|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Oromoo Biyya ala jirtan hundaaf Oromummaaf haa hojeenuu!!! Gummii Oromummaa Projeekt Gummi Paarlamaa Oromoo Dameen Hawaassuma Oromumma fi Oromiyya biyya jiruti ijaruuf Gummii Oromummaa Projeekt jeedhu irrati hojeeta jira. Projeektiin kun biyya jiruti Oromummaa guddisu Afaan, aaddaa fi enyummaa Oromoo keenya biyya jiruuf adnuya irrati beeksisuf gargara. Mootuumman biyya jiruu Oromoo fi Oromiyya akka beekan gochuu. Rakkon Ummataa keenya fi baqaoota keenya akka beekamuu goochuu. Biyyota jiruu keessa wayee Oromoo fi Oromiyya kan beekan mursaa sababiin isaa Nafixanyuun wayee Ethiopia yamuu bareessan wayee ummata Oromoo jeecha tokko ilee kessa hin busaan. Akka raggati kan dhiyyatuu keessa Tourist guide Ethiopia kessa wayyen Oromiyya fi qabeenyan ishee akka dhokatuu godhamee jira. Hawaassi Oromoo biyya ala jiru yoo xinnatee kan ilee itti yaaduun ga’ee isaa ba’achuu qaba. Yeroo ama kana Hawwassi Oromo 300,000 ol ta'uu biyya adda addaa kessa jiratuu dandeeti afaan biyya kessaa jiruu cimisachuuf waan isaa gargaruu dictionary ( gubboo jeechota) tokko dhabuu irra kan ka'ee rakko adda addaf saxilaman jiru isaan keessa:- 1. Daiman Oromo biyya ala keessati dhalatan fi gudifachan dhufaan afaan Oromoo waan irra baratan dictionary tokko ilee hin qaban. 2. Documenti biyya fidatan hikuf dictionary akka wabiti itti gargaraman dhabuu irra kan ka'ee tatajila afaan Oromoo irra afaan biyya jiratanti kalatiin hikachuu mirga dhaban jiru. 3. Integration program barachuuf jeechoota afaan biyya suna isaan hin galiin waan irra hubachuu danda'an hin qaban, 4. Turistoon biyya Oromiyyaati dhufaan fi Namoon biyaa suni Oromiyyaa afaan biyya isaan dubatan Oromia deeman rakko gudda arguu, 5. Barumsaa afaan biyya jiratan saffisani (dafani) baratan hoji argachuuf ilee rakkon afaan hikachuuf nama gudda fi ijoolee Oromoo irrati dhiibbaa fedee jira. Rakoo kana oliti caqasaman furuuf Gummin Parlama Oromoo Projektoota kana gadii biyoota kana gadiiti caqasaman keessati hojeechuu karoorfatee socho’aa jira. 1. Dictionary Oromoo- afaan biyya sun, akkasumasi afaan biyya suni irra garaa afaan Oromooti hikkuu qoopheesuu; 2. Qabeenya ummuma, aaddaa fi teesummaa Oromiyya toursiti hawwatuu hunda qixeesan tourist guide bareesuu fi akkasummasi balaqoota keenya fi naamoota biyya dhuffan biyya keessa jiru irra waan barachuu qabani fi teessoo Motuummaa fi dhaabbilee adda addaa beekamuu qaban qoophesuu; 3. Afaan biyya jiruun website hawaassa Oromoo ijaruun mootummaan biyya suni salphati dhimmoota Oromoo fi rakoo Oromoo akka baratan goochuu; 4. Oromoon biyya jiratuu hunda keessati Ambassadara Oromiyya ta’uun Paarlamaa biyya, mootummaa fi mitii-mootummaa waliin qunamttii akka godhanf GPO caassa Gummii Oromummaa diririsa jira. Haalumma kana yaalii biyya Belgiumti egalee bu’aa argamsisee jira. Paarlamaa biyya waliin qunamtti garii, Deplomatic korpus waliin hariroor garii ijaramee jira. Nederlands - Oromo fi Oromo -Nederlands qoophiin isaa xumurama jira. Akkasumsaa tourist guide fi integration program kan of keessati qabatee baqatoota fi lammi keenya biyya ala jiran fi namoota biyya Oromiyya deemanff kan gargaruu qopha’ee bareefamee maxanfachuu yaala jira. Projeekt Belgium kana guyya gaafa, May29/2011 Sa’aa 9:00 Xinxala Dictionary Nedrlands – Oromo irrati Marii balinan deemisisun gabinfna; Projektoota wal fakkata biyoota Russia, Germany, France, Suweden, Norway, Kenya, Italiya Denmark Finland, fi biyyoota Araba keessati hojeechuu egalee jira. Projekti kan bakkan ga'uu namoon Oromummaa guddisuuf cicichaa qaban ilaalcha siyyassa fi miseensumma GPO Oromoo irrati utuu hin hunda’iin dandeeti isaani, feedhi fi jalala Oromummaa qabanin hojii kana akka nu gargaran gaafacha jira. Hawaassi Oromoo biyya sun jiruu hundi dhimmii Oromummaa na ilalata jeechuun akka nu birra dhabatan isiin gafaan waan haarra ittii rakkanee hojeene bori da’iiman keenyaaf enyumaa keenya ibsuu irra darbee Bilisummaa Oromiyya safisisa. Biyoota fi namoota hoji kana nu qindessan fi hojii projeekti kana jalati amataman: a. Dictionary Oromoo- Russia fi Russia -Oromoo, Oromoo- France, Oromoo -Arabic, Oromoo suwaili, Oromoo - Nororg, Oromoo-Germany, Oromoo -Spanshi etc biyya hunda qaphesuu b. Website Oromoo afaan biyya jirtani basuu c. Oromiyya toursiti guide fi integration program D. TV fi Redio biyya jirtanti afaan Oromoon banachuu; E. Afaan Oromoo Macrosft wondows keessa galee tajajla akka keenuu Pitition maleetesuun hanga dhumatii falmachuu; Gummi Paarlamaa Oromoo Caamsaa 2011 |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |