|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Gaafi Mirga Baratoota Oromoo
Jimmaa University
Guyyaa 19-01-2012
Maaliif afaan hojii wal dorgommii Shaampiyoonii waliigala oromiyaa
18ffaa yeroo ammaa kana magaalaa jimmaatti adeemsifamaa
jiru Afaan amaaraa ta’e?
Akkuma beekkamu waldorgommii shaampiyoonii Oromiyaa yeroo ammaa kana
gaafa Amajjii 15/2012 jalqabee guyyoota sadiif adeemsifamee jira.
Yeroo dhufus ittuma fufee adeemsifamuuf jedha.
waldorgommii kanaan walqabatee rakkooleen armaan gadii mul’achaa
jiru.
·
Haasaan baaniinsaa waldorgommichaa Afaan birootiin godhame.
·
Abbootiin Seeraa waldorgommii hogganan FI Dursitootni garee
Godinaalee Afaan Amaaraa fayyadamu.
·
Waldorgomtootni Afaan Amaaraa haasa’u.
·
Sirbootni waldorgommii sana irratti sirbaman akkasumas
hirmaattota bashannansiisuuf waltajjii irraa gallakkifaman
sirboota Afaan Amaaraatiin sirbaman qofa.
·
Waantotni jedhamanii sirbaman seenaa Uummata Oromoo kan hin taane fi
faallaa Seenaa uummatichaa
kan ta’ani dha.
·
Haalli Uffannaa fi shubbisaa kan
uummata Oromoo miti. Fi k. k. f
Namni Ani Oromoodha ofiin jedhu, borus yoo ta’e faajjiin Afaan saba
isaa akka ol ka’ee mul’atu hawwu kamiyyuu qabxiilee armaan gadii haa
xinxaalu.
1.Jaarraa itti sabni Oromoo Afaan isaatti fayyadamaa jira jedhamee
midiyaa garaagaraatiin hafarfamaa jiru
kana keessatti maaliif Afaan Oromoo dubbachuun akkuma durii
sanaa har’as saalfatame?
2. Moo Afaan Oromootu ergaa guutuu hin dabarsine?
3. Waldorgommii guutuu Oromiyaa Godinaalee Oromiyaa fi Magaalota
Oromiyaa gidduutti dorgomamaa jiru kun wal dorgommii Uummata Oromoo
gidduutti fi dachee Oromiyaa irratti dorgomamaa jira. Haa ta’u malee
waldorgiommii kana irratti waanti Uummata Oromoo ilaallatu tokko
illee hin mul’atu.
4.Uummata Oromootu Aadaa sirbaa hin qabuu?
5.Afaan Oromootu Afaan sirbaa fi dhaadannoof hin mijannee?
6. Uummata Oromootu Seenaa waldorgommii kana irratti faarfamu hin
qabuu?...................???????
7. Erga waldorgommichi Kan uummata Oromoo gidduutti akkasumas dachee
uummata oromoo irratti adeemsifama ta’ee, Afaan Uummatichaa
tuffatamee maaliif Afaan saba biroo filatame………?
Gaafin Kun Gaafi Baratoota Qoffa utuu hin tanee Gaafi Ummataa Oromoo
hunda Waan ta’eef dhigga Oromoo of keessa kan qabduu huni gaafi
keenya kun hanga deemi argatutuu Oromummaa shasharafama jiru kan
dhibsisuuf hundi akka nu cina dhjabatan jeechuun baratoon jimmaa
Univesity gaafcha jiru. Lammin Oromoo biyya keessa fi biyaa ala jiru
Wayyanee TPLF fi dhaabbilee Habasha kamii iyuu waliin hariroo akka
hin goonee diina akka hin amanee cimminan gaafatani jiru. Dhaabbilee
Oromoo Bilisummaa Oromoof dhaabbatan Haala duree tokko malee wal
ta’uudha qabsoo Baratoon Oromoo fii Uumaani Oromoo Ogana malee qoofa
isaa gegessa jiru akka gargaran gaafatani jiru.
Oromiyyaan ni Bilisoomtii!!!
Baratoota Jimmaa University
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |