|
Gumii Paarlaamaa Oromoo (GPO)
|
|
|
New
Page 2 home
Irreessi Mallatoo Tokkummaa fi Bilisummaa Oromooti Yerro Jalqabaf Eebba siirna Irreesaa Belgium/Antwerpenti siirna hoo’aa fi jalala Oromumman kabajamee Olee Qabsoon Oromoo hundi farfamuun Gootoota Oromoo umuri gutuu ta’uu labsame.
Akkasumas Oromoon amanta adda adda qabuu hundi maliif irreessa irrati waliin kabajata kan jeedhuuf Ibsii Gababan qoophesitoon Irreechaa Belgium/Antwwerpen irra ibsa dhiyaatee irra akka hubaneeti. Kirtstan, Musilim fi Waaqeeffataan Oromoo kan waliin waaqeeffatanf Irreesi irrati waan waloon itti mariatamuu heedun waan jiruuf ta’uu isaatu ibsamee. Irrechaa Irraati waaqeefachuu qoofa utuu hin tanee waan waggati yerro tokko Oromoon hundi wal argee dhimmota guyya kana waliif dabarsuu qabuu keessa:-
Haalma kana Oromoon biyya keessa fi biyya alatii guyya irreesaa safuu, seera Oromoon kabajuu, adda isaa, seena isaa kan ittin walbarsisuu waltajii isaa gudda ta’uu ibsame jira. Iti dabaluun wagga kan yerro kami iyuu caalaa diin keenya kara hunda yamuu yaaka hama iliman Oromoo irrati geessa jiruu kan Gootoota Oromoo harka diina jiran kan akka isaan ba’aan waan hunda goochuuf, jajabesu, gargaruuf waada isaan galuuf, lammin Bilisummaa ummataa Oromoof jeechaa dararama jira fi kana dursasi Siirena Haile Silasee, siiran Dargi fi Siirena TPLF lubuu isaan weregan, midhama qama fi qalbii kan isaan irra ga’ee hundi Goota Oromoo ta’uun maogafamuu isaan ibsn. Isaan kana Keesssa Obbo Xilahun Hirphassa Siira Dargii fi TPLFn baroota dheeran jaaloota isaan waliin mana hidhatii dararami guddan irra ga’ee yerro ama kana ilee qama midhaman bara duluma siiran Habsha kami iyuu lagachuun hanga Bilisumman Oromoo mirkana’uuti kayyoo isaati fufun isaaf Goota Oromoo Umuri gutuu ta’uu isaanin waarqaan ragga keenamfi jira. Qabsoo waggoota 40 lakbsisee kan hunda Kayyoo ganamati cicichuun darara hunda danda’uun qabsoo Bilisumma irra kan jira hundi Goota Oromoo Umuri gutua akka ta’aan labsamuun, dargagon Oromoo Qabsoo kana bakkan ga’uuf Gootoon kun ija hojii isaan akka argan goochuun wadda wal galan jiru. Qabsa'oon diiree bakkuma hundati qabsoo irrati kara hunda hirmacha jiran, lubuu fi dhiigga isaani gumachaa jiran, akkasumasi namoon yerroo isaan, malaqa isaan, hunman isaan, dandeetii isaan Bilisummaa Oromoof gumacha jiran Gootoota Oromo jeechun yerro si’ana maliif barbachisaa gaaf jeedhuu yoo jiratee jeechun isbsi keenama irra akka hubaneti, tokofaa qabsoon Oromoo qabsoo irra jira guyya bilisumma Abba Bilisummaa Oromiyya ta’uu isaan mirkansuuf, lamafaa warii qabsoon lafachuu isaan biirtan diina jala hiriraa jiran diina buqa’uuf jeedhuu jala akka hirirani seena isaani hin xureesinee gorsa keenuuf. Kanafuu qabsoo buleeyiin fi warii qabsoo eegala jira kayoo Bilisummati ummata isaan irra akka hin dheesine fi Habasha jala hin hiiririna barsisuuf jeedhani jiru. Siiran kana irrati Nyaatii fi dhuggati dhiyeesun Arjumaa fi garuma Oromoo agrisisun hanga galgalati jalala Oromoumma isaa dhugga waliin hirmacha olamee.
Belgium Antwerpen Onkololessa 2 bara 2011
|
|
| Copyright ©2008 GPO/OPC Allrights Reserved |