|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Gugurtaan lafa Oromo gosa kam iyuu Seera Qabeessa akka hin taane akeekachiisaa dura dhaabachuun haafalmanuu. Wayyaanen erga aangoo biyyatti humnan qabatee kaasee lubbu kumaatama balleese, ummataa miliyoona lafa isaa irra buqqisuun qabeenya Oromoo miseensota TPLF qooda ture. Bosona Oromiya hunda gaaffi tokko malee mure Tigrayitti gurgurachaa ture. Ummataa naannoo Finfinne beenya tokko malee lafa irra buqqisee seera lizii wagga dhibba jeechuun gurgurate. Filaannoo bara 2005 irratti lafti Oromoo kan ummataa Oromootti jeechun falmi WFDOn kaasee irratti kan riffatee wayyaane lafa Oromoo kan safaru egalee akka dhabbatu godhamee ture. Bara 2006 paarlaamaa biyyatti keessatti Miseensoon Gumi Paarlamaa Oromoo Oromoon lafa isaa irra seeran ala beenya malee buqqifamun seeran ala ta’uu falmacha turan. Bara kana keessa ammoo maqaa investmantii jedhuun ummata Oromoo midhaan nyaataan of hin danda’iin lafa isaa irra fudhan biyyoota dureeyii akka biyyotaa Araba, Chaina, India, Turk fi kan birrooti gurgurachun isaa mootumman kun ummatoota hiyyeessa biyyatiif kan hin yaadnee ta’uu fi gochaa seeran alaa ta’uu isaa Gummiin Paarlaamaa Oromoo Sadaasa 9 - 10 mootummaa Amerika minsteera dantaa alaatti damee Afrika fi ogganoota Kommishin Awuroopha, Miseensoota paarlama Awuroopha fi dhaabbilee Addunya irra kan dhufantti iyyachuun keenya ni yaadatama. Ummataa hiyyeeesa beelan dararama jiru irra lafa fudhani biyyoota dureeyii gurgurachuu seera dhabluma fi jibiinsaa ummaatichaaf qaban irra kan maddee ta’uu hubachiisun danda’amee jira. Hata’uu malee furmaati inni guddan garuu lafa Oromoo fi ummataa Oromoo mirga isaa kabachiisun kan danda’amuu dhiiga keenyan ta’uu itti amanna. Kanaafu dhaabbileen Oromoo, baratan Oromoo fi waluma galatti lammiin Oromoo lafa isaa fi eenyumma isaa kabachiisuuf of irra lolachuu qabna. Tenyee qaama bilisaa nu basuu egachuu ykn qaama biiroo balaaleefachuu qoofa utuu hin tanee bakka jiru nama sadii fi shaniin wal gurmeesuun samiicha Oromiyaa irra goodhama jiru bakka hundaatti dura dhaabbachuun saamtoota of irra arihachuuf murannoon akka falmanuu isin gaafachaa, amantaan, naannoon, beekaa fi walala, umuurii fi salan utuu wal hin qoodin diigaa keenyan diina Oromiyaa irra buqqiisuf akka hiriru waamichaa qabsoo isini dhiyeesina. Injifaannoon Uummataa Oromoof Gummi Paarlamaa Oromoo Muddee 2009 |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |