Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         
Oduu gammachiisaa Afaan Oromoo akka barnoota-afaan tokkotti barattootaaf Universitiin Helsinki dhiyaata.

 

  

Universitiin Helsinki akkuma maqaansaa muldhisu magaala guddittii Finland, walakkaa Helsinki keessatti argama. Akka oduun dhiyoo kana sab-qunnamtii biyyaitti irratti dhiyaate ture tokko ibsutti, Universitiin kun Universitoota dhibba tokko adunyaa kanarraa ol-aanoo dha jedhamani beekaman keessa tokko dha. Kutaalee barumsa-ol-aanaa ta'an Universitiin kun qabdu keessaa inni duddichi tokko "Kutaa Aadaa fi Afaanota Adunyaa" (Department of World Cultures and Languages) kan jedhamu yeroo ta'u, kutaa kana jalatti "Kutaa  Afaanotaa fi Aadaa Asiaa fi Afrikaa" kan jedhamutu jira. Kutaa kana keessatti afaanoti biyyooli kanaa ni barsiifamu, ni qoratamus. Fakeenyaaf Afaan Warra Sabeani – Afaan Arabaa, (ni barsiifama) afaan Amaaraa gulanta qormataatiin qabmausaani beeka. Afrika keessammoo afaan Swaahili ni barsiifama. 

 

Afaan Oromoo akka barumsaatti akka dhiyaatu iyyannaa ani dhiyyeesse irratti hundaawuun "Kutaan Afaanii fi Aadaa Asiaa fi Afrikaaa" kun eega yeroo dheeraaf iyyannaa koo qoratee booda murtee haata’uu murteessra. Akka kanaan afaan Oromoo seena saa keessatti tarii yeroo jalqabaatiif University idle adunyaa irratti beekama ta’e tokko keessatti carraa afaanota kaan wojjin barattootaaf dhiyaachu argateera. Kanaafis waggaa haara kanaa jalqabee afaan Oromoo akka barnoota-afaan tokkotti barattootaaf dhiyaata. Murteen kun murtee seena qabeessa yeroo ta’u tarii seenaa afaan keenyaa keessatti Universitiin Helsinki afaan keenya barattootaaf dhiyeessuuf isa jalqabaa ta’unsa ni mala. Akkan giddu kana mirkaneefadhettis barattoonni fedha afaan kana baruu qaban kan biyya alaas, kan biyya keessas(domestic as well as exchange students)  galmawani barnoota jalqabuuf eeggachaa jiru. Barumsi afaan Oromoos walkaa ji’a haara kanaa tii jalqabee kennama.

 

Oromooti magaalota guguddaa, Amerikanii keessa kan akka Minneapolis, Atalanta, Wasdhington, Oregon, Philadelpia; Awroppaa keessa kan akka London, Oslo; Kanadaa keessaa, kan akka Torontoo fi akkasumas Autralia keessa jirattan akka koo kana bifa nam-tokketiinis ta'e bifa hawaasaatiin, Universitoota magaalaa keessan keessa jiran waliin mariyachuun afaan keenya akka barnootaaf dhiyaatu gochuu yaaluun yaada bayeessa natti fakkaata. "Boosettiin of gatteetu 'dhirsakootu na gatee´jetti" jedhama. Diinni hanga fedhe ija jibbaatiin nuu laaleyyuu, nuyi hanga malee of jaallachuu qabna. Aadaa keenyaa afaan keenya kunuunsuu, guddisuu qabna.

 

Egaa waggaa haaraan dhufaa jiru kun kan bilisummaa, kan mirgaa, kan nagaa; wanti bayeessi hawwitan hundi kan itti isinii guutu akka isinii ta'u hawwaa oduun gammachiisan hardhaaf qabu kanuman jedha.

 

Nagaan

 

Zalaalam Abarraa   

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved