|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Lamiin Oromoo Hundi diina haa falmanuu, Afaan Oromoof Haa dirmanuu GPO/OPC OPDO Afaan Oromoo irrati yaaka seenan hin daganee hojeeta jirti. Ijooleen Habasha (OPDOn) gartun yaakkamtun kun harree oftee diina Oromiyyaa galchuusheti bara 1991 kassee ummaati keenya balaleefata jira. OPDOn garuu kan haaree oftu utuu hin tanee Haareedhan ofamtee kan Oromiyya galtee jeechuuti irra madali kassa. Sababi isaa OPDO akka namati miti akka Haareeti ilee yaaduu kan hin dandeenye ta’uu isheeti. Mirga Oromoof waan maluu hunda dura kan dhaabbatu ta’uu isheeti. Kun amoo kan inii irra madeef OPDOn Ogannoon ishee 90% ijoolee Tigray ykn Amhara ta’uu isheetin. Afaan Oromoo Afaan Hoji Ityyophiyya akka ta’uu WFDOn kayyoo isaa keessati isaa dura goodhatee hoji egalee, hara amoo kayoon kun dhaabbilee mormitoota Itiyyoophiyya keessa jiran hundi waan irrati waliigalan dha. Mootuummaa Oromiyyan bulchan jira kan jeetuu OPDOn garuu Afaan Oromoo Afaan Hojii biyyoleessa ta’uuf hin danda’uu jeequmsaa fidaa jeechuun ishee hangaa haaree kan hin yaanee ta’uu ishee mulisa. Waan nama dhiibuu Lidatuu Ayyaleew ilee “haalaa biyya keenya keessa jiruuf bayyiina saba Oromoo yaamuu ilaalamuu Afaan Oromoo Afaan hojii biyyoleessa ta’uu degeramuu qaba” jeechuun ilaalcha isaa duri qabuu irraa haalaa jiruu ilalee yamuu of jijiruu danda’eeti, OPDO ergamtuun samuu TPLFn yaaduu garuu gaafi fi fedhii Oromoo kan ta’ee fi dhaabbilee Oromoo wara hin tanee irra ilee degersa yaamuu argatuu, OPDOn kana mormun ishee yaaka sadarka hin qabnee rawwachuu ishee Oromoo hundi hubachuu qaba. OPDOn kana duraa yaakaa mirga saba Oromoo dhiibbuu hunda dalaga turte. Danga Oromiyya ABOn sararamee hunda kukutee naannoo birroti dabaluun Oromoo naannoo isaa irra citee Harari, Amhara, Kiba, Beneeshanguli fi Tigray keessati kutamee lamii lamafa ta’ee jira. Mootummaan ce’uumssa seera biyyati keessati Oromiyyan Finnifnnee irraa siyyassan, dingdeen fi hawasuuman bu’aa fi ga’ee Oromiyya argachuu qabuu seeran murte’see, hojii irra utuu hin oliin waggoota 18 lafa irra harkifamee akka hirnfatamuu goodhamee jira. OPDO waagoota darban 20 keessa samuu TPLF yaaduu fi ergama Tigray raawwachuun ala mirga Oromoo fi Oromiyyaf waan hojeete tokko ilee hin jiru. Dura dhabachu yoo ta’ee malee. Gaaffin Oromoon gaafachaa jiru tokko ilee deebiyya hin jiru fakkenyaf:-
Oromoo bakka jiruu sagalee isaa biyya ala fi biyya keessati dhageesisuu qabaa, Median Oromoo hundii qabxii kana Olti caqasaman keesumaatuu Afaan Oromoo Afaan hoji biyyoleessa akka ta’uu dhaabbilee siyyassa mormitoota kan iti waliigalan sun Ajanda hunda caaluu ta’ee akka irrati falmanuu isiin yaadachisuu feena. Afaan Oromoo Afaan hoji biyoolessa hata’uu yamuu jeenuu barbachisumaa isaa qoorannoo irrati hunda’uudha bu’aa inii ummataa Oromoo fi ummatoota Itiyyoophiyya hundaaf ilee bu’aa in qabuu, Ummatoota Gaanfaa Afrikaaf ilee bu’aa inii qabuu hunda erga xinxalamee booda waan murta’eedha malee OPDO abjuun akka ishee goofta ishee TPLF sodatee Afaan Oromoo xiqeessa jirtuu akka hin ta’iin Gummiin Paarlaamaa Oromoo isiin mirkaneesuu feedha. Biyyoon Guddatan akka Kanadaa, Belgium, Suizerland, South Afrika kkf Afaan Hojii laman fayyadaman rakko ummataa isaan ittin hikuu irra darbanii bu’aa gudda kan itti argatan malee rakkon tokko ilee ykn sababa kana jeequmsi isaanti humamee tokko ilee hin jiru. OPDO doomtuun garuu Tigroota sodatee Afaan Oromoo akka jeequmsa fiduu ykn dandeeti akka hin qabneeti dhiyeesun ishee Ummatii keenya bakka hundati balaleefachuu qaba. Afaan Oromoo Afaan Hojii biyooleessa ta’uu hin qabuu kan jeetuu OPDOn Naannoo Oromiyya keessati bakka tokkoti ilee akka hin falatamnee ummataa keenyaaf dhamna. Baratoon Oromoo kaba fi kibba, bahaa fi Lixaa wal damaksuun Fillaannoo dhuufu irrati akka nami OPDO hin filaannee goochuun addabi isaa dhumaa akka addabdan isiin gaafana. Ummanii Oromoo, Baratan Oromoo, Daldalan Oromoo Qootee bulan Oromoo yaakka OPDOn raawwatee kana hubachuun fillaannoo ji’aa kana keessati rawaatamuu irrati OPDO akka hin fillaanee wamichaa isiin dhiyeesina. Lammin Oromoo kan ta’ee OPDO Afaan Oromoo Xiqeesitee kana yoo filaatee guyya tokko kan itti gafatamtuu ta’uu kee hubatee dhaabbilee Oromoo Afaan Oromoo Afaan Hojii Biyooleessa ta’uu qaba jeedhani falmachaa jiran akka filaatan isiin dhamna. Baratoon Oromoo matii keessan haraka lafa jalan amansisudha guyya gaafa fillaannoo Afaan Oromoo Afaan Biyyooleessa hata’uu wara jeedhan WFDO fi OBK/OPC akka filatan isiin dhamna. OPDO (ilman Habasha) Afaan Oromoo dubatuu falachuun Afaan Oromoo Baleesuu ta’uu isaa akka beektan Gummin Paarlaamaa Oromoo kabaja waliin isiin gaafata. Afaan Oromoo Afaan hojii Biyoleessa Itiyoophiyya qoofa utuu hin anee Afaan Hoji Gaanfaa Afrika goochuuf Murraanoo keenya waan ta’eef, OPDO hanga Hareen hin yaanee Afaan Oromoo xiqeesuunf hamlee kan hin qabnee ta’uu ishee hubachiifnee ijoolee Oromoo Miseenssaa OPDO tatan ilee goochaa OPDO kan atataman akka balaleefatan isiin hubachuufna. Kun ta’uu banan Oromoon Afaan Oromoo Afaan hoji Biyyoleessa hin ta’uu jeedhe falmatuu murtiin isaa irra ga’uu murti isaa dhumaa ta’uu isaa hubachifna. Oromiyyan ni Bilisoomti !! Afaan Oromoo Afaan hojii Gaanfa Afrika gutuu ni goona!! Gummi Paarlamaa Oromoo Caamsaa 2/2010 |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |