuma Jila qabsaawootaa itti aanuun murtaawee’utti akka
sagantaa Siyaasaa GTW-ABO ta’ee hojiirra oole jira,” kan jedhu uf
keessaa qaba.
Kana hundaa kan ibsuu barbaaneef walitti baquun jaarmayootaa fi
gurmuulee walabaa karaa dheeraa deemuuf kan ture malee ,ilaalcha
arrab-lamee irratti sagantaa arrab-sadee/Itoophiyummaa
sadaffaa uumuuf yknis biqqilchuuf akka hinture qabsaawootni fi
ummatni Oromoo akka basaqqeessatti hubatu jennee amanna.
Eega waliigaltee maqaa Onkololessatin beekamu kuni ta’ee boodas ,
arrab –lamummaan kana booda akka hinjiree fi galiin bilisummaa
Oromoo mamii tokko maletti, fedha saba oromoo hundeen
bilisummaa (liberation) , walabummaa dha(independence) kan jedhu
irratti waliif galamee irbuu seename. Kaayoon ifaan kun seenaa
ummata Oromoo keessatti wareegama lafee fi diiga ilmaan Oromootiin
akka galmeessame diinaa fi fira isaa jalaa dhokataa miti. Nutileen
dhugaa fi seenaa qabatamaa kana hubanee , ummataa fi
qabsaawoota oromootti gadii baannnee hiree arganeen ibsuun hojiitti
bobbaanne.
Akkuma hojiitti seeneen sagantaa kanaa fi kaayyooleen masakaa kan
bu’ura jaarmayaa fi kkf. fi faalleffamuu fi
dachaafamutti seename. Haa tawu malee haala adeemsa keessatti nu
mude kana obsaa fi malaan dhaaba keenya qajeelfachaatti waldhaansoo
uf irratti fi waliirrattis godhaa turre.Hoggana keessatti irbuu
Onkoloolessa 31 waliin seenne tiiksuuf tattaafii walirraa hincitne
godhaa turrus tattaaffiin keenna garee faallaa hojjatun milkaawuu
hindandeenne. Haalli kun guyyaa irraa gara guyyaatti ni
wayyaawa jennee osoo obsaa fi abdiin jirruu boodee kana wixineen
sagantaa siyaasaa “ammayyaa fi tarkaanfataa” jedhamuu fi
booddessaan GS ABOn akka murteeffamu hoggana irraa dhihaate. Hoggana
dhaabichaa keessaa namoonni hagoon ajandaa dhoksaatii fi sagantaa
siyaasaa booddesitummaan hiriyaa hinqabne qabatanii hiree argatan
kanatti gargaaramanii seenaa Oromoo haquuf, akeeka bilisummaa
dachaasuu fi ABO diiganii dhuumfachuuf akka riphanii hojjataa turan
ifa baye. Waa hundaa caalaa wanni nama gaddisiisaa yoo jiraate namni
Jilli qabsaa’otaa Hayyu-durummaa muudee aango olaanaa itti kenne
barreeffama sagantaa boodessaa kana osoo MKHR hinbeekne “wixinee
sagantaa kun nu jalaa hatame,” jedhee internet gubbatti waadaa seene
irra ejjachuu isaati.
Qabiyyee Sagantaan siyaasaa booddessaa kana gaggabaabsine akka armaa
gaditti dhiyeessina: tuqaa lama fuul tookooffaa irratti ,
“2. Galii siyaasaa qabsoo Oromoo
2.1. Itoophiyaa fedha Oromoo fi fedha sabaa-lammootaa biroon
ijaaramte mirgi siyaasaa, diinagdee fi hawwaasummaa Oromoo sadarkaa
hundatti keessatti kabajamu ijaaruu.”kan jedhu miseensoota GS maraaf
raabsamee yeroo arginu gariin keenya rifaatuun nutti dhagahame.
Akka nama ilmoon irraa duuteetti boonye. Ilmi namaa waan hin
eeganee fi hin yaadne tokko yeroo isa mudate numa rifata.
