|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Baqatoon Oromo wal tumsudhan Ergamtoota TPLF of irra qoolachuu qabdu. 26/08/10 TPLF humna hidhata fi bassastoota ergudhan Kenya, Somalia, Uganda fi Yemen keessa baqatoota Oromoo hisisun akkasumasi qabee biyyati erga ture. Biyyoon kun ilee seera adunya cabsuun baqatoota waraqa enyuuma UNHCR qaban dabalatee qabamani akka biyyati deebiyan goocha jiru. Rakko kana UNHCR biyyoota kana jirafi akkasumasi Wajjira UNHCR Geneva jirtuti iyyati haga ama dhiyeefacha jirureef deebi ga’aa hin lanee. Mirga baqataan adunya hundi qabuu baqatoota Oromoof egisisu hin barbanee. Yerroo Mootuumman Adunya fi biyyoon hoola keenya jiran seera adunya cabsuun baqatoota Oromoo Mootuumma TPLF Oromo ajeessa jiruti yaamu dabarsani keenan kana Hawwassi Oromoo, Dhaabbilee Oromoo fi Baqatooon Oromoo hundi of irrati ilaaluu hin qaban. Dhaabbilee Oromoo fi Hawwassa Oromoo biyya ala jiran kan tufatee wayyanee ijoolee tiittissa ilee of irra ittisuu hin dandeenye BOONA TADESSE fi LABATA FUFA Miseensoota OBK duran Kenyati boobaftee baqataa Oromoo sosodachisun Oromoof salphina. Boona Tadeesee Kenya Nairobi IRRSII bakka jeedhamuu qabachuun qabsa’oota Oromoo hunda bassassa jirachuu kan erran baqatoon Oromo Labata Fufa amoo Ugandati Kenya dhuufn Bassastoota TPLF waliin Oromoo irrati dulaa jirachun ibsudhan hawassi Oromo biyya ala jiru meesha ittiin jaara kana of irra egachuu danda’aan akka gumachan baqatoon Oromo gaafatani jiru. Kanaafu:
Mootuumman Wayyanee fi Embassin Wayyane biyoota kana jiran biyya nama keessati lubu Oromoota heeduu baleessuuf yamuu karrorfatan bassastoota fi human tikka isaan boobasan Hawwasi Oromoo fi Dhaabilee Oromoo caliisan ilaalun hamilee qabsa’oota keenya kan ajeesu waan ta’eef kara hundanuu tarkanfi TPLF kanaaf deebi ga’aa qoopheesuf dirqama keenya. Mootummoon hoola Oromoo kun ilee goocha wayyanee kana dhaabsisu banan of du’aa nageenya hormaafi waan yaadoofnu waan hin taneef rakko dhalachuu da’anda’uu waluma qixaa bo’uu qabna malee barii Oromon bo’ee diini Oromoo gamaduu akka hin tanee dhamtani jiru Oromiyyani ni bilisumti. |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |