Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

              New Page 2 home                         

 

Lakkii!

 

Afaan  koo dureessa, afaan koo bareedaa

Ittiinan bookkisaa, ittiinan baroodaa

Eyyee…ittiinan xirqana akka korma didaa

Waawuu;… ittiinan garmaama, akka sangaa fardaa

Utubaa aadaa koo dugugguruu dugdaa

Afaan Haadha koo tii aayya afaan hundaa!

Afaan Abbaa koo tii abbayya afaan hundaa!

Afaan warra kootii, afaan saba guddaa!

 

Lakkii,… nan dhaadadhaa, waawuu, nan gammadaa

Maafaan taa’ee gomm’aa?…maafan taa’ee gaddaa?

Mee  afaan koon faarsa, mee afaan koon saada.

Afaan warra arbaa, afaan warra leencaa, afaan goodaa Baqqoo

Afaan warra barii, afaan iyya ’Bboroo, afaan iyya ’ndaanqoo

Afaan koo afaan barii, afaan koo ganamaa

Afaan koo mi’aawaa afaan nadhii dammaa!

Afaan bultee Waaqaa, bultee isa jalqabaa

Afaan akka kan koo eenyu abbaasheetu qabaa? 

           

Afaan koo gaachana

Ittiin dhukubsadheen ittiin of waldhaana

Ittiinan bashannana

Ittinan fakkana

Ittinan xirqana

Yoon fedhe ittiinan caraana!

Dirree fi tulluu labee

Maaltu nama dhibee?

 

Afaan koo bakara

Ittiinan geerara

Ittiinan daraara

Ittinan wal hora.

 

Ittinan wal bulcha.

Ittinan mucaa dhalacha

Dalcheen ittiin guddisa

Guddiseen muldhisa.

 

Ittinan arama, ittiinan sassaaba

Ittiinan jaalladha, ittinan nama jibba

Ittinan dadhaba

Ittiinan gaggaba

Ittiin of kuffiseen ittiin of ol qaba

Eeny kan na dhorku an nama walabaa.

 

Ittinan nama lola

Ittinan walii-gala

Ittiinan waa mala

Ittiinan of dhaala.

Ittiinan Waaqa kadha

Ittinan abdadha

Ittiinan argdha.

Sibilan ittiin tuma, gogaan ittiin duuga

Bullukkoo ittiin dhayeen namatti aguuga

 

Ittiin quruphiseen, ittinan burraaqa

Ittinan waraaba, ittinan gadi naqa

Ittiinan socho’a, ittiinan warraaqa

Ittiin lafa qoteen, ittiinan babbaqa.

Qilleensan konkona, qilleensan gaadi’a

Gubbaa mana Waaqaa asi ol ittiin ba’aa

Bakka fedhen deema

Galaanan dhidhima

Icciti boroo Waaq bareetan baannadha

Gadameessa Haadha Margoo ittiin dhageefadha

Ittiin ciraa cireen, ittiin bajjii qota

Ittiin buddeen nyaadhee, ittiin marqaa dhota

Ittiinan hojjedha, ittiinan boqota

 

Kan baden ittiin soqa

Qaalluun ittiin dhaqa

Ittiinan dalaga

Ittianan taa’ee muga

Yoon fedhe... ka’een ittiin fiiga

Qalbiin ittiin hora, yookaan ittiinan wajaga

Aannan unadheetan, bookan ittiin dhuga

Ittinan jeekkara, fedhe ittiinan faga

Jireenya machaayeen ittiin legelega

Fedhe ittiinan qoosa, ittiinan munaaga

Fedhe safuun tolcha, yookaan safuun diiga

Eeyyee baga, baga, baga…. eeyyee baga

Eenyuu kan na dhorkuu, anaafisoo mirgaa!

 

Ittiin tulluu yaabeen ittiin laga lixa

Albuuda adamseen warqee ittiin lommoxa

Ittiinan sussuka, ittiinan haxiixa

Ittiinan shimila, ittiina shibaaxa

Kaakkiseen ittiin kolfa, ittiinan miriixa

Afaanichi kan koo, maaltu nama qiinxaa?

 

Afaan koo dureessa

Ittiinan dubbisa,

Ittinann weeddisa

Ittiinan barreessa

Ittiinan nagaa buussa

Yookan lolan ittiin finiinsa

Gootan ittiin faarsa

Lugnan jajjabeessa.

 

Ittiin waa madaala

Ittiinan calala

Ittinan of kuula

Ittiinan fooggala

Dhibeen ittiin daldala

Ittiinan nama lola

Ittiin marraagomeen, fedhe ittiin kabala.

Ittiin falaasomeen fedhe ittin walala

 

Afaan kootiin jibbeen, afaan koon jaalladha

Afaan kootiin faarseen, afaan koon tuffadha

Gadda koo ittiin gaddeen, sirba koo sirbadha.  

Bultee koo ganamaa, isaanan muuxadha

Ooltee koo isa guyyaa kunoo isan cuuphadha

Dhiyaana galgalaas,  eyyee isan  unadha.

 

Afaan koo afaan beekaa

Nan beeka! Nan beeka!

Icciti ergaa Waaq ittinan ofiif hiika

Ittinan mammaaka

Ittinan abaara, ittinan wal kaka

Eeyyee…yoon fedhe….ittiinan alaaka

Kan kana na dhorku hudduusaatti muka!

 

                        Zalaalam Abarra

                        30-12-2011

                        Helsinki / Finland

 

 

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved