|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Haawwasaa Adunyaatiif Mootummoota adunyaa Hundatiif Dhaabilee Falmitoota Mirga Dhaala nama hundatiif Haawasi adunyaa, lammin Oromoo fi qamoolen adunyaa hundi Lamii Oromoo mana hidhati gurama jiran kana hunda hidha keessa basisuu fi mirga isaan kabachisuu kara isaa waan danda’aamuu hunda akka caraquun wamicha dhiyeesina
Annaa Manasibu fi Kilituu Karaa TPLF Oromooti dulun namoota heduu hidhan keessa :-
Oromummaa isaaniin yakkamanii mana hidhaatti darbamanii jiru. ilmaan Oromoo hedduun badii tokko malee Oromummaa isaaniin yakkamanii Finfinnee keessaa qabamuun mana hidhaa Maa'ikalaawwiitti darbamuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. Oduma walqabateen Godina Harargee Bahaa Onoota akka Baddannoo, Burqaa, Kurfaa Callee, Gurawwaa, Meettaa, ABO waliin hidhata qabduu jechuun ilmaan Oromoo hedduun hidhamanii hiraarfamaa jiru. Lixaa Shawaa keessatis Gedoo fi Annoole bayee keessati lammin Oromoo Oromummaa isaan yaakame hirarfama jira. Wallagga magaalaa Laqamtee keessaa sababaa ABO gargaartuu fi degeertu ykn waliin hidhata qabdu jedhchuun gaafa guyya 30/10/2008 egalaanii sabboontota ilmaan Oromoo mana hidhaatti darbanii dararaa suukkanneessaa irraan gahaa jiru.Naannoo Wallagaa Horroo Guduruu Sulula Fincaa'attis duulli hidhaa kun bal'inaan kan itti fufee jiru hoggaa tahu, haga ammattis namoonni hedduun qabamanii hidhatti darbatamanii jiru. Gamtan Mootummoota Adunyaa, Parliamaan Auropha, Kommishin Auropha, Mootumaan Ameerka, Tokkuman Afrika, Aminsty international, Human Rights Watch, International Red Cross, UNHCR fi qamoolee adunyaa hundi dararama TPLF lammi Oromoo irrati rawatama jiruu kana akka dhaabsisftan kabajan isiin gafana. Gummi Paarlamaa Oromoo
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |