Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       

Ummani Haqaaf qabsuu ni injjifata.

 

Konferensi  Gummiin Paarlamaa Oromoo biya Belgium Antwerpenti qoopheese Oromoon Belgium, Holand UK, fi German irra dabalatee argamuun marii guyya tokko deemsisun Sabnata dura 2 july bara 2011 xumuramee jira. Oromoon qulqulu warii ta’aan, diina hin soodanee, Onnee gutuu qaban, muranno, saboonumaa fi Oromumma haqan of ijaran hundi walga'ii kana irrati argaman jiru. Guyya kana Namoon biyaa adda adda irra dhufan Hasa'aa fi xinxala gurguda dhiyeessan jiru. Biyaa UK, German, Haland Belgium fi Kameruumn irraa rakko Oromoo fi yadda murtee dhiyeessan jiru. Melese Zenawi yakka sanyi Baleesuu Oromoo irrati hojeeteef Hegi (Holand) mana mutii adnyan ga'uun dirqama keenya jeedhan jiru. Oromoon walga'ii irrati yaada dhiyeefatan Melese Zenwai Ummata keenya ajeesaa jiru fi Embassyn Ethiopia Belgium jiru goocha ishee adunyaaf saxiluun injifannoon xumuranee jira.

Rakkon Oromoo firoota Oromoon ifaati dhiyyatan irrati mariatamee jira, TPLF goocha isheen Ummataa keenya kessati ajeecha, hidha,darara fi samicha lammii Oromoo irrati rawwataa jirtutu ifaa ba'ee jira. Malamaltumman adunya kana irrati lamafa fi qabeenya malaqan amoo adunya irrati 10faa kan ta'ee Melese Zenawi qabeenyi isaa fi firoota isaa, daldaltoota isaan waliin qunamiti qaban hundi akka mootummoata adunya qabaman malaqii kun biyyati deebiyuu gafatamee jira. Melese zenwaiti Malaqa Biyyati dhunfa isaaf olcha jira malee hoji Misooma, fi Msooma adnyuan karorsee Miliniyem Program tokko ilee Oromiaa keessati akka rawwatama hin jiree, Mana barumsaa kutaa tokko kessa ijoolee 200 kan baratuu yamuu ta’uu qulqulina kan hin qabnee fi fooda fi balbala ilee kan hin qabnee waluma galati barumsaa kan hin mijanee keessati akka barata jira suura waliin dhiyatee jira. Bufati fayya nama 25,000 Hosptal amanya nama 75,000 ijaruu sangantan adunya irrati bayee kun biyya Tigray qoofa malee Oromiya keessati ijarama kan hin jiraneta’uu ibsamee Kela fayya fi Bufata fayya jeedhaman warii ijarama amoo Qorcha kan hin qabne, Meesha iti tajajia latan kan hin qabnee, Ogeessa fayya kan hin qabnee fi walumagalati tajajila kamuu keenuu kan hin dandeenye ta’ee ibsamee jira. Kanafuu EU fi USAn qarshi tokko ilee akka hin lanee lamiin Belgium fi Oromoon gafatan jiru. Kana malee Qabxiilee gurgudan 10 yaaka Melese Zenawi ibsamee jira.

Conference kun heeduu garii ture, namoon Horma rakko Oromoo akka dhimma isaanti irrati Onnatani dubacha tura kun nama boonasa. Namoota walgaii kana irrati dubatan kessa Dr. Getachew Jigi Oromiyaa Dr. Truema UK, Tetty Zooze Belgium, Andrew Sawan Holand , Jino Brunswijck  Belgium, Gabriel Sengo Middel East, Fianc Rottiers, Belgium, Marie Sandar Komeroen, Remco Van Hauwermeiren France, Melkamu Jate Germany, Birasa Ayana Holand kan dubatan yamuu ta’uu gaaf hirmatoota irra dhiyyateef deebiin keename jira.

Erga conference kana irrati darbee irrti hunda'uudha MP Belgium fi biyoota adda adda Ethiopian mirga Oromoo kabajuu bana murtee irrati dabarsuuf feedhi qaban ibsacha jiru. Embasyyn Ethiopia hoji deplomatsi dhisee Melaqa Hana biyya basuun Swssi fi UK dabarsuu hoji goodhatee ture amoo lammi Oromoo TPLF irra lubun isaa Europa geesee mana keenya Jalati dararuu fi dorsisun Tuffi Melese Zenawi Europaf qabuu argisisa waan ta'ee unisii tii qophofna jeedhan jiru.

Waliga’ii kana akka ini hin gegefamnee ergamtoon wayyanee tokko tokko Tessoo ilman Oromoo Embassy Ethiopia keessati nama 2faa kan ta’ee namicha Salamoon Abebe jeedham Abban isaa Amhara hatii isaa amoo Tigray Oromoo waliin hidha tokko ilee utuu hin qabantii OPDO bakka buyee Oromoo bilbila kanan +32 2 771 32 94 sosodachisuu yaalee ilee warii Oromoo dhuga ta’aan fi Embassy waliin hidhata hin qabnee soda tokko malee argaman jiru. Kana malee Embassy Ethiopia tortortee fi Malamaltuumma tortoran, hoji diplomatsi hojeechuu miti hoola isaan walii dubachuu kan hin beekne, hatooni wayyanee fi dhigga Oromoo harka qabduu sodachuu miti Melese Zenawi biyya ishee dhiftee dhuftee kana ilee foonqolchinee mana hidhati darbuuf qoophii ta’uu isaan Oromoo ibsatan jiru.

Xinxala guyya kana dhiyatan gutuuman gara fula durati irraa jalan balinan kan dhiyeesnu ta’uu  waada isiin gala.  Gummi Paarlamaa Oromoo

 

Erga biyya Ethiopia irra, Opinion Message from Ethiopia.

From.  Y.M Wednesday, July 6, 2011 6:35 PM

I just want to share you that Aite Solomon Abebe is doing what he ought to. For your information I know solomon very
well. He is all the time very opportunistic. Besides, his father is Amhara and his mother is Tigre. So, he is well
placed to do the dirty job.
Thank you for the moment and wish you you all z best

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved