|
|
Baratoon Oromoo tasgabbiini waraqisa Gutuumaa
biyyati ka'uu eguu qabuu.
Wayyannee Waraqisa ka'uu dursitee ijoolee Oromoo adda baftee
rukutuuf karorfatee jirti, kanaafu toftaa Habashoota kana beektani
tasgabiin waraqisaa biyyati keessati kuuf of qoopheesu malee dursan
qoofa rakkof of saxluun garii miti. Motummaan wayannee ijoolee
Oromoo nagga fi tasgabiin baratan bakka isaan rafaanti reebuu,
hidhuu fi dararauun kun dhigga Ethiopia keessa dhagala'uu hameessa
keessatu ilmaan Tigree ijoolee Oromoo dorsisan jeequmsaaf kakassan
of qusachuu bana Ummaani Oromoo bakka jiruu gummaa ijoolee isaati
diigan deefachuuf dirqama waan ta'uuf mootummaan TPLF waan Oromooti
jirijaruu kana of egachuu qaba.
University n Mizaan Teeppii dhigaa fi himimmaan,
hidhaa fi iyyaan guutamte, barattoonni Oromoos rasaasaan
reebamuu,hidhaatti guuramuun itt fufee jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/ Ebla 08,2011) Ebla 6 galgala irraa eegalee
hanga Ebla 7,2011 ganamaatti barattoota Oromoo mooraa University
Miizaan Teeppii baratan 400 ol tahan irratti mootummaan Wayyaanee
dhukaasa rasaasaa roobuus barattoota hedduu madeessee hospotaala
Miizaan Teeppii ciisuu isaanii fi barattoota 45 ol tahan ammoo mana
hidhaa bakki hin beekamiinitti gessuun gabaasi naannoo san irraa nu
dhaqabe addeessa.
Barattoota Oromoo mooraa kana keessatti baratan Ebla 4,2011 moraa
keessatti Fincila diddaa gabrummaa kaasuuf jettu kan jedhuun kan
yakke mootummaan Wayyaanee galgala doorsisaaf jedheen meeshaa
gurguddaa mooraa University san keessatti akka dhukaasaa ture
gabaafama.Kanuma waliin wal qabatee dhalootaan Tigiroota kanneen
tahan mooraa keessa deemanii Oromoota arrabsuu fi xiqqeessutti tahe
jedhanii bobba’uun akka barattooti Oromoo aariin of irraa deebisan
taasisuu yaalii guddaa godhaa turuun gabaafama,Dhimmi kun akka
qabanaawuuf tattaaffiin karaa barattoota Oromoo haatahu iyyuu malee
loltooti Federaalaa mooraa cabsanii seenuun lafa ciiisichaa irra
naannawanii barattoota dhalootaan Oromoo tahan qofa keessaa calaluun
45 ol tahan konkolaataa gugurdaa irraatti guuruun bakka hin
beekamneen geessisuu gabaasi achiirraa nu dhaqabe . Gabaasi
guutuun kana booda akka nu dhaqabeen dhiheessina.
|
|