NAMA AJJEESSUU FI BIYYA GOOLUUN
KAN BEEKAME MOOTUMMAAN MALLAS
ZEENAAWWII BARATTOOTA OROMOO
IRRATTI JEEQUMSAA QINDEESSAA
JIRU QABSOON NI DHANKAAKA!
DHAAMSA QEERROO BILISUMMAA
OROMIYYAA IRRAA
1.Mootummaan Wayyaanee/OPDO/
namoota dhoksaatti HOJII
TIKAAF/BASAASAAF/qaamaa
Federaalaatiin
leenjifamanii barattoota Oromoo
mana barumsaa sadarkaa ol
aanaa/koollejjootaa fi
Yuunversiittiitti bobbaasaa
jiru.
2. Godinaalee Oromiyaa
17 irraa namoota hojii
basaasaaf fo`ee leenjisee nama
lama lama/02 Godina Godina irraa
walumaa galatti namoota 34 hojii
basaasaaf bobbasaniiru.
3.Namootni kun kan itti
bobbaa`an Mana barumsaa sadarkaa
Ol aanaa.Koollejjii fi
Yuunversiitiitti ta`uun
mirkanaa`eera.
4.Godinaalee 17x2= Namoota 34
Godinaalee Oromiyaa keessa jiran
walii gala keessaa fo`ee Leenjii
addaa adada kenneefii
qopheesseera.
5.Namoota kana keessaa kan
ammatti maqaan isaanii nu
dhaqqabe Godina Shawaa Kibba
Lixaa keessaa ,1. Obbo
Walabummaa Gunjee Aanaa Wancii
bulchiinsa keessa kan hojjetu.
Dirqamni isaa ykn kallattiin
bobbaa isaa Wallaggaa
Yuunversittii Godina Wallaggaa
dhiyaatti hojii basaasaaf kan
ramadame.
6.Obbo Al-amduu Bagidaad Itti
gaafatamaa dhimma Dinagdee Aanaa
Ammayyaa kan ta`e.
Kallattiin bobbaa isaa ykn
dirqamni isaa kallattii
Walaayittaa Soddoo YKN
Yuunveristii Arbaa Mincii tti
kan ramadame.
HUB: Namotni
kun ammaan dura hojetaa
mootummaa ta`anii kan hojii
mootummaarratti ramadaamnii
hojiirra jiran . Yeroo mana
barumsaa keessa jiranitti
miindaan isaanii dhoksaan karaa
mootummaan kaffalamaa, isaan
akka baratattii sirnaa fi unkaa
barataa/barnootaa guutanii utuu
hin ta`iin mootummaati dirqama
addaa itti kennee hojii
basaasummaaf barattotatti
bobaase dha.
1.Dirqamni hojii bobbaa isaanii
yoomii f i hangamiif? akka ta`e
ammatti yoo beekamuu baatellee,
yeroon bobaa isaanii
amma Onkoloolessa kana
irraa tu`uun beekameera.
2.Barataa fakkaataanii
Barattootaa Oromoo waggaa
haaraatti Barumsaaf gara mana
barumsaa Koollajjii fi
Yuunveristiitti dhufan isaanis
akkuma barataatti/barataa haaraa
fakkaatuun itti dhiyaatanii
basaasuu fi sochii barattoota
Oromoo hordofuu fi gabaasuu.
3.Namootni kun kan Mootummaa
Wayyaanee/OPDO/ f amanamoo fi
dirqama itti kennamu kan
raawwatan ta`uu isaanii namootni
kun sadarkaa Godinaatti filamuun
leenjiin kennameefii bobbafaman.
Dirqama adada aaddaa kan
raawwatan ta`uunisaaniis
beekameera.
4. Namootni 34
kun Koollejjii fi Yuunversittii
Oromiyaa Keessa jiran maratti
hojii basaasumma kana hojjechuu
fi sochii QFDG QEERROON Oromiyaa
eegalanii fi itti jiran kana
mootummaaf gabaasuu. Sabboontota
Barsiisotaa fi barattoota Oromoo
hordofuu.
5.Mootummaan wayyaanee SOCHII
QEERROO irraa sodaa fi birruu
qaburraa kan ka`e bifaa fi humna
danda`ameen dura dhaabbachuuf
dinagdee guddaa /baajeta addaa
ramadee namoota sirna isaaf
amanamoo fi waardiyaa
ta`an fo`ee sadarkaa
feederaalaatti leejjii addaa
addaa kennaa jiraachuu isaa akka
ta`es gabaasni kun
mirkaneesseera.
6.Wayyaaneen namoota hojii
kanaaf fo`ate aangoo fi faayidaa
addaa addaan sadarkaa addaa
addaatti jijjiiruu fi mindaan
/aangoon guddisuuf waan hin
godhiin hin qabu.
Garuu itti milkaa`uu fi sochii
qeerroo gufachiisuu hin
dandeenye.
Gara fuula duraattis Hanga Sirni
gabroofataa mootummaan Bulguu
Wayyaanee kun burkutaa`utti QFDG
QEERROON eegale cimee fi
cichummaan /Seexaan akka itti
fufuu fi bilisummaan galma isaa
ga`u Hojiin Ni mul`ifna!
Qeerroon humna sabaa fi
sablammootaa ,cunqurfamtoota
Itiyoophiyaa mara gamtaan
qindeessee hanga humni
gabroofataa kun hundeen
buqqa`utti sodaa fi birruu tokko
malee akka itti fufu irra
deebinee ejjennoo keenya
addeessina!
Carraa kanaan Barattootni
sadarkaa ol aanaa koollejjii fi
Yuunversiittii addaa addaa
keessa jirtan Kanneen duraan
mana barumsaa keessa turatanii
fi haaraatti gara mana
barumsaatti dhuftan Ilmaan
Cunqurfamtootaa dheebuu
barnootaaf qabdanii fi
barattanii of danda`uu fi maatii
keessan garagaruuf sammuu
keessan qopheessitanii gara mana
barumsatti dhuftan , garuu
mootummaan Wayyaanee mana
barumsaa dirree lolaa fi mooraa
waaranaa godhatee barattoota
ajjeesuu fi hidhuun kaan
barnoota irraa ukkaamsee gara
dabarsuun maatii fi firoottan
keessan boosisaa fi joorsaa
turee fi ammallee itti jiru
kunoo ammas utuu barumsa kee hin
eegaliin dursee mana barumsaa
keessaatti kiyyoo hidhee shiraa
fi goolii addaa addaa
uumuuf/jeequmsa kaasuuf
basaasota garaaf bitamanii /sab
gantootaa/ addatti dhoksaan
leenjisee qopheessee mana
barumsaatti bobaasaa jira.
Kanaaf Qeerroon Jiruu jireenya
gabrummaa fi gadaantummaa
bara baaraan roorrifamaa
jiraachuu irra Bilisummaa! ykn
Du`a! jennee kaanee wareegama
qabsoon nu gaafattu mara hanga
lubbuutti itti kitimnee sirna
gabroofataa kana jijjiiruuf
sabootni cunqurfamootni gamtaan
kaanee bilisummaa fi
diimokiraasii dhugaaf akka
waliin qabsoofnu Qeerroon
waamicha keenya cimsinee
dhaamna!
Qabsoon hanga Bilisummaatti!
wareegamni hanga Lubbuutti!
Injifannoo Ummata Oromoof !!!
Oromo Parliamentarians Council (OPC)