....Yeeyyiin gogaa oolaa uffattee ,yoo gubbaa of  
             dhoksiitees keessi yeeyyidhuma
 
 
      Ega jaallan dhugaan saba isaanii itti dhaga’amee, wanjoon gabruummaa jarraa tokko irraattii  daabee turee ,ta’uu fi dhaabbbachuu isaan dhowwee, qee’ee fi jireenyaa isaanii dhiisanii QBSO dhugoomsuuf gara qabsoo kallatii hundaanuu(siyaasaa fi hidhannoo) eegalanii kaasee  osoo jiraachuun,badhaadhuun,barachuun, bandoomanii jiraachuun iitti mullatuu dhugaa saba isaaniif jecha oolaa ta’anii kaayyoof bitamanii of bulchuutti ka’anii kaasee yeeyyiin gogaa oolaa uffattee isaan duraa dhaabbataa turtee hangam akka ta’ee jaallan qabsoo keessa turanii fi umman balla oromoo haa dubbatuu isaaniif dhiisuuttu deebii dha. Isaa armaan dura tureettu waggaa darbee moonaa QBSO keessatti dhalatee , heedduu aja’iibsiifamee maaliif laataa? “muka tokko bootooroodha yoo jedhan lamuu hin dubbattan callisanii biraa darbuu” jedha oromoon gaafa makmaakuu. Dhugaadha takka muka bootooroo ta’ee yoo bartee maa lama sadii dubbattaa?
Kana hundaa waa malee kaasuu  fedhiinna hin hoorannee waantan kana kaaseef dhiiyeenyaa kana (turban darbee) miseensii SH MGS ABO  duraanii Lichoo Bukuuraa jalee isaa fudhatee garaa wayyaneetti galuunnii fi fakkatoonnii isaa waggaa  darbee QBSO gad lakkisaanii footooquun ajandaa guddaa ta’ee argamuu isaatuu waan dubadhu dubadhu naan jedhee jaallan. Yeroon kana kaasuu dhiba guddaa mitii ykn gaaga’ama hin qabuu jechuu osoo hin taanee kaneen kun duraanuu ogaga oolaa uffatee warra moonaa yeeyyii keessa dhufee nutti dabalameedha maal irraa eegna?
Seenaan isaan kun rakkoo moona qabsoo saboota afriikaa heedduu   keessatti dhalatee heedduu waliin wal fakkataa keessumaa warrii gurrachii biyyaa Sudaan keessaayyu ,warrii gara kibbaa jiran mootummaa kaabaa, warraa Araabootan heedduu hiraarfamanii turuun eenyuu ni beeka. Seenaa ta’ee afuu danda’eera malee.

      Bara 1982 keessa warannii bilisummaa saba suudaaniif qabsaa’uu SPLA bakkootaa Afuurtti qoodaman, isaan kunis warra bilsummaa saba isaaniif buu’uura hundeefaman kan
 1.Dr,john Grang ogganaman mother SPLA
.2 warra Naannoo dangaa itoophiyaattiiin wal mdangeessa Naasiir faction jedhaman kan amma itti aanaa preezeedantii suudan kibbaan ogganamannii
3. warra gara lixa kibbaa fi lixa suudaan jiran
4. kan mootummaa suudaan kaabaa waliin turanii ganuudhaan nama sabaaf dhaabbatee fakkatanii mootuumichaa dhiisuun gara SPLA makaman turanii. Akkuma warra Kamaal Galchuu faa
Warrii kun qabsoo sabaa dhiisanii addan qoqodaman fedhiin biyyoota sooshaaliiziimii waan keessa jiruuf mootummaan dargii yeroo sana heedduu isaan gargaaraa turee rakkoo isaanii kana hiikuu hin dandeenyee garuu irri jireessi kanmaandheeffatan biyya impaayeera itoophiyaa turee.
 Yeroo sanatti mootumman biyya naajeeriiyaa dhimmaa kana akka jarsuumman fixuu waliif akeekan. Jaarsuummaa yeroo heedduu waggoota shan fudhateen rakkoo isaanii dhinfachuun danda’aniiruu.  Egaa kana gidduutti yeroo isaan jaarsummaa irra turan qabsoo hin dhisnee karaa karaa  diina isaanii waraanaa turan,wal hin waraannee,saba afaan hin faajjeesinee …. Ajaa’iiba mitii?
Achiin booda ergaa wal dhiinfachuun SPLA raawwatee . kunis ,hundiinuu tokkoomanii  mother SPLA ykn SPLA haadhootti deebii’anii angoo qoodachuun suuta suuta warana isaanii waliin makatanii qabsoo iitti fuufani yeroo kanatti sababa isaan itti wal dhabaa turan angoo naannumaan liqiinfameedha jechuudhaan ergaa diinaa mootummaa suudaan kaabaa kan turee keessatti garee facaasaa tureetuu turee gareen kun harka lafa jalaan wal ijaaranii guraacha guraacha gurguruu kan garaaf buleetuu diina tarsiimoo ta’ee hanga ogganaa waraanaa ta’uu ga’ee qabnsoo isaanii finiinaa turee gad- quucarsan.. Haalaan osoomaa waliin sochoo’aa jiranii adeemsii isaanii dhuga qabeessota qabsaaoota dhugaan waan liqiinfameef carraa argatanii gara mootummaa gabroomfataa yeroo sanaatti harka keennataa turan, akka gaga;amni miseensootaa fi hawwatoota qabsoo saba cunquurffamaa suudaan kibbaa irraa ga’uu godhaa harkaa lafa jalaan dalagaa turan. Yeroo iitt baramuu ammas waggaa 10n booda naannoo bara 1992 kufaatii dargii jala irraa fotooqanii  sababa quubsaa hin taanee himataa murnaa fi  dhuunfaan diina isaanii yeroosii araboota kaaba bulchaniitti deebii’anii galan. Akkumaa warra miciiramaa ofiin jedhaa turan kanaa(lichoo fi Abdataa faa).
             Bu’aa ba’ii heedduu booda arsaa guddaa kaffalanii yemmuu SPLA n dhiibbaa guddaa irraan ga’an mootummaan suudaan kaabaa ajandaa araaraa fudhachuu dirqamee qabsoon isaanii waggaa 30 ol  araaraa bara 2005 jaarsummaa keeniiyaan godhameen nagaan bu’ee mootummaa suudaan kibbaa ijaarratanii akka hiree of ofiin murteeffattan taasiifamee abdiin gara biyya isaaniitti deebii’an.
Wantii nam dhibuu asiitti, yeeyyiin yeroo hundaa gogaa oolaa uffattee deebiitee yeeyydhuma. Ogganaan SPLA duraanii Dr john Garnag warra ganee galee, warra mootummaa diina isaanii turee keessa jiranii hundaafuu laphee dhiifamaa agarsiisuu qabnaa jedhee waamichaa godheef, isaaniis amla laafiisiifatanii gogaa isaanii of irraa baasanii debii’uun warra SPLA tti makamanii mootummaa of danda’ee suudaan kibbaa ijaaratan.
         Kunoo yeroo ammaa kana yeroo suudaan kibbaa riifeereendamii carra biyya ta’anii of bulchuu argattee filannoof qophaa’aa jirtuu kanattii yeeyyiin gogaa oolaa uffataan diinoonii tarsiimoo saba suudaan kibbaa akka isaan sirnaa garboomfataa mootummaa kaartum  jalatti kufanii bulan deggeruudhaan partii guddichaa SPLM keessaa ba’an, kaan immoo warana gosa isaa ijaaratee lolaa jira. Xinxalli dhiyeenya beektootaan himama jiru akka adeessuutti carraan hiree of ofiin murteeffachuu suudaan kibbaa gaaffii keessa galee jira sababiin kana ijoon warroota mootummaa gabroomfataa kaartuum deggereniituu dhaaba SPLM keessatti ijaaramuu isaaniitii, kan fala ta’uu maalii? Gaaffii saba afriikaa hundaatii. Tarkaanfii xumuuraa SPLM fudhataa jiruu warra kana (yeeyyota) of keessaa mancaasee qabsoo hadhaa’aaf of qopheessuu isaa murteffatee ,hawaasa isaatti labsatee. Keenyaa hoo murtee akkana hin barbaachiisuu laataa?

Mee waantan kana hundaa kaaseef mee gara kan keenyaa QBSO ttii yaadeebiinuu heedduu wal fakkataa yoo tokkoo ta’uu baatuus. Duraa kaasee ayyana ilaallatoonnii yeroo hedduu ilaalcha diinaa dhaaba keenyaa ABO keessaatti akka dhalatuu taasiisaa turan heedduu gaga’aama geessiisan,seenss hin dagatamneetu dhalatee, qaqbsoon duubatti harkiifamtee,ni qancartee, gad quucartee…………..kana hundaa hambiisuuf akkuma SPLA duri tarkaanii fudhatee gochuundhaaf waantii nu dangeessee maalii? Dhugaan tokkoo ni jiraa, maali inni,adeemsii dhiyeenya kana warroota dhaaba ABO irraa fottoqanii ba’an walitti fiduun ABO haadhoo deebiisabii dhinsuu jedhuu ka’ee turee dhugaa wantii kun ni dhinasaa? Yoo maal ta’ee……… soo dhuoguumaan kanneen dhaaba kana egeree saba isaaniif bu’uureessan, hundeedhaa ergaa fi fedhiin kan biro malee akkuma SPLA baroota dhiphiinaa sana keessa waliitti dhufee rakkoo isaa hiikkatee rakkoo sabaa dursee dhaaba isaanii haadhootti deebii’anii seeraa fi heeraa dura utubatanii qabanitti buluun danda’amee qabsoo kun ni dandamatii jedheen yaada. Garuu warrii yaada kana kaasan dhuguumaan  akka fedhameettii guchuufiidha yoo jennee nama shakkisiisaa kunoo mallatoo isaa arganneerra .torbaniin duraa Lichoon ffaa tokkeessuu ABO afarsaa turanii battalaa guyyaa sadii gidduutti gara diinaatti galan silaaa warra kanatuu nu tokkeessaa? Warri hafan yoo ta’ees ajaandaan isaanii kana irraa addaa mitii. Yoo kana jedhuu mee kana hundaa keessaa kan dhugaatti amanuu hin dhibuun yaadichaas ta’ee namoota akka dhunfaatis ta’ee akka gamtaattii of irraa dhiibuun immoo dansaa mitii  keessa ilaalachuu ni malla. Bara durii  naminni  gaafffii gaaffiin yeroo deebiisaa tureetti 
jabbii armaa haadhaa yoo  didee haadha moo jabiituu midhama? gaaffii jedhuuf deebii qabuu turan.innis, yoo jabiin armaa haadhaa hodhuu didee kan midhamuu jabiimadhaa maaliif atii waan annan ta’ee qaamaa ishee keessa oomishamee aanan ta’uu malee gaafa dalantuu of keessaatti deebiifattii, taajaajila qaamma isheef oolee iittin gabbattii kanaafuu kan agabuun ajjeesuu jabii dhalatee ta’aa. Mitii?

Akkuma kanaa dhaabaa keenya dhaaba oromoo guddicha ABO irraa warrii fotooqan kun annaan irraa dhuguu malan yaa dhiisan kanaafuu ofumaa nyaatanii gabbachuun kana eenyuu turee? As irrattii eggannoon heeraa fi seera dhaabichaa eggattan fala fi hiikaa siyaasaa keennuu jechuudhaan of balleesuuf deemuun sirrii miitii keessa ilaalalchuu mallee. Akkuma Dr, john Grang kootta mootummaa sabaa ijaarra jedhee hiika siyaasaa fiduuf jedhee waamichaa godheef  yeeyyonni gaafa jiqiilee irraa hirree qabatan mana ola galanii dhaadachuu eegalan keessa darbanii gabruummaa jalatti saba isaanii deebiisuuf carraqan. Kun akkuma warri keenya hiika siyaasaa keniinaa jedhanii kan leenjii waraanaa hin qabnee miseensotaa dispooraa fudhanii seeraa fi heeraa dhaabichaa malee miseensa SH MGS godhanii mudan kun maali fidee? Irraa barannee? Kanaafuu akka ajaa’iibaatti ilaaluu dhisnee murtee battalaatuu nurraa barbaachisaa jedheen yaada, kunis,
     Haalotaa fi carraan argannuu hunduu yeroo bayyee nujala darbaa tureera kan amma kun nu  darbuu hin qabuu . dhaaboonni akka muranatti of beexxeelanii jiran kun fedhii fi akeekin isaanii kan  qabsoo sabaa  si’achiisuu osoo hin taanee duuba kan harkkisuu  ta’uu mirkanee’ee jira ofis saaxiilaniiruu kunoo kan argiineedha torbee torbeen sababa haaraa uumuudhaan qabsoon jiraachuu malee qabsoo jiraachiisuutti hin jiran kun kan yeroo iitti keeniinuu mitii. Lichoo Bukuraa fi fakkatoonnii isaanii fira fakkatanii biyyaa oromiyaa hin beekneef qabsaa’uutti jirra jechuun saba dhugaa qabeessa kibbaa oromiyaa fi kaaba keeniiyaa waliin wal nu dhabsiisuuf  heedduu yaa carraqee garuu hin milkoofnee warra kanaa warrii ABO dhinsuu kaayyeefannee jechuutti turan ni  fakkataa? Kan sobuu hin  sokooksuu jedhan mitiiree mee hundaafuu bara diinoonii keenyaa gareen habashaas ta’ee wayyaneen dhugaa keenya ubatan irraa geenyee nutii ofii of balaaleeffachuu dhiisnee fulleen keenya gara qabsoo sabaa tti ta’ee hin wayyuu? Hanga yaada kan kutaa lameeffan wal garuuttii dhaamsii koo MISEENSOTA ABO kan seeraa fi heeraan bittamuutti jirtan dhugaan keenyaa mullataa jiraa warrii afaan nu faajeessa turan walkan bakka mana isaanii ijaarrataa turan gola wayyaneetti galaniis kan biroon immoo hojii fi dirqamaa addaaf osoo gogaa isaaniin of irraa hin basin oolaa keessa yaa’uutti jiruu
           Kanaafuu, warra kana of irraa eeggataa gara egree isaanii mootummaa wayyaneetti  galuu isaaniin duraa meeshaa dhignii ilmaan oromoo itti dhangala’ee argamee fi qabeenyaa saba keenyaa, ilaalchaa keenyaa fi tarsiimoo dhaabaa keenyaa fudhatanii galuun nuuf salphiinaa. harcaatoota hafan kana bakka jiruutti haa tikisiinuu nutii miseensonni ABO ofii keenyaa ooggana, waraanaa,,dabaleedha, tikaa kan hundaa taanee argamuu qabnaa ,Eeggatumman farra qabsootii. Kutaa biraan wal garra.
Heeraa fi seera dhaaba keenyaa eegsiisuun ga’ee keenya.!
Gadaan Gadaa bilisummaattii!
IUOF
Raajiif Guddataatiin
 Amajjii 2010