MALLAS
SUMMAA’UU
LAGA QOOQAAF
ITTI
GAAFATAMAA
DHA!!
”Ijoollee
9n da’e, 6
du’anii 3
qofatu na
waliin hafe,
Abbaan
warraa
kiyyas ni
du’e,
maatii koo
keessaa nama
7n awwaale,
hunda
isaanii
dhiiga garaa
kaasee
ajjeese,
mana yaalaa
deemnee
turre,
rakkinni
bishaan
irraa akka
ta’e nutti
himan,
halkan
hirribaa
ka’een
maatii koo
yaada, irra
kan na
yaaddessu
garuu
ijoolleen
koo warri
hafan kun ni
jiraatuu
dha, yoon
irraa du’e
attam ta’u?
Abdiin tokko
nu hafe
hin jiru
Waaqa male”
jetti Adde
Aminaan.
”Ijoolleen
Aadde
Amiinaa kan
du’an muka
irraafaa
kufaniiti
malee
summaa’uu
bishaaniin
miti” jedhu
jala
deemtonni
Mallas
gaaffii VOAn
gaafateef
deebii yeroo
kennan.
Qormaatni
Laga Qooqaa
irratti
geggeeffame
ragaa kan
ba’u
summaa’uu
bishaan
kanaaf
sababni
xurii
warshaa
Waayyaannee
(Mootummaa
Itihoophiyaa)
keessaa gara
bishaan
kanaati
dhangala’u
akka ta’ee
dha.
Magaalaa
guddittii
biyya
Denmark,
Copenhagen
keessatti
gaafa
7-18/12/2009
wal-ga’iin
sadarkaa
addunyaa
dhimma
Qilleensaa
irratti
mari’atutu
adeemsifama.
Akeekni
wal-ga’ii
kanaa “fala
ittiin
waannen
qilleensa
summeessa
gadi
xiqqeessan
irratti
mari’achuu
dha”.
Wal-ga’ii
kana gama
dhumaa,
guyyaa17 fi
18 ji’a
12ffaa
irratti
matoota
biyyaatu
wal-ga’ii
kana irratti
argamuuf
dhufa.
Kanumaan wal
qabatee
mataan
Waayyaannee
Mallas
Zeenaawiis
walga’ii
kana irratti
argamuuf
Africa bakka
bu’ee
dhufuuf akka
deemu
himamee
jira. Asitti
kan nama
dhibu Mallas
kan dhufu
biyyooti
guddatan
Africaf
$billionaan
waggaa
waggaan akka
kennan
gaafachuuf
ykn akkuma
amala isaa
kadhachuuf
malee dhimma
qilleensaa
irratti
dubbachuun
Ajandaa isaa
keessa waan
jiru hin
fakkaatu.
Akka nuti
yaannutti
Mallas
Zeenaawwii
kan itti
gaafatamummaan
itti hin
dhaga’amne,
Kiisha isaa
guuttachuu
qofaaf
Ilmaan
Oromoo
kumaaatamaan
bishaan
summaa’een
ficcisiisaa
jiru, ofiif
utuu rakkina
ta’ee jiruu
rakkinaaf
furmaata
barbaaduun
hin danda’u.
Dhugaa lafa
jiru, nuti
hundi beeknu
kana ammoo
warri
Mallasaa
akka inni
wal-ga’ii
kana irraa
qooda
fudhatuuf
afeeranis
beekuu qabu
jennee
amanna. Yoo
nuti
Oromootni
biyya alaa
jirru
sagalee
tokkoon
kaanee haala
Aadde Amiin
keessa jirtu
kana
addunyaatti
hin iyyineef
ishiinis
ta’e
ijoolleen
ishii 3n
hafan kan
isaan
eeggatu
carruma
maatii ishii
warra
dhumanii ti.
Kanaaf egaa
gaafa
17/12/2009
tti hiriira
mormii
guddaan
Magaalaa
guddittii
Denmark,
Copenhagen,
keessatti
adeemsifamuuf
qophiin
xumuramee
waan jiruuf
kanneen
xalayaan kun
isin ga’ee
fi kanneen
Imimmaan
Aadde
Amiinaan
cobsaa
guyyaa du’a
ishii fi kan
ijoollee
ishii 3n
hafanii
eeggattu
isinitti
dhaga’ame
guyyaa
jedhame
kanatti akka
argamtanii
”Mallasaan
dhumiinsa
maatii Aadde
Amiinaaf
itti
gaafatamaa
dha” jennee
mootummoota
addunyaatti
sagalee
Aadde
Amiinaa
waliin
dhageessifnuuf
afeerraa
Oromummaa fi
Namummaa
isiniif
goona.
Hiriirri kun
kan qophaa’u
Tokkummaa
Barattoota
Awurooppaan.
Odeeffannoo
dabalataaf:
e-mail
yomis99@yahoo.com
kana
quunnamaa.
Koree
Qindeessituu