Kan daran nu gaddiisisee garuu, KJQ waan isii
hingalchine keessa galuun, cillaanfanaan miseensoota GS amansiisuuf
ykn dhiibbaa irratti gochuuf , Sagantaan ABO moofaan “saaynsumaa kan
hinqabne, gaaffiin walabummaa jedhu kan yeroon itti darbe, gaaffii
sirna Wayyaanee gabbisu, gaaffii Wayyaanee, namoota hubannoo
siyaasaa hin qabne, namoota jecha walabummaa jedhu hiikaa
saynisummaa isaa hin beekne, sagantaa Itoophiyummaatiin ala
bahuun oromoo irratti duuludha., Oromummaa keessaa bahuu dha.Kanaaf,
Oromoon akka gaaffii walabummaa kana keessaa hinbaanee
Wayyaaneen namootaa fi murnoota horiin bituun ykn addatti bifa
dhaabaan ijaaruun gaaffiin kun akka Oromoo biraa hinfagaanne itti
hojjatti , seenaa hin mirkanawinii fi qabatamaa hin taanerratti
hundaahuu fi kkf…” xiinxalaa fi murtii siyaasaa barreeffama
jedhu keessatti dhihaate.
Qabxiin kuni akkuma ka’een akkaa itti xumuramuu(due procces)
isaa fi haala qabiyyee galii isaa irratti mormiin ka’uu bira taree
walamantiin duraanu haphachaa deemaa ture daran hidda godhachaa
dhufe. Maayyiirrattis, hogganooni gariin GS sabaa sagantaa siyaasaa
ABO hundeen jijjiiruuf tabaroo itti akka hinqabnee hubatuun
hoggannis MGS irraa deegara argachuuf mala adda addaa dhawwu jalqabe.
Kanarraa kan ka’e duraanuu rakkoon hoggannoota olaannoo fi
miseensoota keessa ture irraatti kuni dabalamuun dhaaba keenya
jeequmsa keessa galche. Garuu hogganooni itti gaafatamni itti
dhagahamu waan kana irratti jarjaruun gaarii miti yaada jedhu yeroo
dhiheessan hogganaa fi gareen (clique) waan kuni akka hojiira
oluuf barbaadan hamii fi komii akkasumas hoggannootaa fi miseensoota
garee gareetti qoqoodu jalqaban. Ammalee abdii fi hawwii jaarmaya
jabbeesuuf qabnu irraa ka’uun osoo garaagarumaan galii akka utubaa
kaabaa(Northpole) fi utuubaa kibaa(southpole) adda fagaatee jiru
obsaan haalli jiru ni wayyaawwa jennee tattaafachaa jirru,
1. Onkololessa 15, bara 2011 hogganni hangi tokkoo fi
miseensi hangi tokko maqootti eega mari’ataniin booda,
walgahii KHR ABO hatattamaa yaamuun Caasaa Dhaabaa marii
miseensootaa fi qormaata tokkoon maleetti dhachaasuu, eega sagaleen
murteesisee booda yeruma sana gadii bahuun walgahii miseensaa
hogganooni gariin hinbeeknee fi hin dhageenye yaamman daranuu ibida
belbelutti gaaza waan itti firfirsaniif;
2. “Rakkoo” hogganoota ol aanno gidduu dhalatee fi
hogganaa fi miseensoota giddu ummamee KHR marii fi karaa
araaraatiin akka hiikamu akeekte irratti hirkachuun furmaata mataan
dame Siyaasaa mariin fixee J/HD fi KHR mirkaneeysite e, akkasumatis
furmaata kora gamtaa USA fi Caanada irratti walhubanoota umamme
hogganni hojiitti hikuu fi dhugoomsuu didduun rakkoon ture
akka daran hidda godhataa waan dhufeef;
3. Rakkoo dhaaba keenna keessatti dhalatte naamusan,
qaroomina siyaasaa, safuu , obsaa fi aadaa qabnun furuun osoo
dandayamu gochaa abbaa-irrummaatiin ciniinnachuun rakkoo dhalate
daranuu akka hammaatu godhuun itti fufe. Kanarratis dabalee
garaagarumaa ilaalchaa bifa hedduun muldhatu akka rakko nama
dhuumfaa godhanii dhiheesuun waan akeekatameef fi dogoongora
mula’ate sirreeffachuun waan didameef;
4. Tokkummaa sabaa fi qabsaawoota mirkaneeysinee diina
kaayyoo tokkicha irratti xiyyeefana imaammata jedhu osoo lafaa qabnu
tarkaanfii miseensoota keenya faccaasu fudhachuun imaammata keenya
waan faalleeysuu fi …kkf..
Nuti hogganooni maqaan keenya kanaa gadiitti ibsamuu
1. Galii bilisumaa Oromoo sagantaa (Onkoloolessa
31 wixiname) harkaa qabnu irratti ittisuuf
2. Akeekni keenna dhaaba ABO keessatti kayo-dhablummaa
fi abbaa-irrummaa dagaagsuu waan hintayiniif
3. Dhaabni keenya miseensaan alatti dhaaba waan
hintaaneef, dhaaba keenya dandamachiisuu fi fuulduree dhaaba keenyaa
fi qabsoo bilisummaa Oromoo miseensoota dhaabaa waliin mar’ane
tilmaamuuf,
4. Qabsaawoota Oromoo kan jaarmaya keessa jiran ,
jaarmayaa ala jiranii fi ummata Oromoo waliin warra
bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatti amanan waliin mooraa qabsoo
bilisummaa Oromoo kaayyoo qulqullu irratti eega utubnee booda,
5. Maqaa hoggana ABOtiin namoota hagoo mootummoota
diinaa fi halagaa keessatti maandheffatanii caasaa alagaatii dhimma
bayanii qabsoo oromoo kortoo aango dharaa godhanii qabsoo qancarsan
jalaa baanee hiree teenya harkatti fudhachuun dirqama qabsaa’otaa fi
miseensota ABO hundumaa tawuu isaa yaroon waan gaafateef;
6. Ummatootaa fi humnoonni siyaasaa yoo sagalee takkaan
socho’an mootummoota abba-irree haga funyaanitti hidhatan buqqisuu
akka dandayan warraaqsi Afrikaa Kaabaatii fi jiddu-gala baya biiftuu
maqaa Arab Spring jedhamuun beekamu waan mirkaneessuuf, kanaafuu
dursinee humnoota siyaasaa Oromoo, qabsaa’otaa fi ummata
Oromoo sassaabuu fi humneessuu, akkasuma humnota biraa wajjiin diina
waloo irratti hojjachuu yaroon waan gaafatuuf;
A. Oromoo ta’anii warra Itoophiyaatti amanan garuu
roorro Oromoo irra gahaa jiru kan morman waliin ammo bifa adda
tokkummaa ummachuu nu dandeeysisuun waliin hojjachuu fi
B. Dhaaboota alagaa kamuu waliin , eega nutti tokkoomne
humnoomne booda galii keenya ifatti qabane,diina waloo waliin
irratti bobba’uun waan nu dhoorku akka hinjire jala muru barbaana.
Haalloota gubaa irraa , hanga xiqqaa tutuqne, irraa ka’uun guyyaa
hara’aa irraa kaasee qunnamti garee(clique) madda rakko fi hookoraa
ta’ee kana waliin itti gaafatama waloo akka hinqabne miseensoota,
qabsaawoota Oromoo fi ummata Oromoo hubachiisu barbaana.
1. Karoorsaa Boosonaa- Mataa Damee beeksisaa fi aadaa fi MKHR-GS ABO
fi B-KFDG
2. Ibsaa Nagawoo –Mataa Damee siyaasaa, MKHR- MGS ABO fi DD-KFDG
3. Amaanoo Duubee- MGS fi itti gaafatamaa Birkii Jaarmaya biyya alaa-ABO
4.
Ahmed Ajmal- MGS ABO fi Itti Aanaa mataa damee Hawaasummaa ABO
5. Hundee Lataa-MGS ABO fi Itti gaagatama Diinagdee Awurphaa ABO
IUOf
Oromiyaan ni bilisoomti.
|
|