Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       

Oromoon Kara Hunda Ajeefamaa fi Samamaa Jira

 (Kutaa 4faa) Bara, 2009

Enyuu Samichaa fi ajeechaa nu irrati gegessa jiraa?

Tukummaa atami fi mali irrat?

Tokkummaa kun kayyoo dhaabbilee fi gaafi ummataa ala ta’uu hin qabaatuu.

 

Gadaa.com

 

Dhaabbni tokko kan ittin bulu seera fi kayyoo miseensoon isaa raggasisan fi rakkoo ummataa isaa furuuf kayyoo qabatee ka’ee irra jalaachuu hin qabu. Waligalteen fi haririroon hunduma seera fi kayyoo dhaabicha kan falleeesu ta’uu hin qabu. Tarsimoo fi toofta hojii adda bafatan bakka tokko ga’uun dhaaba kamm iyuu kan itti fayyadamuu yamuu ta’uu. Seerii fi kayyoon dhaabba ini bu’uura garuu murtee miseensoota fi feedhi ummatichaaf jeechaa murta’uu qofaan qaba. Dhaabbilee Oromoo kara hunda of egannoon deemuu qabu. Diina isaa dura jiruu qofaa utuu hin tanee isaa isaan bukee jiruu ilee ilaalaa fi maadalaa adeemuu qabu. 

Dhaabbilee Oromoo maqaa Oromoon deeman fi qabsa’aan bayeen isaan kayyoo isaan yoo ilallee waan bayeen wal fakatadha. Warra kara naggaan filmataan Oromo abbaa biyya goochuuf deeman keessaa bayeen qabxilee kayyoo isaan keessati barreeffamee keessaa bu’uura kan ta’aan;-

  1. Oromoon mirgaa Hirree isaa ofiin murteefatuu goochuuf qabsa’uu
  2. Lafti kan ummataa qofaa akka ta’uu goochuuf qabsa’uu;
  3. Afaan Oromoo Afaan biyooleessa akka ta’uu gochuuf qabsa’uu;
  4. Pereezdanshal system seeraa bulmataa ijaaruu;
  5. Finfinneen Oromiyaa jalati akka bultuu  mirkaneesuf qabsa’uu,
  6. Feederaal system dhugga fi haqaan hojeetu ijaruuf qabsa’uu;
  7. Oromoon qabeenya isaa irrati abba akka ta’uuf qabsa’uu, KKF of keessa qabataa.

Tokkumaa fi waligaltee Uummun barbachisaa haata’uu malee Eenyuu waliin hojeechuu akka malan siirti xinxaluun barbaachisadha. Dhaabbilee waliin hojeechuu barbadamuu maqaa isaan ykn rakkoo isaan qaban ilaalamee utuu hin tanee kayyoo isaan lafaa qaban maadaludhan ta’u qaba. Mirgi sabaf sablamii akka kabajamuuf Malas Zenawi fi Haiyilu Shawol wal-bira qaban maadaluun barbaachisaadha. Gabru Asirat , Siiyee Abrahaa fi Malas Zeenawi waan isaan adda basuu akka hin jiree namn hin beeknee nama siyyasaa miti. Siiyeen namoota mana hidhati deemee argee sana kan hisisee Malas caalaa isaa mata isaati. Siiyee Abraha OPDO hacucee sochi isaan hidhee kan ture isaa ta’uu isaa ragaa qabatamatu jira. Lafa Olompiyaati Diinshoon fudhatee Gamoo daldaala ijaaruuf bitatee kaafalti hunda erga basee boodaa Gamoo Meggaa(TPLF)n dorgomuu barbadan jeedhee kan dhorkee Siiyee Abrahati, Diinshoon Konkoolatoota  geejibaaf oluu yamuu biyyati galchuu  Salam Transporti wajjin  dorgomuu barbadan jeechuun konkoolatootaa bitaman kana humnan Diinshoo irraa fudhee Salam transpoortf  keene Siiyee Abrahat, Oromoo lola barsifna, Oganntootaa ABO harkan qabnee fiidna jeedhe Oromootti kan dhadatee Siiyee Abrahat. Dhaabbilee kan immoo dhaabbilee maqa ummata Oromootin  deeman walin hin hojeenuu jedhaan waraa dhadata turandha. Keesummat amma ilee maqa Itiyoophiya wara hin qabnee barreefama keessati ilee boodaa qabu. Kanaaf siyyassa keessatti  ilaalaacha sirribun gariidha. Kayyoo dhaabba fi gaafii ummata irrati hunda’an deemun barbaachisdha.

Kun immoo feedhi ummataa keenya irrati hunda’ee kan lafa ta’ee malee akka dhaabbilee birroo haawwi tayitaa  namoon dhunfaa qabatani adeeman irrati hunda’ee miti. Gaafiin kun gaafi nama dhuufaa tokko utuu hin tanee gaafi ummataa Oromoo waan ta’eef dhaabbi maqa Oromoon dhabbatee tokko kayyoo kana faallaa yoo deemee umurii hin qabu. Gaaffin ummata Oromoo kun hanga deebi argatuuti naggan biyya Itiyoophiyati jiraachuu hin danda’uu. Mootumman kam ilee yoo wal jijiran gaafi fi qabsoon ummata Oromoo hanga deebii argatuti  akka itti fufuu hundi nama ni beekaa. ABOn wagga 40 guutuu mootumma Ityoophiyaa hunda dura dhaabatee lolee utuu hin dhabsifamin hangaa haarraat kan jiirateef meeshaa hidhannoo bayee fi mallaaqa bayee ykn deegersa biyya ala bayee qabatee utuu hin tanee gaafi haqaa fi feedhi ummataa Oromoo irrati cichee kayyoo dhugaa utuu gadi hin dhisin waan jiruuf.. Dhaabbilee bayeen fi nammon dhuunfa ilee dhaabbilee Oromoo qabatan Oromiyya seenuuf malee mirga Oromoo kabachisuu akka hin tanee OPDO irrati baranee jira.

Siyyassa dhaabbilee Oromoo maadaluu fi xinxaluu qaban  keesaa ini guddan gaaffin sabaa keenya deebi argatee malee Malas Siiyeeti jijjiruun  ykn Malasa Adisu Lagasati jijjiruun  furmati arganuu akka hin jire beekamu qaba. Kan barbadamuu jijjirama bu’uurati waan ta’eef. Kan  nama dhibbu imoo Malas Zenawi ummataa biyyati fi dhaabbilee siyyassa biyyati hunda tufachuu irraa darbee ummataa adunyaa ilee tufaachuu ykn sobuu barbada. Namn sobati hin qabnefanee adunyaa kana irra Malas Zenwi  1ffaa dha

Malas Zenwi Gaafaa Pireezedaant Itiyoophiya ture tayitaa biyyati hunda Ajajaa waraana, wal-itti qaba  minsteroota, abboti tayitaa hunda kan muuduu fi baajetaa mootummaa  naannoolee hunda fi hojii naannolee hunda kan too’aatuu isaa ture. Gaafaa echii irra  ka’ee Mummichaa minsteraa ta’uu imoo hojii echiiti hojeechaa turee fi Aangoo Pireezedaant hunda fudhatee gara wajjira Mummicha Minsteerat gale, seera biyyati hunda akka Malasf ta’uuti yaadamee halkan  tokkoot barreefamee waan labsamuuf rakko hin qabu. Kan nama ajaibuu garuu giduu kana Malas Zeenwi fillannoo bara 2010 booda Mumichaa Minsteraa ta’ee akka itti hin fufnee yamuu dubatuu dura ta’aa EPRDF ta’ee akka itti fufu imoo ofuma isaati mirkaneefate. Namn kun qaani hin beeku sabab isaa 1ffaa biyya Mummicha Minsteeran buluu keessati Mummichi minsteera batalummati  dur ta’aa paartiichaa ta’aa.  Kanaaf Malas yeroo amma Muummichaa Minsteeraa fi dura ta’aa paartiichaati amma gaafaa Muummichaa Minsteeruma gadi-lakkisuu dura ta’umma Paartiichaas batalummati gadi-lakkisuu qaba. Malas Zeenwi qofan gaafa Pireezedaant biyyaa ta’uu, gaafaa Mummùiicha Minsteera biyyati ta’uu fi gaafa miseensa dhaabba qofa ta’uu ilee umurii guutuu dura ta’aa dhaaba kan ta’uu yoo ta’ee, gaafaa du’uu ilee mucaa kooti dabarseen du’aa jeechun isaa hin oluu. Akkumaa gaafa ini Mummiichaa Minsteera fi dura ta’aa dhaaba ture namni isaa bakka bu’uu ilee Mummiichaa Minsteera fi dura ta’aa dhaabiicha ta’uu qaba. Kana kan jeechuun irra jiru dhaabbilee Mormitoota utuu hin tanee TPLF jalati maqa Oromoo, Amara fi Kibaan gurmoofne warri jeedhan fi deggertotaa TPLF warri ofin jeedhan dhaabbileen Somale, Afar, Gambeela fi Beneshangul Gumuz  mormachuu qabu. TPLF Demokrasin Itiyoophiya keessati ijaraa jira jeedhu kun dhaabba mata isaa keessatu Demokrasi kan hin qabnee fi bitaa ilmaan Tigraayn kan ofaman jeechuudha. Dhaabbileen Kun Malas Zeenawi gaafaan tayitaa gadii dhidsuu  dura ta’aa dhaabba ta’een itti fufa jeedhe dubachuun isaa qoofa Demokirasin dhaabichaa keessa akka hin jiree raga ba’aa. TPLF keessati dura ta’aan kan filatamuu utuu hin tanee ofumaa isaan kan of muuduu ta’uun isaa Aadunyaa mari’achisa jira. Mangistuu H/Mariyam miti Hayile Silaseen iyuu Malas Zenawi caalaa Demokratawadha kan jeedha baayachaa jiru. Murtee Malas Zenawi kana OPDO fi BADEN kkf yoo fudhatan dhuguma iyuu  hojiin isaan Haree ofuu qoofa ta’uu isaa mirkaneesaa. Ykn garu nutis biyya ogganuu ni dandeenya jeechuun falmaachuu danda’uu qabu

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved