Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)

Oromo Parliamentarians Council (OPC)

 

Baga Nagaan Dhuftan!Welcome to Oromo parliamentarians council!

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                       

WFDO fi KBO Kayyoo ganamatti akka deebi’an gaafataman

 

Dhadanoon fillaannoo bara 2010 Afaan Oromoo Afaan hojii biyyoleessa haatuu

WFDO fi KBO kayyoo ganamati akka deebi’an gaafin ummtaa irra dhiyacha jira

Tokkumman WFDO fi KBO akka umamu kan goodhee gaafi uummataa irra dhiyaten. Tokkuma kana uummatti Oromo degere fudhatee jira. Dhaabbilee kun laman dhaabba Oromoo hata’an malee kayyoon isaan adda addaa ture. Kayyoo kana walitti fidun tokkuman umamee jira.

Kayyyoon WFDO irratti ijaaramee akkuma dhaabatee ji’a lamaa keessatti fillaannoo bara 2005 dhiyate bakka 22ti mo’aachuu kan danda’ef

1. Afaan Oromoo afaan biyoolessa akka ta’uu falmachuu isaan,

2. Lafti kan uummataa Oromootti malee kan mootummaa miti jeedhe falmachuu isaan,

3. Oromoon akka baay’ina isaatti Aangoo, Dinagdee,  siyaasaa, waraana biyyaatti irratti 

        olantuumma ykn ga’ee irraa  caalaa qabachuu qaba jedhe falmachuu isaan,

4. Federeshin ciman mirga Oromoo kabachisuu danda’uu jirachuu qaba jeechuu isaan,

5. Ummani kara nama utuu hin tanee harka isaatin prezidanti isaa filachuu qaba kanaafuu siirn prezdenshali biyyaati keessatti ijaramu qaba jeechun,

6. Mirgi sabaf sablamoota hunda olantummaa seera jalatti qooqooba tokko malee haa kabajamuu jeedhe falmachuu isaan

Dhabbilen kun lamaan kaayyoon wal fakkachuu hadisan malee Oromuumaaf dursaa keenan tokkummaa ummachuun isaan lami gamachisee ture. Garu utuu hin turin tokkumma jeedhan MADRAK jala hirirun barbaachis hin ture. Gaafi uummataa dhageefataa hin ture. Tatuu ilee kayyoo issani ganama utuu hin iranfatiina achumati kayyoo isaan ol qabati calaqisisa jeedhaman turan garu isaan gaafi Oromoo lafa ka’an gaafi nafxanya duran calaqsisuu egalan.

Filaannoo bara 2010 keessatti kayyoon WFDO ganamaa kun feedhi uummataa Oromoo waan ta’ef isaa qabatani filaannoo yoo sentan TPLF dandae’e isin dura hin dhabatu, Sababi isaa Afaan Oromo afaan biyooleessa haatau’u kan jeedhutuu Oromiyya keessatti filatama kanaafu gaafiin kun gaafii furtuu waan taeef Dhadanoon filaannoo bara 2010 Afaan Oromoo Afaan hojii biyoolessa haatau’u??? kan jeedhu ture.

Dhaabileen Oromoo garu Gaafii Oromoo furtuu ta’e kana dhisaan wa’ee Asab fi wa’ee hiree offi offin murteefachuu balalffacha Aganda goodhatani jiru. Dhaabbileen Mormituu Uummataa gegesuf adeemu uummatan hire kee murteefachuu hin dandeesu kan jeedhu biyyaa kamituu hin filatamu. OPDOn utuu dhaabba of dandeesuu tatee Afaan Oromoo Afaan biyooleessa haata’uu jeedhan utuu ka’aan Dhabbilee hunda mo’aachuu nidandeesi turte. Sababi isaa WFDO fi KBO gaafi furtuu ta’ee kana dhisaan gaafi ummataa isaan waan hin tanee irrati dadhaba jiru waan ta’eef. Garuu Oromoon caaraa isaa tae’e dhaaba Oormaa jala hiriru malee dhaaba ofiin dhabatee isaaf falmatuu murasachuun isaa nama gadisisa.

Uumman kan jeedha jiru filaannoo jeechuun waan uummataaf maluu tokko mootuummaa irra itti argachuuf kara itii fayadaman malee kara ittin Parlaamaa galani achii keessa rafu qoofaf miti. Kanaafuu Afaan Oromoo afaan biyooleessa hata’u jeedhan falmuun mootuuman kun gaafi uummataa akka deebisuuf dirqisisu hoji isaa cimaa  ta’uu qaba.  Kanaafuu gaaflee WFDOn bara 2005 qabatee filaannoo seene sun gaafi yoomi ilee hin moofofnee fi gaafi uummataa waan ta’ef gadii gatamuu hin qabu??? Gaafiin gaafi Ummataa Oromo gutuu waan ta’eef TPLF jala dhaabatee falmachuu hin danda’uu. Dhabbileen Oromo KARTA JOKKER kana harkati qabatan ummataa milliyoona 40 durati muguu hin qaban.

Dhaabbileen kara nagaa hojena jeedhan dhiiba isaani mootuummaa irratti goochuu qaban keessa inni guddan gaafi uumman yeroo dheeraf kassa jiru akkaasiin  akka furtuutti itti fayadamuf ture. Siyaasaa keessatti of wareggani hojeechuu, halaa kara nama dabarsuu danda’u faydamuun, haqaa uummani barbaduuf dursa keenu, kayyoo ganama kayyoo haqaa irra jalachhu dhisuu, sodachuu dhisuu, feedi uummataaf dursaa keenuu, yaada uummataa dhageefachuu, kkf murteesadha. Isaa irrati hunda’aan mootuummaa dura onnee gutuun dhabachuun dirqama.

Haa ta’u male mali goocha jira? gaafi uummataa keenya malfaa gaafacha jira? malif Afaan Oromoo afaan biyooleessa haata’u jene TPLF waliin falmachuu dadhabnee? TPLF mal jeedha lata? Jeene qoormataa keessa galchuu maf dadhabne? TPLFn gaafi Oromoo kana deebi malli qaba jeedne funyan qabutu utuu nuu irra jiru isaa dhifnee wa’ee “mirga of ofiin murteefachuu uummataaf” hin ta’u jeena yoo ta’e harka ofiin of ajeesu ta’a. Waan nu basuu dhifnee waan nu hin fayaadne waliin cinqamun  uummataaf galuu didee rakkisa jira. Keesummatuu baraatoon dhaabbileen Oromoo diina duuba hirirun isaan gaafi itti ta’e jira.

Oromoon waan hunda dura of ta’a. Oorma jaala hin hiririna dhisati wal qixuman tarkanfachuu yaala? nami nu caaluu hin jiru. Waqayoo qixee hunda nu uumme, gaafi Oorma dhisaatti gaafi Oromoo gaafadha ? Rakko nama dhisatti rakko keessan himadha? Oorma jala shubsun OPDOf iyuu hin toole OPDO kudhan ijaru hin barbanu. "Kan tokko iyuu hin tolee budan lakku dhaltee" jeedha Oromoon.

Amma ilee aduun hin dhinee kayyoo ganama Oromoon lafa kawatee fi gaafi Oromoo isaa dhuga kun lafa dhiyooti TV fi Radio Ethiopia fi Aadunya irratti dhabbilee Oromoo atataman dhiyeessan irratti falmii gochu qabu.

1. Afaan Oromoo afaan biyooleessa akka tauu falmachuu.

2. Lafti kan uummataa Oromootti malee kan mootuummaa miti jeedhe falmachuu.

3. Oromoon akka baayina isaatti angoo, Dinagdee,  siyaasaa, waraana biyyatti irratti

      olantuumma ykn ga’e irra  caalaa qabachuu qaba jedhe falmachuu.

4. Federeshin cimmaan mirga Oromoo kabachisuu danda’u jirachuu qaba jeechuu isaan.

5. Uummani kara nama utuu hin tanee harka isaatiin prezidanti isaa filachuu qaba jeechuu.

6. Mirgi sabaf sablamoota hunda olantummaa seera jalati qoqooba tokko malee haa kabajamuu jeedhe falmachuu.

Kun ta’uu banan yeroo fi humna nama fillaannoti baleesu irra hanga abban dhugga dhufuti uummata keenyaf kara birra falmachuu woya. Kara nagaa dhaabbi qabsa’uu kan hojeechuu qabu fi gaafi inni gaafachuu qabu filaannoo irratti qabxii uummataa isaaf gargaru qabu falmitti dhiyeesun ta’uu qaba. Kana irraa kan haafe Nafxanyaa Hara fi Nafxanya Moofa jijiree jala hirriraa yoo ta’ee OPDO irra mali caaltuu gaafi jeedhuuf deebi hin qabdan. Takkuma  iyuu mirga uummataaf falmuu caalaa mirgi kun siif hin tauu jeedhan falmuun soqoolachuu irra darban qullaa dhabachuu ta’a. Kanaafuu duubi bada jiru dogogora akkasi kana olani utuu hin bulchiin sireefachuun dirqama, kun amoo haraa malee bor miti erga fillannoo seene miti haraa gaafi uummataaf dursaa keenan falmachuun,

Gummi Paarlaamaa Oromoo

 

                                                              Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved