|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
Wamiichaa Qabsoo Ummataa, Dhabbilee Oromoo fi Deegertoota Qabsoo Bilisummaa Oromootiif. Uni miseensoon Gummi Paarlamaa Oromoo amntaa fi ittigafatamuma ummatii keenya nu latee Paarlamaa biyyati keessati utuu falmanuu humnan dhiibanee banee qabsoo biyya alatii geesuu egalee amassi dirqama saba keenya irra nutii keenamee sun fi waadaa ummataa keenya irra funee fixanbasuuf qabsoo ummataa keenya fulla hundan fininnsuuf dirqama keenya ba’uuf murteefanee soocho’aa jira. Hata’uu malee Qileesii abbaa hirree buqiisuuf bubbisaa jiru kana ummataa keenya ittifayadama goochuuf, koloneefata nu garboonfachuuf foolatuu hunda murannon dura dhabachuuf deemna. Haali adunyan kessummatu Afrikan keessa jituu hundi keenya hordoofa jira. Qileensii Abboota Hirree buqissa jiru kun biyya keenya ilee ga’uun mala. Abbootiin iree Angoo isaan tursuuf, ummatii amoo of irra buqisuuf biyya keenya keessati caaraaquun isaa hin oluu. Gartuun adda adda amoo kan keessa gugatan waan barbadaan sun goochuuf wal wama jiru. Wal gurmeesun odeefanoo fi meesha odeefannoo waltii qindeefatan hojeecha jiru. Uni lammii Miliyoona 50 qabanee biyya balla qaban hajiranuu malee gurmoofnee tochoo’aa hin jiru. Bara 2001 fi 2005 guyya diini balbala fi booroo keenya irrati nu nyachuuf wal lolu biyya keessan deema wal lola jeechuun ala laman isaai iyuu of irra ariiuf hin dandeenye. Sababi isaa Dhaabbi OPDO ilee akka dhabbati ummataa isaa dubba goree dhiina dhibbu mana wal qooqoodee dhaabbilee diinaf tumsa galee. Ta’tuu ilee diinoota keenyan waltjji heedu irrati wal falmanee jira, lubu ummataa keenya ilee waregam hin tanee irraa olchiine jira . Dhaabbilee Oromo ala jiran fi diasporan Oromoo ala jiru limmi isaa biyya keessa ajeefama jiru irrati ga’uumsan hin hin falmanee. Amasii tana Qileensii garii bubbisa jiru kun fayiida saba keenyaf olchuuf waa goochuu qabna kanaaf yaada isiin hiirguuf barbanee. Miseensoota koota dhibba laman lakkwamn qabsoof sochoota ture, ummani Milyoona 6 ol nu deegerun amanta nu keene nu filatee jira, waluma galatii ummani Oromo Milyoona 50 qabsoo goochuu qabuu irrati hubannoo akka argatuu gochhu yalii cima goone jira. Lubun badee fi dhiggi dhalgala’ee hiribaa nu hin lanee. Cimmina fi dadabbina diina keenya ni beekna, cimmina fi dadhabiina keenya ilee ni beekan, muranoo fi gara qulqulun ummataa keenyaf falmachuu qabna, fidhiin keenyas ummataa waliin qabsa’uuf qabsooti hirisinee sun fi ummataa wal beeknuu sun waliin qabsa’uuf. Deegersaa ummataa keenya amsii ni qabna. Kanaafu warii Kayyoo Bilisummaa Oromoo garaa qulqulun deegertan bara baran caaraa Bilisummaa ummataa keenya harka ga’ee harka ba’uu kan Bilisummaa isaa dhugoomsuuf akka hirmatan isiin gafana? 1. Ummataa Biyya keessafi:- Baratooni gucca qabsoo tatan, hojeetan utuu hojeetuu beela’aa jirtu, qootatee bulan lafa kee irra buqatee, daldalan Oromo biyya kee keessati lammii lamafa tatee Ashura (gibbira) adda basuuf dirqamte, Ummaani Oromo hundi ijooleen kee guyya safa rasasa TPLF waregede, kan biyya ariaman kan mana hidhatii sii jala dararama jiraf, kun hunda kan sii irra ga’aa jiru biyya nama deemtee utuu hin tanee biyya kee dhufani siiti rorisa jiru. Roroo akkasi mana keeti matii kee fi hadhaman kee birrati sitii rorifamuu kana caalisuun maliif? Jarii kun siibila ta’aan nu marqa tanee hin dhalanee, ykn jarii hatii isaan siibila qabatee hatii keenya jirbi qabatee nu hin dalee maliif kun ta’aa. Milyoon 50 atamti Milyoona 5 jalatii garboona? Waan jeenee biyya namatii iyuuanuu walalee, kun salphina falmachuun salphina kana keessa ba’uu qabna. Waregama hundaaf of qoopheesu, dhosan wal gurmeesu, diina kee hubadhu, Ogana of keessa filadhuu of qoopheesi, diina of irra buqiisu qabana. 2. Ummataa (Diaspora) biyya ala jiruuf:- Ummataa keessan biyya keessa jiru waan dandessan gargara, matii keessan, hoola keessan fi lammii keessa dhalatan qaman beektaaf haala mijeessaf odeefannoo akka ini argatuu odeefanno ilee akka isiin dabarsuu waan isaa barbachisuu gutaaf, gorssa, ijara, gurmeessa, soochoosa. Oromummaa keessan waltii kootati wayee saba keessan mariiiadha, akka waliiti dhiyyatan 3_5 wal gurmeessa, sanbata sanbata marii adeemsisa, beektoota nannoo keessan jiran waliin wal ta’aa mariiadha. Media diin dhaga’uu danda’uu akka Paltak irrati icitii Oromo hin dubatiina, Diinaa kami ilee hin amanina Halagan halagadha; 3. Dhaabbilee Oromoo qabsoo hidhannoo irra jiranf:- Dhaabilee Oromoo qabsoo diina irrati qoofa gegesa, yoo dhadhabdan caaliisa malee wal irrati hin xiyeefatiina, kun hoji diinati, uni yoo tokko tanee malee diina mooachuu akka hin dandeenya beeka. Diina kami iyuu waliin hin hiririna, uni qoofan yoo tokko tanee diin nu jala hirira yoo wal nyanee garuu diin nu tufatee nutii ilee hin dubatii bakaa ilee nu hin keenu, Ummataa miyoona 50 of duba utuu qabnuu diina ummata milyoona tokko ilee hin qabnee duba dhabachuun matan isaa hamilee ummata keenya ajeesudha. Dhaabbilee Oromoo hundi qoofa keenya yoo tokko tanee Ganfaa Afrika gutuu bilisoomsuu ni dandeenya. Marii atatetama fi buu’aa xummaraa bilisumma jeene waltii hadachanu. Wal tufachuun, wal xiqeesun, wal balalefachuu, diina keenya amoo farsun hadhabatuu. Yoo tokko tanee qabsoofne ni bilisoomna. 4. Dhaabbilee Oromo biyya keessa jiranf:- Dhaabbilee siyyassa biyya keessa jirtan kayyoo waada irrati wal galee, saganta waliin raggasiifne fi tarsimoo waliin kaleessa qoopheefane laphee keessan keessa jiru, diin utuu isiin irrati hin beekin hojira akka olchitan isiin gaafana. Buraa qabsoo keenya kan ta’ee ummaani Oromoof Qabsoo biyya keessa safisisun yerro murasa keessati ijaa kan itii hortan baratoon Oromoo ama ilee hoji gudda isiin irra egna, wamicha isiin goonu marii waliin deemsiifnuu hunda irrati hirimana keessan yerro kam iyuu caalaa murteessa ta’uu hubachuun samuu keessan fi qama keessan qabsoof akka qoophesitan isiin gaafan, qabsoon kami iyuu hirman ummataa malee bu’aa hin fiduu. Sudan Kibbi 99.57 bilisummaa isaa argatee lubuu milyoona itti baseeti malee Kabba Sudan irraa Bilisumma tola hin arganee, Oromoo ummani hagana ga’uu dargagoota hagana qabuu garbuumaa keessa of basuun dirqama. 5. OPDOtiif:- Ijooleen Tigray biyya isaan tolchatani jiru, fabbirka gossa hunda dhabbatan jiru diiren xiyyara Zoni hunda fi Annalee utuu hin hafiin irrati ijarameef jira, Hosptali, Universityn, Kara fi Ibsaa, ummataa isaan wal ga’ee jira. Yoo rakkon dhuftee biyya isaatii galuuf qoophidha. Isiin garuu lafa jala wal gurmeesun Habashoota Mofa fi Habashota hara ummataa keenya garboonfatuuf folatuu kan duda issan rukutun imiman ummataa keessan irra haquu qabduu. Seena OPDO xurii sun qulquleesuu qabdu. Dhaabilee Oromo Bilisummaaf Qabsa’aanf odeefannoo lachuun bilisumma saba keessan arfachisu qabdu. Polisiin Oromiyya Himni tikka fi Hojeetan Mootummaa Naannoo Oromiyya Ummata isaa cinnaa akka dhabbatuu goochuu qabdu, garuu waan hojeetan akka dhunfati (dhokssati) itti yadda malee Dogogara kanan dura yerro bayee dalagamuu hin dabaliina. Fakkenya Daneil Kuchma ukraina, Nurri Nusltan Nasarbayve Kazakisan, Aliiyive Azarbajan, Litiva, Lativa bara 1992 keessa dhigga tokko malee bilisumma saba isaan gonfachisan. Isiins kan goochuu ni dandeesu kana beeka. 6. Oromoota Waraana fi Polis Ethiopia keessa jiraf. Ummani Oromoo biyya nama deeme utuu horma hin midhiin biyya isaa keessati midhama jira. Kan biyya isaa keessati gartu xinnoo Tigrayn dararam jiru kun ilma meesha batuu akka keessan utuu qabuuti. Meeshaa utuu harka qabdan diin Abba fi Hadha keessan, Obboleeti fi Oboleessa itti xabachuun salphina. Dhiirii gaafa dhalee du’aa du’aa sodatan diina ummata keessanti hin xabachisina. Utuu diini ummataa keessan irrati waan barbadee isiin birrati rawwatuu Generala fi Koloneluma argtani, minda garii argachuun samuu keessanf booqoona akka hin lanee ni beektu. Kanaafu gaafa rooroon hamatee gaafa xiiqiin dhuftee meeshaa batan dura diina irrati galagalchuun gara hadha isiin deesee qabaneesuu qabduu. Kun isiinf badhasaa, maiiraga fi kabajaa ummurii gutuu isiinf ta’aa, kanaaf of qoopheesu qabdu. 7. Erga walgala Oromoo Ummani Oromoo Bilisummaa isaaf qabsa'uu ni danda'aa, Bara baran caaraa Bilisummaa Oromoo diina jala hin hirisinuu. Adunya irrati ummani feedhi garboonfatan bilisaa ba'ee hin jiru. Ummani Garboonfata irra bilisaa ba'uuf deemun qabsoo na gargari garboonfatan gaafatu ilee hin jiru. Oromoo lamii keenya irrati hirkanee qabsoo keenyan Bilissa ba’uu ni dandeenya. Oromoon diina kami ilee akka Zoni, Aannaa, ykn Ganda kee keessa akka hin banee goochuu qabna. Wayyanen naggan bussa jeechun warana ishee biyya keessa ergun bakka hundan ga’aatee booda lammi Oromoo irrati bala isheen geese beena, kana booda enyuu ilee booroo kee keessa fololuu hin hayyamnuuf. Oromoo wal ta’ii Nannoo Oromiyya bilisoomsii guyya rakko Oromoo qulqulun sii birra ni dhabata. Hojii wagga kana Gummin Paarlamaa Oromoon hojeetamu qaban. Amassi waan gudaa hojeechuu ni dandeenya. Siyassi Kitaba Qulquluu mitii kara nama dhiyyatee irra deemu, nama nama hubatuu waliin hojeetu. Ummataa nu amane mandeetaa fi angoo nu keene yoomi ilee kakuu fi wadaa isaa galee mana banee daganee hin beeknu. Hata’uu malee biyya keessati deegerssa fi jajabina ummatii keenya nu goodhun onne gutuun diina dura dhabanee soda tokko malee falmacha ture. 2005 Mootuumma Males Zenawi raffnee, Paarlamaa isaan sochoofne, haqa ummata keenya iffati bunfnee dubane, Afaan Oromoo afaan hoji paarlamaa goone. Waluma galatii feedhi fi gaafi ummata Oromoo dhosan dubatama ture, TV Ethiopiatiin akka ummataaf darbuu gonee. Kun bayeedha jeechuu keenya mitii, kayyoon keenya Oromoo Bilisoomsudha. Kun amasii nu fula dura jira. Biyya keessa darara fi rakkon hunda nu irra ga’een biyya dhibamnee yamuu banuu. Biyya alatii caalaa hojeena jeene malee haal alti nu mudatee kun ni jira jeene abjun ilee yaane hin beeknu. Oromoo biyya keessa tokko, Kayyoon isaa, gaafiin isaa, rakkon isaa, diin isaa ilee tokko. Wal dukka hiriree diina dura dhabata. Laga fi Amantan wal qooduun hin jiru. Sochii diina hordoofe odeefannoo wal dabarsa, wal irrati tumsa. Biyya ala yamuu geenyu waan argiinee hundii fala kanatii, Oromoo ta’uu nu salfachisee, waan dubanuu walalee, waan hojeenu nu harka badee. Akka Konkolata laqiin qabee achuma dhabanee. Oromoo uni warii diina dura dhabanee falmachaa ture, lammin keenya ala maliif nu doomsee jeene of gafacha ture, mariianee marisisa ture. Ummata amassii sochofnee, miseensaa amasii gurmeesene hara utuu ilaluu yamuu abba dhabee faca’uu arga ture. Kun bakka tokkoti dhabachuu qaba jeene murteefane hojitii seene jira. Ummaani keenya warii dubiin fi haala qabsoon Oromoo iti jiruu galeef akka uni haala biyya keessati ittin soch’aa ture akka iti fufnuu guyya guyyan nuti iyya jiru. Gaafi fi feedhi saba keenya ganama waada galeef deebsuun dirqama keenya waan ta’eef qabsoo keenya darran cimssuf murtee keenya isaa dhumaa mrteefane jira. Kanaafu Warii kayyoo Bilisummaa ummataa Oromoo amantan hundi qabsoo egalee jiru kan cinaa hirirun hoji nu irra qoodachuunf saganta yeroo gababa keesati rawaata’uu isiin ibsuu feena. 3 hanga 5 akka wal beektuun gurma’ii, qoopha’ii, lamii kee qopheesi, ogana of kee keessa filadhu, enyuun ilee booroo kee hin galchiin dogogori bara baran irra deebiyamuu hin qabu. Injiifannoon Ummataa Oromootiif!!i Gummi Paarlamaa Oromoo |
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |