Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       
(Oromedia, 1 Amajjii 2011) Mootummaan Wayyaanee karaa caasaa otuu hin ta’iin, karaa hidhata sanyummaatiin lammillee biyyattii hiraarsaa fi dararaa akka jirtu gabaafame.

Maddeen keessa beektoti akka ibsaniin mootummaan wayyaanee haala biyyattii keessatti argamee hin beekamneen manneen hidhaa adda addaa keessatti lammillee hiraarsaa jirti.

Hidhaa fi hiraarsaa biyyatti keessatti gahaa jiruuf, Maa’ikalaawwiitti namni Taaddasaa Masarat jedhamu, kan lammii Tigiraay ta’e, hogganaan humna Tikaa Wayyaanee immoo Geetaachooo Asaffaa, kan ta’ee fi hogganaan olaanaa immoo Mallasa Zeenaawwii ta’uu, isaan kunneenis caasaa mootummaan otuu hin ta’iin caasaa sanyummaan walitti hidhatanii abbaa fedhan ajeechisaa ,abbaa fedhan immoo gara dabarsaa akka jiran beekamee jira.

Ibsa balaa, kan iccitiin tamsasame kana irraa akka hubatameetti yeroo ammaa kan ilmaan Oromoo kudha lama mana dukkanaa kan hidhaa fi hiraarsaa maa’ikalaawwii keessatti dararamaa jiran.

Lammiilleen hedduus haaluma walfakkaatuun kana chi keessatti hiraarfamaa jiran yoo ta’u, hedduun isaanii garmalee waan reebamaniif danda’anii akka hin deebne, ifaa arganii waan hin beekneefis sirriitti arguu akka hin dandeenye xalayaa iccittiin baate kana irraa beekamee jira.

Xalayaan iccitii Afaan Amaaraan qophoofte kun yeroo ammaa Afaan Engiliffaa fi Afaan Faransaayitti kan hiikame waan ta’eef namuu dubbisee, Afaan beekuttis, kan akka Afaan Arabaa, Swahilii, Jarmanii, Norway fi kan birootti hiikee, jaarmiyoota, aangawoota fi miidiyaalee addunyyaa kan mirga dhala namaatiif falmanii fi quuqamanitti akka tamsaasu  sabboontoti bobaa diinaa jala taa’anii iccitiin dhimmicha qopheessanii saaxilan dhaammatanii jiru.

Bal’ina odeeffannoo kanaa marsaa (blog)  http://oromedia.wordpress.com/2010/12/19/iccitii-olaanaa-maaikalaawwii/ irraa:

2. Dhaamsa Afaan English:  horrendous_atrocities_in_ethiopian_prisons
3. Dhamsa Afaan Faransaay:  atrocites_dans_ethiopienne_prison

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved