|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
DHUMAATIIN SUUKANNEESSAA
UMMATA OROMOO IRRATTI RAAWWATAME.
1. Fulbaana 22,23 FI 24/2011 lola meeshaa Gurguddaa waan akka Bireenaa fi Baazuqaan qindaa`een Lola Ummata Oromoo fi Gumuzi jidduutti ta`een Ummata Oromoo Irraa namoota heedduun wareegamnii namootni heedduun madaa`aniiru. Lolli kun kan ta`e Aanaa Eebantuu Ganda Lalisaa Dhangaggoo, Ona Mootii, Qilxuu Sanyii, Axabballaa,Yuubdoo fi Bakka Qonnaa Balaccu jedhamutti lolli kun Guyyaa sadiif meeshaa hammayyaa fi humna hidhannoo guutuu hidhateen Mootummaan wayyaanee qindeessee ummata Oromoo irratti Gosa Gumuz meeshaa hanga funyaaniitti hidhachiisee, Oromota meeshaa maleeyyii Qotee bulaa, maanguddoo f i Ijoollee irratti bobaasee qee jireenya isaanii keessaatti ficisiise.
Akkasumas maanguddootni,hawwanii fi shammarran,Daa`imman kumaa
fi kitilaan lakkaawaman qee fi maatii isaniirraa adda ba`uun
buqqaa`anii lubbuu ofii baraaruuf gara Magalaa Qeellootti
baqatanii gargaarsa nyaataa fi dhugaatiin/Midhaanii fi bishaan
tokko malee mankaraaraa jiru. Kanaaf lammiin keenya Sabni Oromoo
nuuf dhaqqabaa? jedhanii dhaammataa jiru.
A. Namoota Lubbuun isaanii
dabre/Ajjeeffaman/ ammatti kan maqaan isaanii nu
dhaqqabee keessaa,
1. Obbo Maatabuu Xiixaa Abbaa Ilmaan 15
2.Obbo Nigaatuu Dabbis Abbaa ilmaan 14.
3. Obbo Abdannaa Darajjee Abbaa ilman 07
4.Obbo Fiqaaduu Hundumaa Abbaa Ilmaan 06
5. Obbo Tafarii Adimaasuu Abbaa ilmaan 05
6.Obbo Dassaalee Ittafaa Abbaa Ilmaan 04
7.Barataa Magarsaa Guddaataa Barataa kutaa 12
B. Namoota Madaa`an,
1. Obbo Gabbisaa Kasasaa
2.Obbo Asaffaa Gabbisaa
3.Obbo Abbabaa Malataa
4.Obbo Abdiisaa Abbabaa
5.Obbo Fiqiruu Dhaabaa
6.Yaaragaal kan jedhamna.
C. Namoota qee fi qabeenya, manaa fi maatii isaaniirraa
buqqa`ee yeroo ammaa Magaalaa Qeellootti baqatee gargaarsa
dhabee mankaraaraa jiran ,
Maatiwwan kuma Tokkoo fi Dhibba Lama/1,200/abbootii Warraati.
CH.Daa`imman Yeroo ammaa Abbaa fi haadha isaanii/Warra
isaaniirraa adda baa`anii qofaa isaanii facaa`anii jooraa jiran
Daa`imman Dhibba sadii/300/
Walumaa galatti namoota Sababa lolaan qee fi qabeenya
isaaniirraa du`aa fi ajjeechaa jalaa baqatanii buqqaa`an yeroo
ammaa aanaa Eebantuu magaalaa Qeellootti baqatanii jiran namoota
1,500-2,000 ta`u.
Haalli naannoo jiru hanga ammaatti hin tasgabboofne. Karaa
mootummaan waan gargaarsa humna hidhataas ta`e idhaanii fi
bishaanii waan godhameef ykn dirmatameef oomaayyuu hin jiru
jedhame.
<Gabrummaan saba Oromoo kan namaa/Gabroofataati malee kan Waaqaa
miti!
Keessaa numa baana!>
Injifannoo Ummata Oromoof!
Murtii Seenaa Tessoo qaba
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |